Ancient History of Oromoo

Ancient History of Oromoo society and culture history

SEENAA GOOTICHA OROMO JENERAAL WAAQOO GUUTUUKutaa 2 ffaaHaaluma kanaan, bara 1958 poolisii lama ajjeesan. Baruma kana ke...
12/12/2025

SEENAA GOOTICHA OROMO JENERAAL WAAQOO GUUTUU

Kutaa 2 ffaa
Haaluma kanaan, bara 1958 poolisii lama ajjeesan. Baruma kana keessa poolisoota erga ajjeesaniin booda, Waaqon akkuma tasaa magaalaa Nageelleetti shaalaqaa sanaan walargan. Yoo kana “Eessatti baddee, Waaqoo!!!“ jedhee gaafate. Yoo tana malli dafee dhufeefii ”Looniin godaanee gammoojjii ture, damma adii ati jaalattu kan nagaafate san siif arge, horii ittiin bitu dhabee fidi” jedheen. Shaalaqaan baayyee gamaddee qarshii 200 itti kenne. Qarshii kanaanis rasaasa zinnaara dachaa lamaa ittiin guutatee. Ammas baatii tokkoon booda Nageellematti walitti dhufani. Nagayyumalee utuu hin gaafatin “maali si barbaadaa mitii, damma kee bitee lafa jiraa, horii karaa waan kafalu ittiin feesisuun dhabee“ jedheenii qarshii 20 ammallee irraafudhate tooftaa kana fakaatu hedduun gargaaramanii diina hifachiisaa turan.
Bara 1962 dhiibaan, gidiraafi ajjeechaan mootummaa Nafxanyaa Hayila Sillaasee ummata isaanii irratti hammataa dhufnaan ijoollee gana kudhanii gadii imaa Helgool Waaqoo. Abdallaa guutuu , Alii Jiloo, Yisaaq Suudee Goobana, Muhaamad Butaa Aagaatii, Alii Buttaa Aagaa kkf dhibboota ajjeefaman keessaa haga tokko yoo ta’an, tarkaanfii Mootummaa Abashaa kana hifachuun ummanni bulchitoota naannooo kana mootummaatti hiyyate. Yeroo kana dubbiin kun mooticha bira ga'e. Finfinnee irraa Koloneel Taaaddasaa Tagan namni jedhamuu fi ajajaa waraanaa kutaa bulchiinsa Sidaamoo yeroo sanii koloneel Zawudee Xilahun gadi dhufanii uummata Oromoo naanoo Nageellee Booranaa jiru mooraa waraantitti walitti qabuun rakkoon keessan maali jedhee yoo gaafatu ummanni "rakkoon teena isini biyya teena irrati dhuftanii nu ajjeessaa jirtan, dubartii fi daa’imman teena irra deemitanii fixaa jirtan, qabeena keena saamtanii kaan barbadeesaa jirtan, namoon isin of jalati qabattanii nuun ajjeeftaniif nuun saamtan maaliin nuun adda jiran? Nuuf isaan obboleeyaanii maaliif adda nu baaftan? kana hundaa isintuu nutti fidee lafa keenyarraa nuu ka’aa” jedhaniin. Nafxanyoonni lafa kana gadi lakkiftanii deemuu qabdu, yoo diddan ajjeechaa, saamichii fi qabeenya barbadeessun itti fufa jedhaniin. Ummanni wacee lakki jennaan loltuu waraanaa itti waamani......itti fufa

Share gochuun nu jajabeessa
Seenaa Oromoo

11/12/2025

Big shout out to my newest top fans! 💎 Bobbaa Godaanaa

SEENAA GOOTICHA OROMO JENERAAL WAAQOO GUUTUUKutaa 1ffaaJeneraal Waaqoo Guutuun (1920 - Gurraandhala 3, 2006) geggeessaa ...
11/12/2025

