Deacon Ebinaf Abera

Deacon Ebinaf Abera ANA WAJJIN GUDDINA WAAQAYYOO ODEESSAA. Far 34:3. Electro Technology engineering smart person

Mootummaan Waaqayyoo isinitti dhi'aateera🙌Luq 10:9✍Galgala sa'atii 3:00 irratti karaa tiktok.com/ nu eegaa.Hiriyyoota ke...
20/08/2026

Mootummaan Waaqayyoo isinitti dhi'aateera🙌
Luq 10:9✍
Galgala sa'atii 3:00 irratti karaa tiktok.com/ nu eegaa.
Hiriyyoota keessanis affeeraa.

‎✍️Jechoota  jalqaba Gabatee samii irratti Barreeffame.‎❤Jechootni kunis Faarfannaa Qulqulluu Daawwit 118/119  irratti k...
20/08/2026

‎✍️Jechoota jalqaba Gabatee samii irratti Barreeffame.

‎❤Jechootni kunis Faarfannaa Qulqulluu Daawwit 118/119 irratti kan argamuudha.
Akkasumas faaruu Ermiyaasii fi Kitaaba Seeyfi Sillaasee irratti Barraa'ee jira.Baay'inni jechoota kanas 22 dha.‎
✍️Jechootni kunis👇👇👇

‎1🔥.Aleef (አሌፍ):-jechuun Addunyaa kana Waan hin jirre irraa gara jiraachuutti kan fide(Uumee) jechuudha.


‎2🔥.Beet (በት):-Jechuun Waaqayyoo arjaa hundumaa jennuu danda'u jechuudha.

‎3🔥.Gaameel (ጋሜል):-Hiikoon isaa Waaqayyoo kan hin qoraatamne Waaqa Ajaa'ibsiisaa jechuudha.

‎4🔥.Daaleex (ዳሌጥ) :-Waaqayyoo Teessoo mootummaa isaatii irra barabaraan jiraataa jechuudha.

‎5🔥.Hee (ሄ) :-Waaqayyoo Tokkummaaf Sadummaa isaatiin Bara baraan kan jiraatuu jechuudha.

‎6🔥.Wahu (ዋሁ) :-Waaqayyoo Mootummaa isaatiin Taayitaa isaatiin Bulchiinsa isaatiin akkeenya isaatin tokkichaa jechuudha.

‎7🔥.Zaayi (ዛይ) :-Waaqayyoo Gochaa isaa hundaaf yaadatamee kan jiraatu Inni galateeffaamaa Uumaa hundaati jechuudha.

‎8🔥.Heeti (ሔጥ) :-Waaqayyoo mootummaan isaa kan hin jijjiiramne akkeenyi isaa kan hin dabarree jechuudha.

‎9🔥.Xeeti (ጥቲ) :-Waaqayyoo Oogummaa kan namaaf ibsu Oogeessotaa Ol-kan ta'e ogeessa jechuudha.

‎10🔥.Yood (ዮድ) :-Humna Qabeessaa fi jabaa jechuudha.

‎11🔥.Kaaf (ካፍ) :-Waaqayyoof kan dadhabamu hin jiru hundumaa gochuu nii danda'aa jechuudha.

‎12🔥.Laameed (ላሜድ) :-Waaqayyoo akkeenya isaatin qulqulluu kan ta'e Uumaa hundumaati jechuudha.

‎13🔥.Meem (ሜም) :-Waaqayyoo akkeenya isaatiin qulqulluu kan ta'e Uumaa hundumaamaati jechuudha.

‎14🔥.Noon (ኖን) :-Waaqayyoo Mootii Mootota Bulchaa Bulchitootaa kan ta'e Uumaa jechuudha.

‎15🔥.Saamkeet (ሳምኬት):-Waaqayyoo Uumaa hundumaa bitu jechuudha

‎16🔥.Ee (ኤ) :-Waaqayyoo isa Ulfaataa ta'e Guddaadha jechuudha.

‎17🔥.Fee (ፌ) :-Waaqayyoo Jaallatamaa Uumaadha jechuudha.

