Guta N Ayansa page

Guta N Ayansa page kaayyoo,karoora, kutannoo/cichoomina,.....milkaa'ina... galma✅

"Ati Garuu Qormaata Jireenyaa Qoramii Darbi!"▬▬▬▬▬▬▬▬⌲ Qormaata jireenyaa jechuun jiruu fi jireenya keessatti yookiin oo...
09/12/2025

"Ati Garuu Qormaata Jireenyaa Qoramii Darbi!"
▬▬▬▬▬▬▬▬
⌲ Qormaata jireenyaa jechuun jiruu fi jireenya keessatti yookiin oolmaa guyyaa guyyaa keessatti haalota rakkisoo nama mudatan jechuudha.

Jireenyi mana barumsaa cimaa addunyaa kana irraa dorgomaa hin qabnedha. Mana barumsaa namni hundi keessa darbudha.

➲ Gaafa dhalattu mana barumsa jireenyaa tokko jettee eegalta. Kutaa meeqa akka geesse hin beektu. Callistee waan jireenyi si barsiisu baratta.

➲ Qormaata fuula duratti si mudatu hin beektu. Jireenyi barumsa si barsiisa, nama biraa immoo akkaataa biraan waan barsiisuuf, mana barumsa jireenyaa keessatti qormaata wal irraa hatuun hin danda'amu. Sababiin isaa namni qormaata walfakkaataa qoramu tokkoyyuu hin jiru.

➲ Jireenya keessatti namatu naaf jiraata kan jedhamu hin jiru. Abbaatu jiraattata. Abbaatu qormaata isaa qoramata. Kanaaf cimuu nama barbaachisa. Qormaata namatti dhufuuf jedhu waan hin beeknef cimaa ta'i!

➦ Wɑɑn beektɑnii fi dubbistɑn dhɑlootɑɑf dɑbɑrsɑɑ. Wɑliin bɑrɑnnee wɑliis hɑɑ bɑrsiifnu!

➦ Gαℓαтσσмαα!!!
Υєʀσσ Gααʀιι qabaadhaa!🥰🙏
Guta N Ayansa page follow godha hordofa.
゚viralシfypシ゚viralシalシ

Positive mind find opportunity in everything.

💍💙💍KANA BEEKTA LAATA💍💙💍=======💍Qubeellan maalif harkaa bitaa quba 4ffaa tti godhatama??👇👇👇👇👇✍Akkuma beektan namoonni wal...
05/12/2025

💍💙💍KANA BEEKTA LAATA💍💙💍
=======
💍Qubeellan maalif harkaa bitaa quba 4ffaa tti godhatama??
👇👇👇👇👇
✍Akkuma beektan namoonni walitti dhufeenyi jaalalaa gidduu isaani jiru waadaa waliif galuudhaf jaalala isaaanii sana cimsuudhaf mallattoodhaf akka ta'uf jecha wanuma humni isaani danda'een gosa qubeellaa tokko bitanii walitti ka'atu.

✍Keessattuu gaafa cidhaa misirroo lamaan waadaa baay'ee erga waliif galanii booda qubellaa babbaredduu qopheeffatan sana fuula uummata sana fi waaqayyo duratti harkaa bitaa quba arfaffaa irratti waliif kaa'u.

✍Aadaan kun biyyoota garagaraatti garagarummaa qaba. Biyya keenyatti harka bitaatti yoo godhatamu biyyoota birattu immoo harka mirgaa irratti godhatama. Fakkenyaf biyyoota akka.
👉Ruusiyaa
👉Jarmanii
👉Norway fi
👉Hindiitti harka mirgaa irratti godhatama. Kan isin dhibu biyyoonni kun nama qubellaa harka bitaa irratti godhate akka carra dhabeessatti ilaalu. Akka biyya keenyaa kana utuu ga'ela hin dhabbatinis qubellaa waadaa walitti hin godhatan. Gaafa cidha isaanii ykn gafa mana tokko keessa jiraachudhaf murteessan harka mirgaa irratti waliif godhu.

✍Biyya Iswiidinii fi biyya Chile jedhamu keessatti immoo amma gaafa wal-fuudhanitti qubellaa waadaa harka mirgaa quba 3ffaa irratti waliif kaa'u. Erga wal fuudhani immoo qubeellicha harkaa bitaa quba 4ffaa irratti naanneffatu.

