Spider Media

Masjiidni Salaam Tullu diimtuu gaafii waggaa 10 booda kaartaan seera qabeessi kennameef**********Magaalaa Shaggar kutaa ...
26/12/2025

Masjiidni Salaam Tullu diimtuu gaafii waggaa 10 booda kaartaan seera qabeessi kennameef
**********
Magaalaa Shaggar kutaa magaalaa koyyee faccee naannawa Tullu diimtuutti kan argamu masjiidni salaam gaafii waggaa 10 booda kaartaan seera qabeessi ifatti kennameefi jira.

Masjiidni kun kanaan dura guyyoota 3 keessatti akka kaafamu jedhamee ajajni itti kennamuufi TVn Hamiltanis iddoo kanatti qaamaan argamee dhimmicha qorachuun isaa ni yaadatama.

Akka ibsa guyyaa har'aa miidiyaan Haarun baasetti jiraattonni naannawa Tullu diimtuu iddoon amma masjiida Salaamiif kenname mijataa ta'uu himameera.

Mana maree waliigalaa dhimmoota islaamummaa Itoophiyaatti itti waamamaa hajjii fi umraa Itoophiyaa Dr Muhaammad-saalih Jamaal iddoo kanatti argamuun akka ibsanitti masjiidichi haala masjiidota magaalaa Shaggar keessa jiran hundaaf fakkeenya ta'utti ihaaramuu akka qabu dhaamaniiru jechuun Hamiltantu gabaase.

Tajaajiloota Fayyaa Dijitaalessuu dhaan Sirna Fayyaa cimaa uumuuf hojjatamaa jira.============================Sirni bani...
26/12/2025

Tajaajiloota Fayyaa Dijitaalessuu dhaan Sirna Fayyaa cimaa uumuuf hojjatamaa jira.
============================

Sirni baniinsa ‘Mosaajiiwwan ODACARE’ tajaajiloota fayyaa dijitaalessuu dhaan rakkoolee seektara fayyaa furuu irratti xiyyeeffate iddoo Sadarkaa Itti Aanaa Pireezidantii Mootummaa Naannoo Oromiyaatti Qindeessaan Kilaastra Hawaasummaa Kabajamoo Obboo Saadaat Nashaa argamanitti eegalsiifamee jira.

Obboo Saadaat sagantaa kanarratti haasaa taasisaniin imala badhaadhinaa eegalle kalaqa, baay’ina, ariitii fi qulqullinaan milkeessuuf sirna kenniinsa tajaajila fayyaa dijitaalessuun murteessaadha jedhan.

Itti dabaluunis, mosaajiiwwan har’a ifatti eegalchiifaman kunneenis seektarri fayyaa hawaasatti dhiyaatee tajaajila kennuuf hiikoo guddaa kan qabuu fi dhimmoota danqaa ta’anii seektaricha qoraa turan furuun uummata keenyaaf tajaajila si’ataa fi qulqullina qabu haala ammayyaa’een kennuu kan dandeessisu waan ta’eef hooggansaa fi ogeessi sadarkaan jiru karaa beekumsaa fi gahumsa qabuun sirnaan hojiirra oolchuu akka qabu Obboo Saadaat himanii jiru.

Hooggantuun Biiroo Fayyaa Oromiyaa Piroofeesar Nastaannat Warqinah sagantaa kana irratti argamuun akka jedhanitti kenna tajaajila fayyaa si’ataa fi qulqulluu akkasumas teknoolojiin deeggarame hojiirra oolchuun bu’aa abdachiisaa galmeessuun akka dandaa’ame eeruun sirna kenna tajaajila fayyaa dijitaalawaa ta’ee fi teknoolojii ammayaa’aa istaandardii Addunyaan wal gitu mirkaneessuun dhimma filannnoof dhiyaatu akka hin taane kaasan.

Piroofesar Nastaannat dabalataanis mosaajiiwwan har’a ifatti eegalchiifaman kanneen Yaada, Furtuu, VLManage, Dawaa, fi FayyaaHub jedhaman ogeeyyii Biiroo keenyaatiin kan hojjataman yoo ta’u, ragaa sirrii irratti hundaa’uun murtoo sirrii fi dhugaa kennuu kan dandeessisan akka ta’e himanii, milkaa’ina mosaajiiwwan kanneeniif qaamolee gumaacha taasisan galateeffatanii jiru.

