Waliif TV

Waliif TV Waliif TV is an energetic and innovative media platform. Our visitors, listeners, and readers are the pillars of our work.
(3)

Biyyee fi simintoo walitti makuun mana istaandaardii ijaaruuf qorannoon xumuramee rakkoo ijaarsa manaa ni fura jedhame.O...
11/01/2026

Biyyee fi simintoo walitti makuun mana istaandaardii ijaaruuf qorannoon xumuramee rakkoo ijaarsa manaa ni fura jedhame.

Oduu Waliif TV (Amajjii 11/2026) Finfinnee

📍Inistiitiyuutiin Manaajimantii Konistiraakshinii Itiyoophiyaa Yuunivarsiitii Haroomayaa waliin ta’uun biyyee naannoo Hararii, Dire Dawaa fi Jigjigaatti ijaarsa manaaf qopheessuu irratti qorannoon gaggeeffame xumuramuu beeksise.

🏗 Qorannoon kun ulaagaalee injinariingii hunda guutee laaboraatoorii keessatti mirkanaa'uu isaa kan himame yoo ta'u, yeroo ammaa tarsiimoo "Furmaata Rakkoo Naannoo Biyya Keessaa" jedhuun raggaasifama dhumaa argachuuf mari'atamaa jira jedhameera.

🏠 Baasii ijaarsaa hir’isuun ijaarsi guutummaatti simintoo irratti akka hin hirkatamne gochuun rakkoo ijaarsa manaa jiraattota magaalaa Hararii, Dire Dawaa fi Jigjigaa miliyoona 6 ol ta’an furuuf furmaanni dhiyaateera jedhameera.

Odeeffannoowwan dabalataa kanneen biroo argachuuf
Youtube-https://www.youtube.com/
https://www.youtube.com/
WhatsApp-https://whatsapp.com/channel/0029Vb2IYuXE50UolYA1Up3j Tiktok:https://www.tiktok.com

Ameerikaan Siiriyaa rukutteOduu Waliif TV ( Amajjii 11/2026) FinfinneeAmeerikaan haleellaa xiyyaaraa guddaa garee ISIS j...
11/01/2026

Ameerikaan Siiriyaa rukutte

Oduu Waliif TV ( Amajjii 11/2026) Finfinnee

Ameerikaan haleellaa xiyyaaraa guddaa garee ISIS jedhamu kan Siiriyaa keessatti raawwatteetti.

Waashingitan haleellaan kun ajjeechaa loltoota Ameerikaa ji’a darbe Siiriyaa Paalmaayiraa keessatti raawwatameef haaloo ba’uuf akka ta’e ibsiteetti.

Ajajni Giddugaleessaa Ameerikaa haleellaa xiyyaaraa bal’aa ISIS irratti raawwachuu ibseera.

Ajajni Giddugaleessaa Ameerikaa itti dabaluudhaan, meeshaaleen waraanaa ISIS itti fayyadamaa turan, duula Tiraampiin durfamu, Opireeshinii Hawkeye jedhamuun moggaafame keessatti barbadaa’uu ibseera.

Qondaaltonni Waashingitan tarkaanfiin ISIS irratti fudhatame gareen kun gara fuulduraatti haleellaa hamaa akka isa mudatu akeekkachiisa ta’uu ibsaniiru.

ISIS fi gareewwan biroo haleellaan humnoota Ameerikaa fi michoota isaanii irratti raawwatamu bu’aa hamaa akka fidu beekuu qabu jechuun Ajajni Giddugaleessaa fuula X isaa irratti ibseera.

Gaazexaan Times of India gabaase.

Odeeffannoowwan dabalataa kanneen biroo argachuuf
Youtube-https://www.youtube.com/
https://www.youtube.com/
WhatsApp-https://whatsapp.com/channel/0029Vb2IYuXE50UolYA1Up3j Tiktok:https://www.tiktok.com

🇿🇦 Afrikaa Kibbaa – Bulchiinsa Mpumalangaatti Argannoo Kaanaabis GuddaaOduu Waliif TV ( Amajjii 10/2026) FinfinneeBulchi...
10/01/2026

🇿🇦 Afrikaa Kibbaa – Bulchiinsa Mpumalangaatti Argannoo Kaanaabis Guddaa

Oduu Waliif TV ( Amajjii 10/2026) Finfinnee

Bulchiinsa Mpumalangaatti, naannoo qonnaa Buffelspruit jedhamu, qarqara lagaa magaalaa Malelanetti, baala sammuu namaa hadoochu (Kaanaabis) guddaan argamuu isaa Tajaajilli Poolisii Afrikaa Kibbaa beeksiseera.

