Keyrot Tubes

Intala Oromoo hojii humnaa hojjechaa qabxii 3.94'n goolabuudhaan badhaafamtuu geebaa taate kana hedduun ajaa'ibsiifadhe....
30/07/2023

Intala Oromoo hojii humnaa hojjechaa qabxii 3.94'n goolabuudhaan badhaafamtuu geebaa taate kana hedduun ajaa'ibsiifadhe.

Seenaa dubbisaa waan hedduu irraa baranna.
Seenaa koo kanneen yeroon kaasu hiriyoota koof fakkeenya ta'uuf malee of himuuf akka hin taane himuun barbaada. Si'achi jireenya rakkisaa akkasii jiraachuu dhiisuu waanan danda'uuf!

Maqaan Koo Birqee Gassee jedhama. Kanan dhaladhe Naannoo Oromiyaa, Godina Horroo Guduruu Wallaggaa, Aanaa Coomman Guduruu, Magaalaa Gabatee 01 keessattidha. Barnoota sadarkaa tokkoffaa bara 2000ttin eegale. Kutaa sadaffaa irraa kaasee hojiiwwan humnaa tokko tokko hojjechuun meeshaalee barnootaaf na barbaachisan guuttachuun barnoota koo itti fufe. Yoo xiqqaate deemsa daqiiqaa 40f isaa ol ta'u aduu saafaa akka ibiddaa boba'u keessa lafoo adeemeen barachaa ture. Kan na guddise eessumni koos haadha manaa waan hin qabneef isaaf nyaataa bilcheessaan barnoota koo sadarkaa tokkoffaas itti fufe. Ta'us rakkoowwan kunneen hunduu kaayyoof mul'ata koo karaatti hin hambisne, inumaayyuu morodee qara na baase malee. Barnoota koo sadarkaa tokkoffaas kutaa lammaffaa irraa kaasee hanga saddeetiitti sadarkaa duraa qabachuun gaafa ayyaana maatii badhaasa guureen galaa ture. Bara 2008titti immoo gara bakka dhaloota kootti deebi'een barnoota koo sadarkaa lammaffaa eegale. Ergan gara biyyaatti deebi'ee boodas jireenyi daran natti hammaatte. Meeshaalee barnoota kanneen akka uffata dambii mana barnootaa kan mucaan adaadaa koo ittiin baratte fudhee, dabtara muraasa na hir'atee immoo dabtarawwanan duraan ittiin baradhe walitti hodhuun lakkoofsa isaa guuchiseen barnoota koo sadarkaa lammaffaa eegale. Yeroo gannaa guyyaa hojii ijarsaa hojjechaa, halkan immoo hojii ogummaa harkaa ykn hodhaa hodhuun bara barnootaa itti aanuuf meeshaalee barnootaa bitadheen of qopheessa.

Haaluma kanaanis barnoota koo sadarkaa lammaffaa xumureen gara qophaa'inaatti darbe. Bara barnootaa kanas hojii Wal fakkaataa guyyaa sanbata ..read moreoncomment

Galatooma
30/07/2023

Galatooma

30/07/2023
30/07/2023

Gorsa irraa fudhaadha

Address

Addis Ababa

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Keyrot Tubes posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share