Guta N Ayansa page

Guta N Ayansa page kaayyoo,karoora, kutannoo/cichoomina,.....milkaa'ina... galma✅

 # "Namni Si Dagachuu Danda'a 3 Full stop,  Waaqayyo Garuu al- tokko Illee hin dagatu." , , Namni yeroo baay'ee waan ba...
09/07/2026

# "Namni Si Dagachuu Danda'a 3 Full stop
, Waaqayyo Garuu al- tokko Illee hin dagatu."

,
, Namni yeroo baay'ee waan bade lakkaa'a; waan hafe garuu ni dagata. Waan dhabeef boo'a; waan qabuuf garuu galata hin galchu. Kanaaf gammachuun keenya yeroo baay'ee qabeenya dhabuu irraa osoo hin taane, qalbii galata hin beekne irraa maddu.
,
# Mee_of_gaafadhu_three_(3)_Full stop.
,
1, Yeroo ati halkan guutuu rafte, eenyutu hafuura kee eega ture?
,
2, Yeroo onneen kee osoo ati hin beekin yeroo hunda rukutaa turte, eenyutu akka isheen hojii ishee itti fuftu ajaja ture?
,
3, Yeroo rakkoon si marsitee, karaan hundi cufame fakkaatetti, eenyutu karaa ati yaaduu illee hin dandeenye siif bane?

isaa tokko qofa Innis waaqa
,
, Garuu amala namaa keessaa tokko ni jira. Yeroo rakkinni dhufu gara waaqaa fiiga; yeroo qananiin dhufu garuu humna ofii isaatti amanama. Kun immoo suuta suutaan qalbii gogsa; galata nama irraa balleessa.
,
Yeroo namoonni si dagatan hin gaddin. Yeroo gaariin kee hin galateeffamne hin laafin. Aduun ifa ishee kenniti malee, eenyutu na galateeffata jettee hin eegdu. Mukni firii namaaf kenna malee, galata nama irraa hin eegu. Atiis hojii gaarii kee Rabbiif hojjedhu; mindaan kee nama biraa osoo hin taane, waaqa bira jira.
,
, Yeroo tokko tokko Waaqni wanta ati baay'ee hawwitu si irraa tursiisa. Kun si adabuuf miti; yeroo sirrii fi wanta caalu siif qopheessuuf ta'a. Daa'imni qoricha hadhaa ni jibba; haati isaa garuu fayyaa isaatiif ni kenna. Akkasuma murtiin Waaqaa yeroo tokko nama dhukkubsuu fakkaata; boodarra garuu gatiifi furmaata dhugaa of keessaa qabaachuun mul'ata.
,
, Kanaaf, kaleessa kee caalaa har'a kee fooyyessuuf carraaqi. Nama biraa wajjin of hin madaalin. Injifannoon guddaan nama biraa moo'uu miti; of kaleessaa moo'uudha.
,
, Hin yaadin akka hojii gaariin kee bade. Hin yaadin akka imimmaan kee lafa bu'ee hafe.Waaqni waan hundumaa ni arga; ni dhaga'as; ni beeka. Yeroo Inni murteessetti, haqa kee haala bareedaan siif deebisa.
,
, Kanaaf, yoo addunyaan guutuun si gate illee, abdii hin kutin. Yoo qalbiin kee Waaqati hidhate, ati kophaa kee miti. Isa si uumee fi si eegu qabda.
,
, Galanni yeroo hunda afaaniin qofa miti; qalbiin beekuu, hojii gaariin mul'isuu, fi murtii waaqa irratti gammaduunis galata guddaadha.
,
, 🌹 Waaqni nu keessaa warra yeroo qananiitti Isa galateeffatu, yeroo rakkinaatti Isa irratti hirkatu, yeroo hunda abdii Isaan jiraatu nu haa taasisu.
.Kun waadaadha.👏🏿👏🏿
Guta N Ayansa page follow godhi.
Galatoomaa!
Halkan gaarii qabaadhaa.

