Oromoo=News

Oromoo=News Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from Oromoo=News, News & Media Website, Addis Ababa.

Deemsii waadaa haarafi yaada haaran eegalee badhaadhina biyyaatifi!Hundeefamni mootuumma haara fuulbaana 25 rawwaate waa...
06/10/2026

Deemsii waadaa haarafi yaada haaran eegalee badhaadhina biyyaatifi!
Hundeefamni mootuumma haara fuulbaana 25 rawwaate waadaa haaromee badhaadhina biyyaa keenyatiif waadaa fi yaadaa haara biyya jabduu ijaaruf raawwaatameedha.Mootummaan ida’amuu misoomaawwan waaggoottan darban eegale xumuraan gahuun waadaa isaa uummataaf rawwachaa ture waggoottan shanan dhufaan pirojektootaa gurguddoo ta’an kan eegalee fi fuuldurattiis karoora deemsarraa jiran xiyyeefannoon kan itti adeemamuudha.Hundeefamni mootummaa ida’amuu bu’ura biyya cimtuu ijaaruuf waadaa haroomfatee abdii egeree dhalootaatif hojii isaa ifatti kan eegaluu abdii haaraa biyyaaf kan ta’uudha.

Shaneen Gantuu Oromoo Dadhabsiisuuf Farda Wayyaanee Taate!Oromoon qabsoo waggaa 150 booda bilisoomee jira. Mootummaa isa...
06/10/2026

Shaneen Gantuu Oromoo Dadhabsiisuuf Farda Wayyaanee Taate!

Oromoon qabsoo waggaa 150 booda bilisoomee jira. Mootummaa isaa hundeeffatee Oromoofi Oromiyaa ijaaruun Itoophiyaa bulchaa jira. Shaneen gantuu saba gurgurtee wayyaanee Oromoo waggaa 27 ol saame, ajjeeseefi qe'eefi qabeenya isaarraa buqqise angootti deebisuuf koola diinatti galtee waraana Mootummaa Oromoo irratti labsite.

Shaneen garaa isheef malee sabaaf jiraattee hin beekne gola Oromiyaa keessaafi daggala dahoo godhachuun loon qonnaan bulaa qaltee nyaachuu, nama ukkamsitee maallaqa fudhachuufi Oromoo ajjeesuufi dinagdee sabaa laamsheessuuf ajandaa wayyaanee irraa fudhattee Oromiyaa jeeqaa turte.

Shaneen farda Wayyaanee taate Faannoo Oromiyaan haa diigamuu, Oromoo balleessuuf hojjetu waliin camadamte Raayyaan Ittisa biyyaa haleeluun ishee barbadeessee birbadummaa biyyaa kabachiisaa jira.

06/10/2026
Pireezidaanti Wiiliyaam Ruutoon Dooktar Abiy Ahimadiif ergaa baga gammaddanii dabarsan Pireezidaantiin Keeniyaa Wiiliyaa...
06/10/2026

Pireezidaanti Wiiliyaam Ruutoon Dooktar Abiy Ahimadiif ergaa baga gammaddanii dabarsan
Pireezidaantiin Keeniyaa Wiiliyaam Ruutoon Dooktar Abiy Ahimad irra deebiin Ministira Muummee Itiyoophiyaa ta’uun moggaafamuu hordofee ergaa baga gammaddanii dabarsaniiru.
Pireezidaanti Wiiliyaam Ruutoon ergaa isaaniin, Dooktar Abiy Ahimad marsaa lammaffaaf Ministira Muummee Itiyoophiyaa ta’uun Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataan waan filatamtaniif baga gammaddan jedhaniiru.
Itti gaafatamummaa haaraan hoggansa fi mul’ata Dooktar Abiy Ahimad biyya isaaniif qabaniif sagalee uummanni kenneef ta’uu ibsuun, bara hojii gaarii akka ta’uufiif hawwaniiru.
Keeniyaan bu’uura faayidaa waloo fi dhimmoota naannawaan mootummaafi uummata Itiyoophiyaa waliin hojjechuuf kutannoo qabaachuus mirkaneessaniiru.

