06/09/2025
"Cichoomina Ummata Guddaatiin Haaromsa Miira fedhii Waloo Gaanfa Guddichaa dhugoomsina" Ahmad Qalloo-แ แ
แแต แแ
Mul'ata Gaanfa Guddichaa (Great Horn Dreams) Cichominaa fi haaromsa sirrii gaggeessuu Ummata keenyaan dhugooma. Kaleessa Yaadachuun, Fundura keenyaaf Barumsa. Fagoo deemuu qabna. Kana gochuuf Ka'a Durii keenya gadi fageenyaan ilaaluu qabna Ummata Gadaa kana. "Osoo Sabni Oromoo Guddaan Tokkummaan hafee (Walooma qabaachaa ture jabeeffate), Abbaa taayitaa giddugaleessaa beekamtii qabu kan isaan geggeessu, Gamtaa Waloomaan injifannootti fufiinsa qabutti isaan geessu Uummatee, yeroo dheeraa dura Impaayera mataa isaanii hanga sanyii Horteelee isaa qarqara galaanaa Diimaa fi Garbaa hindii jiraatutti dheeressuun Wirtuu Qalluuwan isaa hunda deeffate Afrikaa hunda of jala galchuu akka danda'a ture. Akkasuma Ummata jabaa Addunyaa keessaa tokko tahuu Danda'u turan". jechuun Rochet d Hericourt barreessitee turte. Kanaaf kaleessa keenya beeknee arra Cichoominaan hojjachuu nu barbaachisa. Kun Maroo Mantara Dannaba Saddiiqoo (Sydrome Civilization) qaroomina nama walaba ykn Ilma Ormaa (Oromoo ) yoo ta'u. kunis siindirooma Saba Guddaa Gaanfa Afrikaa har'aati. Hegereen naannichaa akkamiin Dhaloota keenya barsiisuu fi Qopheessuu irratti hundaa'uuf deema. Ergama Tooftaa fi Tarsimoo yeroo hiixata Mantara qabuun Qarooma Ekolojii ijaaruun nurratti dirqama. Rakkoon Waloomuu fi Walta'iinsa dhabuu gaanfa Afriikaa. Miira Hawwii waloo qabaachaa turan Diinaan bittinaa'uun kan dhufeedha malee Ummanni Eenyummaa Waloo waan hin qabneef miti. Eenyummaa Waloo fi Fedhiin wal fakkaataa sirrii qaba Hornians. Kanaaf Mul'ata Gaanfa Guddichaa dhugoomsuuf Miira Hawwii fedhii Waloo Biyyaa fi Ummata Gaanfa Afrikaa irra jiruu hubannee. Miira Hawwii fedhii waloo san Seenessinee. Gombisa Handhuraa Siranaan Qe'ee, Biyyaa fi Gaanfa Guddicha Waloomaan ijaaruu warruma Hegereen Naannichaa harka jirtu ilaallata. Biyyi Dhadhabduun kan isiin kabamtu mirga ishii maleedha, Biyyi Dhadhabduun Humna hin qabdu Hariiroo Idil-addunyaa keessatti (Weak states are treated with no righteousness; weak states have no power in international relations). Ofiif akka Biyyattiis akka Sabattiis waliin dhaabannee humna guddaa taanee. Gaanfa Guddicha ijaaruudha. Kuufama Dannabaan Ardiiwwan Ollaa keessatti Angoo hojjachiisuun Mul'ata Dannabaa Dagaagsinee. Kuufama Dannabaa Sirnaa Siranaan, Daandii Sirnaa Haarawa Yaadamaa fi Adabbaa Ida'amuun tolchinee. Fedhiiwwan keenya Addunyaa keessatti tikfachuuf Warroota seenaa Addunyaa keessatti Addunyaa bulchan Adda baafannee. Warroota Arra bulchaa jiraniis adda baafannee. Nuti Taatummaa addaa bahannee, Ummata fi Biyya Addunyaa kana irraa jabaa tahe tolchuuf hegereen isaa nu harka jira. Kanaaf Mul'ata keenyaaf bitamnee, Abboomamnee, Ulaaggeffannee fi gocheessinuun fedhii Waloo Ummatichaa ijaarree bakka keenya qabachuudha qabna. Akkasiin warroota Qabeenya keenyaaf jedhee fedhii waloo keenya bittinsuuf hojjatu kan dhiyoos, kan fagoos baayyeedha. Bishaan, Garreen magariisaa fi Gammoojjiin keenya Dannaba Qabeenya ( Desert, Green mountains and waters are treasures) keenya jijjirama guddaa fidu waan beekaniif nurratti hojjatu. AQ
Sansumni Gooda Addunyaa mara mataa isaa qaba. Nama, Saba, Ummata, Biyya, Ardii humna qabduuti fedhii isaa Sirna Addunyaa keessatti tikfata. Jijjiiramni Amma Addunyaa irratti gaggeeffamuuf deemu jijjiirama Dabareessa Addunyaa kan Jaarraa 15ffaa, fi16ffaa gaggeeffameen wal fakkaata. Kanaaf qophii gahaa barbaada. Dabareessa waggaa 500 booda taasifamuuf deemu waan ta'eef. Malasayii keenya baruun maaltaanaa maaltu furmaataa kaawwachuu feesisa. Furtuun Injifannoo Hirmaannaa Siyaasaa keessatti, Yoo Miira Hawwii Waloo ummataa injifatteedha (The key to participating in politics is to win the common aspiration of the people). Dammaqqinsa, Walta'iinsa, fi