Asad Family

Asad Family Namoonni hedduun gorsa yoo fudhataniyyuu, kanneen itti fayyadaman beektota qofa. " ↓ Gootu maale hin darbin

21/05/2025

Geram Tark

18/05/2025
15/05/2025

Yaa Rabbii Nu Qajeelchi

Gammachuu Guyyaa Har’aa  Milkaa’ina GuddaaGuyyaa har'aa Ustaaz Raayyaa Abbaa Maccaa gatii guddaa, fakkeenyaaf hordoftoot...
14/05/2025

Gammachuu Guyyaa Har’aa Milkaa’ina Guddaa

Guyyaa har'aa Ustaaz Raayyaa Abbaa Maccaa gatii guddaa, fakkeenyaaf hordoftoota kuma dhibba hedduun ol argachuun, tola ooltummaa fi iccita hojiisaa kan agarsiisu dha. Kun mallattoo jaalalaa fi kabajaa ummanni Oromoo isaaf qabuudha. Inni “namoota miira qabu gara tokkummaa fi bilisummaa leellisan” bakka tokko walitti fiduu danda’eera.

"Ustaaz Raayyaa foloorsii miliyoona tokko caalaa nama taasisuu danda’uudha!"
Jechoonni isaa, gochi isaa fi ilaalcha bal’aa qabu, dhaloota har’aa fi boruuf ibsaa ta’a. Mee amma share godhi, namoonni hedduun haa beekan – hayyuu keenya haa kabajnu!

Raayyaa Abbaamacca Asad Abda

Ergaa Ijoollee keenya biyya Arabaa keessa hojjatan hundaaf, keessattuu Sa'uudii Arabiyaa jiraniif:Akkuma beekkamu, yeroo...
11/05/2025

Ergaa Ijoollee keenya biyya Arabaa keessa hojjatan hundaaf, keessattuu Sa'uudii Arabiyaa jiraniif:

Akkuma beekkamu, yeroo ammaa kana qilleensi biyyoota Arabaa keessumaa Sa'uudii Arabiyaa keessatti ni jijjiiramaa jira; aduun hoo’aa cimaa fiddu jalqabee jirti. Hoo’a cimaa kana hordofee ammoo bineensonni summii qabanii fi lubbuu namaaf balaa ta’an akka bofaa fi qaajibboo garaa garaa sochii isaanii ni baay’isan. Sa’aatii tokko irraa gara sa’aatii biraatti bakka gara garaa ni socho’u; yeroon kunis yeroo ijoolleen keenya hojii irra jiranitti miidhaan guddaan irra gahuu danda’a.

■Bineensonni summii qabaniis bakka baay’ee argamu:
■Lafoo boolla garaa garaa qabu keessatti
■Naannoo bishaanii
■Naannoo dhagaa fi muka jiran keessatti
Keessattuu muka firiin isaa nyaatamu jala
Lafa dameewwan mukaa tuulamee jiru jalatti argamu
■Kanaafuu, obboloota keenya biyya alaa jiran hundaaf:

Of eeggannoo cimaa gochuun dirqama. Bakka akkanaatti yeroo boqonnaa fi hojii dabarsitanitti ofi tiksaa. Hamma dandeessan uffata qunnamtii bineensota kana ittisu uffadha. Haa ta’u malee, hojiiwwan tokko tokko keessatti hanga dandeessan ofirraa eeggadhaa.

Rabbiin tiksaa guddaan isin haa tiksu, balaa hundaa irraa haa eegdu.
Mee ergaa kana waliif dabarsaa, lubbuun tokkos yoo dandahame akka baraaramtu.



✍ Asad Abda

Ergaa Dabalataafi

YOUTUBE
https://youtube.com/?si=4RxmOzkuF0NtTf7r

TIKTOK
https://www.tiktok.com/?_t=ZM-8tnpMDttjpH&_r=1

TELEGRAM
https://t.me/+z1Joe0DLNN05MTdk

INSTAGRAM
https://www.instagram.com/asadfamily1?igsh=MW02ZmpiYnVlZHMzbw==

Nun Fakkaatu!   Hin IbsuDeemsi amma deemamaa jiru karaa ifaa miti. Fakkeenyummaan, maqaa qofaan eenyummaa sabaa bakka bu...
10/05/2025

Nun Fakkaatu! Hin Ibsu

Deemsi amma deemamaa jiru karaa ifaa miti. Fakkeenyummaan, maqaa qofaan eenyummaa sabaa bakka buusuun haqa dhabsiisuu fi seenaa haquu dha. Jimmaan bakka maqaa qofaan ibsamuu fi fakkeenyummaa sobaan bakka bu’uu miti. Seenaa mataa ishee qabdi, kabajaa ishee qabdi, eenyummaa ishee qabdi.

Jimmaan Qe’ee jara shanan Gibee keessaa tokko, bakka goototaa fi mootoota biyyaati keessaa tokko bu'uura tokkummaa fi gootummaa Oromoo keessaa isa hangafa. Akka kanaan hin ibsamne ture. Amma garuu, pirojektiin haaraan, eenyummaa uummata Jimmaa bakka bu'uu hin dandeenye, "fakkeenya" jedhamee dhiyaataa jira. Pirojektii akkanaa sabni keenya, uummanni Jimmaa, gootota isaa, Abbaa Jifaar dabalatee, bakka bu’uu hin dandeenye keessa hin ilaallu.

Hin eegne turre — pirojektii fakkeenyummaa sobaa irratti hundaa’e — biyya Jimmaa bakka bu’a jedhamee akka hojjatama jenne. Garuu har’a ammoo, sirna dogoggoraa kana sirreessuun dirqama.

Jimmaa bakka bu’uu yoo barbaaddan, Jimmaa dhugaa haa ibsinu. Seenaa haa tiksinu. Gootota haa kabajnu.

Amaanaan abbaa keenyaa Abbaa Jifaar nu Harkaati baadu hin qabuu ! woliif godha

///

06/05/2025

Rakkoon ijoollee keenya Saudia Arabia Irraa ga'aa jiraa waan akkam garaa nama nyaatuu fi qalbii nama cabsuudha ijoollee keenya kanaaf hundi keenya yoo sagalee haa taanu akkasumallee du'aa'i haa yaadanu Sher share godhaa
█▓▒F░O░L░L░O░W▒▓█
█▓▒░M░E░▒▓█

Address

Addis Ababa

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Asad Family posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share