10/04/2025
Dargaggummaan umurii dhala namaa keessaa yeroo baay'ee hawwamaadha. Bara humni jiru, bifa tolan, bara hojjechuuf yeroo qaban, bu'anii ba'uun namaaf salphatuudha. Filannoon jireenyaa kan heddummatu umurii kanatti. Boca jireenya keenya gara duraa kan murteessus sadarkaa kana!
Egaa jireenya keenya gara duraa kan bareechinus ta'e kan balleessinu daangaa umurii dargaggummaa keessatti. Dargaggoonni kan har'a keessa ta'aanii boruu isaanii ibsatu, warreen kan immoo boruu isaanii har'a keessatti dukkaneessaa jiraatu. "Youth is the best time to be rich, and best time to be poor" jedhu warri adii!
Bakka ati yeroo dulluma kee teessu gocha bara dargaggummaa keetu murteessa. Dadhabbii kee har'aatu walitti ida'amee borii kee siif kenna.
Dammaqi! kana dura osoo hinbeekin umurii kee qaalii kana akkasumaan dabarsaa turte ta'a. Amma garuu nama kaayyoof jiratu ta'uu qabda.
Yeroo gaarii qabadhaa!
โ๏ธ Megersa Bedada Dida - Yoseph ๐