Oro Airdrops

Oro Airdrops Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from Oro Airdrops, Digital creator, Addis Ababa.

Adduniyaa kiriiptoo keessattis ta'ee jireenya ilma namaa keessatti bakka guddaa gahuuf waan barbaachisu keessaa inni jal...
05/08/2024

Adduniyaa kiriiptoo keessattis ta'ee jireenya ilma namaa keessatti bakka guddaa gahuuf waan barbaachisu keessaa inni jalqabaa obsa. Obsinaan bakka guddaa ni geenya

Akkuma beektan Notcoiniin booda airdroopponni baay'een telegram irrattii dhufanii jiru. Namootni notcoin hin hojjatin yeroo ammaa airdrooppota baay'ee irratti hirmaataa jiru (jirra)

Airdrooppiin obsa barbaada, nuti hojjataadha male hojjachiisaa miti kanaafuu hojjachiistonni bu'aa yoo argatan male nu fayyaduu hin danda'an. Airdropponni token isaanii list gochuurraa kan boodatti hafan sababuma kanaaf jechaadha.

Inni lammaffaan erga wanti hundi xumuramee booda list gochuuf blockchainii tokenii kana irratti tarreessan waliin hojii guddaatu hojjatama akkasumaan hin tarreefamu. Hojiin blockchain baay'ee walxaxaa waan ta'eef amma waa hunda sirreessani tarreessuuf yeroo itti fudhata. Kanaf jecha duubatti hafa

Erga kun hundi ta'een booda gatiin isaaf bahee token tarreeffama.

Kana waan ta'eef hundumayyuu hojjataa obsaan yoo eegne dhuma irratti waan hojjanne ni arganna. Kana jechuun airdrooppiin telegram irra jiran hundinuu nuuf kaffalu jechuu miti, baay'een isaanii feekii waan ta'aniif airdrooppota qoratamaa ta'an irratti hirmaadhaa. Nutis airdrooppota qoratamaa ta'anii fi capitala guddaa qaban filannee isin beeksifna.

Yaadaa fi gaaffii qabdan hunda http://t.me/abukitahir irratti bilisaan gaafachuu dandeessu

Obsaa bu'aa gaarii arganna!
http://t.me/oro_airdrops

Dilbata, 02/10/2016 !   (kutaa 8ffaa) Bara 2016.---------------Qormaatni kutaa 8ffaa ;- Kan Qophaa'e  .Isaanis,1-Afaan O...
10/06/2024

Dilbata, 02/10/2016
!
(kutaa 8ffaa) Bara 2016.
---------------
Qormaatni kutaa 8ffaa ;
- Kan Qophaa'e .
Isaanis,
1-Afaan Oromoo
2-Afaan Amaaraa
3- Afaan Ingilizii
4- Herrega
5- Barnoota Lammummaa,
6-Barnoota Gadaa,
7- Saayinsii Waliigalaa
8- Barnoota Hawaasaa fa'a

, Waxabajjii 04-05/2016
- Baay'ina Qormaata Fudhatu:- 9,633.
- Baay'ina Qormaata Fudhatanii:- 672,500.
- Baay'ina itti kennamu:- 1424.

:- !


- BBO -

Caamsaa 03/2016  Bara 2016,   03/2016 Eegalu   Har'a Baheera.
12/05/2024

Caamsaa 03/2016
Bara 2016,
03/2016 Eegalu Har'a Baheera.

04/04/2024

Qormaata_Kutaa_6ffaafi_8ffaa Naannoo Oromiyaa
----------
BBO - Bitootessa 26/2016 Qormaatni Naannoo Oromiyaa kutaa 6ffaafi 8ffaa bara 2016 kennamu Gosoota Barnootaa Qormaatni Irraa Qophaa'e:
A -
----------------
Qormaatni kan qophaa'u barnoota kutaa 6ffaa irraa qofa yoo ta'u, isaanis;
1.Afaan Oromoo/Amaariffa
2. Afaan Ingilizii
3.Herrega
4.Saayinsii Naannoo
5. Barnoota Gadaa 50%fi i Safuu 50%

26-30/2016, ji'oota 2 ykn Guyyoota 60 qofatu hafe.

