19/05/2023
Waraanni Bilisummaa Oromoo waraana discipline ol aanaa qabu fi seera waraana idil addunyaa eegee socho’udha.
Xiyyeeffannoon isaas qaama isa waraanu sirna qofarratti akka ta’e beekamadha.
Tarkaanfii yeroo adda addaatti fudhachaa jiruun yeroo tokkos saboota biroos ta’ee bu’uuralee misooma irratti xiyyeeffatee hin beeku.
Akka fakkeennatti yoo laalle iddoo hidda mormaa mootummaa ta’an kan akka Daandii baaburaa Ethio-Djibouti, Madda Elektiriika Ethiopia, Humna bishaani magaalota gurguddoo, Riqicha gurguddoo biyyatti, Daandi guddicha Ethio-Kenya cufuu osoo danda’uu, ummata bal’aaf jecha Discipline waraana idil addunyaa kan qabu waan ta’eef bira darbee waraana isa loluuf dhufe qofa irratti xiyyeeffate imala isaa itti fufee jira.
Waraana mootummaa isa loluuf dhufe kan du’erra baala buusee darba, isa madaaye waldhaane fayyisaa, isa booji’ame kunuunse akka fedhii isaanitti nagaan gaggeessa.
Garuu faallaa kana waraanni mootummaa gochoota cigaasisoo hedduu ummata nagaa irratti raawwachaa jira.
Waraanni mootumma ga’uumsa WBO dura dhaabbatuun yoo dhabu ol dheebi’e ummata harka qullaa jiru ajjeesa dubartoota gudeedu hojii Guyyaa guyyaa isaa godhateera.