✍Biyya Chayinattii jaalalleewwan wadaa waliif galuudhaf ykn wal fuudhudhaaf qubeellaa hin fayyadaman. Dhirri tokko durba tokko fudhudhaf maallaqa fi meeshaalee garagaraa isheen jaallattu fidee dhufee durashe kaa'ee "Natti Heerumtaa" jedhee gaafata Isheenis meeshawwanifi maallaqi inni dhiyeesse yoo ishee gammachiise "eeyyee" jettee waadaa waliif galu.

✍Biyyoota Afriikaa tokko tokko keessattis garagarummaa qaba. As ollaa biyyaa keenyaa kan taate kaaba keeniyaa kessatti jaalalleewwan lamaan cancala sibiilarraa hojjatame morma isaanitti walif kaa'u. Hikaan isaas sif "lubbukoon sif kenna sirra adda ba'u manna sibila kanaan of ajjeesun filadha" jechuudha.
=======
🔻Gara biyya keenyatti yoon dhufu hiikan harka bitaa quba arfaffaa irratti qubeellaa walif godhuu maalidha?
👇👇👇
Namni baay'een caluma jedhee qubeellaa quba kanarratti baatee deema malee hikaa isaa baay'ee hin beeku." Maalif qubeella quba kana irratti godhatte malif isa kaanirratti hin godhatin" jedhee namoota baay'ee gaafan gafadhu
👉"Quba kana irraa baay'ee bareeda" kaanifadha jedhu
👉 kaan isaanimmoo " aadaa biyya keenyadha garuu hikaa isaa hin beeku aanifiyyuu gaaffidha " jedhani naaf deebisu.

🔸Hiikan inni sirriin garuu🔸
===========
✍Aadaan kun aadaa warra Room duriiti. Warri Room quba kana akka addaatti ilaalu. Sababni isaas Hiddi dhiigaa quba 4ffaa kana irraa ka'ee kallaatiidhan gara onnee deemutu jira. Maqaan hidda dhiigaa kunis 'Vena Amoris jechunis Vein of Love' jedhama. Inni kun quba warra kaanirra adda taasisa. Kanaaf yeroo jaalalleewwan lama quba 4ffaa irratti qubeella walif ka'an " Waadaakoo karaa quba kanaa Onneekeetti hidhadheera" jechuu isaaniti, Malee caluma jedhamee bareedinaaf godhatama miti.

😁Kanaaf Obboleewwan qubeellaa waliif keessan fi kaa'udhaf jirtan hiikaan isaa kana fakkaata. Dhimmichi onnee wajjin wal qabata. Hiddaa dhiigaa jaalala quba kessanirra ka'un onnee keessanitti waadaa keessan hitaanirtu.

❤️Waadaa sibiilaa inni caaluu jaalalli kiristoos immoo onnee keessanitti haa qabatu.
👏👏👏👏👏
🙏Baay'ee akka irra barte beekamaadha hiriyyaa kee fuudhuf jedhu ykn jaalallee qabu ykn qabachuuf jedhu sanaaf immo godhif😁
===================================
Halkan gaarii qabaadhaa!
Guta N Ayansa page
゚viralシfypシ゚viralシalシ

DUBBISA FI DUBBISAA!(READING AND READER) ✪ Dubbisuun fakkaattii kaleessaa, argama har'aa fi maalummaa boriitti bocaa fi ...
03/12/2025

DUBBISA FI DUBBISAA!
(READING AND READER)

✪ Dubbisuun fakkaattii kaleessaa, argama har'aa fi maalummaa boriitti bocaa fi bifa godha. Waan kaleessaa irraa muuxannoo nama dhaalchisa, har'a immoo jireenya hiikkaa qabu namaaf kennuun boruufis abdii nama keessa bulcha.

✪ Eeyyeen, jireenya ilma namaa keessatti halluu halaalatti mul'atuun sarara adda bahinsaa kaa'ee garaagarummaa fida. Akkuma bishaan uffata miicee qulleessuu, keshaa irraas cilee fi dhukkee baasee adii godhu, dubbisuunis sammuu dubbisaa haaressee booka beekumsaan guuta.

⩩ Sammuun barachuu fi dubbisuutti amanu dhalootaaf dhangaa, rakkoof furmaataa fi haalotaaf immoo deebii galumsaa qabaachuun bu'aa buusa malee, ba'aa ofii fi nama biraa ta'ee hin argamu. Bu'aa malee ba'aa miti!