B-
-----------------
Qormaatni kutaa 8ffaa kan qophaa'u barnoota kutaa 8ffaa irraa qofa yoo ta'u, Gosootni Barnootaas;
1-Afaan Oromoo/Amaariffa
2-Afaan Ingilizii
3- Herrega
4- Saayinsii Hawaasaa
5- Saayinsii Waliigalaa
6- Barnoota Gadaa 50%fi Lammummaa 50% ta'a.
03-07/2016, ji'a lamaafi guyyoota 8 qofa ykn .

Kanaafuu, Barattootnifi Barsiisotni keenya akkasumas, Maatiim Barattootaa ji'oota lamaan hafan kana barattootni gara hundaan qormaataaf akka qophaa'an gargaarsi barbaachisu haa taasifamu kan jedhu dhaamsa keenya ta'a.

BBO
https://t.me/Oromiaeducationbureaudotcom

 Barsiisotaaf Lafa Mana Jireenyaa Irratti Ijaarratan Akka Kennamuu Ajajni Darbeera. --------------------BBO-15/07/2016 G...
25/03/2024



Barsiisotaaf Lafa Mana Jireenyaa Irratti Ijaarratan Akka Kennamuu Ajajni Darbeera.
--------------------
BBO-15/07/2016 Gumii Tiraansiformeeshinii Barnootaa Oromiyaa(GTBO) kan hogganan, Pirezidaantiin Mootuummaa Naannoo Oromiyaa dhimmoota qulqullina barnootaa mirkaneessuu danda'an irratti Yaa'ii Barnootaa Oromiyaa Sadaasa 16/2016 Magaalaa Adaamaa Giddu Gala Abbaa Gadaa Galma Odaatti Gaggeeffameen murtee abbaa qabxii 8 labsuun ni yaadatama.

Qabxii 8 murtaa'an keessaa jireenyaa_magaalatti_hin_argatin hundi akka kennamuuf kan murtaa'e ture.

Murtee darbe gara gochaatti kan jijjiiran Pirezidaantii MNO, Ambaasaaddara Barnootaafi Hogganaa Gumii Tiraansiformeeshinii Barnootaa Orromiyaa kabajamoo obbo Shimallis Abdiisaa jechaan kan dubbatan gara gochaatti jijjiiraniiru.

Kanuma bu'uura gochuun Biiroon Lafaa Oromiyaa waajjiraalee magaalota Lafaa Oromiyaatiif Ajaja dabarsaniiru.

Kennaa lafaa mana jireenyaa yeroo tokkoof qofa barsiisotaa lafa hin argatiniif akka kennamu , heyyama kenname irratti hundaa'un Waajjirri Barnootaa Godinaalee, Magaalotaafi Aanolee hordoffii taasisuun galmaan akka geessan dhaamsa Biiroo Barnootaa Oromiyaa ta'a.

BEEKSISA QAXARRII BARSIISOTAABiiroon Barnootaa Oromiyaa Barsiisota Afaan Chaayinaafi Afaan Faransaay barsiisan Manneen b...
08/03/2024

BEEKSISA QAXARRII BARSIISOTAA

Biiroon Barnootaa Oromiyaa Barsiisota Afaan Chaayinaafi Afaan Faransaay barsiisan Manneen barnootaa Ifa Boruu Bultii Addaa Sad.2ffaa Yaaballoofi Najjoof kontiraataan qaxaruu waan barbaaduuf, namoonni Afaanota kunneen barsiisuu feetan ulaagaa armaan gadii dubbisuun galmaa'uu akka dandeessan beeksisa.

21/02/2024


12/06/2016

Hoggansa Barnootaa , Barsiisota , Maatii Barattoofi Barattoota kutaa 6ffaafi 8ffaa Oromiyaa hundaaf.
Akkam Jirtan?

ilaalchisee gamanummaa qophiin akka taasiftan isin beeksifna.