SEENAA GOOTICHA OROMO JENERAAL WAAQOO GUUTUU

Kutaa 1ffaa
Jeneraal Waaqoo Guutuun (1920 - Gurraandhala 3, 2006) geggeessaa Fincila Baalee fi qabsaawaa mirga ummata Oromooti . Jeneraal Waaqon umurii isaa guutuu mirga ummata Oromoo kabachiisuf qabsaa'un dabarse.
*Ijoollummaa Isaa*
Gootichi Oromoo Jeneraal Waaqoo Guutuu abbaasaa Guutuu Usuu Cammarrii fi haadhasaa Dhuulloo Alii Hasanirraa bara 1924 aanaa Madda Walaabuu lafa Oda jedhamutti dhalate. Abbaansaa Guutuun ilma dhiiraa kudhanii fi durba sagal walumaagalatti ijoollee kudha-sagal qaba ture. Isaan keessaa Jeneraal Waaqo ammoo dubartoota torbarraa ijoollee afurtamii-sagal dhalche.
Jeneraal Waaqo ijoolummaa isaatirraa jalqabee xiiqii fi jibbinsa diinaa qaba; faandhooftuu diddaa gabrummaas ture. Bara 1938, fuudhee mana osoo hin bayin, osoo abbaansaa hinbeekin horii abbaasaa gurguree qawwee ittiin bitate. Sammuunsaa roorroo gabrumaa fudhataa waan hinta’iniif ijoollee hiriyootasaa gurmmeessuun akkasumas gorsuun poolisii mootummaa tumaa turan.
*Qabsoo Jalqabuusaa*
Jeneraal Waaqon bara 1943 Muhaammad Gadaa Qaalluu fakkeenna godhachuun diddaa gabrummaatti seene. Bara 1952 akka nama hiyyeessa tokkoo ta’anii uffata poolisii nama dhaloota gosa Raayituu Alii Jiloo kan maqaan kiristaana Shaalaqaa Isayaas jedhanii mogaafatan kadhate. Erga inni uffata kana kenneefii booda isuma uffachuun magaalaa seeneei kitilaayyota *Nafxanyaa* sodaachisaa ture....itti fufa

Share gochuun nu deegara🙏

kabajamtota hordoftota fulla face bookii keenyaa seenaa gootaa oromoo jeneral waaqqoo gutu isinif dhiheesesuf qoopheesii...
10/12/2025

kabajamtota hordoftota fulla face bookii keenyaa seenaa gootaa oromoo jeneral waaqqoo gutu isinif dhiheesesuf qoopheesiine jira.yaada keessan akka nuf laataan waan nu barbachisuf akka issinif dhihesinu yaada keessan commenti jalatti nut barreesaa galatoma
Share.like comment ..........

10/12/2025

I got over 500 reactions on my posts last week! Thanks everyone for your support! 🎉

SEENAA INJINAR TASFAAHUUN CAMADAA Kutaa 2ffaa Yakka dharaa miseensummaa ABOtiin himatamee jireenya mana dukkaanaa waggaa...
08/12/2025

SEENAA INJINAR TASFAAHUUN CAMADAA
Kutaa 2ffaa

Yakka dharaa miseensummaa ABOtiin himatamee jireenya mana dukkaanaa waggaa fi ji’a sadiin duubatti Adoolessa bara 2008 mana murtiitti kan dhiyaate Tasfaahuun Camadaa, gaafa 31/03/2010 dhaddacha barcuma ilmaan Tigraayiin guutameen murtii hidhaa umurii guutuun akka hidhamu itti murteeffame. Du’a isaa arguun malee murtii kamiinuu quufuu kan hin dandeenye mootummaan wayyaanees, gaafa 04/04/2011 mana hidhaa keessaa milquuf karoorfataa jirtu jedhee sobaan yakkuudhaan Masfin Abbabaa fi Tasfaahuun Camadaa mana hidhaa keessaa ukkaamsee ciraa dhabamsiise. Gartuun Qorattootaa ilmaan Tigraay suduudaan Mallas Zeenaawwiin qajeelfamu bool’a keessatti bool’a biraa qotee, dukkana keessatti dukkana biraa qopheessuun hanga qaamni isaanii bututee sammuun isaanii hadoodutti reebichaan hunkuteesse. Dirmammuu qaamaa, madaa onnee fi godaannisa sammuu irraa fayyuu hin dandahamneen kan eele Tasfaahuun Camadaa dhukkubsatee akka hin yaalamne taassifamuun gaafa 24/08/2013 du’aan Addunyaa kana irraa boqate. Qarriffaan bulguu lafee ilmaan Oromoo qulqulluu qorquu barates dhiiga Injinar Tasfaahuun Camadaa qeensee habbuuqqate.
“Bilisa ta’eee dhaladhee, bilisa ta’ee jiraachuu dhorkamus bilisummaa kiyyaaf qabsaawaa du’uu irraa kan na dhorkuu danda’u humni tokkollee hin jiru, hin jiraatuus!” jechuun kan beekamu Injinar Tasfaahuun Camadaa, adeemsa daddagalfataa fi ulfaataa eegale galmaan gahuuf milkii itti dhabee aarsaa lubbuu ilmaan Oromoo kumaatamni Oromummaa isaanii qofaaf kanfalaa turanitti baasuun kichuutti cabee hafuuf dirqame. Haata’uutii gootumaan, qarummaa fi fakeenyummaan Injinar Tasfahuun Camadaa seenaa qabsoo Oromoo keessatti yomiyyuu cululuqee jiraachuun isaa Dirqama.
Seenaa Oromoo