09/07/2026

😍👏🏿

✍ Namni yeroo dachee kana irra jiraatu dubbii dhangaggaa'aa, taatee ulfaata, jireenya nuffisiisaa, deemsa ulfaataa kan h...
07/07/2026

✍ Namni yeroo dachee kana irra jiraatu dubbii dhangaggaa'aa, taatee ulfaata, jireenya nuffisiisaa, deemsa ulfaataa kan hin deemamne akka deemu, wanta hin liqimfamne akka liqimsee fudhatu dirqisiifama. Kun deemsa jireenyaa ti.

✍ Namni adunyaa kana irratti namaan, haalan, yeroodhaan, ofii isaatiin yeroo gatamu jireenyi nama akka kanaa ofii isaa harka utuu hin taane Waaqaan tolfamaa jira. Jireenyi nama akka kanaa Waaqan qofa kaafama.

✍ Namoonni nama gargaaran namoota bu'aa maleeyyii dha. Kana jechuun wanta nama sana gargaaraniif bu'aan nama sana irraa eeggatan hin jiru. Namoonni akkanaa keessa isaaniitii nama gargaaruun akka kennaatti wanta isaaniif kenname ta'uu waan beekaniif isaaniif wanti kun gammachuu jireenya isaaniitiif kennu guddaa akka ta'e ni beeku. Namoonni akkanaa namoota Waaqayyo kallattii kamiinuu namootaaf kennu dha. Adunyaan har'aa tun bu'aa namoota akka kanaa ti.

✍ Nama kufe tokko harka keenya tokko qofaa yoo diriirsineef iddoo kufe sanaa ka'uu akkuma danda'u, nama kan gargaarru wanta hin dandeenyeen utuu hin taane wanta dandeenyuun akkasuma wanta hin qabneen utuu hin taane wanta qabnuuni dha.
Guta N Ayansa page

07/07/2026

Kan si Jalqabsiise Waaqayyo taanaan Waa'ee xumura isaafis hin yaadda'iin inni si wajjiin Jira.

 'i_malee✈️🚘_ka'iGanama ganama 𝖥𝗂𝗅𝖺𝗇𝗇𝗈𝗈 𝗅𝖺𝗆𝖺 𝗊𝖺𝖻𝖽𝖺: 𝖼𝗂𝗂𝖿𝗍𝖾𝖾 𝖺𝖻𝗃𝗈𝗈𝖼𝗁𝗎𝗎 𝗄𝖾𝖾 𝗂𝗍𝗍𝗂 𝖿𝗎𝖿𝗎𝗎 𝗒𝗈𝗈𝗄𝗂𝗇 𝗄𝖺𝖺𝗍𝖾𝖾 𝖺𝖻𝗃𝗎𝗎 𝗄𝖾𝖾 𝖽𝗁𝗎𝗀𝗈𝗈𝗆𝗌𝗎𝗎!...
05/07/2026