- Bara Barnootaa 2016 akka Naannoo Oromiyaatti,
;
Dhiirri - 386,703,
Dubartiin - 345,540,
waliigala barattootni kutaa 6ffaa 732,243 yeroo duraatiif qoruumsa Naannoo ni fudhatu.
Biiroon Barnoota Oromiyaa hir'ina dhiyeessii kitaabaafi muuxannoo dhabuu barattootni qormaatichaarratti qaban yaada keessa galchuu, bara kanaaf akka shaakalaaf(ka'umsaaf) ta'u bara duraa kanaaf qofa Qoruumsi Naannoo Kutaa 6ffaa Gosa Barnoota Shan qofa akka ta’uufi qabiyyeen isaas kutaa 6ffaa keessaa qofa kan qophaa'u ta’uu isin beeksisina .

'u;
1.Afaan Dhalootaa
2. Afaan Ingilizii
3.Herrega
4.Saayinsii Naannoo
5. (Barnoota Gadaafi Safuu )
immoo, 26-30/2016 ta’a.

- Barattoota 2016 Qormaata Naannoo Fudhatan Ilaalchisee;
Barattootni Qormaata Fudhatan
- Dhiirri 347,313
- Dubartiin 323,963
Waliigala barattooni 671,276 qoruumsa naannoo bara 2016 ni fudhatu jedhamee eegama.
Qoruumsi kutaa 8ffaatis qabiyeen isaa kan kutaa 8ffaa keessaa qofa kan qophaa'u yoo ta'u ,

3-7/2016 ta’a .

Kutaa_8ffaa keessaa_qophaa'us;
1.Afaan Dhalootaa
2.Afaan Lammaffaa
3.Afaan Ingilizii
4.Herrega
5.Saayinsii Hawaasaa
6.Saayinsii Waliigalaa
7.Barnoota gosoota hunda galaa (Gadaa fi Lammummaa ) ta'uu gamanumaa isin beeksifna.
Maatiin, Barsiistoniifi hoggansi barnootaa kana beektanii barattoota keenya akka qopheessitan dursinee isin hu bachiisaa, barattootnis haaluma kanaan qoohii akka gootan
Isin hubachiifna.

Biiroo Barnootaa Oromiyaa.
Guraandhala 12/2016
FINFINNEE

Gaaffii Miseensotni Caffee Oromiyaa Dhimma Barnootaa Irratti Kaasaniif Hogganaan Biiroo Barnootaa  Deebii Laataniiru.---...
19/02/2024

Gaaffii Miseensotni Caffee Oromiyaa Dhimma Barnootaa Irratti Kaasaniif Hogganaan Biiroo Barnootaa Deebii Laataniiru.
----------------------
BBO- 10/06/2016 Yaa'ii Idilee 6ffaa waggaa 3ffaa bara hojii Caffee 6’ffaa irratti Biiroo Barnootaa Oromiyaatiif gaaffii ka'aniif hoogganaan Biiroo Barnootaa Oromiyaa Dr. Tolaa Bariisoo deebii laataniiru.
Gaaffileen/yaadotni miseensota Caffeetiin ka'an 5 yoo ta'an tartiibaan akka armaan gadiitti dhihaataniiru.

1-Biiroon Barnootaa Oromiyaa Manneen Barnootaa Sad. 2ffaa babal'isuu irratti maal yaadaa jira? kan jedhu yoo ta'u,
Deebiin Dr. Tolaa: Biiroon keenyaafi Mootummaan Naannoo Oromiyaa waggaa tokkoofi lamaan darban keessa manneen barnootaa Ifa Boruu Sad. 2ffaa 100fi Manneen Barnootaa Bultii Addaa 7 ijaaruu ibsuun akka mootummaafi biiroo keenyaatti, bara 2016/17 tti haaraa ijaaruu otuu hin taane, manneen barnootaa jiraniif ulaagaalee barbaachisaa ta'e guutuu irratti hojjataa jirra jedhaniiru.

