
04/09/2025
Hidhi Abbayyaa dhaloota seenaan xumurameera
**********
Lagni Abbayyaa laga dheeraa addunyaa kanaati. Lagni kun dheerina kiiloomeetira 6650 kan dheeratuudha. Lagichi waggoota kumaatamaaf qabeenya umamaa hedduu itoophiyaa keessaa haree biyyoota ollaatti godaanaa tureera. Mootummoonni Itoophiyaa hedduun laga kanarratti hidha ijaaruuf yaalaniiru.
Mootiin Haylasillaasee mootota Itoophiyaa keessaa laga kanarratti hidha ijaaruuf yaada jalqabaa lafa kaayaniidha. Haa ta’u malee waggoota hedduun booda bara bulchiinsa ADWUI lagicha irratti hidhi guddaan sadarkaa Afrikaatti tokkoffaa ta’e akka ijaaramu dhagaan bu’uuraa kaa'ame.
Ministirri Muummee Obbo Mallas Zeenaawwii bara 2003 dhagaa bu’uuraa kaayuun, hidhichi boqonnaa haarawatti ce’e. Hidhi kun Laga Abbayyaa irratti kan ijaarame yoo ta’uu, Naannoo Beenishaangul Gumuz Aanaa Gubaa keessaatti argama.Hidhi kun humna elektirikii meeggaa waattii kuma shaniifi 150 maddisiisuu kan danda’u yoo tau, bishaan meetir kiyuubii tiriiliyoona 74 qaba.
Hidhi haaromsaa kun gadi fageenya meetira 145fi bal’ina kiiloo meetira 1.8 qaba.
Laga Abbayyaarratti hidha ijaaruuf bara Faranjootaa 1922 qorannoon jalqabaa gaggeeffameera. Yeroo sanatti mootummaan Biriitaaniyaa ka'umsa Laga Abbayyaa beekuufi lagicharratti hidha ijaaruuf karoorfatee jila qorannoo gaggeessu gara magaalaa Daangilaatti ergee ture. Bara Faranjootaa 1927 jilli qorataa lafaa lammii Ingilizii Roobart Ernast Chiiziin durfamu qorannoo gaggeesseera.
Bara 1958 Itoophiyaan laga Abbayyaarratti hidha ijaaruuf yaalii taasiftee turte. Qorannoo bara 1927 gaggeeffame keessaa tokkoon sochiin ijaarsa hidhaa eegalamee ture. Yaaliin mootiin Hayilasillaaseen mootummaa Ameerikaa waliin ta'uun laga Abbayyaarratti hidha ijaaruuf karoorfatanii turan mootummaa Biriitaaniyaan gufate. Bara 2003 Itoophiyaan laga Abbayyaarratti hidha ijaaruuf murannoo qabdu gochaan agarsiifte. Bitootessa 24, 2003 ijaarsa hidha haaromsaaf dhagaan bu'uuraa kaa'ame. Caamsaa 2005 ijaarsa hidhichaaf kallattiin laga