Tokkuummaa

Tokkuummaa TOKKUMMAA OROMOO HUNDEE BILISUMMAA OROMIYAATI.
(2)

Page kana irraa Odeeffannoon wayiitawa ta'anii fi seenaa oromoo,Aadaaf dudhaa,Mammaaksa fi jechoota hayyoota argachuu Dandeessuu.Kanafuu Gochuun waal biraan Gahaa!!!.

Abiy Ahmed Ali: Imala Hojii  Qabatamaa, Tuffii fi Ilaalcha Gabaabaa Mo'atee jira.=>Warri siyaasa waa mormuu qofa hojii g...
08/10/2025

Abiy Ahmed Ali: Imala Hojii Qabatamaa, Tuffii fi Ilaalcha Gabaabaa Mo'atee jira.

=>Warri siyaasa waa mormuu qofa hojii godhate, Osoo jarri hammeenya Abiy qofa himtu inni waggaa 7 bulche.

=>Yoom waggaa 7 qofatti dhaabe ammas bulchaa jira.

=>Osoo jarri torbaan dhufu ni kufa jettu waggaa torba bulche.

=>Waggaa 7 kana keessa wayyaanee quuftee lola jalqabde tumee manatti dachaase.

=>Badhaasa addunyaa Nobel peace price fudhate.

=>Hidha Guddichaa Laga guddaa Abbaayyaa eebbisiise.

=Ijaarsa Bu'uura Misoomaa: Bu'uurri misoomaa akka karaa, daandii, manaa fi warshaalee gurguddoon saffinaan ijaarun xumurreera. Kunis qonnaa, turizimii, fi teeknooloojii akka guddatu gochaa jira.

=> Projeektii Gaazii Uumamaa gudda ijaruun, jireenya dinagdee fi misooma biyyattii jijjiiruuf abdii guddaan hojjacha jira.

=>Ijaarsa Warshaa Xaa'oo jalqabsiisuun Abjuu qotee bulaa Itoophiyaa fi fedhii guddina biyyaa mirkaneessa jira.

=>Teknooloojii fi Dijitaalaayizeeshinii: Hojiiwwan bulchiinsaa fi tajaajila hawaasaa hedduu gara sirna dijitaalaatti jijjiiruuf, karoorri gurguddaan jalqajirtiera.

=>Imaammata Guddinaa jabaa fi Piroojaktii Turizimii guddina dinagdee fi aadaa ofii gara Adduunyattii ol kaasaan hedduu hojjateera.

=>Warri Dr. Abiy Ahmed Short memory jedheen da’oon tuffii fi inaaffaa akka qabdu beekee tuffate.

=>Dr. Abiy Ahimad dubbii fi mormii diiggaa dhiisee, ijaarsa fi hojii guddaatti xiyyeeffachuun, Hoggansa Hojii Qabatamaa agarsiiseera. Imala isaa mo'annoo fi guddinaatti fuulleffachuun tokkummaa fi dura bu'umsa biyya isaa cimsuu isaa itti fufa.

  🇪🇹dhimma ulaa galaanaa ilaalchisee injifannoo dippilomaasii heddu goonfatteeti.Dhiyeenya kana barreessan dhaabbata moo...
08/10/2025

🇪🇹dhimma ulaa galaanaa ilaalchisee injifannoo dippilomaasii heddu goonfatteeti.Dhiyeenya kana barreessan dhaabbata mootummoota gamtoomanii biyyoonni ulaa galaanaa hin qabne karaa nagaan mirga ulaa galaanaa argachuu ni qabuu jedhe.Kana malee Faransaayi Itiyoophiyaan akka ulaa galaanaa ishee deeffattu deegarsa garaagaraa gochaa jirti.Humna galaanaa keenya leenjisuunillee deeggarsa gootee jirti.Kana malee biyyoonni olla biroollee kana deeggaraa jiru.Kanaaf Itiyoophiyaan ulaa galaaanaa argachuuf injifannoo guddaa gama dippilomaasiin argattee jirti.

  (pov)Dr.Abiyyi egeree Itiyoophiyaarra darbee egeree Afrikaaf hojjachuu eegalee jira.Dhaadannoon Itiyoophiyaa ni ijaarr...
07/10/2025

(pov)
Dr.Abiyyi egeree Itiyoophiyaarra darbee egeree Afrikaaf hojjachuu eegalee jira.Dhaadannoon Itiyoophiyaa ni ijaarra Afrikaa ni tasgabbeessina jedhu hojiitti hikkachuu eegalee jira.kanaanis Dr.Abiyyi miidiyaa guddaa sagalee Afrikaanotaa ta’u kan ‘’Pulse Of Afrika’’ jedhamu jalqabsiisan.Kana malee Itiyoophiyaa fakkeenya Afrikaa ni taasifna jedhamee ture.Kanas hojiin dhugoomsaa jira.
Guyyaa har’aa Dr.Abiyyi paan Afrikaanistii bara kanaa kan taasisu miidiyaa guddaa Afrikaa hundeessee jira.Miidiyaan kun seenessa Afrikaa jallate sirreessa,Afrikaan akka bakka isheef malu argattuuf sagalee ni ta’aafi.Kun Dr.Abiyyi egeree biyyaarra darbee egeree Afrikaa ijaaraa jiraachuu agarsiisa.

