Oromia Media Monitor

Oromia Media Monitor Oduu fi Odeeffannoo qabatamaa xiinxala waliin Providing News and Views About Ethiopia and The Horn of Africa
(1)

Ashaaraan Dr Abiy Ahimad Kaa'an Badhaadhina Itoophiyaaf Bu'uura!Muummeen Ministeera Itoophiyaa Dr Abiy Ahimad waggoottan...
04/05/2026

Ashaaraan Dr Abiy Ahimad Kaa'an Badhaadhina Itoophiyaaf Bu'uura!

Muummeen Ministeera Itoophiyaa Dr Abiy Ahimad waggoottan Saddeettan darban keessa boqonnaa tokko malee mul'ataa isaaniifi yaadama Ida'amuun yaadota biyya keenya gara Badhaadhinaatti ceesisan maddisiisuun hojii hojjetaniin milkaa'ina Itoophiyaa misoomaan fakkeenya taasise galmeessuun ashaaraa seenaan bara baraan yaadatu kaa'aa jiru.

Keessattu sagantaa Maaddiin dhalootaaf qabeenya uumamaa dilbii Itoophiyaan qabdu adda baasuu, kunuunsuufi misoomsuun madda dinagdee biyyaaleessa taasisuun faayidaawwan carraa hojii uumuu, hawaasa fayyadamaa taasisuufi bakkeewwan hawwata turizimii babal'isuun bu'aa maqaa biyya keenya roga gaariin ijaaraa jiru argamsiisaa jiru.

Pirojektii Hara Dandii, Iko turizimii hara wancii, Kooyishaafi pirojektoota Magaalaa Finfinneettii hojetamuun turistoota biyya alaa fi keessaan daawwatamuun madda dinagdee ta'an Ashaaraa Abbichuuti. Riizoortii Ikkoo Giyoon Magaalaa Bahardaariitti abbootii qabeenyaafi mootummaan misoomee tajaajilaaf ole yaadamaafi mil'ata abbichuurraa kan maddedha. Abbichuun biyya ijaaraa jira.

Sosochii Itiyoophiyaan haa oomishtuu.Dr.Abiyyi sosochii Itiyoophiyaan haa oomishtu jedhuun damee Induustirii sadarkaa ba...
04/05/2026

Sosochii Itiyoophiyaan haa oomishtuu.
Dr.Abiyyi sosochii Itiyoophiyaan haa oomishtu jedhuun damee Induustirii sadarkaa barbaadamuu olitti guddisee jira.Sosochii kanaan Induustiriiwwan haaraa fi kan sababa hin beekamneen hojii dhaaban hundi hojiitti galanii jiru.Kanaanis biyyatti humna oomishtummaa ishee dhibbeentaa 60 olitti guddisuu dandeessee jirti.Dameen Induustiirii erga Dr.Abiyyi gara aangotti dhufee xiyyeeffannaa argate.Dameen kun diinagdee biyyaa guddisuuf murteessadha.

Finfinnee Miidhagduufi Hawwattu Ammayyummaa Itoophiyaa mul'iste!Finfinnee kaleessa balfa, foolii namatti hin tolleefi da...
04/05/2026

Finfinnee Miidhagduufi Hawwattu Ammayyummaa Itoophiyaa mul'iste!

Finfinnee kaleessa balfa, foolii namatti hin tolleefi daandiin dhiphachuu irraan kan ka'e rakkoo hawaas -dinagdee garaagaraaf hawaasa saaxilaa turte Yaadama ammayyummaafi mul'ata Muummee Ministeera Itoophiyaa jaalatamaafi kabajamaa keenya Dr Abiy Ahimadiin Inisheetiivii kolidarii dabalatee pirojektootni garaagaraa hojjetamuun magaalaa miidhagduu, hawwattuufi utubaa dinagdee biyyaaleessaa taate ijaaruun ammayyummaa Itoophiyaa addunyaatti agarsiisuun danda'ameera.

Magaalli finfinnee biyyi keenya imala badhaadhinaa irra akka jirtu qabatamaan kan agarsiistuufi giddugala dipiloomaatootaa ta'uun magaalaa kaleessa keessa deemuuf rakkistu har'a mootummaa jijjiiramaan faayamuun magaalaa qileensi gaarii keessatti harganamuufi magaalaa magaaloota addunyaafi Afrikaaf muuxannoo dabarsitu taateetti!

አዲሱ የቴዲ አፍሮ  #ኢትዮሪካ ያጣጥሙ!!     #ኢትዮጵያ
09/04/2026

አዲሱ የቴዲ አፍሮ #ኢትዮሪካ ያጣጥሙ!!

#ኢትዮጵያ

Enjoy the videos and music you love, upload original content, and share it all with friends, family, and the world on YouTube.

Jawaari fi fakkaattoota isaa Kan Maraachaa jiru ABO'n Filannoo baranaa kanarratti hirmaachuu isaatiDhugaa hadhooftuu wal...
05/04/2026

Jawaari fi fakkaattoota isaa Kan Maraachaa jiru ABO'n Filannoo baranaa kanarratti hirmaachuu isaati

Dhugaa hadhooftuu walitti himnakaa!

