02/09/2026
Itoophiyaan meeshaa Jibuutii irraa galchitu dhibbeentaa 74 Baaburaan geejjibsiisuun ibsame
Finfinnee,Fulbaana 02,2026: Bara baajata darbe baatii Adooleessa 2025 hanga Waxabajjii 2026tti , meeshaa Jibuutii irraa karaa geejjiba adda addaatiin galee keessaa dhibbeentaa 74 baaburaan kan geejjibsiifame ta'uu Tajaajila Geejjibaafi Loojistiksii Itoophiyaa (ESL) beeksise.
Dhaabbanni Geejjibaafi Loojistiksii Itoophiyaa (ESL)'n akka ibsetti, meeshaaleen baaburaan geejjibsaman kunis meeshaalee sanduuqa guddani (konteenaraan) qabataman, meeshaalee fe'iinsa walitti kuufamee,(kan akka qamadii fi xaa'oo), akkasumas konkolaattotaa fi maashinaroota akka ta’an eeramera. Dhaabbanni kun kana kan ibse walga'ii Dhaabbata Geejjiba Baaburaa Ethio-Djibouti waliin geggeesse irrattidha.
Akka ibsa dhaabbata kanaatti, tumsi dhaabbilee lamaan kana gidduu jiru ariitiin sosochii meeshaa akka dabalu, yeroo meeshaan bu'uura dhabbiin Jibuutii irratti turu fi baasii dabalataa hir'isuun, meeshaaleen amanamummaafi ariitiin gara maamiltootaatti akka ga'aniif gahee guddaa qabaateeras jedhe.
Walga'iin kun qondaaltota olaanoo mootummaafi geggeessitoota dhaabbilee lamaanii walitti fiduudhaan, milkaa'ina hojii waliinii isaanii gamaaggamuufi karaalee tumsa isaanii caalaatti cimsuun danda'amu irratti mari'ataniiru.
Hirmaattotni walga'ichaa waliin hojjechuu dhaabbilee lamaan gidduu jiru caalaatti fooyyessuufi toftaalee loojistiksii ammayyaa hojii irratti oolchuudhaan sirna loojistiksii dorgomaa fi gahumsa qabu uumuuf guddina argame qoodachuun barbaachisaa ta'uu cimsanii ibsaniiru.
Dhaabbanni Geejjibaa fi Loojistiksii Itoophiyaa (ESL) fi Dhaabbatti Aksiyoona Geejjiba Baaburaa Itiyoo-Jabuuti, tumsi itti fufiinsa qabu gahumsa sirna geejjiba wal-makaa Itoophiyaa fooyyessuufi meeshaaleen Jibuutii fi Itoophiyaa gidduutti ariitiin akka socho'an mirkaneessuuf gahee murteessaa akka qabu ibsame jira.