Dhangaa Ispoortii

Dhangaa Ispoortii AMN - Ispoortii Addis Media News is one of the best sport information source for Afaan Oromoo speakers Sport Lovers

Tapha Michoomaa Chelsii 2-0 Bayerleverkusen⚽Estêvão ⚽João Pedro
08/08/2025

Tapha Michoomaa

Chelsii 2-0 Bayerleverkusen
⚽Estêvão
⚽João Pedro

😘Urjiin warra Cheellaa dhumarratti akkas jedhe🗣️"Kanneen shakkii keessa turtaniif baay'een gadda. Cheelsiin kilaba jecha...
13/07/2025

😘Urjiin warra Cheellaa dhumarratti akkas jedhe

🗣️"Kanneen shakkii keessa turtaniif baay'een gadda. Cheelsiin kilaba jechaa utuu hin taane gochaan argisiisu tahuu dagattan "
🗣️"Ani homaa isiniif gochuu hin danda'u. Dirree keessatti barreessinee isin dubbisiifne. Kanneen tilmaama gad aanaa kennan amma deebii argatanii jiru" jedha. Kool Paalmer

💙Pride of London Chelsea
The Beautiful Game
Asuman follow godhaa

Cheelsiin Shaampiyoonaa Kilaboota addunyaa ta'e Dorgommii Kilaboota Addunyaa yeroo jalqabeef gaggeeffameen Cheelsiin Sha...
13/07/2025

Cheelsiin Shaampiyoonaa Kilaboota addunyaa ta'e

Dorgommii Kilaboota Addunyaa yeroo jalqabeef gaggeeffameen Cheelsiin Shaampiyoonaa ta'eera.

Cheelsiin galchii 3 fi 0n PSG injifachuun Shaampiyoonaa Kilaboota addunyaa jalqabaa ta'eera.

Wantoota Afirikaa qofa ibsan:🤣● Mana fincaanii qarqaratti qulqullaa'u.● Haati manaan gara dagalee (girgiddaatti) aantee ...
10/07/2025

Wantoota Afirikaa qofa ibsan:🤣

● Mana fincaanii qarqaratti qulqullaa'u.
● Haati manaan gara dagalee (girgiddaatti) aantee rafti.
● Yeroo ati sooromtu, hawaasni "JAWWEE manaa qaba... Hojjachiifateetu.." siin jedha.
● Foon Qirci gaafa qalamu , tokko tokkoon diddiriirsanii lakkaa'u.
● Duuti uumamaa hin jiru, yoo ati duute diinakee sababa taasisu
● ATM keessaa qarshii baasanii lakkaa'u
● Ittoo foonii keessaa isa gaarii ta'e Abbaa manaa nyaachisu.
● Yeroo ayyaanni waggaa ga'u wayyaa haaraa bitatu.
● Yeroo daandii qaxxaamuran, bitaaf mirga ilaallachuu
● Pilaastikii fayyadamamee gatamu keessaa dhuganii, waan biroof itti fayyadamamuuf ol kaawwachuu.
● Gaafa baasii keessa nama adii (faranjiitti) aananii ta'an boonuu.
● Teessuma isa bareedaa abbaa manaaf filuu.
● Daandii cinatti fincaa'uu fi Muka jalatti bobbaa bobba'uu.
● Yeroo haasaaf maayikiin itti laatamu afuufanii ykn qubaan rurrukutanii dura cheekii gochuuf yaaluu.
● Yoo shamarreen dureessatti heerumte, qabeenya isaaf jetteeti jechuu. Yoo dhiirri dubartii dureettii fuudhe, qabeenya qabdi kanaaf gowwomsee fuudhe jechuu.

Waan qabdan itti dabalaa!

Alex Taye tu jedhe🤣

✅️Waancaa kilaboota addunyaan Cheelsiin Filuumineensee injifachuun xumuraaf darbe.Cheelsiin galchii 2 fi 0n Filuumineens...
08/07/2025

✅️Waancaa kilaboota addunyaan Cheelsiin Filuumineensee injifachuun xumuraaf darbe.

Cheelsiin galchii 2 fi 0n Filuumineensee injifachuun tapha waancaaf darbuu mirkaneeffateera.

Jijjiirraa taphattootaa yeroo ammaan Cheelsitti kan makame Jawoo Pedroon galchii lamaan Cheelsii injifannoo goonfachiisan lakkoofsiseera.

Morkii Cheelsii fi Filuumineensee gidduutti taasifamuTapha walakkaa xumuraa waancaa kilaboota addunyaan taphni har’a Che...
08/07/2025

Morkii Cheelsii fi Filuumineensee gidduutti taasifamu

Tapha walakkaa xumuraa waancaa kilaboota addunyaan taphni har’a Cheelsii fi Filuumineensee gidduutti taphatamu ni eegama.

Dorgommiin haala qilleensaa rakkisaa keessatti kilaboota 32 gidduutti dorgomamaa ture kun hanga eegame daawwattoota argachuu baatus walakkaa xumuraaf gaheera.

Har’a halkan sa’aatii 4:00 eegalee falmiin Cheelsii fi Filuumineensee gidduutti gaggeeffame xiyyeeffannoo argateera.

Daawwattoonni baay’inaan gara Istaadiyeemii galanii tapha kana akka daawwataniif jecha gatii Tikkeettii Doolaara 473 ture gara Doolaara 13 akka gadi bu’u ta’eera.