Jawaar osoo Miidiyaalee irra asii fi achi deemee ''Abiyyi, Abiyyi'' jedhuu ijoolleen ABO qofa mitii Mana maree bakka bu'oota Ummataa (Paarlaamaa Itiyoophiyaa galuufi). Kunimmoo Jawaari fi fakkaattoota isaa ganda Lidatuu jechuu kiyya madaa mogolee itti ta'eera.

Maaliifi?

Waggaa shanan dhuftu gaafa gandi Yaasoo Kabbabaa Hordofaa fi Lammii kuni Paarlaamaa Itiyoophiyaa keessa taa'anii jijjiiramaa fi guddina Ummata isaanitiif sagalee ta'an Jawar Mohammed Miidiyaa hawaasaa gubbaatti hafuu isaati.

Takka Miidiyaa Ri'iyoot, takkaa Miidiyaa Moges Zewdu Teshome fi Habtaamuu ykn Miidiyaa Milkeessaa Miidhagaa Horn Conversation faa irratti hafuu isaati.
Kunimmoo Jawaariif maal jechuu akka ta'e isinumti tilmaamaa!!
*****

Gara Filannootti deebina!...

Ofii ABO'n filannoo kanarratti hirmaachuun isaa hiikkaa maalii qaba?

Sochiin Addi Bilisummaa Oromoo (ABO) filannoo biyyaalessaa marsaa 7ffaa irratti hirmaachuuf taasisaa jiru, jijjiirama guddaa fi abdii haaraa qabsoo siyaasaa Oromiyaa fi Itoophiyaa keessatti mul’isaa jira.

Akamitti kan jedhuuf:-

1. Qaroomina Siyaasaa: Saanduqa Filannootiin Aangoo Qabachuu

Qaroominni siyaasaa kan madaalamu humna qawweetiin osoo hin taane, sagalee ummataatiin aangoo qabachuuf carraaquu irratti. Qawween goolii fi diiggaa malee nagaa waaraa fiduu hin danda’u. Filannoon garuu mirga abbaa biyyummaa lammiilee mirkaneessuun, mootummaan fudhatama sabaa fi Ummata bal'aa qabu akka ijaaramu gochuudha. Kun mallattoo bilchinaa fi qaroomina yeroo ammaa ti.

2. Dhalootaaf fakkeenya gaarii Ta’uu

Siyaasni nagaa fi dimokiraatawaan dhaloota haaraaf barnoota guddaa dabarsa. Dhaloonni boruu gara aangoo siyaasaa dhufu, falmiin yaadaa fi morkiin karaa nagaa qofaa bu’aa argamsiisu ta’uu isaa akka amalaatti (culture) akka fudhatu godha. Kun immoo tasgabbii biyyaa mirkaneessuun, dhaloonni sababa siyaasaatiin gara waraanaatti akka hin fiigne taasisa.

3. 'Shiftummaa' Maqaa qabsoon raawwatamu hir'isa.

Warra maqaa qabsoo siyaasaa dawoo godhatanii bosona galuun lammiilee nagaa goolan sababa dhabsiisa. Namoonni kaayyoo dhuunfaa qabanii fi nagaa hawaasaa booressan, kanaan jala maqaa "qabsoo" jedhuun haguugamuu hin danda’an. Karaan nagaa fi carraan filannoo haaa qabeessaa fi haga tokkollee ta'u dimokiraatawaa ta'e yoo jiraate, gochi shiftaa fi gochi siyaasaa ifatti gargar ba’a. Kun immoo nageenya qonnaan bulaa, daldalaa fi lammiilee nagaa maraa mirkaneessuun ummata keemyaaf boqonnaa haaraa saaqa.

Xumura irratti:
Deemsi karaa nagaa kun bu’uura nageenya waaraa fi dimokiraasii hundee gadi fageeffateeti. Wal-dhabdee keenya saanduqa filannootiin hiikuun, dhaloota boruutiif biyya tasgabboofte dabarsuudha.

tokko:

Ani miseensa Paartii siyaasaa kamiituu miti. Akka deeggaraatti garuu Paartii Badhaadhinaan deeggara. Filannoo kanarrattis Paartiin Badhaadhinaan filadha. Haata'uutii ijoolleen ABO hamilee fi beekumsa qabdu kunneen Paarlaamaa Itiyoophiyaa galanii arguus nan fedha. Warri Badhaadhinaas paartilee jaanjoo kaanirra ijoolleen kuni yoo Barcuma isaaniif malu argatan isiniif wayyan jedhaani!

Finfinne Press fi Gumaa Saqqataa Gem akka deeggartoota amanamoo Jawaaritti maal jettu?😀

Source: Mengistu Dadi

Hambaalee fi qabeenya uumamaa  keenya misoomsuun guddina dinagdee Turizimii fi Badhaadhina hunda - galeessaaf!Inisheetii...
23/03/2026

Hambaalee fi qabeenya uumamaa keenya misoomsuun guddina dinagdee Turizimii fi Badhaadhina hunda - galeessaaf!