'i_malee✈️🚘_ka'i

Ganama ganama 𝖥𝗂𝗅𝖺𝗇𝗇𝗈𝗈 𝗅𝖺𝗆𝖺 𝗊𝖺𝖻𝖽𝖺: 𝖼𝗂𝗂𝖿𝗍𝖾𝖾 𝖺𝖻𝗃𝗈𝗈𝖼𝗁𝗎𝗎 𝗄𝖾𝖾 𝗂𝗍𝗍𝗂 𝖿𝗎𝖿𝗎𝗎 𝗒𝗈𝗈𝗄𝗂𝗇 𝗄𝖺𝖺𝗍𝖾𝖾 𝖺𝖻𝗃𝗎𝗎 𝗄𝖾𝖾 𝖽𝗁𝗎𝗀𝗈𝗈𝗆𝗌𝗎𝗎! 𝖬𝖺𝗍𝖺𝖺 𝗄𝖾𝖾 𝗃𝗂𝗃𝗃𝗂𝗂𝗋𝗎𝗎 𝖻𝖺𝗋𝖻𝖺𝖺𝖽𝖽𝖺 𝗒𝗈𝗈 𝗍𝖺'𝖾 𝖽𝗁𝗂𝖻𝖺𝖺'𝗎𝗆𝗆𝖺𝖺 𝗊𝗈𝗍𝗍𝖾𝖾 𝖺𝗐𝗐𝖺𝖺𝗅𝗎𝗎 𝗊𝖺𝖻𝖽𝖺. 𝖭𝖺𝗆𝖺 𝗀𝖺𝗍𝗂𝗂 𝗊𝖺𝖻𝗎 𝗍𝖺'𝗎𝗎𝖿 𝗀𝖺𝗍𝗂𝗂 𝖻𝖺𝖺𝗌𝗎𝗎𝗇 𝖽𝗂𝗋𝗊𝖺𝗆𝖺! 𝖴𝗍𝗎𝗎 𝖽𝖺𝖽𝗁𝖺𝖻𝖽𝗎𝗎 𝖼𝗂𝖼𝗁𝗂𝗍𝖾𝖾 𝗁𝗈𝗃𝗃𝖾𝖾𝖼𝗁𝗎𝗎 𝗊𝖺𝖻𝖽𝖺. 𝖮𝗌𝗈𝗈 𝖻𝖾𝖾𝗅𝗈𝖿𝗍𝗎𝗎 𝖻𝖾𝖾𝗅𝖺 𝗂𝗋𝗋𝖺𝗍𝗍𝗂 𝗊𝖺𝖻𝗌𝖺𝖺’𝗎𝗎𝗇 𝖽𝗂𝗋𝗊𝖺𝗆𝖺. 𝖧𝖺𝖺𝗅𝖺 𝗃𝗂𝗋𝗍𝗎 𝗄𝖾𝖾𝗌𝗌𝖺𝖺 𝖻𝖺𝗁𝗎𝗎𝖿 𝖿𝗎𝗎𝗅𝖽𝗎𝗋𝖺𝗍𝗍𝗂 𝗈𝖿 𝖽𝗁𝗂𝖻𝗎𝗎 𝗒𝗄𝗇 jalaa 𝖻𝖺𝗊𝖺𝖼𝗁𝗎𝗎 𝗊𝖺𝖻𝖽𝖺. 𝖩𝗂𝗋𝖾𝖾𝗇𝗒a 𝗌𝗂𝗍𝗍𝗂 𝗁𝗂𝗇𝗍𝗈𝗅𝗅𝖾 𝗁𝗈’𝗂𝖿𝖺𝗍𝗍𝖾𝖾 𝖿𝗂𝗋𝖺𝗄𝖾𝖾 𝗁𝗂𝗇𝗀𝗈𝖽𝗁𝖺𝗍𝗂𝗂𝗇.

"Every morning you have two choices: continue to sleep with your dreams, or wake up and chase them." — Michelle
Obama

Hubadhu!
*Arguun dhagayuu akka caalu.

🔺Dubbisuuf yeroo qabaadhu,
hundee beekkumsaatii...
🔺 Hojjachuuf yeroo qabaadhu,
hundee jireenyaatii...
🔺yaaduuf yeroo qabaadhu,
burqaa dandeettiitii...
Odeeffannoo dabalataaf👇🏿Follow godhi.

