Oromoo=News

Oromoo=News Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from Oromoo=News, News & Media Website, Addis Ababa.

Qabeenya dilboo keenya shiraan kan dhabne galaana diimaa karaa haqaan deebifannaGalaana diimaa kan keenya gochuuf sochii...
01/01/2026

Qabeenya dilboo keenya shiraan kan dhabne galaana diimaa karaa haqaan deebifanna
Galaana diimaa kan keenya gochuuf sochii hooggansi jijjiiramaa keenya Dr Abiyyi Ahimad taasisaa jiran daran kan onnee namatti horudha. Qabeenya dabaan dhabne haqan argachuu wanti nu dhorku hin jiru. Sochiin ulaa galaanaa deebisuuf taasifamaa jiru karaa dippiloomaasii tarsiimoo kennanii fudhachuutiin tarkaanfii hedduun deemameera. Tasuma ulaa galaanaa argachuu hin qabdan kan jedhu yoo jiraate immoo Itoophiyaan humna qabdu fayyadamtee birmadummaa ishee kabachiifachuuf dandeettii guutuu kan qabdudha. Kanaafuu karaa kamiinuu haa ta’u ulaa galaanaa kan keenya godhachuun waan hin oolleedha.

Dhumni nagaa diduu dhabamaa ta'uudha. Kan nagaa filatee ummata isaatti araarame hojatatee bulaa jira. Kan dide akka baal...
01/01/2026

Dhumni nagaa diduu dhabamaa ta'uudha. Kan nagaa filatee ummata isaatti araarame hojatatee bulaa jira. Kan dide akka baalaa arcade qawwee isaa fi qabeenya inni saamee qofatu galii ta'aa jira. Kanaaf ammas irra deebin murna hannaa Shaneen saamichaa fi ajjeechaa Oromoo dhiisii nagaan gali jenna. Kanaa achi kan saamtes osoo hin nyaatin ol ergamta.

Itoophiyaan turizimii lafee dugda dinagdee biyyaa taasiisuuf hojjecha jirti !! Miidhagina Itoophiyaan uumamaan qabdu irr...
01/01/2026

Itoophiyaan turizimii lafee dugda dinagdee biyyaa taasiisuuf hojjecha jirti !!
Miidhagina Itoophiyaan uumamaan qabdu irratti oguma namtolchee dabaluun biyyi keenya galaana tursitoota taasiisuunis danda'ameera.Warraaqsa hunda galeessa mootummaan jijjiirama finiinseen daandiin haaraan, Hooteeloonni sadarkaa isaanii eeggata ijaaruu, akkasumas bakkeewwaan hawwata turizimii misoomsuun hojiileen argama biyya jijjiiruu danda'an bal'inaan raawwatama jiru.

Abbichuun magaalaa Finfinnee hawwattuu taasise!Tarsiimoon misooma magaalaa Abbichuun bocame Magaalaa Finfinnee hawwattuu...
01/01/2026

Abbichuun magaalaa Finfinnee hawwattuu taasise!

Tarsiimoon misooma magaalaa Abbichuun bocame Magaalaa Finfinnee hawwattuu fi bakka walgeettii tuuristootaa gochuu danda'eera. Laggeen Magaalaa Finfinnee kununfamanii qulqullaa'uun hawwata tuurizimiif ooluu caalaa wanti nama gammachiisu hin jiru. Laammiileen biyya alaatii dhufan amma qarqara laggeen magaalattiitti bashannanuuf gara sana deemaa jiru. Achitti carraan hojii uumamuu danda'eera. Bakka bashannanaa kanattis shara biyya alaatu argamaa jira. Dur laggewn balmaan guutamanii achirra darbuu nama dhorkan amma gara misoomaatti jijjiiramuun badhaadhina utubaa jiru. Tarsiimoon misooma magaalaa Abbichuun baase bu'a qabeessa ta'eera.

Dameen Qonnaa Itoophiyaa gaara Hiyyummaa diigaa jira!Hooggansi jijjiiramaa keenya Abbichuun  damee qonnaa Ammayyeessuun ...
01/01/2026

Dameen Qonnaa Itoophiyaa gaara Hiyyummaa diigaa jira!

Hooggansi jijjiiramaa keenya Abbichuun damee qonnaa Ammayyeessuun gaara hiyyummaa diiguu danda'eera. Mala boodatti hafaa keessaa ba'amee karaa mekaanaayizeeshiniitiin qonna paakeejii guutuu ta'etti fayyadamuun badhaadhina maatii fi dhuunfaa milkeessuuf sochiin waggaa torban darban eegalaman ammatti qabatamaan bu'aa guddaa argisiisaa jiru. Hiyyummaafi boodatti hafummaa injifachuun biyya fakkeenya badhaadhinaa taate ijaaruuf Abbichuun halkanii fi guyyaa bonaa fi ganna dadhabe osoo hin jedhin hoogganaa boqonnaa tokko malee tarsiimoo qonnaa hojiirra oolchuun badhaadhina dhugoomsaa jirudha.