SEENAA TASFAAHUN CAMADAA GURMEESSAA (1976-2013) Kutaa 1ffaa Injinar Tasfaahuun Camadaa abbaa isaa Obbo Camadaa Gurmeessa...
02/12/2025

SEENAA TASFAAHUN CAMADAA GURMEESSAA (1976-2013)
Kutaa 1ffaa

Injinar Tasfaahuun Camadaa abbaa isaa Obbo Camadaa Gurmeessaa fi harmee isaa Aadde Giddinesh Beenyaa irraa bara 1976 tti godina Horroo Guduruu Wallaggaa , aanaa Guduruu, ganda Harbuu jedhamutti dhalate. Tasfaahuun, carraa dhiphoo ilmaan Oromoo waanjoo gabrummaa jala jiraatanii barachuuf qaban argatan keessaa nama tokko ture. Umuriin barnootaaf isa gahees barumsa isaa sadarkaa tokkoffaa fi gidduu galeessaa mana barumsaa Looyyaa fi Finca’aatti barachuun, kan sadarkaa lammaffaa ammoo magaala Shaambootti itti fufee bara 1996 xumure. Qabxii olaanaa galmeessuunis Yuunvarsiitii Finfinnee seenee gaafa Adoolessa bara 2001 Digrii jalqabaan (BSc) Civil Engineering eebbifame. Erga eebbifameen booda:
Fulbaana bara 2004 hanga Amajjii bara 2005 tti supha daandii Arsii- Baalee, projektii Abbaa Taayitaa Daandii Baadiyaa Oromiyaa fi projektii gamtaa misooma baadiyaa Arsii- Baalee Ityoo Xaaliyaaniin durfamu ‘unit’ manaajerummaan;
Projektii daandii Dagalee-Birbirsaa RR50 (regular project in Salle-Nonno District in extreme South-west of Ilu-Abba-Bore Zone);
Projektii daandii qubatiinsaaf afur si’a takkaan deemaa turan: Kone-Cawwaaqaa,
Baddallee-Kolosirri, Gachii-Catee fi Yaanfaa- Ballattii;
Akkasumas ijaarsa waajira aanaa Cawwaaqaa magaalaa Iluu-Hararitti bu’uureffame
projekti manaajerii ta’uun yoo dalagu;
Onkoloolessa bara 2001 hanga Adoolessa bara 2003 tti ammoo projektii Siree-Nuunnuu-Arjoo RR50 godina Wallaggaa ‘site engineer’ ta’uun, Tasfaahuun Camadaa saba isaa tajaajilaa ture.
Sababaa shakkii fi jibbinsa Wayyaneen ilmaan Oromoo qaroo irratti qabdu irraa Tesfahunsi dararamni itti baayyatuu irraan fi lubbuun barbaadamuu irraa biyya lakkisee jalqaba bara 2005 gara Keeniyaatti baqachuuf dirqame. Keeniyaa magaala Naayiroobiittis dhibdee fi dararaa hojjetee jiraachuuf isa rakkisee, biyyaa bahuuf murtii isa fudhachiise waajjira Mootummoota Gamtoomanitti Koomishinera Ol’aanaa Dhimma Baqattootaa (UNHCR)tti himachuun, nama nagaa roorroo dheessee nageenya ofiif dahannaa gaaafatu ta’uun gaafa mirkanaa’u waraqaa jireenyaa fi sochii UNHCR irraa argatee ture. Haa tahu malee sababaa gahaa fi qabatamaa osoo hin qabaatne gaafa 27/ 04/2007 walta’iinsa mootummaa Keeniyaa fi Wayyaneetiin waahila isaa hireen baqattummaa waliin isaan irra geesse, Injinar Masfin Abbabaa Abdiisaa waliin ukkaamfaman.
Dhaaba gaaddidduu mootummaa Ameerikaan hundaa’e biyyoonni akka Ugaandaa fi Keeniyaafaa miseensa itti ta’an, Joint Anti-Terrorism Task Force (JATT) jedhamu keessatti miseensa kan taate Itoophiyaan dahoo maqaa shororkeessitummaa adamsuu jedhuun ilmaan Oromoo baqattummaan biyyoota ollaa ishee jiraatan ukkaamsaa jiraachuun ishee beekamaa dha. Haaluma kanaanis Tasfaahun Camadaa fi Mesfin Abbabaa yakka dharaa maqaa shororkeessummaan faaluun gargaarsa mootummaa Keeniyaatti dhimma baatee ukkaamsuun sababa shororkeessitoota gaanfa Afrikaa Finfinneetti qoranna jedhuun (JATT East African Main Branch Investigation in Addis Abbaba) akka dabarfamanii isheef laataman gochuu dandeesse. Injinar Tasfaahuun Camadaa fi Injinar Masfin Abbabaas gaafa 12/05/2007 halkan

