Abdii Ahimad

Abdii Ahimad Official page of Abdii Ahimad

Waa Shan Osoo Wanni Shan Sitti Hin Dhufne Saammadhu••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••• Ibni Abba...
01/01/2025

Waa Shan Osoo Wanni Shan Sitti Hin Dhufne Saammadhu
••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••

• Ibni Abbaas Irraa Odeeffamee Rabbiin isaa fii abbaa isaatiis irraa haa jaalatuu, Rasuulli Rabbii Sallallaahu Aleeyhi Wasallam Waa Shan Osoo Wanni Shan sitti hin dhufne dura saammadhu jechuun Gurbaa tokko gorsan ja’e. Hadiisa Kana Haakim Gabaasee Imaamu Albaaniin Sahiiha Ja’een.

Wantoonni Shanan Saammaadhaa Rasuulli Nuun Ja’e…

1: Dardarummaa Tee Osoo Dullumti sitti Hin Dhufne
2: Fayyaa Tee Osoo dhukkubni sitti Hin Dhufne
3: Qabeenya kee Osoo miskiinummaan sitti hin Dhufne
4: Yeroo Tee Osoo Mashghuulummaan Sitti Hin Dhufne
5: Jiruu Tee Osoo Duuti sitti hin Dhufne

• Yaa obboleeyyan kiyya wantoota Shaban Rasuulli Keenya Sallallaahu Aleeyhi Wasallam Nuuf Dhaaman kana keessa hikmaa guddootu jira. Takka takkatti yoo irraa dubbanne janne himnee fixuun hedduu ulfaata.

• Dargaggummaa teenya, Fayyaa teenya, Qabeenya keenya, yeroo teenya akkasumaas Jiruu teenya Osoo harkaa qabnuu sirritti tiiffannee hujii irra haa oolchinuu.

• Gaafa dhabne sheenawuun faaydaa Nuuf hin qabnu osuma harkaa qabnu sirritti kunuunfannee hunda isiituu aakhiraan haa dalagannu.

• Rabbiin Warra wantoota asii olitti dubbanne kana hunda sirnaan itti fayyadamee bu’aa irraa buufatu Nu Haa Taasisuu.

• Barreeffama kana dubbisaa, yoo isinitti tole nama fayyada jattanii yaaddan obboleeyyan keessaniif Share godhuun Raabsaa.

Waan Dubbistaniif Galatoomaa: Jazaakumullaahu Kheeyran

Ibsaa Dhugaa

31/12/2024

Lemma, founder and former editor-in-Chief of the Addis Standard Publications, had the chance to sit down with Jawar Mohammed in N...

Barnoota dhorkuun yoo rakkoo Ta’e akka itti hanbisan  gochuun ni danda’ama jechuu fakkaataBarnoonni biyya keenya kana ke...
30/12/2024

Barnoota dhorkuun yoo rakkoo Ta’e akka itti hanbisan gochuun ni danda’ama jechuu fakkaata
Barnoonni biyya keenya kana keessatti dubarii qullaa deemtuuf male dubartii uffatteef hintaane kun bakka itti baratanmoo? bakka itti wallaalan jenna? Hooggansi mana barnootaa Tigraayi naannoo Aksuum Bulchaa jiru ministeeruma barnootaa jala jiraa mitii? kan dubartii uffatte baasee ala kaa’eef kun?
Raayyaa Abbaamaccaa

 'aanaa Abbaan Sagalee Bareedduu Qaarii Huzeyfaa Sh. Abdallaa Qur'aana guutuu sagalee isaatiin Waraabee Xumuree jira. Ka...
30/12/2024

'aanaa

Abbaan Sagalee Bareedduu Qaarii Huzeyfaa Sh. Abdallaa Qur'aana guutuu sagalee isaatiin Waraabee Xumuree jira.
Kana sababeeffachuudhaan Guyyaa 27/04/2017 ykn 05/01/2024 Magaalaa Adaamaa Galma Oliyaaditti Sagantaa Guddaa qopheessee nu Eegaa jira.

Hawaasni Magaalaa Adaamaa fi naannawa isii jiraattan hundinuu sagantaa kanarratti Afeeramtanii jirtu.

29/12/2024

Hunda jaalladhu muraasa amani nama tokkollee hin jibbin

Faaydaa Baala Qobboo fi haala itti fayyadama isaa kutaa lammaffaa....Fayyaa Garaachaa Fi marrimaanii cimsuuf Akkasumas d...
16/10/2024

Faaydaa Baala Qobboo fi haala itti fayyadama isaa kutaa lammaffaa....

Fayyaa Garaachaa Fi marrimaanii cimsuuf Akkasumas dhukkuboota marrimaanii yaaluuf Tiruu fi kalee meeshaalee Garaa keeyssaa Summii fi Baakteeriyaa, Vaayireesii garaa,Garaa qulqulleeysuuf, Akkasumas gogiinsa garaa kan sababa kiintaarotiin dhufu yaaluuf,
Baala Qobboo Tomamee fallaana guddaa tokko bishaan hoo'aa burcuqoo tokkotti naqama Sirriitti walitti makamaa itti Aansee Yeroo inni Qabbanaawaee ganama garaa duwwaatti fudhatama Guyyaa sana hanga sa'aatii 6 waan tokko hin nyaatinaa, Haala kanaan Guyyaa tokko yokan Guyyaa Sadii fayyadamuun ni dandayamaa.


Dhukkuboota gogaa yaaluuf
Baalli isaa tumaamee bakka dhukkubni jirutti dibama daqiiqaa 30 booda bishaan Qulqulluun dhiqatama, haala kanaan Guyyaa 5 hanga 10 fayyadamuun ni dandayamaa.

Mataa Bowwuu yaaluuf Baalli isaa Tumamee Addarra yokan mataa Bowwuu bakka dhukkubbiin jirutti dibama, Yeroo baayyee Mataa Bowwuu gara tokko yokan Bowwuu gamtokkoo yaaluuf Tajaajilaa.

Fayyaa Rifeensaa cimsuuf Akkasumas dhukkuboota Rifeensa miidhanu kan Akka forforrii fi harca'uu rifeensaa dhaabuuf
Baala Qobboo Tomamee bishaan wajjiin walitti makamee rifeensaan miiccama, Guyyaa 5 hanga 10 fayyadamuun ni dandayamaa faaydaa guddaa qabaa.

Baalli Biqiltuu Qobboo
Cuunfaan isaa madaa fayyisa, Baakteeriyaa madaa keeysaa qulqulleessaa. Madaa qaamaa dafee fayyisa..

Ol ka'iinsa Dhukkuba sukkaaraa hatattamaan to'achuu danda'aa Baalli isaa Tumamee cuunfaan isaa siinii bunaa tokko fudhatama,
Garuu Yeroo hunda irra deddeebiin itti fayyadamuun hin danda'amuu!.

Dhukkubbii jilbaa Fi Lafee Dhugdaa humneetii qaamaa keeysaa namatti dhaga'amu hirrisuuf Baalli isaa Tumamee bakka dhukkubbiin jirutti dibama ittiin dhidhiibama yokan ittiin shukkumamaa..

Hubadhaa Barreeffama faaydaa baala Qobboo fi haala itti fayyadama isaa kana Yeroon maxxansu Saayinsii irratti hundaa'ee mitii Qoricha Aadaa irratti hundaa'een post isiniif godhe.
Saayinsiin Zayitii firii isaa keeysaa bahu malee Baala

25/04/2024
10/04/2024

Address

Addis Ababa

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Abdii Ahimad posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Business

Send a message to Abdii Ahimad:

Share