Haro Dumal Media

Haro Dumal Media To present new news

10/07/2021

ከብርሃኑ ነጋ አይነት አወጣጥ የመረራ እና የዳውድ አይነት አወጣጥ በስንት ጣዕሙ!?

ሌሎች ለራሳችን ትንሽ እናተርፋለን ብለው አንባገነን በማንገስ ሂደት ውስጥ አጋፋሪ ሲሆኑ እናንተ ህዝባችን ይህ አይገባውም ብላችሁ ተከብራችሁ አስከብራችሁናል እና Galatoma!!

Jawaar Mohaammad, Baqqalaa Garbaa fi Hamzaa Booranaa turtii guyyoota 12 booda Hoospitaala 'Landmark' irraa gara Mana Hid...
14/03/2021

Jawaar Mohaammad, Baqqalaa Garbaa fi Hamzaa Booranaa turtii guyyoota 12 booda Hoospitaala 'Landmark' irraa gara Mana Hidhaa Qaallittiitti har'a deebi’aniiru. Hidhamtootni siyaasaa kun lagannaa nyaataa guyyoota afurtamaatiin dadhabanii mana yaalaalle dhorkamaa ega turanii booda falmii ijibbaachisa godhameen Dhaddachi Ijibbaataa Federaalaa waldhaansa akka argatan hayyame. Bu'ura hayyamameen Bitootessa 02, 2021 Hoospitaalaa 'Labdmark' galuun ni yaadatama.

14/03/2021

Gobena Dache is a curse for today's Oromo generation.

01/03/2021

Obbo Baqqalaan bishaan xinnoodhaan qoonqoo fi afaan isaa goge jiifatee dirqiitti hidhii saaqatee sagalee laafaa fi dadhabaa ta'een akkas jedhe:

''Mana murtii kanaaf kabajaa qabna, tattaafii isin gootan tokko tokko laallee kabajuma mana murtii kanaaf dhufne malee falmiif akka hin dhufne isinuu kunoo haala keessa jirru nu argitu. Amma wantin dubbachuu barbaadu, namni waldhaansa yaalaa nu dhorke lubbuu keenyarratti murteesse nama Dr Geediyoon Ximootiyoos jedhamu dha. Xalayaa inni barreessee mallatteessuun warri mana hidhaa akka Hoospitaala Laandimaark dhiisanii Xoorhayilooch na geessan ajaje isa tahuu xalayicharraa ijaan argee dubbiseera. Humna Shiftaa, warroballaa, zaranyaa tahetu karaarraa nu butee humnaan Xoorhayiloch na geessuun yaalumsa nu dhorke. Nuti durumaa sodaa qabnurraa kanee haakima dhuunfaa keenyaan akka yaalamnu gaafanne. Warri maafiyaan humnaan na geessanis an didee sa'aatii dheeraaf Xoorhayilooch keessatti erga na dararanii booda galgala mana hidhaatti na deebisan.

Achi booda waan yaalumsa ija kootii lagannaa nyaataa kanaan wal hin qabanne kanan kanaan dura yaalamaa turellee na dhorkan. Hanga lubbuun koo jirutti maafiyaa kana seeratti dhiyeessuufan qabsaa'a yoon fayyaa qabaadhe waan narra gahe kanaaf beenyaan isaan gaafadha. Gareen Maafiyaa seera hin beekne kan ajaja seeraa hin fudhanneetu lubbuu keenyaarratti qumaara taphataa nu summeessee nu ajjeesuu barbaada, biyyattiis rakkootti galchaa jira.

Nuti kabaja keenyaan akkanumatti akka jirru kanatti duuna malee summii maafiyaatiin du'uu hin hayyamnu. Warri mana sirreessaa tattafii isaan godhan nan galateeffadha. Poolisoonni mana sirreessaatti nu eeguuf ramadaman amma hojiin isaanii nu eeguu qofa miti. Galgalaa ganama bobaa keenya bitaa fi mirga nu qabanii mana fincaanii nu geessanii nu deebisu. Kabajaa fi galatni guddaan isaaniif haa tahu. Amma waan kana dubbachuun koo jabaadhee dandeettii isaa qabaadhees miti. Beellama itti aanutti lubbuun jiraadhee dhufuu koo waanan sodaa qabuufi. Galatooma.''