keessaa sa’aatii 2:00 tti harkaa fi ija hidhamanii Moyyaaleerraan Itoophaatti dabarfamanii kennaman.
Biyyatti dabarfamuun duratti ammoo gaafa qabaman 27/04/2007 irraa kaasee hanga gaafa 12/05/2007 tti (National bureau of Investigation-NBI) head office naannoo Tirm Valley jedhamu jiru keessatti qorattoota FBI Amerikaa fi Keeniyaa Anti-Terror Police Unitjedhamaniin qoratamaa turan. Eerga qoramaata isaanii xumuranii booda dursaan qorannoo kanaa namni Fraansis jedhamus dargaggoonni ukkaamfaman kun yakka shororkeessitummaa waliin wal qabatu tokkkollee kan dalagan waan hin qabneef mootummaan Keeniyaa akka dafee gad isaan lakkisuu qabu murtii dabarse. Garuu dubartiin Keeniyaa Lelian jedhamtu tan waajjira CID jedhamu keessatti Officer taate maallaqa harka wayaa jalaan wayyaanotaan afaan kaahamteef bitamtee ilmaan Oromoo qaroo sabaa turan dabarsitee laachuun abjuu isaanii doomsite. Carraa qulqullummaan hidhaa keessaa bahuuf qabanis jalaa galaafatte.
Haala akkas dabaan xaxameen Injinar Tasfaahuun Camadaa fi Injirner Mesfisn Abbabaa gara Maa’ikalaawwii, qilee lafee Oromoo qaqqaalii qorxomsee ammallee guutuu didee kan biraa dabalachuuf afaan banee taa’utti, kan darbataman. Maikalawwii keessatti waggaa tokko fi ji’a sadii guutuu reebicha fi dararama daangaa hin qabne jalatti qoratmaa bahan...
itti fufa
Seenaa Oromoo

Haadha warraa elemoo qilxuu,  Adde Amuun Ahmed umar bara 1970 G.C , Aden ,Yemen.
26/11/2025

Haadha warraa elemoo qilxuu, Adde Amuun Ahmed umar bara 1970 G.C , Aden ,Yemen.

23/11/2025
22/11/2025
21/11/2025

Part 71

Address

Addis Ababa

Telephone

+251910259115

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Ancient History of Oromoo posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Business

Send a message to Ancient History of Oromoo:

Share