⩩ Dubbisni arraba gabaabsa, afaan dhiphisa, sammuu immoo daran bal'isa. Eeyyeen wallaalaa beekaa godha, beekaa immoo ittuma qara.

⩩ Keessaa namaa haaressuun
alaa jijjiira.

⩩ Quba namatti qabbii hir'isuun, of beekuu fi sakatta'insa keessaa namatti dhiyeessa.

⩩ Of nama barsiisa! Kan of bare immoo, ofiifis ta'e hawaasa keessa jiraatuuf jal'isii ta'ee kan goge jiisaa, kan jiidhee immoo lalisiisa malee, lolaa ta'ee kan jiru balleesssuun abdii namaa hin gololeessu. Jal'isii yookaan lolaa ta'uu filachuun egaa filannoo abbaati! Filadhuu darbimee!
Namni dubbisus isa hin dubbifne irraa adda.

⩩ Dubbisaan dubbii tola; hammi dubbatus faara tolaan namaa liqimfama. Dubbiin isaas akka damma daamuuti; dhaggeeffataan 'dhaggeeffadhuu' malee dhageeffata.

⩩ Dubbisaan waan dubbatu beeka, waan beeku dubbachuufis sodaan hin mo'atamu. Hayyee, dubbisuun dubbisaa ta'i! Dubbisa keessaanis lafa yadde ni geessa. Ragaan dubbii kanaa jijjiirama dubbisuun boodaa haa ta'u!

Galatoomaa waan dubbiftaniif 😋
Ani kanan jedha atis kan jettu jedhi!
Guta N Ayansa page
゚viralシfypシ゚viralシalシ

Gorsa Saayikoloojii Muraasa❶Guyyaa tokko isa waa'ee ofii keef hanga ammaatti abdii hin kutatin turtee fi jirtuu ni galat...
02/12/2025

Gorsa Saayikoloojii Muraasa

❶Guyyaa tokko isa waa'ee ofii keef hanga ammaatti abdii hin kutatin turtee fi jirtuu ni galateeffatta.
➋Jireenyi yeroo tokko tokko baay'ee sitti ulfaata. Garuu, jireenya dinqii/raajii isa bor jiraattuuf si qara.
➌Gara laafinnii fi inni ati nama duukaa boossu dadhabina kee miti. Cimina keessoodha. Gara jabina hin qabdu.
❹Imimmaan kee caba/ yookiin gadda garaa kee ibsa utuu hin taanee lammata deebitee akka hin boonye ibsa.

Jireenya jaalalaa keessatti:Wal hubachuun jaalala caalaa murteessaadha, sababiin isaa jaalalli waliif hubannaa malee jir...
30/11/2025

Jireenya jaalalaa keessatti:

Wal hubachuun jaalala caalaa murteessaadha, sababiin isaa jaalalli waliif hubannaa malee jiraachuu hin danda'u.♨️

SIRRIIDHAAN SIRRII; DOGOGGORAAN DOGOGGORA JECHUU HAA BARRU! ===============================❏ Waan sirrii jabeeffachuu fi...
29/11/2025

SIRRIIDHAAN SIRRII; DOGOGGORAAN DOGOGGORA JECHUU HAA BARRU!
===============================
❏ Waan sirrii jabeeffachuu fi kan sirrii hin taane sirreeffachuu malee walitti qabanii harka reebuufiin nama hin siqsu. Nama waan dogoggoraatti akka sirriitti hamilee namaaf kenne caalaa namni nama miidhe jira natti hin fakkaatu. Namni akkanaa akka hin barre nama godha; dogoggoras hundeen dagaagsa. Sirriin sirrii jedhee, dogoggorattis quba qabee kan namatti himu qajeelchaadha. Kanatu nu barbaachisas.

⩩ Waan amaleeffanne tokko qabna. Nama sirrummaa keenya nutti himu olkaafna; kan nu jajes ni jajna! Nama mudaa keenya nutti agarsiisu immoo ni balaaleffanna.

⩩ Sababa malee olkaasuu fi gadi buusuu! Kana sammuutti qabanneetu yaada barbaachaaf waa qabannee gara nama biraa deemna. Ajaa'iba! Durayyuu sirrummaa keenya qofaa dhagahuu feenaa, maaliif gara nama biraa deemnee nama biraa qorra? Ani beekaa!