Walooma Haarahomsa Afrikaa isa dhugaa mirkaneessuu. Afrikaan Waggaawwan 60mman darbe tokkummaa fi Walooma ijaarranna jennee Sochii taasifnuus. Akkaataa barbaadamuun hin hojjatamne. Kanaaf Nuti akka Ummata Guddaa Afrikaatti waan nurra jiruutu jira. Bishaan Lagaa ofiif ofin dhugu, Mukkeen firii ofii ofiif hin nyaatu, Aduun ifa isii ofiif if irratti hin ibsattu, Ililliin Urgaa fi Bareeda ishii ofiif hin oolfattu. Jireenya warroota birootiif oolchu. Kanaaf Ummata keenya, Biyya keenya, Ardii keenya jijjiiruuf. Taatota akka Bishaanii, Mukaa, Aduu, fi ilillii ta'uu dandahantu argamiisa. Namoonni Yaadamaan, Falaasamaan, Saayinsiin, Doctrine Amantaatiin, Gaggeessumman jijjiiramaawwan Dabareessa Mantara Sirna Addunyaa kaa'an. Warroota Beekkumsa, fi Dandeettii isaanii akka Bishaan Lagaa, Mukaa, Aduu fi Ilillii Ummataaaf olchaniin bu'aan kan argameedha. Yaadamni Walooma Mara Ummataaf oolchitu. warroota Yaadama isaaniif dhuunfaaf olfachuuf carraaqan caalaa Warroota Walooma Ummataaf oolchantu irra bu'aa argata. Dannaba Saddiiqoo Mara ittifufiinsa Dhaloota hedduu kan kuusu. Warroota Taatummaa akka Aduu faatti Yaadamaa fi beekkumsa ofii gumaachaniidha. Oromoon Waloomaa Biyya Itiyoopiyaa fi Afrikaa tiksuuf dirqama qaba" MMI Dr Abiy Ahmed Ali. Kanaaf waan hunda hubannee gahee keenya baana. Haala Siyaasaa Ammaa Addunyaan, Afrikaa fi Ganfi Afrikaa keessa jiru. Ummanni Bal'aan Oromoos, Itiyoopiyaa hubatee Qophaa'ummaa Sadarkaa sanitti hojjachuu qabna. Mul'ata Gaanfa Guddichaas kan dhugoomu. Qophaa'ummaa Keenyaa fi of Beekuun of Haaromsuu keenya irratti hundaaha. Oromoon gootummaa fi sodaachisaan Impaayera guddaa ykn Tumsa hin tuqamne ijaaruuf jecha maaltu dhabe? Jedha Rochet d Hericourt jedhamu. Barreeffama Ishii keessattis kana furmaata keette. Kaniin gubbatti barreessetti aanee barreessituun; Oromoon "Abbaa taayitaa giddugaleessaa beekamtii qabu kan isaan geggeessu, Gamtaa Waloomaan injifannoo itti fufiinsa qabutti isaan geessu. Walabummaa fi carraaqqii walduraa duubaan godhee moo'icha isaa itti fufsiisuuf tolchuu rakkate. Sana osoo godhee ( Gaggeessaa tokko) jalatti ni moo'u turan. Sabni Oromoo beekamaan Gosa Hundaa Iddoo tokkoo hoogganee qabaatee hin beeku malee, " Afrikaa hunda of jala galchuu akka danda'an " jechuun Rochet d Hericourt Hawwitee barreessitee turte. Amma immoo Gaggeessaa Jabaa fi Yaadama haaraa ( IDA'AMUU) jaarraa 21ffaa keessatti argannee jirra. Waan warroonni hedduun fagoo taa'anii nuuf hawwan haarrachuu fi gocheessuun amma Cichoomina keenya gaafata. Mul'ata Gaanfa Guddichaa dhugoomsuuf Jaatammeessa Haaromsa akka durii gaggeessuu qaba. Ammas irraan deebi'a Mul'ata Gaanfa Guddichaa Haaromsa Saba Guddaatiin (Great Horn Dreams by Great Nation Renaissance) dhugooma. Kanaaf murteessaan Cicchooma, Qophaa'ummaa, Dhokfata, Marmaara Abuuruu, fi hiree keenya sirritti hubannee yoo carraaqneedha. Carraaqqii kanaaf Cichoominaan barbaachisa. Keessattu Cichoominaanni Teessuma Lafa Ardiiwwan Nutti dhiyoo irratti waan hundaan caallee. Yaadamni sirna keenyaa akka hojjatu taasisuudha. Nuti Akka Ummata Gaanfa Afrikaa irratti humna qabuu fi baayyina qabuutti osoo Galaanni Diimaan Haroo Arabaa (Arab lake) hin taane. Dafnee Saffisaa fi Ariitiin Geopolitics, Geo-strategy fi Geoeconomics teenya tohachuuf hojjachuu qabna. Yaadama, Sirna, Qabeenya, Hariiroo fi humna qabnuun Biyyoota Ollaa keenyaa fi Ardii keenyaa injifachuun Ummata Jabaa Addunyaa tahuutu nurratti dirqama. Kanaaf nuti Dhaloonni arraa Yaadamaa fi Beekkumsa qabnu Walooma Oromoo, Ethiopia, Africa fi Addunyaaf Sirna haarawa Uumu tolchuun gumaachuu fi Bu'aa isaa Fedhii Walooma Ummata, Biyya, Ardii fi Addunyaaf oolu taasistee. Cichoominaan hojjannee Dhaloota hin Dagatamne Uumuun Biyya Badhaatuu hegeree qabdu ijaaruun ofiifiis bakka nuun malu qabachuu qabna. Ahmad Adem Dawud
Qaammee 1:- Guyyaa Cichoominaa
Bara 2017