15/07/2025
Via Save Oromia
Seenaa Mootitti Akkoo Manooyyee
============
👉Uummati Oromoo Gujii hundeeffama sirna bulchiinsa gadaatiin dura bulchiinsa mootiitiin bulaa ture.Akka dabarsaan maanguddoo agarsiisutti barri bulchiinsa mootii bara Mootota dhiiraa fi dubartii jedhamuudhaan bakka lamatti qoodama.
Bulchiinsi mootii barri inni uummata bulchuu eegale hanga ammaatti kana jedhamee wonni beekkame hin jiru. Haa ta'uu malee dabarsaan maanguddoo Gujii akka himtutti uumama sirna bulchiinsa Gadaa dura Uummati Gujii mootiin bulaa akka ture bali'innaan dabarsan.
Bara Mootota keessatti moototni dhiiraa uummata bulchaa turan akka wolduraa duubaatiin
1.Durii Dulloo
2.Hiyyoo Kuullee
3.Baraaqoo Dooyyoo
4.Bulee Adaalaa
5.Baabaloo Badee (Looxee Badee)
6.Baabboo Basuu
7.Maanyaa Mucuqaa
8.Waayyuu Namoo
👉Bara mootii dubartii keessatti moototni dubartootaa uummata bulchaa turan akka wolduraa duubaatiin
1.Hoyyoyyoo Hoyoo (Mootii dubartii Gujii isii jalqabaa)
2.Haadha Bantooyyee
3.Lalii Lasooyyee
4.Hoyyaa Garooyyee
5.Qadhoo Qasooyyee
6.Akkoo Manooyyee
👉Akkoon Manooyyee bu'aallee miidhaalle uummata Gujiitiif Buuchee jirti. Miidhaan gama diinaatiin Gujiirra geyaa ture mootii dubartoota hunda caalaa Gujiirraa faccittee jirti.
Garuu ajaji isiin worra dhiiraa ajajju mataa nama bowwaasisaa tureera.
Bara durii, mootiin Gujii bulchitu, maqaan isii Akkoo Mannooyyee jedhamtu tokkotu ture.Mootiin kun uummata garmalee rakkisaa turte. Namni hundumtuu odaa jalattii walgaa’eeti waaqaa isaanii galgalaa ganama harka isaanii gara samiitti olkaasanii yoo kadhatan, “yaa waaqi, namittii tana nurraa buqqisi” jedhanii kadhataa turan.
Gaaf tokko, uummata walgayii waamtee, “namoota gabaaba ta’an mara akka fixxan” jettee labsii (ajaja) dabarsite. “Maaniif?” jechuun uummanni isii gaafannaan, “nami gabaabaan jallicha, naa hin ajajamuu aangoo kiyya keessa galanii waan jeeqaniif meeshaa waranaa qabdan hundaatti fayyadamuun balleessaa” jettee ajaja dabarsite.
... Itti Fuufa