Hidhi Haaromsaa ol ka 'insa biyyaaf bu"'uura cimaadha!Hidhi Haaromasa Laga Abbaay ol ka'insa biyya keenyaaf qaanqee jalq...
01/01/2026

Hidhi Haaromsaa ol ka 'insa biyyaaf bu"'uura cimaadha!

Hidhi Haaromasa Laga Abbaay ol ka'insa biyya keenyaaf qaanqee jalqabaati. Abbichuun Guddina biyyaa dhugoomsuuf hidhi haaromsaa ga'e guddaa kan taphatu ta'uu saffisaan hubatee pirojrktichi akka xumuramuuf gaggeessummaa ol aanaa Addunyaa irratti isa kabachiise kenneera. Labsiin hidhicha irratti labsaman badhaadhina biyyaa kan dhugoomsanidha. Kanaaf hidhi haaromsaa laga Abbaay ka'umsa badhaadhina biyya keenyaati jenna. Hidhi Haroomsa Guddaa Itoophiyaa ulfina, jabeenya fi abdii dhaloota dhufuuti. Hidhichi calaqqee Tokkummaati. Hidhi kun humna ibsaa qofa osoo hin taane, ibsituu Tokkummaa, qabeenyaafi bilisummaa biyya keenyaati .Dhalootaa dhalootatti kan darbu, Gootummaa Itoophiyaa fi misooma bara baraan calaqqisudha. Hojii harka uummata Itoophiyaa qofaan raawwatame ulfina biyya keenyaa fi mallattoo Afrikaanotaa ta'uun injifannoo boonsa kan nu gonfachiisedha.

Qabeenya waloo keenyaa magaalaa Finfinnee!!Hooggansi cimaan Dr Abiyyi Abiyyidiin kenname magaalaa Finfinnee miidhaksuun,...
31/12/2025

Qabeenya waloo keenyaa magaalaa Finfinnee!!

Hooggansi cimaan Dr Abiyyi Abiyyidiin kenname magaalaa Finfinnee miidhaksuun, magaalaa qulqullinni ishee sadarkaa ol aanaan eegamee fi hawwattuu taate gochuun mana waloo Hunda keenyaa badhaadhina Afrikaa taasiseera. Magaalaan Finfinnee Aadaa fi seenaa ishee ammayyummaa fi teekinooloojiin wal simsiistee imala badhaadhinaa hunda galeessa ta’e gochaan agarsiisaa jirti.

Misoomni magaalattiitti hojjetaman riqicha jabaa har’aafi boru walitti hidhuun hojiileen nama irratti fuuleffatanidha. Finfinneen mana hunda keenyaa taate fakkeenya badhaadhina Afrikaa tahuun hojiilee ajaa’ibsiisoo danuu gochaan mirkaneessaa magaalaa jirtudha.

Biyya fakkeenya Badhaadhinaa taate ijaaruuf; Waktii hunda qulqullinaan oomishuu!Hiyyummaafi boodatti hafummaa injifachuu...
31/12/2025

Biyya fakkeenya Badhaadhinaa taate ijaaruuf; Waktii hunda qulqullinaan oomishuu!

Hiyyummaafi boodatti hafummaa injifachuun biyya fakkeenya badhaadhinaa taate ijaaruuf Mootummaan rifoormiiwwan haaraa bocuun tarkaanfiiwwan haaraan dabaalee sadarkaa hundatti hojjechaa jira.

Kanaanis imala jijjiiramaa waggoottan torban darbaniitiin tarkaanfiiwwan dinagdee gooroo erga hojiirra oolfamee injifannoowwan gurguddaan galmaa'uun hiyyummaafi boodatti hafummaa seenaa taasisaa jira.

Dameewwan dinagdee injifannoo itti fufiinsa qabu galmeessaa jiran keessaas misoomni Qonnaa adda durummaan kan eeramu yoo ta'u kunis eeggattummaafi gargaaramtummaa hambisuun Badhaadhina dinagdee dhugoomsaa jira.

Badhaadhinni eegalame bunaan ni dabaalama!!Mootummaan Ida'amuu Abbichuun durfamu badhaadhina saffisaa jiru caalmaatti dh...
31/12/2025

Badhaadhinni eegalame bunaan ni dabaalama!!