‎18🔥.Tsaadee (ፃዴ) :-Waaqayyoo Soba kan hin qabne Waaqa dhugaadha jechuudha.

‎19🔥.Qoof (ቆፍ):-Waaqayyoo Warra lapheen
‎Isaanii Cabee fi garraamootatti dhiyoodha.

‎20🔥.Rees (ሬስ):-Waaqayyoo Ulfinni isaa Uumamaaf kan ta'e jechuudha.

‎21🔥.Saan (ሳን) :-Waaqayyoo Hojii isaa hundumaan kan galateeffame jechuudha.

‎22🔥.Taawu (ታዉ) :-Waaqayyoo irraba kan hin qabne Dolloomuun kan isaaf hin malle Cimaa fi jabaa kan ta'e jechuudha.

‎Madda Jechoota kana Metsaafa melakat 1ffaa Lakk 6 fuula 19 Mac Kuf 5:-18

‎Irratti bal'inaan Barraa'ee jira.

‎መላከ ኤዶም ቆሞስ አባ ቲቶ ዘርሁን

‎Waan Dubbistaniif Galatoomaa

✍Dn Ebinaf Abera

Nama kan ta'e martuu kana haa dubbisu👨‍💻Obboloonni amantaa, aadaa, sanyii, biyya, ilaalcha garaa garaa keessa jirtan mar...
19/08/2026

Nama kan ta'e martuu kana haa dubbisu👨‍💻

Obboloonni amantaa, aadaa, sanyii, biyya, ilaalcha garaa garaa keessa jirtan maraaf🤌

Nama hunda tokko kan taasisu tokko jira...
Nuyi hundumti keenya uumaa dhaan uumamne.

Sanyiin keenyas tokko Abbaan keenya inni jalqabaa Addaam ykn Adam, haati keenya Hewaan ykn Hawa dha.
Akkas jechuun nuyi ijoollee abbaa tokkoo dhiiga tokko jechuudha.

Garaa garummaa aadaaf biyyaa, sanyii as dhiyoo ilaaluu hin qabnu. Nuyi jalqabarraa kaasnee ijoollee haadha tokkooti.

Icciitii garaa garuummaa bara kanaa hojii daabiloosi...

Musliimonniif Kiristaanonni nuyi obbolaa dhiigaati...

Sanyii gandaan wal qooduunis baay'ee hammaateera kunis hojii seexanaati.

Waaqayyoo ykn Allaahn wal ajjeesuu fi wal qoqqooduu dhaloota har'aa kanatti baay'ee gadda.

Quraannis ta'e Wangeelli wal qoqqoodinsaa fi wal ajjeesuu, wal jibbuu ni morma.

Maaloo yaa dhalootaa seexanni akkaataa itti hin beekamneen gara abidda bara baraatti dhaloota naqaa jira.

Maaloo obboloota ko barichi bara dhumaati, dammaqaa oduu qoqqoodinsaa fi hojii jallinaa yaada keessan keessaa baasaa...

Namuma isin cinaa jiru gorsaa gara yaada Waaqayyootti deebisaa.

Hadaraa Waaqayyoo ergaa kana sher utuu hin godhiin hin darbiin.

Maaloo deebi'aa...Oromoo, amaara, tigiree, sulxee, dabuub, guraagee...fi kkf sanyiima biyyaa lafaa kanarratti yeroo dhiyootti irraa dhalattaniin wal hin qoodiinaa.

Qiimii fi ijaa baafannaa of keessaa baasaa, gatii nama kamiiyyuu nama hundaaf kan kennu Uumaadha.

Maaloo Obboloota koo nagaa labsaa, jaalala labsaa, laphee dhiifamaa waliif qabaadhaa.

Biyya lafaan goomfamtanii du'a bara baraatti hin galiinaa.

Maaloo maaloo maaloo deebi'aa😭😭😭🤲🤲🤲

Gooftaan akkas jedhe "Raajonni baay'eenii fi warri jireenya qajeeltoo jiraatan isa isin argitan kana arguu akka kajeelan...
19/08/2026

Gooftaan akkas jedhe "Raajonni baay'eenii fi warri jireenya qajeeltoo jiraatan isa isin argitan kana arguu akka kajeelan, akka hin argin hafanis, waan isin dhageessanis dhaga'uu akka kajeelan, akka hin dhaga'in hafanis dhuguman isinitti hima”. Mat 13:17.