06/10/2025

Barrii 2018 bara Olka'iinsa itiyoophiyaa ittii jalqabuudha.
Imalii keenya Gara badhaadhinttii.


06/10/2025

‘’Dhimmi Hulaa Galaanaa argachuu sadarkaa amansiisaa irra ga’eera.’’

Pirezidaanti Taayyee Atsiqasillaasee
🇪🇹

2025 10000m World silver medalist Yomif Kejelcha 🇪🇹Great photo.
05/10/2025

2025 10000m World silver medalist Yomif Kejelcha 🇪🇹

Great photo.


05/10/2025

Irreechaa bara kana Nagaan ofkalleerraa yaa waaq sif Galataa. hora Harsadees nagaan ofkalleerraa.
Hora finfinnee s.


⚫🔴⚪

Erga nagaan baanee nagaan galuu eegallee har’a waggaa 7ffaa keenya.Kana booda olka’iinsa malee roorron akka kana duraa d...
05/10/2025

Erga nagaan baanee nagaan galuu eegallee har’a waggaa 7ffaa keenya.Kana booda olka’iinsa malee roorron akka kana duraa deebi’ee hin dhufu.Hooggantoonni keenya jijjiramaa umrii dheeraa nuuf jiraadha.Akka nagaan baanee nagaan galluuf injifannoo arganne waan haalan tiksaa jirtaniif.

Hooggantoota jijjiiramaa kan cichinee deeggarruuf sababa gahaa waan qabnuufi. Keessumaa gaafa waa'ee Irreecha hora finfi...
05/10/2025

Hooggantoota jijjiiramaa kan cichinee deeggarruuf sababa gahaa waan qabnuufi. Keessumaa gaafa waa'ee Irreecha hora finfinnee yaadannu gahee hooggantoota keenyaa dagachuun cubbuu guddaadha.

Abbichuun akkuma aangootti dhufeen Irreechi waggaa 150 finfinneerraa dhiibame akka finfinneetti deebi'u taasise. waanti nuti har'a finfinnee keessatti akka barbaanne afaan keenyaan sirbaa, uffata keenyaan faayamaa, Oromummaan keenya ifee addunyaatti akka muldhatu kan taasise kun hooggansa badhaadhinaati. kana dagachuun hin danda'amu.

Hooggantoota seenaa akkasii hojjechuun nu boonsan kana galata isaanii waakkachuun admaleedha. Abiy Ahmed Ali , Shimelis Abdisa fi Adanech Abiebie- አዳነች አቤቤ baguma keenya taatan🥰👏👏

Kabajni Irreecha Hora Finfinnee barsiifata aadaasaa eegee haala baay'ee hoo'aa fi miidhagaa ta'een xumurameera. Kabajni ...
04/10/2025

Kabajni Irreecha Hora Finfinnee barsiifata aadaasaa eegee haala baay'ee hoo'aa fi miidhagaa ta'een xumurameera.
Kabajni ayyaana Irreecha Hora Finfinnee kan uummata Oromoo qofaa osoo hin taane sabaa fi sab-lammoonni hedduun,daaw'attoonni biyyoota adda addaa,qorattoonni aadaa fi tuurizimii kan irratti hirmaatan bifa addaatiin ifee nageenya gutuu ta'een xumurameera.
Misooma koriidarii fi qarqara laggeeniin kan miidhagde Finfinneen kabaja ayyaanota addabaabaayiif; hirmaattota ayyaanichaaf fi daa'attoota idil-addunyaa, addunyaa guutuurraa dhufaniif miidhaginaa fi mijatummaa dabalataa taatee jirti.
Ayyanichi baay'ee miidhagaa fi hoo'aa,bifa nagaa qabeessaan barsiifata fi aadaasaa eeggatee akka xumuramu qaamota taasistan hundaaf, keessattuu jiraattota magaalaa keenyaaf galata guddaa dhiheessa.
Waaqni Itoophiyaa fi Uummata Ishee Haa Eebbisu!

Fajjii Tokkummaa fi Obbolummaa  ⚫🔴⚪
04/10/2025

Fajjii Tokkummaa fi Obbolummaa
⚫🔴⚪

Address

Addis Ababa

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Tokkuummaa posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share