2-Yaadni lammaffaan miseensa Caffeetiin ka'e,
" Investimeentii Barnoota irratti taasifamuufi bu'aa wal biratti qabnee yoo ilaalluu maal fakkaata," kan jedhu yoo ta'u,
- Dr. Tolaanis, bu'aan barnootaa kan yeroo gabaabaan safaramu yoo ta'uu baatullee, bu'uura irraa hojiin hojjatamaa jiru abdii guddaa kan nama keessatti uume ta'uu himaniiru.
Manneen barnootaa Bu'uura Boruu keessatti daa'imman baratan dubbusuu, lakkoofsa adda baasanii dubbisuu irratti bu'aan argame gammachiisaa ta'uu dubbataniiru.

3- Qormaataan walqabatee gaaffii ka'e ilaalchisee
Qormaata kutaa 6ffaa, 8ffaafi 12ffaa ilaalchisee qormaatni kan kilaastaraan qophaa'e ta'uu ibsuun, kunis barattootni keenya kutaa 12ffaa irratti qabxii gadi aanaa maaliif galmeessisan kan jedhu qorannoo gaggeeffameen, barattootni keenya qarmaata wal fakkaataafi istaandardaawaa ta'e waan hin qoratamneef kan jedhu qorannoon waan agarsiisaniif kan fooyyessuuf ta'uufi yaada hir'ina teeknooloojiitiin walqabate ibsaniiru.

4-Yaadni afraffaa irratti ka'e immoo,
Biiroon Barnootaa Oromiyaa manneen barnootaa ijaaruu(hardware)malee, barnoota kennamu(Softeware)irratti hojjataa hinjiru jedhama,
jedhamee yaada ka'eef. Dr. Tolaa Bariisoo, deebii isaanitiin akka armaan gadiitti ibsaniiru.
-Carraa barnootaa ilmaan Oromoo hundaa akka wal gahuu manneen barnootaa babal'isuun(ijaaruun) keenya dhugaadha. kun 'hardware' ta'uusaati akka kabajamoo miseensa Caffeetti. 'Softeware' beekumsa, ogummaafi ilaalcha irratti maal hojjataa jirtu kan jedhu yoo ta'u,
Hoogganaan Biiroo Barnootaa Oromiyaa, Dr. Tolaa Bariisoo deebii kennaniin,
- Biiroon Barnootaa Manneen Barnootaa qofa ijaaruu otuu hin taane;
barnootaa jijjiiruun.
hoggantoota manneen barnootaa,
barsiisotaa
-Manneen Barnootaa Bu'uura Boruu,
- Gosa barnootaatiin barsiisota MB Sad.2ffas leenjisuu,
barnootaa leenjisuu,
- Hawaasni keenya qulqullinni barnootaa rakkoo keessa akka jiru ajandaa hawaasaa, maatii barattootaa, mootummaafi miseensota Caffee kanaaf taasisuun dandeenyeerra.
Kuni hunduu, ijaarsa MB qofa otuu hintaane ijaarsa sammuu daa'imman keenyaa irratti hojjachaa jiraachuu kan agarsiisu yoo ta'u,
'Softeware' irratti hojjachaa jiraachuun biiroo keenyaafi mootummaa keenyaa ol-aanaa kan ta'e, barattootni keenya duudhaa ganamaatti akka deebi'an aadaa, duudhaa, safuu Ummata keenyaa akka beekan, sirna barnootaa keenya keessatti Gadaafi akka hammatamu taasisuun sammuu barattoota keenya irratti akka hojjatamu taasifamee jira jedhaniiru.