⩩ Dhumni shaakala akkanaa komii fi hamii ta'a. "Abaluun hojii koo gadi buuse. Kana immoo sababa malee hin jenne, ana irraa dhimma dhuunfaa qaba. Maal narraa qabaa? Maaltu keessa isa galche? Na goomateetu... gufuu natti ta'uufi... Muu!" Jechaa gara komii fi maqaa balleessiitti deemna.

⩩ Namuma silaa gargaarsaaf itti dhiyaanneen maaltu isa galche jennee komanna. Ofuma keenyaa yaada gaafannee yaada balfina, ofuma keenyaa nama tuqnee nan tuqame jenna. Kana summichi! Summii guddina keenyaa!

⩩ Wantin jechuu barbaade ifaadha! Sirriidhaan sirrii, dogoggoraanis dogoggora jechuun fala. Hamma kana hin taanetti, kan dabe hin sirratu, muuxannoon barbaachisus hin argamu. Kanaaf falli, waan sirrachuu qabu sirreessuudha. Madaala sirrii fi kan dogoggoraa adda baasuutu furmaata. Gochaan kun, dogoggoraa fi sirrii adda baasee fudhatamummaa isa sirrii ol kaasa. Kanaafuu sirrachuufis ta'e sirreessuuf qophaa'aa haa taanu. Walitti qabnee jajuu fi dimshaashumatti gadi buusuu irraa of eeguu haa barru.

✪ Waan goonu hundumaa keessatti hubannaan haa mul'atu. Akkanaan egeree keenya, egeree dhalootaa haa faayannu. Egeree sirriin waanuma sirrii irraa madda!

kun dhaloota keenya kanaaf ergaa guddaa qaba jedheen amana!

➦ Gαℓαтσσмαα!
Guta N Ayansa page
゚viralシfypシ゚viralシalシ

sʜᴀʀᴇ◈godhi✍🏿🫵🏿

Of Arguu Dadhabuu fi Oftuulummaan Dhibee Isa Hamaadha. ===================================✧ Namni dogoggora namaa barbaa...
28/11/2025

Of Arguu Dadhabuu fi Oftuulummaan Dhibee Isa Hamaadha.
===================================
✧ Namni dogoggora namaa barbaadaa oolu ofii isaa argee of sirreessuuf yeroo hin qabaatu! Kun baay'ee keenya irratti mul'ata quba namatti qabu malee akka quba of hin qabne taasisee jira! Nama arguu irra of arguutu qaroomina ta'a.

Namni of arge qaawwa namaa lakkaa'uu dhiisee ol deebi'ee qaawwa jireenya isaa cufata.Namni akkam? Jechuu irraa ofii akkam?
Maalan fakkaadhaa? Jedhanii of ilaaluu wayya

Ilaalchi jalqabaa of irraa eegalti. Of hin argiin nama arguun of wallaaludha.yoo kee dhiistee kan namaa ilaate of dagatetta.
Kanaaf ofii keenya irraa kaasnee kallattii hundaan fageesinee ilaalee arguu dandeenya.
Of hin argiin nama biroo ilaalun garuu ilaalcha dogoggoraati. Of irraa kaasnee ilaalcha sirriif madaalawaa ta'e ilaalun barbaachisaadha.

Halkan gaarii qabaadha👉💚💚

  FI HUMNA MUL'ATAA MAAYILES MUNROOTIIN dubbisaa   Munroon mul’ata qabaachuun akkamitti kaayyoo, kallattii fi kaka’umsa ...
27/11/2025

FI HUMNA MUL'ATAA MAAYILES MUNROOTIIN dubbisaa

Munroon mul’ata qabaachuun akkamitti kaayyoo, kallattii fi kaka’umsa akka kennu akkasumas murtoo fi gocha nama tokkoo akka bocu qorate.

1) Mul'ata jechuun dandeettii waan ammatti hin jirre arguuti. Kana jechuun haala amma keessa jirruun daangeffamuu hin qabnu jechuudha. Yeroo hundaa gara fuulduraa ilaaluu fi waan danda'amu tilmaamuu qabna.

2) Mul'anni furtuu milkaa'inaati. Jireenya keenya keessatti mul’ata dhabnaan kaayyoo malee burjaaja’uu yoo ta'e malee dandeettii keenya guutuu bira gonkumaa hin geenyu. Garuu mul’ataan galma kaa’uu akkasumas galma ga’uuf karoora baasuu dandeenya.