Isaayaas 7:14 irratti durbi durbummaan ni ulfoofti durbummaanis ni deessi jechuun eegalee, waa'ee dhiphina Ilma Waaqayyoo yeroo dubbatu, utuun bara sana jiraadhee argee jechuun raajiin Isaayaas hawwaa ture.

Bara araaraa kana arguuf qulqulloonni aarsaa hin dhiyeessine hin qaban, wareegama hedduus simataniiru.

Gaafa Iyyesus Beeteliheemitti dhalatu tiksitoonni dhufanii arguun gammadanii haadhasaa waliin galata dhiyeessaniiiru.
Sabaasegeloonnis fagoorraa dhufanii kennaaf galataan haadhasaa waliin daawwataniiru.
Ergamoonni samiirraas Waaqa isaanii haammannaa Durboo Maariyam keessatti arguun galateeffachuun faarfataniiru.

Dhaloonni bara kanaa hedduun garuu dhufaatii Ilma Waaqayyoo Iyyesuus Kiristoos edit gochaa oola (akka barbaadetti oliif gad hiree barsiisa)

Nuyi uumama harkasaati waan inni godhe hunda fudhachuu qabna.

Waan inni jaalate jaalachuu qabna, waan inni kabaje kabajuu qabna.

Waaqayyo kunoo qajeeltotasaa Musee fi Eeliyaas waamee Ulfinasaa argisiise...

Warri lafarra jiran isa beekuu waan hin dandeenyeef qulqullootasaa warra isa arguu dheebotan waame...

Warri harkasaarraa nyaatanii dhugan isa baruun isaanitti ulfaate, qulqulloonni garuu utuu isa hin argiin sagaleesaa qofa dhagahanii isa baran.

Har'a kunoo inni nutti mul'ateera sagalee isaas dhageenyeerra meeqan keenyatu isa beeka.

Utuu isa beeknee👉 Iyyesus Iyyesus jechaa haadhasaa hin salphisnu, haadhasaa hin arrabsinu ture. Innoo abboommii haadha keef abbaa keef ulfina kenni jedhu baaseera.

Addunyaan kun haadha ofii kabajachaa haadha Waaqayyoo salphisti😥

Addunyaan yakkamtoota addunyaa kana nagaa dhowwatan kabajaa, qulqulloota Waaqayyoof jecha gaarii dhabdi.

Dhaloonni har'aa kun akkasiin Waaqayyoon beekaaree?

Waaqayyo waaqa jaalalaati malee kan warra of tuulanii miti.

✍Dn Ebinaf Abera

Nuyi garuu, Kiristoos isa fannifame lallabna1Qor 1:23.
18/08/2026

Nuyi garuu, Kiristoos isa fannifame lallabna
1Qor 1:23.

18/08/2026

Mikaa'el eegaa koo🥰
Jedhii✍ darbi🙌

Icciitii raajotaaf Paasteroota bara kanaa😭 Xalayaa gaddisiisaa Paaster Chidubem Okwu paasterii Naayijeeriyaa Ergamaa (Ap...
18/08/2026

Icciitii raajotaaf Paasteroota bara kanaa😭

Xalayaa gaddisiisaa Paaster Chidubem Okwu paasterii Naayijeeriyaa Ergamaa (Apostle) maqaan isaa hin eeramneef barreessee fi Ergamaan sun ammoo dhuga baatii isaa miidiyaaf qoodeedha.

Kun iccitii raajonni bara dhumaa dinqii fi milikkita ittiin hojjetan waan ta'eef si fayyadaa obsaan dubbisi!

Maqaan koo Chidubem Okwu jedhama, ani paastarii dha, Kadunaatti waggaa 9'f waldaa koo keessatti barsiisaa mana barumsaa Sanbataan ture.

