28/12/2024
Adaamaa Boolee
Waajjirri Kominikeeshinii Magaalaa Adaamaa Waltajjii fuulaaf fuulaa komataa fi komatamaa jiraattota kutaa Magaalaa Boolee fi hoggansa kutaa magaalichaa walitti fiduun gaggeesseera.
Kenna tajaajilaa kutaa magaalaa Boolee Aanaalee sadi keessatti kennamaa turee fi itti quufinsa maamilaa irratti hanqinaa fi cimina jirurratti mari'atameera.
dhimmoonni hojii Shinshaanoo, carraa hojii uumuu, rakkoo mana jireenyaa, qaala'iinsa jireenyaa, fayyadamummaa dargaggoo, waraqaa eenyummaa, rakkoo bishaanii fi ibsaa ka'anii irratti mari'atameera.
I/G Waajjira Kominikeeshinii Bulchiinsa Magaalaa Adaamaa Aadde Amiinaa Inkushii yaada, gaaffii, fi komii ummataa dhaggeeffachuu fi deebii kennuun mootummaa fi ummata gidduutti walitti dhufeenya gaariin akka jiraatu gahee riqichummaa bahachaa jiraachuu ibsanii kutaan magaalaa Boolee rakkoolee bulchiinsa gaarii walxaxaa hikuun fayyadamummaa ummataaf kan oolchaa jiru waan ta'eef gaaffilee fi fedhii ummataa ka'e galtee godhachuun milkaa'ina itti aanuuf hojjechuu akka qabu dhaamaniiru.
I/G Paartii Badhaadhinaa Kutaa Magaalaa Boolee Obbo Girma Kebede fi I/A Hoji Raawwachiisaa Olaanaa Kutaa Magaalichaa Injinar Muktaar Jeylaan gaaffilee fi yaadota ka'aniif dhaggeeffachuun dhimmoota hubannoo dhabuurraa ka'aniif deebii kennuun dhimmoota galtee ta'uu danda'an fudhatanii galtee hojii itti aanuu kan taasisan ta'uu waadaa galaniiru.