Mootummaan Ida'amuu Abbichuun durfamu badhaadhina saffisaa jiru caalmaatti dhugoomsuuf Oomisha bunaa irratti xiyyeeffannoo addaa kenneen bu'aa guddaan argameera. Bara kana akka biyyaatti buna qulqullina fi baay'ina qabu gabaa Addunyaatti bal'inaan dhiyeessuun galii doolaara biliyoona sadii argachuuf karoorfate mirkaneessuuf ciminaan hojjechaa jira.Ji'oottan shanan darban keessatti dhiyeessii bunaa irraa doolaarri biliyoonni 1.2 Kan argame yoo ta'u kunis waktii bunaatiin ala kan ta'edha. Yeroon ammaa kun immoo waktii bunni itti sassaabamu ta'uu isaatiin dhiyeessiin bunaa dachaa oliin dabaluu kan danda'udha. Kanaafuu karoora qabamee olitti milkeessuuf abdii guddaatu jira. Dhaadannoo Bunni keenya Warqee Magariisa keenya jedhuun oomishna bunaa irratti hojiin hojjetame dhugaadhumaan badhaadhina caalmaatti saffisiisuuf humna guddaa kan qabudha.

Hoogganaa olka'iinsa Itiyoophiyaa mirkaneesse!Bara hooggansa Abbichuu Itiyoophiyaan kallattii maraan guddina diinagdee a...
31/12/2025

Hoogganaa olka'iinsa Itiyoophiyaa mirkaneesse!
Bara hooggansa Abbichuu Itiyoophiyaan kallattii maraan guddina diinagdee aja'ibaatin olka'iinsii biyya keenya haalan mirkaneefateetti.Waggoota muraasa darban keessa badhaadhinni biyyaa keenyaa yaada qofa osoo hin taane hojii gochaan muldhateen galama gahiinsi isaa olaana ta'ee jira.Abbichuun Bara 2010 /2018 tokko jedhee olka’iinsi biyyaa keenyaa eegale.Akkuma yaadannuu hidhaan haromsaa xumuuramee hojii eegaluudhan abdii badhaadhina Itiyoophiyaa lalisiisera.Gubaa irratti labsiiwwan gurguddoo ta’an ni labsaman.Labsiiwwan kunneenis kan akka waarshaa xaa’oo ijaaru,ijaarsa buufata xiyyaaraa abbuu seeraa,boba’aa baasuu, fi kanneen biroo labsamanii turan hojiitti galanii jiru.Kana malees inisheetivoonni qonnaa eegalaman muuxannoo horachaa dhufaniin bu’aa caalmaa argamsiisee jira. Kunis deemsa olka'iinsa biyyaa keenya daran kana ariifachiisa jiruudha jechuun ni danda'ama.

Getaachoo Raddaa icciitii warra hayyuu Oromoo ofiin jedhuu gadi yaasee aduurratti afee jira.Tsaggayee araarsaa Chaartara...
31/12/2025

Getaachoo Raddaa icciitii warra hayyuu Oromoo ofiin jedhuu gadi yaasee aduurratti afee jira.Tsaggayee araarsaa Chaartara mootummaa ce’uumsaa wayyaanee waliin qophaa’e irratti Pirezedaantiin Oromoo ta’uu qabaa jedhe.Kun immoo nuti duunee jijjirama fidnee akkamitti ta’a waan jedhuun dubbiin harkatti dhaamte jedhe Getaachon.
Osoo Dr.Abiyyi ta’uu baate akkuma bara chaartaraa TPLF finfinneetti deebitee jarri keenya boorsaa isaanii batanii Awurooppatti baqatu ture.Sana booda down down jechuun youtube isaaniin shaqqalatu ture.Kana hundaa oollee har’a kunoo slphina Dr.Abiyyi nu oolche dhageenya.

Itiyoophiyaan bakka gahuumsa turistoota addunyaa taatee jirti.Sababaan kanaa immoo bakkeewwan hawwata turizmii biyyattii...
31/12/2025

Itiyoophiyaan bakka gahuumsa turistoota addunyaa taatee jirti.Sababaan kanaa immoo bakkeewwan hawwata turizmii biyyattiin qabdu haaroomuu fi bu’uuraalen biroo ijaaramuudha.Akka fakkeenyatti misooma koriidarii magaalota,haaromsa maasaraawwan mootummaa durii,paarkiiwwanii,Rizoortiiwwanii,koonveekshinoota koonfiraansiiwwan addunyaa gurguddaaf oolan ijaaramuun isaan muraasa.Milkaayinoonni argaman kun hunduu tarsiimoo fi imaammata Abbichuuti.

Address

Addis Ababa

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Oromoo=News posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share