31/05/2026
! 'ela!
Dhimma kanarratti hanga wallaalummako yeroo darbe dubadhee jennaan namoota kumaan lakkaa'amantu jaallate.
Inni kun ammoo ol naaf haa taa'u michootakoo hundumaaf!
Ilaa umuriin bilchaanne miti, rakkinaatu nu bilcheesse!
Ammaas
Akka nama ilkaan 28 biqilchee tokkootti, waan kana isiniif dhaamuun filadhe.
michootakoo yaadan dhengada kaaserratti shamarran komii baayyee dhiyefataa turani.
Shamarra tokko erga fuudhe haadha manaake godhattee, akkuma duraa sanatti jaalladhu maqaa masoon yaami malee erga fuute booda "hintalaa" jettee hin yaamiin.
Yoo sheen nan dadhabe siin jette dadhabbiishee hubbadhuuf.
Simalee nama ishee hubatu 1iyyuu hin qabdu, sila haadhasheef abbaashee dhiistee si filattee siwaliin jiraachuutti jirti.
Kanaafuu eenyuuyyu sirra haadha manaakeeti hin dhiyyaatu.
Darbeemmoo gochaa xiqqoottu gammachiisa, shamarrii fi daa'imnan amala walfakkaata qabu.
Dafanii gammaddu, waanuma ati laatteftu isaaniif gammachuudha.
Kanaaf yeroo hundumaa fuula ifaafi jaalala ho'aa qabaadhuuf.
Wal danda'aa, waliifis dhaga'aa, waliifis owwaadhaa, sin2n caalaa eenyuyyuu isinitti dhiyeenya hin qabaatiin, wal amanaa, waliifis amanamaa.
Yeroo bakka tokko deemtan, harka walii keessanii keessa galfadhaati imalaa, malee akka gogorrii birraa wal hin baqatiinaa!
Eessatiyyuu haa ta'u wal bira malee hin taa'iina.
Karaa kanaa an warra adii hedduun dinqisiifadha.
Ilaa yaa michootakoo warra jaallatamoo,
Gaa'elli yoo wal kabajan yoo wal jaallatan yoo wal mararsiiftan malee hin minyooftu.
;
Jaalalli dhoksaa gadi fagoodha.
Kan dubbannu caala keessa gaafa jiraatamu namaaf hubbatama.
Gaaffi kana akkati naaf deebistu abdiin qaba.
Jaalalli siif maalii?
Ilaa akka wallaalumma kootti, kanan hubadhe sitti hima.
Kana jechuun ati jaalala hin beektu jechuu miti inni dubbisaa jirtu kun.
Jaalala akkuma feenetti keessa seenne keessas kan baanu miti, jaalalli hidhaafi hidda gad fagoo waan qabuuf
Jaalalli akka kirrii yaa'ee dhuma hin qabnee natti fakkaata anatti.
Kirrii yaa'ee hin dhumne tokko, yoomati harkistee yaasuu dhiiste malee , hinuma yaa'a.
Kanaafuu jaalalli waan hundaarra addadha kanan dubbadhuun olitti, kanaafuu walii keessaniif jaalala ho'aa qabadha.
Waan dubbistaniif ammoo ulfaadha jenna!
Dr Biftu Kejela