Gaazexeessaa Mallasaa Dirribsaa gama isaatiin ''nuti hundi keenya dadhabnee jira. Lagannaa guyyoota 12 fi sanii olii booda gargaarsa haakimaa malee nyaachuu waan eegalleef dhukkubaaf saaxilamnee jirra. Qorqalbii fi yaadni hunda keenyaatuu amma hoogganoota guyyoota 33ffaa lagannaarra jiranii waliin jira. Gochi nurratti raawwatamaa jiru gocha naamusa maleessaa kan namni morma nama dhahee ajjeesu (maajiraat machii) godhuun garaagarummaa hin qabu. Kanaaf haala kana keessatti har'a jecha laachuu hin dandeenyu.'' jedheera.
_____
Suuraan: Jila KFO Ciro'tti, Amajjii 11, 2020

01/03/2021

Torbanotaaf nyaata lagatanii deebi'anii akkuma duraatti nyaachuun miidhaa qabaa?

******************************
Gaafii kana hedduun keessan na gaafachaa jirtu. Lagannaa nyaataa torbaanotaaf ture booda yaala gahaa otoo hin argatin deebi'anii nyaachuun midhaa guddaa fiduu danda'a. Kanaaf namni yeroo dheeraaf lagannaa irra ture tokko karaa hidda dhiigatiin dhangala'aan barbaachisu vayitaminootaafi albuudota garagaraa wojji laaboraatooriin hordofamaa erga kennameefii booda qofa nyaatatti deebi'uu ykn nyaachuu qaba.
---

---
Mee miidhaa dhufuu danda'u gaggabaabsinee haa ilaalluu:

Akkuma kalee ibse san namni gaafa nyaata lagatu dura qaamni isaa kuusaa glukoosii kan tiruufi maashalee irra jiru (glycogen) fayyadama, san booda amino acid dhiiga keessa jirtu irraa gulukoosii yeroo gababduuf tolfata, achi fatty acid akka madda annisaatti fayyadama, san booda cooma qaama irra jiru gara ketone bodies jijjiruun torbaan sadihii hanga torbaan ja'aa ykn saddetiis fayyadamuu danda'a, san booda pirootiinii (maashaalee qaamaa fi Orgaanotaa) fayyadama. Kan dhumaa kana bira fayyadamuu yoo gahe lubbuun guyyama muraasa qofa tura.

Dabalataan ammoo akkuma dubbanne san yeroo adeemsi madda annisaa jijjirachuuf godhamu kun ta'u vaayitaminoonni hirdhachaa dhufu, akkasumas albuudonni (electrolytes) dalagaa qaamaatiif barbaachisoo ta'an iddoo woljijjiruu (keessaa seeliiti gara alaa) fi hamma qaamaan barbaadamanii gadi ta'uun miidhaa hanga dhahanna onnee iltartibawaa ta'e fiduun tasa onneen namaa dhaabbatee akka lubbuun dabartu gochuu danda'u.
---
---
Yeroo namni torbaanotaaf nyaata dhiisee ture tokko deebi'ee nyaatu maddi annisaa isaa kan cooma qaamaa ture sun gara gulukoosii nyaata irraa argameetti tasa dhufa jechuu. Yeroo kana gulukoosin dhiiga keessa jiru ni dabala, hormoonin Insulin jedhamu kan waan kan to'atu gadi lakkifama. Insulin kun ammoo qamnii akka glycogen, coomaafi pirotiinii ijaaratu si'eessa. Yeroo kana qamni garuu waan isaan irraa ijaaratu gahaa ta'e hin qabu. Qamni isaanuu nyaacha jira waan ta'eef jechuu.

