Ifaa Adaamaa

Ifaa Adaamaa Local Government page

31/05/2025



እብድ ይሻለዋል እንጂ አይድንም ማለት👇🏻👇🏻👇🏻ነው

06/01/2025
 Adaamaa BooleeWaajjirri Kominikeeshinii Magaalaa Adaamaa Waltajjii fuulaaf fuulaa komataa fi komatamaa jiraattota kutaa...
28/12/2024


Adaamaa Boolee
Waajjirri Kominikeeshinii Magaalaa Adaamaa Waltajjii fuulaaf fuulaa komataa fi komatamaa jiraattota kutaa Magaalaa Boolee fi hoggansa kutaa magaalichaa walitti fiduun gaggeesseera.
Kenna tajaajilaa kutaa magaalaa Boolee Aanaalee sadi keessatti kennamaa turee fi itti quufinsa maamilaa irratti hanqinaa fi cimina jirurratti mari'atameera.
dhimmoonni hojii Shinshaanoo, carraa hojii uumuu, rakkoo mana jireenyaa, qaala'iinsa jireenyaa, fayyadamummaa dargaggoo, waraqaa eenyummaa, rakkoo bishaanii fi ibsaa ka'anii irratti mari'atameera.

I/G Waajjira Kominikeeshinii Bulchiinsa Magaalaa Adaamaa Aadde Amiinaa Inkushii yaada, gaaffii, fi komii ummataa dhaggeeffachuu fi deebii kennuun mootummaa fi ummata gidduutti walitti dhufeenya gaariin akka jiraatu gahee riqichummaa bahachaa jiraachuu ibsanii kutaan magaalaa Boolee rakkoolee bulchiinsa gaarii walxaxaa hikuun fayyadamummaa ummataaf kan oolchaa jiru waan ta'eef gaaffilee fi fedhii ummataa ka'e galtee godhachuun milkaa'ina itti aanuuf hojjechuu akka qabu dhaamaniiru.

I/G Paartii Badhaadhinaa Kutaa Magaalaa Boolee Obbo Girma Kebede fi I/A Hoji Raawwachiisaa Olaanaa Kutaa Magaalichaa Injinar Muktaar Jeylaan gaaffilee fi yaadota ka'aniif dhaggeeffachuun dhimmoota hubannoo dhabuurraa ka'aniif deebii kennuun dhimmoota galtee ta'uu danda'an fudhatanii galtee hojii itti aanuu kan taasisan ta'uu waadaa galaniiru.

28/03/2017Gabrummaa Olaanaan Wallaalummaadha...!!⨳⨳⨳⨳//⨳⨳⨳Bulchiinsi Magaalaa Adaamaa Aanaa   lafa qonna jallisii rakkoo...
07/12/2024

28/03/2017
Gabrummaa Olaanaan Wallaalummaadha...!!
⨳⨳⨳⨳//⨳⨳⨳
Bulchiinsi Magaalaa Adaamaa Aanaa lafa qonna jallisii rakkoo nageenyaa fi suphamuu dhabuu kaanaaliitiin yeroo dheeraaf addaan citee ture suphuu fi iddoo hin geenye biraan gahuun bakka hoggansi magaalaa, kutaa magaalaa, fi Aanichaa argamanitti qamadii bonee faca'eera.

Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Adaamaa Obbo Hayiluu Jaldee jiruuf jireenya ummataa jijjiiruuf karoora imala badhaadhina bocee bu'aawwan gurguddaa galmeessaa jiraachuu ibsanii aanaalee daangaa magaalaa jiran misoomsuun omishaaf omishtummaa guddisuu fi wabii nyaataa mirkaneessuuf nageenya keenya tikfachaa aadaa hojii fi qusannaa cimsuun tokkummaa fi obbolummaadhaan hojjennee badhaadhina yaadame dhugoomsuu akka qabnu dhaamaniiru.

