05/07/2025
Qorqalbii Cabsuu!
Erga Kaadhimaan isaa Qananii Addunyaa boqatte dhugaa fakkeessuun diina wojjiin taane Artist Andu'alam irratti gochaa jirru waan nama jibbisiisuu. Dubbii kallattiin itti gale fixuu dhiisanii gadoo kaleessa mucaa kana ittiin bahuu dadhaban gadi yaasanii fakkeessanii dubbii afarsuu. Mucaa kana jechoota sammuu isaa miidhaan, darbe hanga YouTube isa godha hanga jechuu gahee jira. Kun Qorqalbii isaa miidhuudha. Har'a Andu'alam waa balleessuu danda'a, mucatti kana miidhuu danda'a, san rabbitu beeka. Garuu wanti Andu'alam YouTube san irratti fe'e Andu'alamiin haa hojjatamu malee waan Sabaati, ashaaraa Sabaati. Akkuma jedhe Andu'alam waa balleessuu danda'a, garuu sirboonni ykn ergaan YouTube san irra jiru maal isin godhe? You Tube maal isin godhe? Kana osoo adda hin baafatin gochoota akkana hojjachuun doofummaa, hinaaffa irra madda ta'a.
Duuba akkas gochuun kun eessa akka madde beektu? Dhugaa wolitti himna yoom irra worri Kaabaa dhugaa isin wojjiin soqe? Jibba isaan aartii fi artist Oromoof qaban mul'ifachuu gaafa barbaadan deema akkas godha jedhanii ajaja kennan. Keenya hoolaan homaa hin hubatu gadi bahe labsii worra Kaabaa isa jarri aartii fi artist Oromoof qaban woliin raawwata. Kun waan fokkataadha.
Andu'alam Gosaa karaa jiruun innis rakkoo yoo qabaate gadi bahe, narraa fixaa jedhe Jaarsoota biyya, abboota Gadaa, hayyoota amantaa kanneenii himachuu qaba. Yoo badi hin qabnes hanga danda'en of qulqulleessu qaba. Namoonni yaada keessan as irraa barreessitan ammoo yaadota furmaata fi araara kaayu qabdu. Yoo akkas gootan dhugaa mucatti kana argitu, fiishkaa fi caffaraan ammoo dubbii yoo laaqxan malee dhugaan argamu hin jiru. Dhugaa mucattis balleessitanii godaannisa abbaa fi haadhatti hambiftan. Kanaaf Qorqalbii mucaa hin cabsina! Dhugaa Qananii Rabbiin Haa Baasu! Akkana jedhe bira kuta. Waa'ee Faawundeeshiinii Haacaaluu itti deebi'e barreessa.