Bara 1999 waldaa tokko jalqabuun barbaade, garuu muuxannoowwan ani amma argadhe irraa dhugumatti waldaa kana jalqabuuf hafuura qulqulluunan geggeeffame jechuu hin danda’u.

Bara 2008 karaa hafuuraa fi qabeenyaan guddina tokkollee argisiisaa hin turre. Waldoota hedduu kan koo booda jalqaban argeera, isaan guddina agarsiisaa turan.

Namoota Waaqayyoo jedhamuun kanneen ni tajaajilla jedhan tokko tokko irraa of eeggachuu qabna, isaan keessaa gariin dhugumatti seexanaaf hojjetu.

Baayyee kan nama gaddisiisu isaan carraa lammaffaa qalbii jijjiirratanii fayyuu illee hin argatan.
Anis sababa Waldaan koo guddina agarsiisuu dideef haadha warraa koo waliin mariiyadheen hundeessaa waldaa tokkootti siquuf murteesse.

Kunis waldaa koo eegalee wagga torba booda ture. Dhiyaannaan koos akkamiin waldaan isaa akka guddatte muuxannoo fudhachuufi haala guddina dhabuu waldaa kootii ittiin mariiyachuuf ture.

Waldaan koo jalqaba miseensa 200 qaba ture, jidduutti gara nama 50 tti gadi xiqqate, achiin booda gara nama 150 tti deebi'ee ol guddate, dhumarra gara nama 40 tti gadi sigigaate. Kun waanta gaaffii guddaa natti ta'eedha.

Waldaan namichaa garuu guddina saffisaadha kaninni agarsiisu. Waldaa isaa kan jalqabe bara 2006 ture. Bara 2012 tajaajila Wixataa qofa irratti nama 11, 000 tu hirmaate.

Akkasuma namichi kun maallaqa guddaa kan argachaa tureef konkolaatawwan qaqqaalii hedduu jijijjiiree qabata.

Anis yaada koo isaaf qoodee jennaan na gargaaruuf waadaa naaf seene.

Humnaan guutamuun akka na barbaachisu, isa kana argachuuf ammoo maallaqni hammi ta'e akka na barbaachisu, akkasuma onnee guddaa fi cimaa qabaachuu akkan qabu na gorse.

Booda onnee jabaa gara jabummaan guute qabdaa jedhee na gaafate, anis eeyyee nan qaba garuu hanga lubbuu namaa baasuutti waan na geessu hin qabu jedheen deebiseef. Irra deebiin gara jabeessa taateettaa jedhee yeroo sadii na gaafate, anis deebii wal fakkaataan yeroo sadanuu deebiseef.

Ammas ittuma fufee humna qeenxee moo dachaa barbaadda jedhee na gaafate, anis isa kam wayya jedhee gaafannaan isa dachaa wayya garuu maallaqa guddaa si barbaada akkasumas humnicha kunuunsuu fi haaressuuf maallaqa si barbaada naan jedhe.

Yeroo kana anis sodaadheen kunuunsaa fi haaromsa humnichaaf maal akka na barbaachisu gaafadhe.

Innis homaa waan sodaattu hin qabdu, waanuman gochaa jiru goota naan jedhe. Anis dhaqeen haadha manaa koo irraa Naayiraa 350, 000 liqeeffadheen harka isaatti kenne.

Innis guyyaa itti aanutti akkan qophaa'uuf akkasumas Leegoos fi Poort Haarkoorti akka deemuu qabnu natti hime.

Anis qophaa'ee guyyuma sana Abujaa irraa gara Leegos balaliine. Leegoos geenyee mana keessummoota namoonni gurguddaan keessa jiran tokko buufanne.

Achii halkan keessaa sa'aatii 11:30 tti konkolaataa dhuunfaatiin gara qarqara galaanaa Bar deemne.

Qarqara galaanaa Bar yeroo geenyu namichi na geesse kun afaan hin beekamne dubbatee ture. Innis dubartiin tokko bishaan keessaa ba'uuf akka jirtuufi, waan isheen naan jette akkan godhu natti hime.

