14/02/2026
Dubartootaaf kabajaa guddaan qaba garuu, altokko tokko mammaaksi Oromoo, “Dubartiin dheertuu malee beektuu hinqabdu!” jedhu na amansiisa.
Waa maleen kana jedha, aliimmoo kabajaa dubartootaa gadi buusuufin mammaaksa kana fayyadamaa jira miti. Garuu, waan tokko ajandaa gochuuf, yookiimmoo waa argachuuf jedhanii murtii shamarran keenya fudhataniifi, karaan isaan ittiin of hubachiisuu barbaadan, aarii keessa isaaniis ta’ee gammachuu isaanii miirri isaan ittiin ibsatan, “Kana boodawoo maaltu ta’a? Yoon kana godhe maaltu uumamuu mala? Waan ani murteessuuf jiru kana booda deebiin ani argadhu maayinni, bu’aan murteekoo kanaawoo maal ta’inna?” yaada jedhu kan tilmaama keessa hingalchineefi, waan itti gaafatamummaan isaa hir’uu ta’e murteessuuf ariifatu. Saniinis jireenya isaanii fi kabajaa ofii isaanii gadi buusu. Waanuma dhiyeenya ‘social media’ kanarratti adeemaa tureefi jirurraan fakkeenya tokko isiniif fudha.
-Murtee dogoggoraa ‘girl friend’ duraanii abbaa manaa Boni JA (Ex’n Josef), mucaa Saa Rinaa jedhamtu sanaa haa ilaallu (‘Follow’ akka gootaniif jedheen ‘mention’ tolche🙄): Yerichaaf dhimma jara kanaarraa homaa dubbadhee hinturre, dubbachuunis dirqamakoo miti, amma dubbachuun kiyyammoo dogoggoras miti. Waanin jechuuf jiru kana, yookiimmoo yaada kiyya kanarraa tarii lubbuun hubannaa horattu jirti tilmaama jedhurraayyu. Gar-sanittan isin deebisa:-
Yosef, intala, “Mataa durbaa!” ofiin jettu duukaa jaalalaan kufee gaahila dhaabbateera. Jaalatees haata’u dirqamee (Kana nuti hinbeeknu) gaahila isaa sanattis gammadaa fakkaata ture. Ex’n Yosef duraanii garuu, hariiroo jaalalaa iyyuu nama biraa wajjin waan eegalte hinfakkaattu. Fuuldurattimmoo hariiroo jaalalaa nagaa qabu akka hin qabaanne, ofuma isheetiif seexana barii ofitti taate -suurota yeroo jaalalaan wajjin turanii kan Yosef wajjin qabduu gabaarra oolchitee, “Hiriyaakoo ture. Har’a nagane malee bu’aabayii meeqa wajjin buunee baanee, daggala meeqa keessa wajjin dabarsine!” nuun jette.readmore on comment below