Garuu qaamni yeroo isan kana ijaaruuf xaarii godhu keessatti albuudota muraasa qama keessatti hafaniifi vaayitaminoota hafan ijarsaa kanaf fayyadama. Yeroo kana albuudonni qaamaan barbaadaman kun haala malee gadi bu'uun miidhalee garagaraa hanga dhahannaa onne iltartibawaa ta'e fiduun onneen tasa dhaabbattee akka lubbuun namaa darbu gochuu danda'u. Akkasumas Vaayitaminoota keessaa, keessaattuu Vaayitamin B1 (Thiamine) kan jijjirama wolnyaatinsa gulukoosi irraatti ga'ee taphatu kun gaafa gulukoosin dhufu (nyaanni nyaatamu) kana gara bullayinsa isaa gargaruu deemuun hirdhinna ture waan hammeesuuf miidhaa guddaan sammuu irratti dhaqqabuu (Wernicke’s encephalopathy or Wernicke's-Korsakoff Syndrome) fiduu danda'a.
---
---
Keessattu albuudonni akka Foosafarasii (phosphorus), Pootashiyeemii (Potassium), fi Maaginiziyemii (Magniseum) taatee deebi'anii tasa nyaachuu kanaan hammi isaanii waan xiqqatuuf/gadi bu'uuf miidhaa onnee, sirna narviifi maashaa, fi wolnyaatiinsa keemikala dalagaa qaamatiif barbaachisu hedduu irratti miidhan dhufuu mala.

Akkasumas tasa deebi'anii nyaachuun madaalaa Soodiyeemii fi bishaan qaamaa irratti dhiibbaa guddaa qaba. Yeroo namni lagannaa irra torbaanotaaf ture tokko deebi'ee nyaatu Kaleen isaa bishaaniifi soodiyeemi akka baay'atanii fincaaniin gadi hin baane gooti. Kun ammoo kuufama dhangala'aa (bishaan) qaamaa fiduun onne dadhabsiisuu (Congestive Heart Failure), sombati dhangala'aan olititu (Pulmonary Edema) fi rukuttaa onnee iltartibawaa ta'e (cardiac arrhythmia) fiduu danda'a.
---
---
Namni yeroo dheeraaf lagannaa nyaataa irra ture tokko yaala gahaa malee deebi'ee ni nyaata taanaan carraa xaxawwan armaan olitti kaafne kun isa mudachuu guddaadha.
---
---
Horaa, bulaa, deebanaa!
Fayyaa ta'aa, fayyaa dahaa!
---
© Dr. Nuredin Luke

21/01/2021

Barattoota Yuunvarsiitii Finfinnee kan ta'aan, Obsaa Abdiisaafi kaadhimama PhD Abdulgaffaar Umar mana hidhaarraa hiikamuun isaanii dhaga'ame...
Ji'a ja'a dura qeerroofi maanguddoowwan Oromoo kumaatamaatti tilmaamaman hidhamuu isaanii OMN yerko adda addaatti gabaasaa tureera.

Manneen hidhaa Aanaa, Godinaatii hanga Naannoofi Federaalaatti sababa ilaalcha siyaasaa isaanii qofaaf hidhamtoota siyaasaa kumaatama hidhamanii turan keessaa, Dargaggoo Obsaa Abdiisaa fi Kaadhimaa PhD Abduggaffaar Umar warra tokko yoo ta'an, ji'oota hedduudhaaf mana hidhaa Bilxiginnaa kan Finfinnee naannoo Yuunvarsiitii Siddit Kiiloo jiru keessatti mana murtiirraa ittifamanii dararamaa akka turan kan dubbatu, Abduggaffaar Umar, deddeebisaafi hiraarsa hedduu booda mana hidhaarraa gara manaa hidhaatti daddabarfamaa turanii guyyaa kaleessaa Mana hidhaa waajjira Poolisii Aanaa Galaanirraa akka hiikaman hima.