Akka ibsa poolisii irraa odeeffannoon argameetti, kaanaabis kun gatii isaa Raandii miiliyoona 2.9 (Doolaara Ameerikaa 175,765)tti tilmaamama. Argannoon kun bakka qarqara lagaa irratti seeraan alaan qotamee turetti kan argame ta’uu ibsameera.

Poolisiin akka jedhetti, argannoon kun daddabarsa fi oomisha qoricha sammuu namaa hadoochu seeraan alaa ittisuuf tarkaanfii guddaa ta’ee ni tajaajila. Kunis tattaaffii mootummaa fi poolisii Afrikaa Kibbaa yakka qoricha sammuu namaa hadoochu irratti fudhataa jiran cimsee kan mul’isu ta’uu poolisii ibseera.

📺 Odeeffannoowwan dabalataa kanneen biroo argachuuf
Youtube-https://www.youtube.com/
https://www.youtube.com/
WhatsApp-https://whatsapp.com/channel/0029Vb2IYuXE50UolYA1Up3j Tiktok:https://www.tiktok.com

Daandiin Baaburaa Hindii wiirtuu daataa haaraa Ministeera Dhimma Alaa Itoophiyaaf ijaaruufiOduu Waliif TV ( Amajjii 10/2...
10/01/2026

Daandiin Baaburaa Hindii wiirtuu daataa haaraa Ministeera Dhimma Alaa Itoophiyaaf ijaaruufi

Oduu Waliif TV ( Amajjii 10/2026) Finfinnee

🇪🇹🇮🇳 Inistiitiyuutiin teeknooloojii mootummaa Indiyaa Ministeera Dhimma Alaa Hindii waliin waliigaltee mallatteessee ijaarsa wiirtuu daataa kanaa waggaa tokko keessatti akkaa xumuruu beeksise.

Inistiitiyuutichi waggoota sadan dhufaniif tajaajila suphaa fi hojii kennuufis walii galeera, kunis giddugalichi tajaajila addaan hin cinne akka itti fufu kan taasisu ta’a.

👉 Pirojektichi tarsiimoo "Digital Ethiopia" galmaan ga'uufi sirna bulchiinsa odeeffannoo ministeerichaa ammayyeessuuf gargaara jedhameera.

Odeeffannoowwan dabalataa kanneen biroo argachuuf
Youtube-https://www.youtube.com/
https://www.youtube.com/
WhatsApp-https://whatsapp.com/channel/0029Vb2IYuXE50UolYA1Up3j Tiktok:https://www.tiktok.com

Sirni Teessoo Dijitaalaa Magaalota Saddeet Keessatti Hojiirra OoleOduu Waliif TV ( Amajjii 10/2026) Finfinnee📍Inistiitiy...
10/01/2026

Sirni Teessoo Dijitaalaa Magaalota Saddeet Keessatti Hojiirra Oole

Oduu Waliif TV ( Amajjii 10/2026) Finfinnee

📍Inistiitiyuutiin Saayinsii Hawaa fi Ji’oospashiyaal Itiyoophiyaa sirna teessoo dijitaalaa magaalota Adaamaa, Harar, Jimmaa, Debre Berhan, Baahir Daar, Gondar, Kombolchaa fi Bishooftuutti guutummaatti hojiirra oolchuu beeksise.

🔜 Misoomni sirnichaa xumuramee yeroo ammaa yaaliin dirree irratti gaggeeffamaa kan jiru yoo ta'u, yeroo dhiyootti eegalamee jiraattotaa fi daawwattootaaf tajaajila ni kenna jedhamee eegama.

🤳Inistiitiyuutichi tajaajila kanaaf appilikeeshiniin moobaayilaa fooyya'aa ta'e yeroo dhiyootti fayyadamtootaaf akka dhiyaatu beeksiseera.

Odeeffannoowwan dabalataa kanneen biroo argachuuf
Youtube-https://www.youtube.com/
https://www.youtube.com/
WhatsApp-https://whatsapp.com/channel/0029Vb2IYuXE50UolYA1Up3j Tiktok:https://www.tiktok.com

Ijaarsi Buufata Xayyaaraa Idiladdunyaa Bishooftuuf eegalame.Oduu Waliif TV ( Amajjii 10/2026) FinfinneeMinistiirri Muumm...
10/01/2026

Ijaarsi Buufata Xayyaaraa Idiladdunyaa Bishooftuuf eegalame.