Utuunni afaan isaa irraa hin fixin dubartiin tokko guungumaa bishaan keessaa ol baate. Dubartiin bishaan keessaa baate kun "Mami-Wataa" jedhamti. Mami-Wataan maqaa giiftii galaanaa (queen of sea) jedhamuun beekamti.

(Eenyummaa Mami-Wataa) kutaa itti aanu keessatti isiniifan barreessa) Ilaatuun Waldaa bakka kana na geesse kun Mami-Wataan akka nan miine natti hime, yeroo ishee argitu hamilee godhadhu naan jedhe, anis akkasuman ta'e. Yeroo isheen bishaan gubbaa dhuftu kutaan qaama ishee inni gadii qurxummii fakkaata, garuu akkuma natti dhiyaachaa deemteen ija koo duratti nama natti fakkaataa dhufte.

Achiis gara koo dhuftee akkan ishii wajjin saalqunnamtii raawwadhu na gaafatte, kanas bakka ilaaltuun waldaa jirutti nan godhe.

Ergan ishee waliin walqunnamtii saalaa raawwadhee booda harka ishee qaama saalaa ishee keessa galchitee morma koo fi harka koo irratti mallattoo fannoo tolchitee akka na humneessitee fi garaagarummaa isaa akkan argu natti himte.

Mami-wataan na dhiistee, gara ilaaltuu waliigalaa (namicha achi na geessee) bira deemtee garaa ishee keessaa fannoo fi sansalata warqee baaftee morma ilaaltuu waliigalaa qarshii isheef kenne irratti dirte. Mami-wataan namicha galateeffattee galaana keessatti deebite.

Yeroo dubbattu hunda afaan Ingiliffaan dubbatti turte.

Dhuma irratti gara mana keessummoota tajaajilaa sanaatti yeroo deebinu ilaaltuun waliigalaa kun Waldaa akka deemnuufi sagantaa dadammaqinaa waldaan sun qabdu irratti tajaajilli akka naaf kenname natti hime

Anis akkuman iddoo aarsaatti ba'ee harka koo ol kaasuun namoonni kukkufuutti ka'an, anis mul'achuun humna Mami-Wataa dafee ta'a jedhee waanan hin yaadneef akkuma waan hafuurri qulqulluun na duukaa ta'eetti yaaduun humni dubartittii nan barbaachisu jedheen abdadhe.

Tajaajila halkan guutuu xumurree gara mana keessummaatti yeroo deebinu ilaaltuun sun humna na duukaa turetti attam akkan gammade na gaafate, anis gammachuu akkan itti argadhen itti hime.

Innis galgaluma gaafasii hirriba xiqqoo fudhannee gara Port-Harkooti akka deemnu natti hime.

Waaree booda osoon rafuu Mami-wataa kanuma ani qarqara galaanaa Bar irratti walqunnamtii saalaa waliin raawwadhe sun abjuu koo keessatti natti dhuftee humnaan argadhe kana eeguu fi akkasumas yeroo hunda haaromsuuf ji'atti al tokko durba duudaa (virgin) tokko waliin walqunnamtii saalaa raawwachuu akkan qabu natti himte.

Abjuu koo keessatti waanan arge fi dhaga’e ibsuuf ilaaltuucha bira dhaqeen itti hime, innis rakkoo hin qabu naan jedhe.

Akkuma abjuu keessatti natti himame akkamitti durba duudaa ji'atti tokko argachuu akkan qabu yeroon gaafadhu akkataa ani itti argachuu qabu akka na gargaaruuf kaffaltiis akka qabu natti hime.

Anis waanti deemaa jiru waan natti toluu dideef duuba deebi'uu barbaadeen ture, garuu ija jabaachuu hin dandeenye.

Yeroon qarqara galaanaa Bar turetti paastaroota hedduu paastaroota olaanoo biroo wajjin achi dhufanin arge.

Waantichi waan aadeffatame natti fakkaate. Paasteroonni ol'aanoo hedduun paasteroota lafaa-dhufaa (young pastors) hedduu fidanii utuu dhufaniin arge. Paasteroonni ol'aanoo kunneen Mami-Wataa mataa mataa isaanii qabu turan.

