21/10/2025
Qormaaatni biyyoolessaa kutaa 12ffaa bara 2018 Sirna Barnootaa Darbeefi Haaraa Irraa Kan Qophaa'u Ta'uun Beekame.
--------
BBO- Onkololeessa 10/2018 Qormaatni Biyyoolessaa Kutaa 12ffaa Bara 2018 Qabiyyee Sirna Barnootaa Barattootni Baratan Irratti Hundaa'ee Kan Qophaa'u Yoo Ta'u,
Barattootni bara 2015 sirna barnootaa haaraa (yaalii irra ture) baratan kutaa 9-12 qabiyyee sirna barnootaa haaraa keessatti baratan irratti akka qophaa'an,
Barattootni Qabiyyee Sirna Barnootaa Haaraa bara 2016 irraa jalqabdan, qabiyyee sirna barnootaa haaraa kutaa 10 -12 fi qabiyyee Sirna Barnootaa moofaa kutaa 9ffaa irratti akka qohaa'an,
Qormaatni kutaa 9ffaa qabiyyee sirna barnootaa moofaafi haaraa keessaa kan qopha'u qabiyyeefi gaaffilee waloo ( sirna barnootaa lamaanuu keessa kan jiru) keessaa waan qophaa'uf, barattootni qabiyyee sirna barnootaa baratan irratti akka qophaa'an Ministeerri Barnootaa beeksiseera.
Kanaafuu, barattootni, barsiisotni, maatiin barattootaafi qooda fudhattootni barnootaa gamanumaa akka beektaniifi qophii barbaachisaa akka ta'e akka gootan ergaan jedhu darbeera.
Nutis, barattootni keenyaafi hawaasni barnootaa ergaa darbe kanarratti hundaa'un qormaata biyyoolessaa kutaa 12ffaa bara 2018tiif akka qophooftan kan jedhu dhaamsa keenya ta'a.
Hubachiisa:- Qormaatni kutaa 9ffaa keessaa qopha'u qabiyyee kitaaba sirna barnootaa darbeefi haaraan waliin qaban keessaa waan qophaa'uf barataan kan barate irratti haa qophaa'u.