Wal A,garaa

Wal A,garaa Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from Wal A,garaa, Digital creator, Addis Ababa.

26/08/2026

@

22/07/2026
15/07/2026

😂😂

25/06/2026

kotaa dawadhaa

 -tu gammachuu dhabee gaddaa jira, Ilmaan Leenjisoo diiggaa irratti manni diigamaa jira, Ilmaan Waaqoo Guutuu-tu rasaasa...
20/06/2026

-tu gammachuu dhabee gaddaa jira, Ilmaan Leenjisoo diiggaa irratti manni diigamaa jira, Ilmaan Waaqoo Guutuu-tu rasaasa firaa-tiin lubbuu qaalii dhabee irrachaa jira.
Arsiin maal balleeysinaan dabareen irratti wal tareeyfatanii kaan halkan kaan guyyaa alaa mana isaa ibiddaan gubanii buqqaasaa jiran laata?
Kan halkan mana irratti gubee buqqaasuus oromoodha, kan guyyaa alaaf mana gubee buqqaasuus oromoodha!
Kamtu oromoof qabsaawaa jira?
Kamtu oromoo irratti qabsaawaa jira?
Ummata buqqaasaa jiran kanaatu oromoo hin tahini moo?
Warra buqqaasaa jiru kanaatu oromoo hin tahini?
Kamtu oromoof yaada?
Kamtu oromoo gaada?

Ummata kaleeysa Mililik jilbiiffachiisuu dadhabe, Ummata dheengadda wayyaaneen jilbiiffachiisuu dadhabde arra firri alagaa caalee argamee isaan jilbiiffachiisuuf alaa mana irratti gubee ilmaanii wajjiin alatti yaasaa jira.

Qawween fira ofii irraa diinaan eeguudhaaf hidhatan gaafa deebitee firuma sanitti dhukhaatu akkamitti namatti hin dhageyamne laata?
Gara jabinni hagana geyu maali?
Akkamitti namni mana irratti gubee haadhaaf abbaa ofii alatti baasa?
Akkamitti garaan nama dandehee namni daa'imman culqa san mana irratti gubee qabbanatti baasa?
Namani haadhaaf abbaa ifii akkana godhu dhuguma Rabbii-tti milkii numa kajeelaa laata?
Namummaan eeysa kutte?!

Jiboota wal aa'u jiddutti citaatu caccapha akkuma ja'amu ummanni keenya qaama lama kan hidhate jiddutti caccaphaa jiran.

Wal aa'uu yoo barbaadan ummata gubbatti wal aa'uun maaf barbaachise ?
Ummata miskiina hoongeen bara baraan ulee itti murattee akka buutiitti mataa keeysa cafaqaa jirtu kana ibidda caamsaa gubbaan ibidda rasaasaa dabaluufiin maaliif barbaachifte?
Wal gubuu malee wal utubuun maaf badde laata?

Sikkoo mandoo fii Harargeen ummata oromoo hunda irra galata qabaniidha!
Galataatu isaaniin mala malee galaafatamuun waa isaaniin hin maltu turte.
Kaleeysa gaafa oromoon marti oromummaa isii dagattee alagaa faana gufuftu warra lamaan kanaatu oromoof qabsaawee oromoo if barsiisee

Justice For Arsii. Lakkii Dhiisi Fira Kiyya..Qe’een Leenjisoo Diigaa diigamaa jirti; qe’een Nadhii Gammadaa nadhii nagee...
20/06/2026

Justice For Arsii. Lakkii Dhiisi Fira Kiyya..
Qe’een Leenjisoo Diigaa diigamaa jirti; qe’een Nadhii Gammadaa nadhii nageenyaa dhabdee, duguuggaa dhandhamaa jirti!

Arsiin—Sikkoo fi Mandoo—kaleessa saba kanaa fi biyya kanaaf jecha harkaa fi harma murame, dhiiga qaaliin gumaacha lubbuu kaffalee saba kanaaf hiixate. Arsii beela hin beekne,callaa garbuuf qamadii hammaaru,dhadhaa fi aannan habbuuqqatu…har’a ummata aanan obaasaa ture santu, ibidda dhugaa jira, Maatiin dhibbaatamni afaan qawwee jalaa hafe qe’ee fi qabeenya isaa guutuu dhabee, har’a alatti yaa’ee jira.

Harmetu gaara qorraa keessatti dahaa jira, manguddootu wayaa fi wayyaa malee ala bule. Arsiin kaleessa hammatee sabootaa fi amantiilee meeqaan wajjin jiraachaa ture,galanni isaa harka keessaa nyaatan nyaatuu ta’e,olola miidiyaa irratti gaggeeffameen maqaan isaa xuraa’e…

Ni gaha! Ni gaha! Ni gaha gidiraan saba kanaa,haa boqotu,bakka namni dhaqqabe haa dhaqqabu,dhiisaa!

Dhaamsa:
Osoo lammiin kee dhumu,manni isaa gubamu,jireenyi isaa manca’u,maqaan isaa xuraa’u,dhimmi kubbaa,dhimma dhuunfaa gaafa si burjaajesse ati qaama ofirratti du’e!

Address

Addis Ababa
ETHIOPIA

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Wal A,garaa posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Shortcuts

Share