Sababni ani kana jedhuuf paasteroonni kudhan mami-wataa kudhan waliin utuu wal quunnamanii waanan argeefi. Galgala buufata xiyyaaraa naannoo sana jiru Leegoos keessa waan turreef balalii gara Poort-Haarkoorti deemne.

Port-Harkoorti keessatti mana keessummoota tajaajila biraa keessa bullee halkan walakkaa gadi baanee dhuma irratti mooraa baayyee guddaa dubartii Eze-Nwanyi jedhamtu keessa jiraattu tokko kan manoonni baay'een keessa jiran dhaqne.

Achitti Paastaroota waldoota jalqabaa dabalatee paastaroota hedduu waliin wal barre. Yeroo dabareen koo gahu ilaaltuun olaanaa waliigalaa achi na geesse maallaqa tokko tokko kaffalee maaltu naaf godhamuu akka qabu naaf tarreesse.

Yeroon kutaa sana seenu ammas dubartii ta'uun ishee na ajaa'ibe akkuman yaadaa ture ammas dubartii! Kutaa itti aanu tokko keessatti siree irra taa'ee utuun jiruun dubartii sana gubbaatti of arge.

Dhugaa dubbachuuf akkamitti siree sana irratti akkan of arge yaadachuu hin dandeenye. Ishee waliin saalqunnamtii raawwadheera, akkasumas harma ishee na hoosifteetti.

Walqunnamtii saalaa booda bineensota tokko tokkoo boochiftee imimmaan isaanii ija kootti naaf dibde, ani battaluma sanattin gara addunyaa hafuuraatti imaluun dhoksaa arguu jalqabe akkasumas hafuurota hamoota waliin dudubbachuu jalqabe.

Sana booda zayita ejersaa qaruuraa tokko naaf kennitee "akkan jedhutti godhi" kanaan miseensonni waldaa kee waan ati gaafattu hunda ni raawwatu naan jette.

Akkasumas qaruuraa zayita ejersaa kan biraa naaf kennite, kanas "zayitii hunda arguu" jettee waamte.

Zayitii iccitii namootaa keessa gad fageenyaan arguu danda’uu fi qaruuraa zayita ejersaa yeroo kadhannaa nama of wallaalchisu "zayitii ajjeesu" jettee waamtu waliin naaf kennite.

Dhumarratti zayita ejersaa qaruuraa lama dabalataan naaf kennite. Inni jalqabaa "zayitii tuuta harkisu" yoo ta'u inni lammaffaan immoo "tuqaa fi hordofuu (touch and follow) dha.

Inni lammaffaa kun kanan durba duudaa ittiin tuqee ji'atti tokko saal-quunnamtii raawwachuun dhiiga isaa isheef ittiin aarsaa dhiyeessuuf waliigaltee humnaa ittiin haaressuudha.

Isheen walqunnamtii saalaa raawwachuu akkan danda'u fi battaluma sanatti osoon hin dhiqatin kallattiin gara tajaajilaatti seenuu akkan qabu dubbatte. Iccitii kanas kakaadhaan na hite.

Halkan walakkaa sana keessaa baanee gara loojiitti deebine. Ilaaltuun waliigalaa zayita "tuquu fi hordofuu" jedhu akkan dhugu natti himee sana booda gara waldaa mana keessummoota isaanii keessa buufanne sanaa deemne.

Achii akkan tajaajilu naaf hayyamamee anis raajii dhokataa hedduu dubbachuu koon nan dinqifadhe. Ganama durboonni duudaan lama gara ilaaltuu olaanaatti ergaman. Innis tokko naaf kenne, gara mana keessummootaattis seennee isaan waliin saalqunnamtii raawwanne.

Wanti baay'ee na ajaa'ibe shamarran xixiqqoon kunneen eessaa akka dhufaniif maalif akka achi dhufan hin beekan turan.

Shamarran kunneen yeroo deeman, ilaaltuun kun ammaan booda lallaba koo badhaadhina irratti xiyyeeffachuu akkan qabuu fi ergaa fayyinaa fi qajeelummaa raawwadhee dubbachuu akkan hin qabne natti hime.

