22/07/2026
"Se-x'n humna barbaada. Shiroo qal'attuu tokko goommana bira buustee itti kenniteetu, sireerratti abbaan manaa 'Naan haa gammachiisu' jedhanii eeguun du'a mitii hoo?" jetti๐
Waan akka dubartii kanaa odeessu hin agartu. Iftoominnishee ajaa'iba. Iftoomina callisanii boomba'an miti, waan beekumsa qabudha.
Dubartii yeroo taatu, yaraas badaas garuma dubartiirra qabdee dubbatta. Dhiira yeroo taatus akkasuma. Isheen kun garuu sanarraa adda. Dadhabina dubartiifi dhiiraa wal bira qabdee haasofti. Haasaanshee kan qalbeeffateef barumsadha.
"Dhiira Injiinara, dugdisaa gobaaxaa ta'e, baay'een jaalladha" jetti๐
"An dhiira dargaggeessayyuu argeen beeku. Jalqabumaa kaasee nama guddaan jaalladha. Dhirsikoo duraa lamaanuu nama gurguddaadha. Inni duraa koloneeladha. Na jalaa boqote. Kan ammaas, yeroon itti heerumu abbaa ijoolleewwaniiti. Ijoolleensaa akka dinqii bareedu. Baay'een isaan jaalladha. Na mararu.
Dhirsi koo kan duraa erga boqotee dhirsan qabu jedhee diidatti gaaftokkoofillee hin kachachalle. Warra ko eyyamsiiseen heerume.
Jaarsa Xaaliyaaniittin heeruma jedheen yaada ture. Abbaan manaa koo kunis gaafuman argu, namuma akka ani yaade ta'e, xaaliyaanii caala. Gaafuman argu, jaallachuurraan kan ka'e afaan koo na hidhame" jetti๐
Inaaftuufi hamattuu danuu keessaa dubartiin hubattuu akkasiis jirti๐ค
Dr Biftu Kejela