19/09/2026
Sudaan Kibbaan, “Masrii Hin Sodaanu” Jechuun, Laga Abbayyaa Aadii Irratti Hidha MW 1,800 Ijaaruuf Murteessite.
Oduu Waliif TV | Fulbaana 19, 2026 | Finfinnee
Sudaan Kibbaan Laga Abbayyaa Aadii irratti Hidha Fuulaa, dandeettii humna elektirikii meegaawaat 1,800 maddisiisuu qabu ijaaruuf qophii cimaa taasisaa jiraachuu beeksifte.
Mootummaan Sudaan Kibbaa, pirojekticha raawwachuuf dhiibbaa yookiin soda gama Gibxiitiin dhufu kamiyyuu akka hin sodaanne ibseera.
Ministirri Anniisaa fi Hidhaalee Sudaan Kibbaa, Agook Maakuur, “Masrii hin sodaanu; Hidha Fuulaa qabeenya keenya irratti ni ijaarra” jechuun kutannoo mootummaa biyyattii ifa godhaniiru.
Akka Ministirri Agook Maakuur ibsanitti, Mana Maree Ministiroota Biyyoota Sulula Laga Abbayyaa keessatti, hidhaalee biyyoonni sulula Abbayyaa irratti ijaaruuf karoorfatan ilaalchisee murtoon waliigalaa darbeera.
Akka isaan jedhanitti, sulula Laga Abbayyaa keessatti hidhaaleen gara 34 ta’an ijaaramuuf karoorfamaniiru. Hidhi Fuulaa Sudaan Kibbaan ijaaruuf karoorfatte immoo hidhaalee kanneen keessaa isa tokko dha.
Ministirichi, biyyoonni miseensa Mana Maree Ministiroota Sulula Laga Abbayyaa hidha kana irratti mormii akka hin qabne, Masriin qofti garuu biyyoonni sulula Laga Abbayyaa keessa jiran hidha kamiyyuu akka hin ijaarranne mormaa jirti jechuun ibsaniiru.
“Masrii hin sodaanu; hidha keenya qabeenya keenya irratti ijaaruuf karoorfame waan ta’eef ni ijaarra,” jechuun Ministirri Agook Maakuur kutannoo mootummaa Sudaan Kibbaa mirkaneessaniiru.
Ministirri Anniisaa fi Hidhaalee Sudaan Kibbaa, Agook Maakuur, miidiyaalee biyya keessaa fi idil-addunyaatiif ibsa kennaniin, Sudaan Kibbaan biyyoota Laga Abbayyaa Aadii waliin qooddatan keessaa tokko taatee, qabeenya bishaanii ishee misoomaaf fayyadamuuf mirga akka qabdu ibsaniiru.
Akka Ministeerri Anniisaa fi Hidhaalee biyyattii ibsutti, Sudaan Kibbaan yeroo ammaa hanqina humna elektirikii cimaa keessa jirti.
Biyyattiin, humna elektirikii maddisiisuu dandeessu keessaa gara dhibbeentaa tokko qofa fayyadamaa jirti.
Haalli kunis lammiilee miliyoonaan lakkaa’aman tajaajila elektirikii amanamaa malee akka jiraatan taasiseera.
Hidhaan Fuulaa naannoo Niimulee jedhamutti, Laga Abbayyaa Aadii irratti kan ijaaramu yoo ta’u, yeroo xumuramutti MW 1,800 humna elektirikii maddisiisuu danda’a jedhameera.
Pirojektichi yoo milkaa’e, fedhii humna elektirikii Sudaan Kibbaa guutuu bira darbuun, humna elektirikii dabalataa biyyoota ollaa irratti dabarsuu fi gurguruuf carraa uumuu danda’a.
Kunis industirii, invastimantii, daldalaa fi guddina diinagdee biyyattii cimsuuf gahee olaanaa qabaachuu danda’a.
Ministirri Agook Maakuur, Sudaan Kibbaan qabeenya bishaanii ishee fayyadamuun misooma biyya ishee saffisiisuuf mirga qabdi jechuun, dhiibbaa alaa irraa kan ka’e pirojekticha irraa duubatti akka hin deebine ibsaniiru.
Gama biraatiin, Gibxiin dhimma Laga Abbayyaa Aadii irratti nageenya bishaanii fi mirga fayyadamaa ishee ilaalchisee yaaddoo yeroo dheeraaf ibsaa turte.
Kanaaf, Sudaan Kibbaan hidha guddaa Laga Abbayyaa Aadii irratti ijaaruuf kutannoo qabaachuu ishee beeksisuun, biyyoonni laga sana waliin qooddatan qabeenya bishaanii isaanii misoomaaf fayyadamuuf qaban irratti mariin siyaasaa fi dipilomaasii akka itti fufu agarsiisa.
Hidhaan Fuulaa Itoophiyaafis ergaa bal’aa qaba. Kunis biyyoonni Laga Abbayyaa Aadii waliin qooddatan qabeenya bishaanii isaanii fayyadamuun humna elektirikii maddisiisanii, misooma diinagdee isaanii cimsuu akka barbaadan agarsiisa.
Akkasumas, dhimma Laga Abbayyaa Aadii irratti mariin biyyoota qarqara laga sanaa gidduutti haqa, walqixxummaa fi faayidaa waliinii irratti hundaa’uu akka qabu yaada cimsuu danda’a.
Haa ta’u malee, akka Mootummaa Sudaan Kibbaa ibsutti, Hidhaan Fuulaa Gibxii irraa bishaan hir’isuuf kan qophaa’e miti.
Kaayyoon isaa inni guddaan rakkoo humna elektirikii Sudaan Kibbaa furuun, misooma fi guddina diinagdee biyyattii deeggaruu dha.
Sudaan Kibbaan ejjennoo ishee ifa gootee, “Hidha keenya ijaaruuf homaa hin sodaanu” jechuun, qabeenya bishaanii ishee misoomaaf fayyadamuuf kutannoo qabaachuu fi dhiibbaa alaa irraa duubatti akka hin deebine jabeessitee beeksifte jirti.
Odeeffannoowwan dabalataa kanneen biroo argachuuf👇
Facebook- www.facebook.com/WALIIFTV
Youtube- www.youtube.com/
Telegram- https://t.me/waliiftvofficial
Tiktok- www.tiktok.com/
WhatsApp-https://whatsapp.com/channel/0029Vb2IYuXE50UolYA1Up3j
Waliif TV Ilaalcha Haaraa