01/03/2021
Torbanotaaf nyaata lagatanii deebi'anii akkuma duraatti nyaachuun miidhaa qabaa?
******************************
Gaafii kana hedduun keessan na gaafachaa jirtu. Lagannaa nyaataa torbaanotaaf ture booda yaala gahaa otoo hin argatin deebi'anii nyaachuun midhaa guddaa fiduu danda'a. Kanaaf namni yeroo dheeraaf lagannaa irra ture tokko karaa hidda dhiigatiin dhangala'aan barbaachisu vayitaminootaafi albuudota garagaraa wojji laaboraatooriin hordofamaa erga kennameefii booda qofa nyaatatti deebi'uu ykn nyaachuu qaba.
---
---
Mee miidhaa dhufuu danda'u gaggabaabsinee haa ilaalluu:
Akkuma kalee ibse san namni gaafa nyaata lagatu dura qaamni isaa kuusaa glukoosii kan tiruufi maashalee irra jiru (glycogen) fayyadama, san booda amino acid dhiiga keessa jirtu irraa gulukoosii yeroo gababduuf tolfata, achi fatty acid akka madda annisaatti fayyadama, san booda cooma qaama irra jiru gara ketone bodies jijjiruun torbaan sadihii hanga torbaan ja'aa ykn saddetiis fayyadamuu danda'a, san booda pirootiinii (maashaalee qaamaa fi Orgaanotaa) fayyadama. Kan dhumaa kana bira fayyadamuu yoo gahe lubbuun guyyama muraasa qofa tura.
Dabalataan ammoo akkuma dubbanne san yeroo adeemsi madda annisaa jijjirachuuf godhamu kun ta'u vaayitaminoonni hirdhachaa dhufu, akkasumas albuudonni (electrolytes) dalagaa qaamaatiif barbaachisoo ta'an iddoo woljijjiruu (keessaa seeliiti gara alaa) fi hamma qaamaan barbaadamanii gadi ta'uun miidhaa hanga dhahanna onnee iltartibawaa ta'e fiduun tasa onneen namaa dhaabbatee akka lubbuun dabartu gochuu danda'u.
---
---
Yeroo namni torbaanotaaf nyaata dhiisee ture tokko deebi'ee nyaatu maddi annisaa isaa kan cooma qaamaa ture sun gara gulukoosii nyaata irraa argameetti tasa dhufa jechuu. Yeroo kana gulukoosin dhiiga keessa jiru ni dabala, hormoonin Insulin jedhamu kan waan kan to'atu gadi lakkifama. Insulin kun ammoo qamnii akka glycogen, coomaafi pirotiinii ijaaratu si'eessa. Yeroo kana qamni garuu waan isaan irraa ijaaratu gahaa ta'e hin qabu. Qamni isaanuu nyaacha jira waan ta'eef jechuu.
Garuu qaamni yeroo isan kana ijaaruuf xaarii godhu keessatti albuudota muraasa qama keessatti hafaniifi vaayitaminoota hafan ijarsaa kanaf fayyadama. Yeroo kana albuudonni qaamaan barbaadaman kun haala malee gadi bu'uun miidhalee garagaraa hanga dhahannaa onne iltartibawaa ta'e fiduun onneen tasa dhaabbattee akka lubbuun namaa darbu gochuu danda'u. Akkasumas Vaayitaminoota keessaa, keessaattuu Vaayitamin B1 (Thiamine) kan jijjirama wolnyaatinsa gulukoosi irraatti ga'ee taphatu kun gaafa gulukoosin dhufu (nyaanni nyaatamu) kana gara bullayinsa isaa gargaruu deemuun hirdhinna ture waan hammeesuuf miidhaa guddaan sammuu irratti dhaqqabuu (Wernicke’s encephalopathy or Wernicke's-Korsakoff Syndrome) fiduu danda'a.
---
---
Keessattu albuudonni akka Foosafarasii (phosphorus), Pootashiyeemii (Potassium), fi Maaginiziyemii (Magniseum) taatee deebi'anii tasa nyaachuu kanaan hammi isaanii waan xiqqatuuf/gadi bu'uuf miidhaa onnee, sirna narviifi maashaa, fi wolnyaatiinsa keemikala dalagaa qaamatiif barbaachisu hedduu irratti miidhan dhufuu mala.
Akkasumas tasa deebi'anii nyaachuun madaalaa Soodiyeemii fi bishaan qaamaa irratti dhiibbaa guddaa qaba. Yeroo namni lagannaa irra torbaanotaaf ture tokko deebi'ee nyaatu Kaleen isaa bishaaniifi soodiyeemi akka baay'atanii fincaaniin gadi hin baane gooti. Kun ammoo kuufama dhangala'aa (bishaan) qaamaa fiduun onne dadhabsiisuu (Congestive Heart Failure), sombati dhangala'aan olititu (Pulmonary Edema) fi rukuttaa onnee iltartibawaa ta'e (cardiac arrhythmia) fiduu danda'a.
---
---
Namni yeroo dheeraaf lagannaa nyaataa irra ture tokko yaala gahaa malee deebi'ee ni nyaata taanaan carraa xaxawwan armaan olitti kaafne kun isa mudachuu guddaadha.
---
---
Horaa, bulaa, deebanaa!
Fayyaa ta'aa, fayyaa dahaa!
---
© Dr. Nuredin Luke