Guta N Ayansa page

 ;1, Biyyoota Afrikaa keessaa biyyi Uummanni ishee hundi afaan tokko qofa  dubbatu Somaaliyaadha.2, Itoophiyaatti yeroo ...
30/06/2026

;

1, Biyyoota Afrikaa keessaa biyyi Uummanni ishee hundi afaan tokko qofa dubbatu Somaaliyaadha.
2, Itoophiyaatti yeroo jalqabaaf maallaqaan bittaaf gurgurtaan hojii irra kan oole bara 1915 dha.
3, Biyyi yeroo jalqabaaf daandii baaburaa hojjette biriitaaniyaadha.
4, Biyyi yeroo jalqabaaf humna ibsaa bishaan irraa maddisiifte Noorweyidha
5, Biyyi yeroo jalqabaaf Alaabaa mataa ishee maxxansitee hojii irra oolchite Deenmaarkidha.
6, Biyyi yeroo jalqabaaf qarshii waraqaa irraa hojjetametti fayyadamte Chaayinaadha.
7, Biyyi yeroo jalqabaaf mirga filannoo dubartootaaf kennite Nuwzerlaadiidha.
8, Bineensota keessaa waraabessi waa dhaga'uudhaan dandeettii cimaa qaba..........itti..fufa.
Odeeffannoo dabalataaf;
Guta N Ayansa page follow godhi.

 #"Salphoon amma lafa irra eejjettu nama irra ejjetti."Professor Mararaa xiqqeessuun of xiqqeessuudha. Bayyaanatteen har...
28/06/2026

#"Salphoon amma lafa irra eejjettu nama irra ejjetti."

Professor Mararaa xiqqeessuun of xiqqeessuudha. Bayyaanatteen har'a karaa isaan baasan irra dhuftee waan haasoftu wallaalte.
Keessattuu namoonni kaleessa wayyaaneef ergamaa turan qabsoo Qeerroo Oromootin har'a damdamatanii asi ol qeequuf yaaluu. Ilaalcha walii qeequu fi wal xiqqeessuun walii adda.
Professor Mararaan kaleessaas waggaa 27 wallaalotuma akkanaa wayyaaneef ergamaa turan kanas kan bilisa baase Isa.

Namoonni addagee akkanaa kun eenyuun bakka bu'anii ulfoo Oromoo xiqqeessu.
Namoota akkanaa aangoomsuun maal Oomishuuf?

Guta N Ayansa page

Yoo karoorri kee si jalaa gufate, akka waan galmi kee badetti hin yaadin. Karoora kee qofa haaressi, abdii kee garuu hin...
27/06/2026

Yoo karoorri kee si jalaa gufate, akka waan galmi kee badetti hin yaadin. Karoora kee qofa haaressi, abdii kee garuu hin kutin! 💖

 =============================Sirni bulchiinsa mootota durii tokko tokko nama ajaa'iba.Har'a waa'ee sirna bittaa mootumm...
25/06/2026


=============================
Sirni bulchiinsa mootota durii tokko tokko nama ajaa'iba.Har'a waa'ee sirna bittaa mootummaa roomaa fkn irraa baratamu tokko wajjin ilaalla.Mootonni durii baay'een isaanii namni lubbuu balleesse lubbuun isaa haa badu
Ija Kan balleesse ijji isaa haa badu,
Gatiin lubbuu lubbuu , gatiin ijaa ija adabbii jedhu kennuudhaan beekamu.
Mootiin Romaa durii tokko garuu Nama Nama ajjeese,reeffa namichaa ajjeefame Sanaa namicha ajjeese baachisuudhaan adaba.
Kunis Kan halkan tokkoo, torbee tokkoo ,ji'a tokkoo ykn waggaa tokkoo osoo hin taane ummurii isaa guutuu reefficha baatee jiraata.
Kana jechuun yoo nyaatu,yoo rafu,yoo hojjetu,yoo sochii kamiifi hojii kamii hojjetu reefficha baatee socho'a malee lafa kaawwatee boqochuun hin jiru.

Namichi reeffa baatu kun carraa 2 qaba.
Tokko yoo hamma reeffi kun harkatti raamma'ee gogee harca'utti dandamatee irraa hafe carraa jiraachuu qaba.
Yoo dandamachuu dadhabee ba'aa reeffichaa fi foolii reeffi sun kennu irraa hafuu dadhabee ittiin miidhame carraa du'uu qaba jechuudha.

