17/07/2026
Sheekkoo ergaa guddaa qabdu !
Guyyaa tokko sareen lafee baatee riqicha irra osoo ce'uu bishaan keessatti gaaddidduu ofii isaa arge. garuu suurichi kan isaa akka ta'e hin hubanne. Sareen kan biraa lafee kan isaarra caalu baatee deemaa waan jiru itti fakkaatee riqichuma irra jiru irra dhaabatee yeroo inni dutu lafeen afaan isaa keessa jiru afaan isaatii bu'ee bishaan keessa lixe.
Ammas aarii guddaadhaan sareen kun lafee isaa irratti kan koo illee dabalatee nyaataa!? jedhee inaaffaa guddaan bishaanichatti utaalee du'e jedhama.
Amma immoo, Obboleessa koo kan kee, kan ati qabdu qofti si gaha kan biraa butuuf hin dhiphatiin. Kan biraaf osoo cinqamtuu kan kee dhabdee ofiis akka hin dhabamne of eeggadhu.