Oduu Waliif TV ( Amajjii 10/2026) Finfinnee

Ministiirri Muummee Itoophiyaa Abiy Ahmad ijaarsa Buufata Xayyaaraa Idiladdunyaa Bishooftuu dhakaa bu'uuraa kaa'uun har'a ifatti jalqabsiisan.

MM Abiy qondaalota olaanoo waliin bakkichatti argamuun dhakaa bu'uuraa kan kaa'an yoo ta'u, buufanni xayyaaraa ijaarsi isaa ifatti eegale kun Itoophiyaan balbala geejjiba qilleensaa filatamaa akka taatu gochuuf kan kaayyeeffate ta'uu ibsan.

Fuula miidiyaa hawaasaa isaanii irratti akka ibsanitti, Bufanni Xayyaaraa Idiladdunyaa Bishooftuu ijaarsi isaa har'a ifatti eegale kun Afrikaarraa pirojektii misooma geejjiba qilleensaa isa guddaadha.

Buufanni xayyaaraa idiladdunyaa kun magaalaa Finfinneerraa km 40 irratti kan argamtu Bishooftutti kan ijaaramu yoo ta'u, ijaarsi isaa gulantaan jalqabaa yeroo xumuramu waggaatti imaltoota miliyeena 60 simata jedhame.

Ijaarsi Buufata Xayyaaraa Idiladdunyaa Bishooftuu kun guutummaatti gaafa xumuramu, Itoophiyaa qofa osoo hin taane Afrikaan buufataalee geejjiba qilleensaa filatamoo ta'an keessaa tokko akka ishee taasisu ibsan MM Abiy Ahmad.

Dabaluunis, ijaarsi buufata xayyaaraa kun gaafa xumuramu waggaatti imaltoota miliyeena 110 simachuuf dandeettii akka qabaatus himan.

MM Abiy ijaarsa Buufata Xayyaaraa Idiladdunyaaf dhakaa bu'uuraa yeroo kaa'an, Misntiira Muummee Ittaanaa Tamasgeen Xurunaa, Afa-yaa'ii Mana Maree Bakka Bu'ootaa kan ta'an Taaggasaa Caafoo, Hoji Gaggeessaa Daandii Qilleensa Itoophiyaa kan ta'an Masfin Xaasawufi qondaalonni olaanoon mootummaa biroonis argamaniiru.

Buufata xiyyaara idil-addunyaa kun Bishooftuu naannoo Abbuuseeraa jedhamutti kan ijaaramu yoo ta'u, ijaarsa kanaaf abbootiin qonaan bultoonni 2,500 akka kaafaman Daandiin Qilleensa Itoophiyaa himee ture

Odeeffannoowwan dabalataa kanneen biroo argachuuf
Youtube-https://www.youtube.com/
https://www.youtube.com/
WhatsApp-https://whatsapp.com/channel/0029Vb2IYuXE50UolYA1Up3j Tiktok:https://www.tiktok.com

Yaa'iin Gadaa Sikkoo Mandoo Gaggeeffamaa jiraOduu Waliif TV ( Amajjii 10/2026) FinfinneeYaa'iin Gadaa Arsii Sikkoo Mando...
10/01/2026

Yaa'iin Gadaa Sikkoo Mandoo Gaggeeffamaa jira

Oduu Waliif TV ( Amajjii 10/2026) Finfinnee

Yaa'iin Gadaa Arsii Sikkoo Mandoo Dhaddacha Heeroo deebisanii dhaabuu Godina Baalee Bahaa Aanaa Laga Hidhaa Dhaddacha Heerootti geggeeffamaa jira.

Oromoon Arsii Sikkoo Mandoo Yaa'a Dhaddacha Guutaa irratti gaggeeffateen Dhaddachoonni Gadaa Sikkoo Mandoo 20'n akka deebi'aniif murtee dabarsee ture.Qaama murtee kanaa kan ta'e dhaddacha hangafa dhaddacha Heeroo deebisuuf guyyaa har'aa fi boruu yaa'a Gadaa geggeessaa jira.

Yaa'a Gadaa kanaanis abbootiin Gadaafi hayyonni qoraa murtiin luba Gadaa shanan dhaddacha Heerootti deebisuun heerri uumee ganamaa kan caqafamu tahuun ibsamee jira.