3) Mul'anni ni daddarba. Yeroo mul’ata qabaannu, namoonni biroo mul’ata mataa isaanii akka qabaatan kakaasa. Kunis dambalii addunyaa jijjiiruu danda'u uumuu danda'a.

4) Mul'anni humna qaba. Addunyaa jijjiiruu danda'a. Mee mul'ata Maartiin Luuter Kiingi Juuniyeerii fi Mahaatmaa Gaandii yaadi. Mul’anni isaan addunyaa haqa qabeessaa fi walqixa ta’e arguuf qaban namoota miliyoonaan lakkaa’aman kakaasuun jijjiirama dhugaa fiduuf gargaareera.

5) Mul'anni amantii gaafata. Mul’ata keenya galmaan ga’uu akka dandeenyu amanuu qabna. Kana jechuun deebii hunda qabaachuu qabna jechuu miti. Garuu deebii isaa argachuu akka dandeenyu amanuu qabna jechuudha.

6) Mul'anni tarkaanfii barbaada. Mul'ata keenya dhugoomsuuf guyyaa guyyaan tarkaanfii fudhachuu qabna.

7) Mul'anni walitti fufiinsaan hojjachuu gaafata. Karaa irratti duubatti deebi'iinsi ni jiraata, garuu mul'ata keenya irraa gonkumaa abdii kutachuu hin qabnu. Keessattuu yeroo qormaanni nu muudatu kun dhugaadha. Garuu yoo itti fufne dhumarratti kaayyoo keenya galmaan geenya.

8) Mul'anni wareegama gaafata. Mul'ata keenya galmaan ga'uuf wantoota tokko tokko dhiisuu qabna ta'a, garuu dhuma irratti gatii qabaata. Kunis yeroo keenya, qarshii keenya ykn hariiroo keenya illee dhiisuu jechuu taʼuu dandaʼa. Garuu wareegama kana kaffaluuf fedhii yoo qabaanne kaayyoo keenya galmaan ga’uuf tarkaanfii tokko itti dhihaanna.

9) Mul'anni garee barbaada. Mul'anni qophaa hin milkaa'u. Deeggarsa namoota biroo nu barbaachisa. Kana jechuun gorsaa argachuu, garee deeggarsaatti makamuu ykn namoota yaada qajeelaa qabaniin of marsuu jechuudha.

10) Mul’anni of kennuu hanga cimuu gaafata. Mul'ata keenya galmaan ga'uuf waan barbaachisu hunda gochuuf fedhii qabaachuu qabna. Kana jechuun guyyaa guyyaan carraaqqii keenya taasisuu fi gonkumaa abdii kutuu dhiisuu jechuudha.
Afaan Oromootti kan hiikee tilahungemechu

kana gochuun gahee kee ba'i atis.
Oolmaa gaarii qabaadhaa!🥰🙏
゚viralシfypシ゚viralシalシ
@

 ‼️‼️==============================1⃣.Yoo jaalalleen kee galgala galgala qofaa si waliin haasa’uuf ykn si waliin taphach...
26/11/2025

‼️‼️
==============================
1⃣.Yoo jaalalleen kee galgala galgala qofaa si waliin haasa’uuf ykn si waliin taphachuuf si barbaada/ddi ta’e ati nama waliin jiraacha jirta osoo hin taane BOOKEE waliini.😁

2⃣.Namoonni baay’een jaalallee malee jiraachuun hin danda’amu jedhu ani garuu Oksijiinii(Oxygen) malee jiraachuutu hin danda’aamuun jedha.😁

3⃣.Afriikaa keessatti seerri namoonni hundi kabajan “battery low” kan jedhu qofa.😁

4⃣.Dubartoonni hundi hamma qorichi HIV AIDS argamutti wal qunnamtii saalaa(intact_sex) hin hojjeennu jedhanii otoo didaniiru ta’ee, Dhiroonni qoricha isaa guyyaa 30 keessatti argatu ture.😁

5⃣.Addaami fi Hewwaan otoo akka ummata chaayinaa ta’ani silaa jannatuma keessa jirra. Sababiin isaa Mukicha hin nyaatina jedhaman sana dhiisanii boficha nyaatu ture!!😁

6⃣.Ati jaalallee tokko ol qabda yoo ta’e si keessa kan jiru jaalala osoo hin taane “Memory card” dha.😁

