31/05/2023
Dubbii haqaa kana mee dubbisaa๐
๐๐๐๐๐๐๐๐๐๐๐๐
TALAALLII SAMMUU
Gandummaan gadhummaadha!
Namuu ganda dhalootaa qaba.
Garuu ganda filatee itti dhalate hin qabu.
Gandi goota qofa qabu ykn gandi dabeessa qofa qabu hin jiru.
Goototni ganda kamittuu dhalatan ganda isaanii qofaaf hin dhalanne, ganda isaanii qofas hin fayyadne, akkasumas ganda isaanii qofaaf hin wareegamne. kanaaf walumaan nu fayyadan walumaan ittiin boonna, walumaan ittiin waamamna.
Dabeessonnis dabeessummaan isaanii biyya miidhe malee ganda itti dhalatan qofa hin miine.
Kanaaf miidhamnis kan waloo keenyati waan taโeef dabeessummaatti namuu abbaa miti.
Dabeessa haati deessellee ittiin hin boontu, ittiinis waamamamtee hin gammaddu.
Hayyoonni fi gootonni keenya hedduun darbanii fi lubbuun jiran gandummaa sababni balaaleffataniif ganda itti qaanaโan irraa dhalatanii miti.
Gandummaan mana hidhaa sammuu waan taโeefi.
Oromiyaan daangaa haga daangaatti guutuun ishee laftis namni ishees kan isaanii akka taโetti waan beekaniifi.
Oromiyaan tiyya yoo jettee yaadde daangaa haga daangaa keetuma.
Sarartee iddoo taโe wayiitti yoo of daangessite namni garanatti si hafe jedhee si affeerus hin jiru.
Nuti harโa maalif ganda wayii keessatti of hiinee ganda biraa arrabsina?
Maalif Oromiyaan guutuun keenya taโuu wallaallee iddoo dhiphoo wayiitin of waamna?
Kutaa ciisichaa ol manni, mana caalaa mooraan, Mooraa ol gandi, ganda caalaa aanaan, aanaa ol godinni, godinaa ol immoo biyyi teenya Oromiyaan balโoo taโuu maaf wallaallee lafa ofitti dhiphisna?
Yoo ganda biraa arrabsitu ofis akka arrabsaa jirtu beektaa?
Ati kan arrabsoof deebii laattu wallaalan yoo si arrabse ati hoo baratteetta ykn sirrii akka hin taane beekta maaf deebii wal fakkaataa deebista?
Rakkoon Oromiyaan keessa jirtu rakkoon waloo keenyaa nu dhiphisuu didee akkamitti gandummaan dhimma uummataa taโe?
Dhimma Amantaa
Barana amantaan hoo haaraan kamtu dhufe?
Amantaan kee hin taโin tokko yoo tuqamu ati oromummaa walitti qabduu fi namummaaf jecha wabii dhaabbachuufii osoo qabduu maaf amantaa waliitti darbuun dhufe?
Rakkoon kamuu yoo mudate yoo waliif hin birmanne yoo waliif hin dubbanne aantummaan kee maalin mulโata?
Yoo wabii dhaabbachuufii dadhabde amantaa namaa kabajjee amantaa kee kabachiifachuu maaf dadhabde?
Tokko Oromummaa isaa caalaa amantaa isaa yoo jaalate tokko immoo amantaa isaa caalaa Oromummaa isaa jaalachuun mirga abbaati.
Ati amataa kee hamma feete jaaladhu, inni biraas haga fedhe haa jaalatu. hagan ani amantaa koo jaaladhu ol ykn gadi jaalachuu hin hin qabdu jechuun abbaa irrummaa ykn anatu siif beekadha.
Kanaaf โKaraa sareen baaste waraabessi namatti seenaโ jedhu abbootni keenya.
Waan goonu fi dubbannu kamiiyyuu buโaaf miidhaa isaa wal cinaa haa ilaallu.
Ajandaa xixiqqaa wayii qaamni lafa nuuf kaaโe haga nuti wal nyaannutti waan guddoo gedduu keenyaa akka nyaachaa jiran yeroo hunda yaadadhaa.
Dhumarrattiโฆ
Warra profile lock godhatee fi sammuu lock godhatee nama arrabsu uummata balโaa bakka hin buโan waan taโeef dorgommii arrabsoo kamiiyyuu waliin hin seeninaa!
Kuni yaada dhuunfaa kooti.
yoon dogoggore na oofkalchaa kan isiniif bariite nagaan oolaa,kan isiniif dhiihte halkan gaarii ๐๐ผ