Odeeffannoon kan BKOtti

Odeeffannoowwan dabalataa kanneen biroo argachuuf
Youtube-https://www.youtube.com/
https://www.youtube.com/
WhatsApp-https://whatsapp.com/channel/0029Vb2IYuXE50UolYA1Up3j Tiktok:https://www.tiktok.com

🛰 Itiyoophiyaan Saatalaayitii Sadaffaa ET-RSS2 Bara 2019 Gara Hawaa Furguggisuuf  🇪🇹Oduu Waliif TV ( Amajjii 10/2026) Fi...
10/01/2026

🛰 Itiyoophiyaan Saatalaayitii Sadaffaa ET-RSS2 Bara 2019 Gara Hawaa Furguggisuuf 🇪🇹

Oduu Waliif TV ( Amajjii 10/2026) Finfinnee

Saatalaayitiin ET-RSS2 suuraa qulqullina olaanaa kan qabu ergu, odeeffannoo guddina dinagdee, qonnaa, qabeenya uumamaa, misooma magaalaa fi too’annoo balaa uumamaa irratti murteessaa ta’e ni kenna. Akkasumas umrii tajaajilaa waggaa shanii qabaata jedhameera.

Daarektarri Olaanaa Inistiitiyuutii Saayinsii Hawaa fi Ji’oospaashiyaal Itiyoophiyaa Obbo Abdiisaa Yilmaa, kun mul’ata biyyattiin damee teeknooloojii hawaa irratti qabdu daran kan cimsu ta’uu ibsaniiru.🚀

Odeeffannoowwan dabalataa kanneen biroo argachuuf
Youtube-https://www.youtube.com/
https://www.youtube.com/
WhatsApp-https://whatsapp.com/channel/0029Vb2IYuXE50UolYA1Up3j Tiktok:https://www.tiktok.com

Waancaa Biyyoota Afrikaa: Lumumbaan Morokootti nagaa dhaameOduu Waliif TV (Amajjii 9/2026) FinfinneeLammiin Koongoo Mish...
09/01/2026

Waancaa Biyyoota Afrikaa: Lumumbaan Morokootti nagaa dhaame

Oduu Waliif TV (Amajjii 9/2026) Finfinnee

Lammiin Koongoo Misheel Kuukaa Mbolaadiingaa, maqaa Maasoo Lumumba jedhamuun moggaafame, waancaa Afrikaa irratti Morookoo nagaa dhaamaniiru.

Biyyi isaa Rippabilikni Dimookiraatawaa Koongoo dorgommii kanarraa yoo baatellee Lumumbaan Seenaa hin dagatamne dhiisee deeme.

Mul'anni inni istaadiyeemii keessatti callisee dhaabatee, akka siidaa Ta'un tapha kana ilaalu, mul'ata deeggartoota waancaa Afrikaa keessaa isa beekamaa ta'eera.

Lumumbaan nama jaalallee kubbaa miilaa qabu qofa osoo hin taane, jaalala biyyaa fi amanamummaa qulqulluu bakka bu'u akka danda'u seenaa Isaa ni Himaa.

Sabboonummaan isaa kubbaa miilaa irra darbee humna kutannoo fi boonsa sabaa tahu yaadachiisa jedhameera.

Odeeffannoowwan dabalataa kanneen biroo argachuuf
Youtube-https://www.youtube.com/
https://www.youtube.com/
WhatsApp-https://whatsapp.com/channel/0029Vb2IYuXE50UolYA1Up3j Tiktok:https://www.tiktok.com

🇪🇹 Itiyoophiyaan waggoota shanan darbanitti muuzii fi avokaadoo al-ergii irraa Doolaara miiliyoona 38 ol argatteettiOduu...
09/01/2026

🇪🇹 Itiyoophiyaan waggoota shanan darbanitti muuzii fi avokaadoo al-ergii irraa Doolaara miiliyoona 38 ol argatteetti

Oduu Waliif TV ( Amajjii 9/2026) Finfinnee

Walumaagalatti oomishni muuzii fi avokaadoo toonii kuma 91 fi 320 ta’u, baayyinaan gara Jibuutii, Somaaliyaa fi Baha Giddu Galeessaatti ergamuu Ministeerri Qonnaa beeksise.

Oomisha muuzii toonii kuma 72 fi 599 galii Doolaara miiliyoona 25 argateera. Oomisha avokaadoo toonii kuma 18 fi 721 galii Doolaara miiliyoona 13.7 argateera.

Omisha avokaadoo daran guddisuuf mootummaan roodmaappii misooma avokaadoo biyyoolessaa waggaa 15 qopheessee hojiirra oolchuu isaa Ministeera Qonnaa himeera.