5-Waa'ee hanqina kitaaba barataa ilaalchisee gaaffii ka'e ilaalchisee;
Hanqinni kitaabaa kan uumame hanqina sharafa biyya alaa irraa kan ka'e, meeshaalee maxxansaaf tajaajilan irratti hanqinni kan qunname waan ta'eef hanga humni keenya hayyameen saffisaan hojjachuun rakkoo kitaaba barataa akka hiikuuf hojjatan Dr. Tolaa Bariisoo miseensota Caffee Oromiyaatiif ibsaniiru.
Nyaata barattootaaf dhihaatu waliin wal-qabatee gaaffii dhihaateef immoo, Dhaabbata Buusaa Gonfaa waliin qindoominaan hojjachuun harcaatiin uumame akka furamuu danda'u Dr. Tolaa Bariisoo ibsaniiru.

Qormaatni Biyyoolessaa Kutaa 12ffaa bara 2016    keessaa( kutaa 9-11) irraa kan qophaa'u yoo ta'u, kutaa 12ffaan immoo S...
24/01/2024

Qormaatni Biyyoolessaa Kutaa 12ffaa bara 2016 keessaa( kutaa 9-11) irraa kan qophaa'u yoo ta'u, kutaa 12ffaan immoo Sirna Barnootaa Haaraa keessaa kan qophaa'u ta'uun beekame
-----------------
BBO- Amajjii 15/2016 Qormaatni Biyyoolessaa Kutaa 12ffaa bara 2016 akka biyyaatti kennamu Barattootni Saayinsii Uumamaa gosa barnootaa 6, haaluma walfakkaatuun Barattootni Saayinsii Hawaasaatis gosa barnootaa 6 kan qoraman ta'uun ibsameera.
1 Barnootaa kennaman
1- Afaan Ingiliizii
2- Herrega
3- Fiiziksii
4- Keemistirii
5- Baayoloojii
6- Iskoolaastiik Aptiitud Test yoo ta'an,
2 Barnootaa kennaman immoo,
1- Afaan Ingiliizii
2- Herrega
3- Seenaa
4- Ji'oograafii
5- Ikoonomiksii
6- Iskoolaastiik Aptiitud Test ta'uun beekameera.
'u,
- Sirna kutaa 9ffaa - 11ffaa jiru keessaa,
- Sirna Barnootaa Haaraa kutaa 12ffaa keessaa yoo ta'u,
- Qormaatni immoo, akka qophaa'u Ministeerri Barnootaa Itiyoophiyaa ibseera.
Kanaafuu, Barattootniifi barsiisotni keenya gosota barnootaa, Sirna Barnootaa Qormaatni keessaa bahu, keessattuu, gosa barnootaa Ikoonomiksii irratti hir'ina barsiisaa uumame hubachuun bulchiinsa manneen barnootaafi Gumii Tiraansifoormeeshiinii sadarkaan jiru hirmaachisuun furmaata kennuun barattoota keenya ceesisuu akka dandeessan biiroon keenya dhaamsa dabarseera.

Barattootni bara 2016 Qormaata Biyyoolessaa kutaa 12ffaa fudhattan gamanuma qophii barbaachisaa gochuun qabxii olaanaa galmeessisuuf akka hojjatan, maatiin barattootaa, hawaasni keenya, caasaan mootummaa sadarkaan jiru hundi hanga humni isaa danda'een akkuma kana dura taasisaa turtan, ammas baratoota, barsiisotaafi manneen barnootaa keenya daran akka deeggartan dhaamsa keenya ta'a.
'a!

24/01/2024



"Yeroon galmee dheerateera" - Ministeera Barnootaa

Ministeerri Barnootaa; Yeroon galmee qormaata bahiinsaa dheerachuu beeksiseera.

Yeroon galmee qormaata bahiinsaa bara 2016 Amajjii 08/2016 irraa eegalee Amajjii 15/2016 akka xumuramu ministeerri barnootaa beeksisee turuun isaa ni yaadatama.

Haa ta’u malee gaaffii qoramtootaa bu’uura godhachuun yeroon galmee hanga Amajjii 20/2016tti dheerachuu Ministeerri Barnootaa ibseera.

Address

Addis Ababa

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Oro Airdrops posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share