Malkaa Post

Malkaa Post Oromoon tokko!

Eebbifaama Gulaantaa Olaanaa Qaro Dhabeessaa fi Qaamaa MiidhamaaWagaayyoo Waraajoo Yuunivarsitii Finfinneetti Muummee ba...
06/07/2024

Eebbifaama Gulaantaa Olaanaa Qaro Dhabeessaa fi Qaamaa Miidhamaa

Wagaayyoo Waraajoo Yuunivarsitii Finfinneetti Muummee barnootaa Afaan Amaaraa, Ogbarruu fi Fooklooriin digirii jalqabaan eebbifameera.

Wagaayyoon, qaro dhabeessaa fi qaamaa miidhamaa ta’us dargaggeessaa kennaa hedduu qabuu fi tattaafataadha.

Wagaayyoon, imala barnoota isaa qormaata heddummaatu injifachuun gulantaa olaanaan Yuunivarsiistii Finfinneerraa eebbifameera.

Qormaanni mudateen waggoota hedduuf barnootarraa akka fagaatu taasisus mul’ata isaa milkeessuuf gara barnootaatti deebi’uun, qabxii olaanaan barnoota isaa xumureera.

Eebbifamaa digirii jalqabaa kun akka jedhutti miira hindanda’amuu fi hinta’uu cabsuun yoo danda’ame, wanti hindanda'amne hinjiru.

Yuunivarsiitiin Finfinnee barattootaa muummeewwaan barnootaa garaagaraan barsiisaa ture har’a eebbisiiseera.

t.me/malkaapost

Address

Addis Ababa

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Malkaa Post posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Business

Send a message to Malkaa Post:

Share