Odeeffannoowwan dabalataa kanneen biroo argachuuf
Youtube-https://www.youtube.com/
https://www.youtube.com/
WhatsApp-https://whatsapp.com/channel/0029Vb2IYuXE50UolYA1Up3j Tiktok:https://www.tiktok.com

Koomishiniin Poolisii Federaalaa meeshaa sochii meeshaa waraanaa seeraan alaa itti to’atu argate Oduu Waliif TV (Amajjii...
09/01/2026

Koomishiniin Poolisii Federaalaa meeshaa sochii meeshaa waraanaa seeraan alaa itti to’atu argate

Oduu Waliif TV (Amajjii 9/2026) Finfinnee

Koomishiniin Poolisii Federaalaa Itoophiyaa dhaabbata Chaayinaa Woodaa Meetaal Injinariingi jedhamu irraa meeshaa mallatoo carallaan agarsiisu (Laser Marking Machine) argachuu beeksise.

Kaleessa Amajji 08, 2026 sirna walharkaa fuudhiinsaa taasifame irratti Koomishinarri Koomishinii Poolisii Federaalaa Dammallaash Gabramikaa’el, walitti dhufeenyi diiploomasii biyyoota lameenii tumsa gama maraan wal bira dhaabbachuutti cehee jira jedhan.

Koomishinar Janaraal Dammallaash meeshaa kana meeshaa kana hoogganaa kutaa nageenyaa kan dhaabbatichaa Andii Lii irraa kan fuudhan yoo ta’u, wayita kanas deeggarsa kanaaf galata dhiyeessanii jiran.

Gargaaraa koomishinar Zakkaariyaas Yirgaalam; Hoogganaan Kutaa eyyama meeshaa waraanaafi dhaabbilee eegumsaa kan Poolisii Federaalaa, meeshaan gargaarsaan argame kun meeshaa waraanaa akka biyyatti jiran galmeessuuf kan oolu ta’uu eeranii, meeshaalee waraanaa seeraan alaa to’achuuf akkasumas seera qabeessaan eyyama kennuufis barbaachisaadha jedhan.

Aangawaan Woodaa Meetaal Injinariingi Andii Lii dhaabbileen Chaayinaa tumsa eegumsaa Poolisiin Federaalaa taasisaa jiruuf galateeffatanii, egeris tumsi walfakkaataan itti fufa jedhanii jiran.

Odeeffannoowwan dabalataa kanneen biroo argachuuf
Youtube-https://www.youtube.com/
https://www.youtube.com/
WhatsApp-https://whatsapp.com/channel/0029Vb2IYuXE50UolYA1Up3j Tiktok:https://www.tiktok.com

African  Arbaa Guddaa akka Afrikaattii beekkamuu tokkoo dhabdee. Oduu Waliif TV ( Amajjii 8/2026) FinfinneeArbaa maqaan ...
08/01/2026

African Arbaa Guddaa akka Afrikaattii beekkamuu tokkoo dhabdee.

Oduu Waliif TV ( Amajjii 8/2026) Finfinnee

Arbaa maqaan isa Craig jedhanii yaamani biyyaa ollaa keenna Kenyaa Parkii Ambosali keessa jiraata, Gannaa isaa 54 dhibee Garaachaa/marrumaanii isa mudateen boqotee.

Craig bineensota African big jedhan keessa isa tokkoo yoo tahuu amalaa qabeessaaf baayyee namaattii kan dhiyaatuu jedhanii.
Craig abbeerota hedduu qabaachuullee dubbatanii. Turistootaaf fi qorattooti hedduun akka waan jaalii ykn hariyyaani isaanii boqoteettii gaddaa jiruu, Craig ilkii isii baayyee guddaa kan ta' eef ulfaatiina 90kg kan ta,uudha.

Ilkii kun Maallaqa America Dollar ÂŁ100'000 tilmaamu baasuu danda'aa jedhani. Mootumman Kenyaa Ilkii kun akka hin gurguramnee jedhaa. Ilkii kun National heritage museum keessattii galee dhaloof akka kahamuu jedhee jiraa.



Odeeffannoowwan dabalataa kanneen biroo argachuuf
Youtube-https://www.youtube.com/
https://www.youtube.com/
WhatsApp-https://whatsapp.com/channel/0029Vb2IYuXE50UolYA1Up3j Tiktok:https://www.tiktok.com

Address

Addis Abeba Lideta Street
Addis Ababa

Telephone

+251957009927

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Waliif TV posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Business

Send a message to Waliif TV:

Share

Category