7⃣.Dubartoonni tokko tokko waan jiimii(gym) hojjetan fakkatu, garuu mana jiimii(gym) balbaluma isaayyuu hin beekan. Ta’us dhiira tokko irraa garaa dhiira kan birootti fiiguuf jecha bocni qaama isaani kan bareedu.😁

8⃣.Otoo haadha manaa qabdu barattoota kee faana jiraachuun sitti tola yoo ta’ee haadha manaa keef yuunifoormii barataa bitiif.😁

9⃣.Seexanni iyyuu “gay” hin qabu ture, sababiin isaa Addaami fi hewwaan qullaa jiran waan filateef.😁

🔟.Ati miidhagduu miti taanan ani miidhagduu miti jedhi, miidhagina keessaa kan jettu dhisi nuti X-ray ilaala hin deemnu.😁

1⃣1⃣.Waaqayyoo qorataa cimaadha, Cinaacha dhiraa keessaa lafee tokko fuudhee sagalee guddistuu (loud speaker) hojjete.😁

1⃣2⃣.Addunyaan kun biyya keenya Afrikaa kana nu miiteetti. Sababiin isaa
🏅faranjiin tokko otoo gara Afrikaa dhufee daawwataa (tourist) jedhani simatu.😁

✍️Waan dubbistaniif 💜

Guyyoota keessa jiraattu hunda irratti hojjedhu malee guyyaan sirratti hin hojjetiin. Sababni isaa, yoos kaayyoo keef ji...
25/11/2025

Guyyoota keessa jiraattu hunda irratti hojjedhu malee guyyaan sirratti hin hojjetiin. Sababni isaa, yoos kaayyoo keef jiraatta.
Humna jijjiiramaa si keessa jiru baasii itti fayyadami. Sababni isaa, humni jijjiiramaa si keessa jiru si jijjiiruuf gahaadh waan ta'eef.

GalateeffadhuNamichi dureessi tokko foddaa mana isaarraan namicha Balfa keessaa waa fudhatu argee "Alhamdulillah qabeeny...
23/11/2025

Galateeffadhu

Namichi dureessi tokko foddaa mana isaarraan namicha Balfa keessaa waa fudhatu argee "Alhamdulillah qabeenya naaf kennuukeef" jedhe.

Namichi Hiyyeessi Balfa keessaa waa coratu ammo namicha Qullaa daandiirra amala hintaane agarsiisaa deemu argee "Yaa Rabbi Galatakee, kan Maraatuu nan godhin." jedhe.

Namichi Qullaa Karaarra fiigu ammoo Ampulaansii nama feetee karaarra fiigdu argee "Galatakee kan fayyaa na goote." jedhe. Namichi Ambulaansiin Deemu Hospitaala yoo ga'u, Nama du'ee gara kutaa reeffaatti geeffamu argee "Yaa rabbi Galatakee lubbuun na jiraachisuukeef" jedhe.

Kan Du'e qofatu Uumaa Galateeffachuu hindanda'u.

Maaf har'a uumaa hingalateeffanne...waan qabnuuf gara fuulduraatti argannuuf....Jireenyi maali? Jireenya sirriitti hubachuuf bakka sadii dhaquu qabna.

❶Hospitaala
➋ Mana hidhaa
➌Bakka Awwaalaa

Hospitaala yoo deemnu Fayyaa Caala waanti miidhagu akka hinjirretu barama. Fayyaan hunda caala.Mana hidhaa yoo deemte bilisummaan qaalii akka taate hubatta.

Bakka awwaalaa yoo deemte hara jiraachuunkee maal akka qabu barta, jiraachuukeen waan uumamteef akka dalagduufis si kakaasa. Kanaafuu, hundi keenya Gaarummaaf Qajeelummaa haa qabaannu, waan qabnutti haa gammadnu, jaalala waliif haa qabaannu.... Uumaas haa galateeffannu.

🙏🙏❤️✔️
Galgala bareeda qabaadhaa!

Kan jalqaba dhiifama gaafatu yeroo hunda warra jajjaboodha.  Kan jalqaba dhiifama godhu isa cimaadha.  Kan jalqaba dagat...
23/11/2025

Kan jalqaba dhiifama gaafatu yeroo hunda warra jajjaboodha. Kan jalqaba dhiifama godhu isa cimaadha. Kan jalqaba dagatu isa hunda caalaa nama gammachiisudha.

Dilbata milkii qabaadhaa!🙏

Address

Addis Ababa

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Guta N Ayansa page posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Business

Send a message to Guta N Ayansa page:

Share