Injifannoo Raayyaa Ittisa Biyyaa baadaa rifachiise.Baadan murna tumsa uummatte ergatee Itiyoophiyaa shororkeessuuf ture....
06/10/2026

Injifannoo Raayyaa Ittisa Biyyaa baadaa rifachiise.
Baadan murna tumsa uummatte ergatee Itiyoophiyaa shororkeessuuf ture.Akeeka kana garuu gootichi raayyan ittisa biyyaa yeroo turban tokko hin guunne keessatti fashaleesse.Baadanis akeeka Itiyoophiyaa diigurraa gara Itiyoophiyaan galaana diimatti hin baatutti ce’ee jira.Kunis waan gootichatti ulfaatu miti.Durumaa waraana TPLF’n isaanuma injifate waan ta’eef humni dabalataa hin jiraatu.

Utubaa Nageenyaa fi Mallattoo Birmadummaa Itoophiyaan birmadummaa fi walabummaa ishee eeggattee as gahuu keessatti Raayy...
06/10/2026

Utubaa Nageenyaa fi Mallattoo Birmadummaa
Itoophiyaan birmadummaa fi walabummaa ishee eeggattee as gahuu keessatti Raayyaan Ittisaa Biyyaa gahee seenaa qabeessa taphateera.
Raayyaan kun hundee gadi fagoo fi cichoomina cimaa qabaachuun, tokkummaa, birmadummaa fi ol’aantummaa biyyaa kabachiisuuf halkanii fi guyyaa dammaqinaan dhaabbata.
Raayyaan Ittisaa hoggansa gahumsa qabu, leenjii gahaa fi xiinsammuu cimaatiin ijaaramee ergama birmadummaa fi nageenya uummataa eeguu karaa bu’a qabeessa ta’een raawwachaa jira.
Dhaabbata miseensonni isaa naannolee fi hawaasa adda addaa keessaa walitti dhufan kan ta’ee, kaayyoo tokkoon nageenyaa fi misooma biyyaatiif kan hojjetanidha.
Kabaja alaabaa biyyaatiif wareegama kaffaluun biyya kabajaan dhaloota itti aanuuf dabarsuu keessatti utubaa nageenyaa fi mallattoo birmadummaa biyyaalessaa ta’edha.

Itiyoophiyaan ni badhaadhaati, ni injifatti, shira diinaa cicciruun fedhii ishee qabatamaan ni guuttatti – Dooktar Abiy ...
06/10/2026

Itiyoophiyaan ni badhaadhaati, ni injifatti, shira diinaa cicciruun fedhii ishee qabatamaan ni guuttatti – Dooktar Abiy Ahimad

Itoophiyaan  Lammii Injifatu malee injifatamu hin qabdu -Ministira Muummee Dr.Abiyyi Ahimad
06/10/2026

Itoophiyaan Lammii Injifatu malee injifatamu hin qabdu -
Ministira Muummee Dr.Abiyyi Ahimad

"Qaroominni Itoophiyaa Ulaa Galaanaa Malee Galma Gahuu Waan Hin Dandeenyeef Tarsiimoo Kennanii Fudhachuun Itoophiyaan Ba...
06/10/2026

"Qaroominni Itoophiyaa Ulaa Galaanaa Malee Galma Gahuu Waan Hin Dandeenyeef Tarsiimoo Kennanii Fudhachuun Itoophiyaan Balbala Galaanaa Akka Argattuuf Kutannoon Hojjechaa Jirra!"

Ministira Muummee Abiyyi Ahimad (PhD)

''Kaleessi Darbeera, Boruu hin Geenye, Har’i garuu mijataa ta’ee qaqqabeera'' - Dooktar Abiy Ahimad
05/10/2026

''Kaleessi Darbeera, Boruu hin Geenye, Har’i garuu mijataa ta’ee qaqqabeera'' - Dooktar Abiy Ahimad

Address

Addis Ababa

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Oromoo=News posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Shortcuts

Share