Obsaa Abdiisaas yaada wal fakkaataa OMN'f kenneen, namoota isaan waliin hidhamanii turan keessaa Qondaaltota ABO Obbo Kennasaafi Obbo Mikaa'eel utuu dhukkubsachaa jiranii achitti isaan dhiisanii akka ba'an himee, "manni murtii Aanaa Galaan hunda keenya biliisa baase. Haa ta'u malee garuu yeroo dheeraa booda kan hiikame anaafi Abduggaffaar qofa. Galmee tokko irratti kan waliin himatamne Obbo Mikaa'eel Booraan fi Obbo Kennasaa Ayyaanaa mana hidhaatti hanbifamaniiru. Sanuu ammoo sababa dhukkubaatiin haala yaaddessaa keessa jiru" jechuudhaan, ajajni manni murtii himatamtoota galmee tokko jala jiran ilaalchisuun dabarse guutummaatti akka hin kabajamin OMN-tti hima.

Obsaa Abdiisaa barataa eebbifamta bara kanaa, saayinsii Siyaasaa fi hariiroo idiladdunyaa waggaa 3ffaa Yuunvarsiitii Finfinnee kan ture yoo ta'u, sababa mana hidhaa tureef yeroon eebbaa isa jala darbuu, maatiisaa wabeeffachuun gabaasuun keenya ni yaadatama.

24/02/2020

ተናገረች
____
የፊንፊኔ ልጅ ነኝ የቦሌ ቡልቡላ
ትላንትና ቅቤ ዛሬ ጭቃ ዘይት የሚበላ
________
የፊንፊኔ ልጅ ነኝ የገርጂ የጎሮ
ትላንትና በበሬ ዛሬ የማያርሰው በዶሮ
_____
የፊንፊኔ ልጅ ነኝ የ22 የጎላጎል
ትላንትና ወተት ዛሬ የሚጠጣው አልኮል
_______
እነ አለቃ በላይ እነ ኢንቨስተር ገብሩ
ለእነሱ ፎቅ ሰርቶ ለኔ ጫት ቤት ሰሩ
_____
የፊንፊኔ ልጅ ነኝ የአስኮ ጉለሌ
በአንድነት ሰም የጠፋ የቋንቋና ባህሌ
______
የፊንፊኔ ልጅ ነኝ የቄራ የጎፋ
በልማት ተነስቼ የገባው ሰንዳፋ
______
የፊንፊኔ ልጅ ነኝ የሳርቤት መካኒሳ
ኦሮሙማነቴ ፈፅሞ የተረሳ
_______
የፊንፊኔ ልጅ ነኝ የካራ ቆሬ
ዘበኛ የሆንኩት በአባት ሀገሬ
____
የፊንፊኔ ልጅ ነኝ የአቃቂ ቃሊቲ
ጫልቱነቴን ጠልተው ብሎ የሚጠሩኝ ቤቲ
_____
ኢጆሌ ቢያ አባኮ ምነው ዝም አላችሁ
ፊንፊኔን በረራ ብለው ሲጠራ እየሰማችሁ
Abera Tadesse

30/11/2019

VOA says they held back mine and Lemma Megersa’s interview until they get balancing response from government side. Really...but how could they fail to do so when they reported fake story. Look at the following sent via inbox
“Just to give you one example: on November 5,2019 VOA Amharic aired interview with Amhara individual who said his father who lived in Dodola town of Oromia region was killed by group, the individual claimed “my father was slaughtered while asleep, they tore his intestines, cut off his limbs, they did this because he was Christian..”Thi
s serious allegation was aired without any reaction from the government, health officials or any other person. Yes,VOA Amharic senior editors are undeniably biased.”

30/11/2019

Ejjennoon Obbo Lammaa mooraan firaa fi mooraan ergama faallaa Oromoo baadhatee deemu ifatti adda bahuu mirkaneesse. Obbo Lammaa fi sabboontota muraasa achi jalatti daboo Nafxanyaatiin doorsifamaa jiran xiqqoo tokko tuqnaan obsi ummata Oromoo guutee bokokee jiru akka dhoohu itti murteessuu dha.

Address

Addis Ababa

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Haro Dumal Media posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share