Kurnoo isheef erguu akkan qabuu fi kurnoon kunis akkamitti dubartii Poort-Haarkoorti jirtu bira akka gahu na beeksise. Dhuma irrattis Poort-Haarkoortii kaanee gara Abujaatti deemnee achiin gara Kaadunaatti deebine.

Ergan deebi'ee booda tajaajila yeroon jalqabu haalonni jijjiiramuu jalqaban.

Maallaqni dhufuu jalqabe, tuutis dhufuu jalqabee torban tokko keessatti dinqiin, bilisa bahuun itti aanee badhaadhinni waldaa keessatti ta'uu jalqabe, hafuurri raajii ani jireenya koo keessatti argee hin beeknes narra dhufe.

Shamarran durbaa fi dubartoota gaa'ela qaban waliin walqunnamtii saalaa raawwachaa kanan ture yoo ta'u waggoota jahan darbaniif maatii koo fi waldaadhaaf wantootni gaariin ta'aa turan, garuu sana booda waan hundumtuu dalga natti galaa dhufe.

Abjuun Jahannama keessattin gubachuu eegale. Abjuu Jahannam kana yeroo torba argeera. Hirriba dhabee halkan hedduu immoo Mami-wataa sanaan gudeedameera.

Ijoollee koo lama karaa wal fakkaatuun dhoksaadhaan dhabeera. Ji'oota sadii walitti fufaaf durba duudaa argachuu waanan hin dandeenyeef humni koo gadi bu'aa adeeme.

Gara Ilaaltuu ol'aanaa kana deemee waldaa cufee dhimma kana keessaa ba'uu akkan barbaadu yoon itti hime illee yeroon isaa akka darbe natti hime. Du'a dhoksaan na doorsise.

Mami-wataa fi Eze-Nwanyi duraanuu qaama jireenya koo waan ta'aniif mormuun naaf hin danda'amu naan jedhe.

Kana keessaa of baasuuf waan gaarii ta'e hunda akkan godhun itti hime. Guyyaa sadii booda namoonni lama natti dhiyaatanii yoo du'uu hin barbaanne Kadunaa keessaa ba'ee baduu akkan qabu natti himan, sababiin isaas na dhabamsiisuuf ilaaltuu ol'aanaan sun kaffaltii isaanii raawwatee waan jiruuf ture.

Anis dhumarratti guyyaa lama booda waldaa cufeen magaalattii keessaa miliqe. Akkuman amma isiniif barreessaa jirutti waanan qabadhu hin qabu malee, Waaqayyo isa hundumaa danda'utti deebi'ee araarfachuu nan fedha.

Paastariin biraa akka kee isaan saaxilee hin jiru. Hafuurota xuraa'aa kana gara nama baay'ettin dabarse. Namoonni kunneen hafuurota kana irraa akkamiin akka isaan biliisa ba'an beekuun barbaada.

Ergamaa, dhuguma Waldaan Gooftaa keenya Yesuus Kiristoos Mami-wataan fudhatamuun ishee nama gaddisiisa.

Lakkoofsi paastaroota hafuura galaanaa fayyadamanii sodaachisaa waan ta'eef baay'een isaanii guyyaa guyyaan mootummaa hamaa kana keessatti eebbifamaa jiru. Osoon hafuura xuraa'aa kanaan hin guutamin dura, yeroo hundumaa miseensonni waldootaa maaliif akka hoolaa ta’anii paastaroota isaanii hordofu jedheen yaadaan ture, amma garuu caalaatti beekeera.

Hafuurri galaanaa kun waldaa kristiyaanaa bira darbuuf halkanii guyyaa hojjechaa kan jiru yoo ta'u, kan nama dhibu ammoo waldaan rafaa jirti.

Ji'oota lamaan darban keessa balaan konkolaataa afur na mudateera, na dhabamsiisuus akka barbaadan nan beeka, garuu Waaqayyo gargaaraa koo fi abdii koo tokkicha ta'eera.