Inisheetiivii Maaddiin dhalootaaf (Dinner for generation) tarkaanfii adda muummee ministeera Itoophiyaa Dr Abiy Ahimad ta'e bakkeewwan hawwata turizimii, qabeenya uumamaa, hambaalee seena qabeessa ta'anii fi bakka hawwata namtolchee karaa ammayyaa'aa ta'aniin misoomsuun bu'aa dinagdee biyyaaleessaa humneessan argamsiisaa jiru.

Eebbifamuun Loojii Niin Lee Pal naannoo Affariitti argamu hambaalee keenya uumamni nu baadhaafte karaa ammayyaa fi qalbii turistoota biyya keessaa fi alaa harkisuu danda'uun kan ijaarame yoo ta'u , Hoteeloota sadarkaa isaanii eeggatan, daandiiwwanii fi bu'uuraalee misoomaa garaagaraa kan of keessatti hammatedha.

Inisheetiiviin Maaddiin dhalootaaf jedhuun bakkeewwan hawwata turizimii misoomsuu fi beeksisuun hojii hojjetameen bu'aawwan armaan gadii argamsiiseera.

👉 Carraa hojii hedduu uumeera
👉 Maqaa gaarii biyya keenya roga gaariin ijaareera
👉 Itoophiyaan carraa invastimantii garaagaraa akka qabdu agarsiiseera
👉 Dameen Turizimii Madda dinagdee biyyaaleessaa ta'uu mirkaneesseera.
👉 Hambaalee fi bakkeewwan hawwata turizimiin biyyi keenya badhaatu ta'u agarsiiseera.

Finfinneen  Haaroomtee fi ammayyoofte jireenyaaf mijjattuu addunyaaf fakkeenya  taate!Karoorri mootummaa jijjiiramaa Mag...
22/03/2026

Finfinneen Haaroomtee fi ammayyoofte jireenyaaf mijjattuu addunyaaf fakkeenya taate!

Karoorri mootummaa jijjiiramaa Magaaloota ammayyaa (Smart City) taasisuuf tarkaanfiiwwan adda addaa fudhachuun hojjechaa jira. Magaalli finfinnee Magaalaa guddoo biyyaaleessaa, teessoo Gamtaa Afrikaa ,teessoo Mootummaa Naannoo Oromiyaa akkasumas waltajjiiwwan sadarkaa idil addunyaatti gaggeeffamu keessummeessitudha.

Magaalaa Finfinfinnee magaalaa yaadamaa fi ulaagaa magaaloota idil addunyaattiin ijaaruuf hojiin gama misooma kolidariin hojjetamee miidhaginaa fi hawwattummaa Magaalaa finfinnee dabaluun guddachuu qofa osoo hin taane, Finfinneen akka lammata dhalatteeti hawaasni biyyaa fi turistootni ragaa bahuu akkasumas miidiyaaleen idil addunyaa gabaasaa turan.

Daandii Finfinnee miidhagsuu qofa osoo hin taane dhaloota dhufuuf magaalaa jireenyaaf mijattuu, qulqulluu fi giddugala teknokoojii taate ijaaruun dhalootaaf dabarsuuf hojjetamaa jira. Pirojektootni maaddii qulqullinaa fi bareedinaa ,misooma qarqara bishaanii(Riverside development) fi hawwata turizimii namtolchee fi uumamaa kunuunfamaanii fi misooman finfinneef sona miidhaginaa uumaniiru.

Magaalaa Finfinnee giddugala teknoloojii, dinagdee fi miidhaguu ijaaruuf biyya ijaaruu akka ta'e hubatamee, daandii Miillaa ,bakkeewwan bashannaanaa, daandii namni irra imaluu fi daandii bisikileetii ijaaramuun jiraattootaaf haala mijataa uumeera.

Magaalaa Finfinnee magaalaa sadarkaa addunyaan ijaaruuf waadaa uummataaf gallee hojiin agarsiisuun magaalaa hawwattuu, miidhagduu fi qalbii turistoota hawwattu ijaarree jira. Finfinneen haaroomte magaaluma keenya.

''Magaalonni keenya yaadamaa fi tarkaanfii haaraan misoomsuu fi guddina saffisaa mirkaneessuu qabu. Humna bu’uraalee mis...
21/03/2026

''Magaalonni keenya yaadamaa fi tarkaanfii haaraan misoomsuu fi guddina saffisaa mirkaneessuu qabu. Humna bu’uraalee misoomaa qabnu hunda duguugnee itti fayyadamuu fi dhimmoota ittiin duubatti hafne dafnee misoomsuu qabna. Magaalonni keenya dijitaala ammayyaatti fayyadamuu akka danda’an yoo feene, ariitiidhaan ammayyoomsuu qabna. Milkaa’ina kanaafis bulchiinsonni magaalotaa yaadama mootummaa ida’amuutiin ilaalamuu qabu.''
Kitaaba mootummaa ida’amuu fuula 240.

Page kana follow tolchaa, irraa fayyadamtu
20/03/2026

Page kana follow tolchaa, irraa fayyadamtu

Address

Addis Ababa
1000

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Oromia Media Monitor posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Business

Send a message to Oromia Media Monitor:

Share

Category