07/03/2026
Matahararratti maaltu deemaa jira ? 👇
Dargaggeessa hamilee buusuuf shiraatu Mataaharaatti hojjatamaa jira jedhu dargaggon mataharaa . Dargaggeessii abdii biyyaatti, dargaggeessa diigunis bu’aan isaa ka dhumaa biyya diiguma taha .! Kanaaf qaama shira akkanaa raawwachaa dargaggeessa moottummarratti kakaasaa jiru kana mootummaan qoratee akka sirreessuu komii dhiheessaa jiru dargaggoonni Naannoo San jiraatan .
Seid Aliyi Godana jedhama jiraataa magaalaa mataaharaati. Namni kun dargaggeessa sirna kanatti amanee dargaggoota biyyaa hunda gara sirna kanatti affeerun aarsaa godhaa jiruudha. Dargaggeessa kana amma hidhanii torbaan tokkoo ol abbaa kanaa namni je'een hin jiru. Sababa isa itti hidhan tokkollee osoo maatif hin himin guyyaa 9 tursiisan. Dargaggeessi amma hidhaa tana fakkeenya isinirraa fudhata moo maalif dargaggeessa sirna kana utubaa jiru hiitan? Bulchiinsi Magaalaa Mataaharaa namni kun hojjataa isaa ta'ee osoo jiruu yeroo maatin maalif hidhame jedhanii gaafatan "Dhimma inni itti hidhame hin beeku jechuun maatif deebisaa kenna.
Dargaggeessi biyyaa hundi Sa'id Aliyyii hidhamee nuti hoggantootaa fi sirna kanatti namni nu fide isa nuti isa fakkeenya godhanna bakka inni hidhametti nuti qaama mootummaa Kan Magaalaa Mataaharaa fi Aanaa Fantaallee amanuu hin dandeenyu nutis boru haaluma kanaan nu hidhu jechuun dargaggoonni biyyaa haala facaatii keessa jiran. Bakka mootummaan amma dargaggeessa ijaaraa jirutti hoggantoonni Mataaharaa dargaggeessa diigaa jira. Dargaggeessa diigun immoo biyya diigudha. Sa'id Aliyyii dargaggeessa fakkeenya dargaggootaa kan hiitan hiikaa hidhaan haftee jirti. Qajeelfamni mootummaa naannoo Oromiyaati gadi kenname warra gaara jiru haa galchinuu jechaa isin warri gadii tanaa kun faallaa qajeelfama mootummaa naannoo Oromiyaa hojjachaa jirtan.
Sa'id Aliyyii hidhaa baasaa dargaggeessa Mataaharaa hunda diiguf karoorfattan taanan mootummaanis akka quba qabaatu wanti dargaggeessa gaaratti galchu waan akkanaati. Akka dargaggeessi mootummarraa Abdi kutatu godhuun isinirra hin jiraatu.
Komii dargaggootaa fi ummata keessanii dhaggeeffachaa deemaa.