Kilaboota lamaan keessaa har’a kan injifate,Riyaal Maadiridii fi PSG keessaa kan injifate waliin Dilbata dhufu waancaaf morkata.

Tiyagoo Silvan har'a Kilabaa isaa duranii Cheelsii waliin yoo falmatu, Jawoo Pedroonis kilaba ijoolluummaa isaa Filuumineensee faallaa ta'uun Cheelsiif hiriree taphata.

Tiyagoo Silvan har'aa faallaa Kilabaa isaa duranii Cheelsii injifatee waancaa kilabotaa addunyaa walakkaa  xumuraaf darb...
08/07/2025

Tiyagoo Silvan har'aa faallaa Kilabaa isaa duranii Cheelsii injifatee waancaa kilabotaa addunyaa walakkaa xumuraaf darbuuf ni falmata

Waancan kilabootaa addunyaa kilabotaa 32 gidduttii egalee amma kilabonnii 4 qoftii hafaaniru.

Riyal Madrid,PSG,Cheelsii akkasumas Filumensen kilabotaa waancicha injifachuuf hafanidha.

Har'a galgalaa kilabni leenjisa Enzoo Marsekaan duurfamuu Cheelsiin kilabaa Brazil Filumensee waliin falmataan haalan ni egama.

Cheelsiin waanca kilabootaa addunyaa kana irratti kilabootaa Brazil hedduu isaani dorgomicharraa kan gaggessee yoo ta'uu nuusaa xumuraanis kilabumaa Brazil Palmeras injifachuun nuusaa xumuraaf darbuu isaa mirkaneefate.

Jawoo Pedroon kilaba ijolluummaa isaa kan ta'ee Filumensee faallaa isaa ta'uun har'a Cheelsiif hiriree kan taphatu ta'a.

Gama biraan Filumensen walakkaa xumuraaf ni darba tilmama jedhu kan hin argane yoo ta'u har'a Cheelsii injifachuun xumuraaf darbuuf ni falmata.

Manchester Siitii injifachuun walatijjicha irraa kan ari'an Al Hilal nuusaa xumuraa irrattii injifachuun walakkaa xumuraaf kan darban Filumensen har'as qormataa cimaa Cheelsiif ni ta'u jedhamee egama.

Cheelsii kessattii yeroo milka'ina kan dabarse taphataan ganna 40 amma Filumensef taphachuu irrattii kan argamuu Tiyagoo Silvan har'a faallaa Cheelsii ta'uun ni hiriira.

Filumensen walakkaa xumuraa akka gahuuf gahee leencaa kan bahate Silvan tapha har'a adeemsifamu irrattiis haalan akka egamu isa tasisa.

Kilabni tapha kana injifatee xumuraa irrattii PSG ykn Riyal Madrid waliin kan wal argaan ta'a.

Taphattootni   hin argamne.Taphattootni  Manchester United qophii bara waldorgommii dhufuutiif jecha Karingtanitti guyya...
07/07/2025

Taphattootni hin argamne.

Taphattootni Manchester United qophii bara waldorgommii dhufuutiif jecha Karingtanitti guyyaa har'aa seenaniiru.

Odeeffannoo The Athletic akka mul'isutti yoo ta'e ammoo garee taphattoota Utd keessa torba akka hin argamnedha.

Isaanis Jadon Sancho , Marcus Rashford, Tyrell Malacia, Alejandro Garnacho fi Antonyn kaampii hin seenin yoo hafan Bruno Fernandes fi Victor Lindelof ammoo Sababa boqochuu hiriyaa isaanii Diogo Jotatiif boqonnaan torban tokkoo kennameefii jiraachuudha kan gabaafameJadon Sancho

Indooneeshiyaa Odola Baalii jedhamtutti taatee addaa mudate.Bakka kanatti Dhohiins volkaanoo midateen aarri cimaan suura...
07/07/2025

Indooneeshiyaa Odola Baalii jedhamtutti taatee addaa mudate.

Bakka kanatti Dhohiins volkaanoo midateen aarri cimaan suura kanarratti mul'atu kun lafarraa olfageenya samiitti hanga dheerina KM 18 uwwisee mul'ateera.

Sababa taatee har'a Indooneeshiyaatti mul'ate kanaanis Balallii hedduun akka haqamu taasiseera.

Gulf News

Godambaan Kiristiyaanoo Ronaaldoo   Hoong Kong keessatti banamuun daawwattootaaf ifatti tajaajila eegalee jira Cristiano...
07/07/2025

Godambaan Kiristiyaanoo Ronaaldoo Hoong Kong keessatti banamuun daawwattootaaf ifatti tajaajila eegalee jira Cristiano Ronaldo

Mootii Kilaboota Awurooppaa Kan ta'e OL (Olympic Lyon) Taphattuu Hidda dhaloota Itoophiyaa taateefi Lammii Ameerikaa   j...
07/07/2025

Mootii Kilaboota Awurooppaa Kan ta'e OL (Olympic Lyon) Taphattuu Hidda dhaloota Itoophiyaa taateefi Lammii Ameerikaa jedhamtu Ajax irraa mallatteessifate.

Liiliin Reef shamarree ganna 18 yoo taatu kilaba ishee duraanii Ajax keessatti taphattuu gahumsa Olaanaa mul'isuun ajaa'ibsiifamaa jirtudha

Address

Unity Park
Addis Ababa
CR7NK7

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Dhangaa Ispoortii posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share