I/G Waajjira Qonnaa Bulchiinsa Magaalaa Adaamaa Obbo Alamuu Qilxuu bara kana jallisii boneetiin lafa hektaara kuma 30 irraa callaa kunt. Mil.1.2 ol sassaabuuf hojjetamaa jiraachuu ibsanii zooniin kun sababoota gara garaatiin omisha omishuu qbu osoo hin argatin ture yeroo ammaa Kaanaalii bishaanii manca'e suphuun hawaasni qamadii fi kuduraaf muduraa adda addaa omishee wabii nyaataa mirkaneeffachuu akka danda'utti hojjechaa jirra jedhaniiru.

Kutaa Magaalaa Booleetti Gabaasni Hordoffii(suupparvizhiinii)hojiii Paartii Komishiinii Inispeekshiinii fi Naamusaa Paar...
03/12/2024

Kutaa Magaalaa Booleetti Gabaasni Hordoffii(suupparvizhiinii)hojiii Paartii Komishiinii Inispeekshiinii fi Naamusaa Paartii Kutaa Magaalichaatin dhihaatee irratti mari'atameera.

KIN Kutaa Magaalaa Boolee haala hojii Paartii Kutaa Magaalichaa sadarkaa Seeliifi Hundee tibbana qabatamaan eega daaw'atee booda bu'aa hordoffii isaanii har'a gabaasa dhiheessaniiru.

Gabaasa kanas Manaajimantiin Paartii Kutaa Magaalaafi aanaa akkasumas KIN Sadarkaan jiran argamanitti gabaasa dhiheessaniiru.

Oduu Ammee Waliigaltee nageenya buusuu Mootummaa Naannoo Oromiyaa fi Qondaaltoota WBO waamicha nagaa fudhatan gidduutti ...
03/12/2024

Oduu Ammee
Waliigaltee nageenya buusuu Mootummaa Naannoo Oromiyaa fi Qondaaltoota WBO waamicha nagaa fudhatan gidduutti taasifame hordofee guyyaa har’aa miseensonni WBO moonaa qophaa’efitti galaa jiru

Garaagarummaan ejjennoo siyaasaa mariidhaan yoo ta’e malee afaan qawweetiin hiikamuu kan hin dandeenye ta’uu isaarratti walhubannaarra gahuun, wal-waraansa yeroo dheeraa fudhatee madda dararama ummataa ta’e dhaabuudhaaf Mootummaan Naannoo Oromiyaa fi Qondaaltoota WBO waamicha nagaa fudhatan gidduutti waliigalteen nageenya buusuu guyyoota muraasaan dura mallattaa’e qabatamaadhaan hojiirra oolaa jira.
Bu’uura waliigaltee kanaatiin guyyaa har’aa miseensonni WBO iddoowwan gara garaatti socho’aa turan gara moonaa mootummaan qopheesifitti galaa jiru. Ummannis simannaa taasisaafii jira.

Garaagarummaa ejjennoo siyaasaa afaan qawweetiin hiikuuf yaaluun gaaga’ama hawaas-dinagdee fiduun umrii hiyyummaa dheereessuu, dararama lammiilee hammeessuu fi madda saaxilamummaa humnoota alaa ta’uurraa kan hafe furmaanni fidu tokko hin jiru. Kanumarraa ka’uun Mootummaan Naannoo Oromiyaa fi Qondaaltoonni WBO waamicha nagaa fudhatan waliigaltee nagaa waliif mallatteessan qabatamaadhaan hojiirra oolchaa jiru.

Kutaa Magaalaa Booleetti Leenjiin Intarpirunarshiippii Dargaggootaaf kennamu har'as itti fufeera.Leenjiin kun Waajjira C...
03/12/2024

Kutaa Magaalaa Booleetti Leenjiin Intarpirunarshiippii Dargaggootaaf kennamu har'as itti fufeera.
Leenjiin kun Waajjira Carraa Hojii Uumuufi Ogummaa Bulchiinsa Magaalaa Adaamaatiin Dargaggoota Kuma 3 ta'aniif marsaa kanaan carraa hojii uumuuf karoorfamee leenjii kennamaa jirudha.

Address

Cameroon
Addis Ababa

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Ifaa Adaamaa posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Business

Send a message to Ifaa Adaamaa:

Share