👇
Waaqayyoo ba'aa guddaa lubbuu fi hafuurri keenya hamma dhumaa fi du'aatti baattee Akka jiraattuuf itti fe'e tokkotu Jira.Innis foon keenyadha.Foon kun hafuura keenya Lola, hafuurri keenya du'e taanaan keessa darbee lubbuu keenya qilee buusa. '...fedha foonii isa lubbuu keessan lolu irraa fagaadhaa!" 1phex2:11.
Egaa akkuma namicha reeffa baatee jiraachuun itti faradame Sanaa carraa lama qabna.Tokko Yoo fedha foon keenyaa hafuura waaqayyoon mo'annee ajjeefne in jiraanna.Lama Yoo Akka fedhaa fi hawwii foon keenyaatti Yoo jiraanne garuu du'uun keenya beekamaadha.
👉"Akka fedha fooniitti yoo jiraattan du'uun keessan beekamaa dha, hafuuraan hojii namummaa keessan isa foonii yoo ajjeeftan garuu in jiraattu."rom8:14
Otuu hin du'iin du'i!

Maddi...Fbfk..

✍️ Maxxansa hafuuraa barsiisoofi Beekumsa waliigalaa yoo barbaadde 👉🏿Guta N Ayansa page follow godhi # share godhi

 ?  waliigalaaf;1.Gosti midhaanii dursee beekame atara.2.Kibba chaayinatti shaayii mi'eessuuf sukkaara osoo hin taane so...
25/06/2026

?
waliigalaaf;

1.Gosti midhaanii dursee beekame atara.

2.Kibba chaayinatti shaayii mi'eessuuf sukkaara osoo hin taane soogidda fayyadama.

3.halluun magariisa yoo tahu erga keemikaalli itti dabalameen booda gurraacha'a.

4.Jaarman keessatti sareen hundi taargaa(lakkoofsa gabatee) qabdi.

5.Addunyaa irraa biyyi mana poostaa baay'ee qabdu hindiidha.

6.Maallaqni kan tolfamu waraqaa osoo hin taane jirbii fi naayiloonii irraayyu.

7.Waraana addunyaa 2ffaa irratti biyyoota 52tu hirmaate.

8.Rifeensi namaa bona caala waqtii gannaa daddafee guddata.

9.Giriikonni jecha dimookiraasii jedhu waggaa 2500 dura fayyadamuu jalqaban.Ta'uus Biyyoota dimookiraasii dhabuun rakkatan keessaa Giriikiin ishee tokko.

10.Dubartoonni Gibtsii durii umrii isaanii tokko jedhanii kan lakkoowwatan gaafa heerumanii ka'aniiti.

11.Namoota lootoriin baheef ulfaatinni isaanii sa'aatii 24 keessatti dabala.

12.Dooniin Faardinaand Maajelaan ittiin lafatti naanna'e jedhamti.

13.Addunyaa irraa guyyaatti namoota 259,200tu du'a.

14.Namni makiinaa uffataa uume,uffata dhabee du'e.

15.Daadhiin wayiinii xiqqeessanii yoo dhugan dhukkuba onnee fi ujummoo dhiigaa ni ittisa.

16.Namoonni hedduun kan du'an naannawaa guyyaa dhaloota isaaniiti.

17.Xiyyaarri Booyingii 787 yeroo jalqabaaf kan balali'uu eegale 7/8/2007 ykn 7/8/07ture.

18.Jechi ingiliffaa jedhu hiikaawwan 463 ol qaba.

19.Mootummoonni Ameerikaa harka namaatti ajjeefaman hundi guyyaa jimaataa ajjeefaman.

20.qorattoonni xiinsammuu akka jedhanitti namni yeroo sobu fuula gara bitaatti naanneessa ykn gara samii ilaala.

Guta N Ayansa page follow tolchi

Maddi: Ye Ewuket Mahder volume 1

Address

Addis Ababa

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Guta N Ayansa page posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Business

Send a message to Guta N Ayansa page:

Shortcuts

Share