
18/10/2024
Abbaa Gadaa duhaa ishee haa godhu Saree kana 😒
GARA JABINA DAANGAA DARBE ‼️
Sirriitti Dubbisaa ‼️‼️‼️
👉Dubbichi akkana ture. Aadde Kushuu Bonayyaa Guyyee jiraattuu Godina Booranaa Bahaa Aanaa Waacilee Ganda Qaqallooti. Aadde Kushuun Obbo Galgaloo Waariyoo waliin erga bultii dhaabbatanii waggaa 12 lakkoofsisaniiru. Yeroo ammaa kana daa’imman dubaraa sadii kan qaban yommuu ta’u, isheen hangafaa waggaa 8 isheen lammmaffaa waggaa 6 isheen sadaffaa waggaa 4 dha. Maatiin kun osuma waliin jiraachaa jiranii waggaa afur duraa Aadde kushuun daa’ima sadaffaa ulfa ta’anii osoo jiranii abbaan warraa ishee Obbo Galgaloo Waariyoon raayyaa ittisaatti dabalamanii waggaa afurii oliif iddoo biraa turan.
👉Aadde kushuun waggaa afurii oliif qofaa isaanii daa’ima sadii guddisaa kan turan yommuu ta’u, abbaan warraa isaanii waggaa 4 booda raayyaa ittisa biyyaa keessaa gaggeeffamee deebi’uun jireenya isaanii duraatti deebi’anii jiraachuu eegalan.Haa ta’u malee obbo Galgaloo Waariyoo araadaafi suusii adda addaa baranii waan dhufaniif jireenyi isaanii akka kana duraa osoo hintaane jeeqamaafi jireenya tasgabbii hin qabne ta’ee raafamuu eegale.
👉Aadde Kushuu Boonayyaas yeroo garaagaraa dirqama abbaa warrummaafi itti gaafatamummaa maatii isarraa eegamu akka bahatuuf jaarsummaa itti baasaa akka turte ta'us,rakkoon isaan gidduu jiru furmaata waaraa argachuu dhabuu dubbatu. Kanumaan walqabatees akka miidhamtuu kanarraa odeeffannetti rakkichi humna ishee ol waanta’eef gara maatii ishee akka deemte dubbatti.Abbaan warraa ishees abbootii gadaafi jaarsolii biyyaa itti baasee akka araaramtuuf yommuu gaafatu ,miidhamtuun kunis rakkoon koo sirriitti naaf hin ilaalamne waan ta’eef ani hin araaramu jettee yommuu diddu abbootiin gadaa nutu gali siin jedhe gali yoo didde murtoo addaa sirratti fudhanna jechuun doorsisaa turuusaanii miidhamtuu kanarraa odeeffeffanneerra.
👉Araaramuu diduu isheerraan kan ka’e Aadde kushuun funyoon/Wadaroon/harkaafi miila ishee mukatti hidhamtee ummata bal’aafi daa’imman ishee dabalatee daa’iiman hedduu fi dubartoota naannichaa fuulduratti akka isheen abbaa warraa isheen garafamtu murtoon abbootii gadaa itti murteessuun haala safuufi duudhaa oromoo cabseefi sarbama mirga dhala namaa ta’ee hin beekne irratti raawwatameera.
Abbootii Gadaa murtoo kana dabarsanis:-
1.Jaarsoo Boruu
2.Galgaloo Jaatanii
3.Didaa Walee
4. Didaa Jaatanii
5.Alaakaa Jaarsoo
6.Barcii Iyyaa
7.Dhibaa Goolichaa kanneen jedhamanidha.
👉Dhumarrattis Abbootiin gadaa murtoo kana murteessuun dhaabatanii reebsisaa turan kunneenis abbootii gadaa oromoo kan bakka hin buuneefi guyyoota 5 qofaa mana adabaa turanii mirga wabiin kan bahan tahus dhimmisaanii seeraan hordofamee tarkaanfiin barsiisaa ta'e fudhatamee uummataaf kan ifoomsamu ta'uusaa isiniif ibsina
Horaa Bulaa Deebanaa
Maddi Odeeffannoo:-Obbo Rattaa Fiqaaduu Daayirikteera Idileessa koorniyaa Biiroo DhDDO miidhamtuufi maatii ishee biratti qaamaan argamuun kan qulqulleeffatanidha.
Viidiyoo maxxansuun barbaachisaa miti jennee of qusanne.