Ijoollee koo lamaan ajjeesanii amma akkan du'u barbaadu. Sababan bifa hafuuraa sodaachisaa tokko tokko argeef kophaa turuu sodaachaan jira, sammuu fi qaama koo keessaa wantootni socho'uu jalqabaniiru.

Yeroon kadhachuu jalqabu kamiyyuu sochiin qaama koo keessaa jalqaba, yeroo tokko tokko sochiin kun mar'umaan koo keessatti natti dhaga'ama. Fedhii guddaa ani amma qabu Waaqayyo biraa dhiifama argachuudha. Yoon dhiifama isaa argachuu danda’e sana booda du’uun nan dhibu, sababiin isaas dhuguma gara Si’oolitti deemuu hin barbaadu.

Akkuma paastaroonni dargaggoo baay’een ilaaltoota olaanaa waliigalaa fi paastaroota olaanoo isaaniitiin dogoggorfamanitti, ilaaltuu olaanaa waliigalaa kootiin anis dogoggorfameera.

Yaa obboleessa ko ati nama baayyee hojiin itti baay'atu ta'uu kee nan beeka. Rakkoo koo kana irratti yeroo kadhattu fuula Waaqayyootti yoo na dhiyeessite hedduun si dinqiisiifadha.

Dhiifamni yoo naaf godhame bilisa bahuun koo akka salphatu nan beeka. Lubbuu koo hafuurota galaanaatti gurguruu kootti nan gaabba.

Eze-Nwanyin akkasumas ergamtuu Mami-wataan baay'ee cimoodha. Waan isin jettan dhaga'uuf hawwii guddaanan isin eeggadha.

Deebii Ergamaa: Xalayaa kana yeroon argadhu lakkoofsa bilbilaa inni naaf kenne sana irratti yeroo sadiin bilbile, garuu cufamee waan tureef argachuu hin dandeenye.

Guyyaa biroo bilbilicha yeroon yaalu dubartii biraatu qabatee ture. Anis paastor Chidubem waliin haasa'uu akkan barbaadun itti hime. Isheenis pastor Chedubem balaa konkolaataatiin akka du'e gaafa natti himtu afaan qabadheen waanan dubbadhu wallaale.

Dubartittiin booda irraa haadha manaa isaa ta'uu natti himte. Isheenis gooftaa waliin hidhata ishee jabeessuu akka qabduu fi fuula duratti tarkaanfachuuf akka fedhii qabdu natti himte.

Anis gadda natti dhagaa'amu ibseefiin adda baane.

Maddi: Church Times Nigeria, Kanisa Forum, Nairaland Forum

Guyyaa tokko namichi ayyaana qaba jedhamu tokko gara fuulduraatti "maal ta'uu barbaadda" jedhee na gaafate.Anis "Mootumm...
17/08/2026

Guyyaa tokko namichi ayyaana qaba jedhamu tokko gara fuulduraatti "maal ta'uu barbaadda" jedhee na gaafate.
Anis "Mootummaa Waaqayyoo galuun barbaada" jedheen deebiseef.
Innis "Xuqur dooroo fidii galchi, akka ati galtun siif hojjedha" naan jedhe.
Keessa kootti "Maqaa Iyyesusiin" jedheen buna naaf bu'e utuun hin dhugiin baqadhee ba'e😁
Utuman arguu sii'olitti na ergee oole...

Mootummaan Waaqayyoo Wangeela dhaga'uun Waaqayyotti amanuun malee xebexebaan miti.
Dooroon waxii malee homaa hin taatu...

Jireenya bara baraa argachuuf Kiristoositti amanaa.

16/08/2026

Barsiisni keetii Wangeela
Hin lallabdu ati waan aduu jalaa
Seera samii bulchiinsi kee
Iyyesus Kiristoos Waaqni kee




16/08/2026

Si balleessu kan yaadani
Ofii badu malee sin danda'ani
Eelshaadaay inni si eegu
Shirri diinaa yoomuu sin jeequ


Address

Oromia
Addis Ababa
EBINAF

Telephone

+251935555368

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Deacon Ebinaf Abera posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Business

Send a message to Deacon Ebinaf Abera:

Shortcuts

Share