12/12/2025
Godinni Baalee waa hundaan badhaatuudha.
Baalee Barbaree: Holqi Nuuree Dalloo Iddoo Tuurizimii Adda Ta’ee Beekama
Muddee 3/2018- Godina Baalee Aanaan Barbaree, iddoowwan hawwata tuurizimii hedduun beekamtu keessaa tokko taatee kan jirtu yoo ta’u, iddoo bashannanaa fi aadaa of keessaa qabuun namoota hedduu hawwataa jirti.
Iddoowwan hawwata tuurizimii aanaa kana keessatti argaman keessaa:
Holqa Nuuree Dalloo Ganda Leedii Ceekaa,
Holqa Soof-Umar Ganda Burqituu fi Ganda Gabee/Hanfataa,
Holqa Kosee Ganda Baadmannaa,
Gaara Muusichoo Ganda Awaash Qolaatii,
Fincaa’aan Waari’ee Ganda Waltaii Barbaree,
Holqa Boora Galmoo Ganda Haroo Dumaal,
Bosona Shanii Oo’ituu Ganda Waltaii Darasaa,
Holqa fi Gaara Sawweena Ganda Hamballa Baadiyaa,
Ardaa Jilaa Malkaa Olkaa Ganda Haroo Naannoo,
Iddoo Irreesaa fi Fincaa’aan Harawaa Magaalaa Harawaa Aanolee keessatti argamu.
Kana malees, Laggeen Dumaal, Awaas, Hamballa, Aanolee, Goraa, Burqaa, Baddanichoo fi Bowwee akkasumas bosonoota fi bineensota bosonaa garaagaraa tuurizimii naannichaa cimsuu keessatti shoora olaanaa qabu.
Holqi Nuuree Dalloo — Iddoo Har’a Xiyyeeffannoon Itti Kennamu
Holqi Nuuree Dalloo Finfinnee irraa kiiloomeetira 506, magaalaa Roobee irraa 72 fi magaalaa Haroo Dumaal irraa kiiloomeetira 27 fagaattee, kallattii kaaba bahaa ganda Leedii Ceekaa keessatti argama. Holqichi kan beekamu bifa addaa, seenaa aadaa fi uumama ajaa’ibaatiin.
Holqichi balbala hedduu kan qabu yoo ta’u, keessa isaa seenuun iddoo galma fakkaatu, utubaalee gadi siqanii lafa hin tuqne warqii fakkaatanii ifan, bishaan ciisaa fi fincaa’aawwanii garaagaraa arguun ni danda’ama. Ummanni naannoo fi naannawaa biraa irraa dhufan ammoo sirna aadaa isaanii akka Muudaa holqa kana keessatti geggeessaa turan ragaan ni mul’isa.
Gama birootiin holqichi bosona uumamaatii fi bineensota bosonaa hedduun marfamee kan jiru yoo ta’u, kunis tajaajila tuurizimii naannoo kanaa daran guddisa.
Waamicha Kunuunsaa fi Hirmaannaa Uummataa
Ummanni iddoowwan hawwataa akkanaas ni kunuunsuu, ni tiksee dhaloota itti aanutti dabarsuu qabu jedhamee kan amanan yoo ta’u, kunis aadaa, seenaa fi qabeenya uumamaa eegsisuu keessatti murteessaadha.
Bulchiinsi aanaa fi godinaas iddoolee hawwataa kana misoomsuun, tajaajila bu’uuraalee turizimii fooyyessuun fi bu’aa hawaas-diinagdee dabaluun xiyyeeffannoo olaanaa kennuuf hojjetamaa jiru.