Sagantaa jalqabsiisaa kana irrattis dhaabbilee akka Abbaa Taayitaa Sayinsii fi Teeknolojii Oromiyaa, Tajaajila Dhiyeessii Qorichaa Biyyoolessaa fi kilastaroota dhiyeessii qorichaa Naannoo keenyaa, Manajimantii Biiroo Fayyaa, Itti Gaafatamtoonni Waajjira Fayyaa Godinaalee fi Magaalotaa, fi Hospitaalotaa kan argaman yommuu ta’u, dhiyeessiin mosaajiiwwan shanan (VL Manage, Dawa, FayyaaHub, Furtuu, fi Yaada) erga dhiyaatee booda hirmaattotaa waliin marii gaggeessuu fi kallattii hojii kennuun xumuramee jra.

Odeeffannoon kan biiroo Fayyaa Oromiyaati

Kiim humna waraanaa Kooriyaa Kaabaa caalaatti cimsuuf qajeelfama haaraa kennan     Spider Media: Rajab 6, 1447 AH Hoggan...
26/12/2025

Kiim humna waraanaa Kooriyaa Kaabaa caalaatti cimsuuf qajeelfama haaraa kennan

Spider Media: Rajab 6, 1447 AH
Hogganaan Kooriyaa Kaabaa Kiim Joong-un, qondaaltonni damechaa oomisha misaa’elaa akka dabalaniifi warshaalee dabalataa ijaaruun fedhii waraana isaanii pirojektiilee rogichaa haalaan guddachaa dhufe guutuuf caalaatti akka hojjatan qajeelfama kennaniiru.

Hogganaan Kooriyaa Kaabaa Kiim Joong-un dhaabbilee indaastirii meeshaa waraanaa gurguddoo yeroo daawwatanitti dandeettiin oomisha misaa’elaa fi sirna ittisaa biyyattii daran akka babal’atu ajajuu isaanii miidiyaaleen mootummaa biyyattii Jimaata har'aa gabaasaniiru.

Kiim qondaaltota olaanoo waliin ta’uun dhaabbilee meeshaa waraanaa ijoo daawwachuun, fedhii hojii Waraana Ummata Kooriyaa guutuuf warshaalee ammayyeessuun bu’uura teeknikaa cimsuuf qajeelfama kennaniiru jedha Ejensiin Oduu Giddugaleessa Kooriyaa (KCNA) .

Piyoongiyaang waggoota dhiyoo asitti yaalii misaa’elaa haalaan dabalteetti. Akka xiinxaltoonni jedhanitti fooyya'iinsi kun ammoo kan kaayyeffate, , dandeettii haleellaa sirrii fooyyessuu, Ameerikaa akkasumas Kooriyaa Kibbaa qormaata keessa galchuu, fi meeshaalee waraanaa gara michuu ijoo Raashiyaatti erguufaa irratti hojiilee hojjataman cimsmuufaadha.

KCNAn bakkeewwan warshaaleen kunneen buufatanis ta’ee yeroo daawwannaa kanaa ilaalchisuu bal’inaan hin ibsine.

“Dandeettii oomishaa waliigalaa daran babal’isuuf bu’uura teeknikaa dhaabbilee oomishaa dhimmi ilaallatu haala madaalawaa ta’een cimsuun barbaachisaadha,” jechuun KCNA Kiim wabeeffachuun ibseera.

Kiim akkasumas karoorri misooma oomishaa irratti xiyyeeffate bara 2026 barbaachisummaa hojii humnoota misaa’elaa fi meeshaa waraanaa biyyattii gara fuula duraatti caalaatti humneessuufi fedhii biyyattii guutuuf barbaachisaa ta’uu cimsanii dubbataniiru.

© Amar Temam

I-zrael Somaalilaandiif ifatti beekamtii yoo kennitu Somaalilaand ammoo waliigaltee Ibraahimiyyaatti makamuun ibsame  Sp...
26/12/2025

I-zrael Somaalilaandiif ifatti beekamtii yoo kennitu Somaalilaand ammoo waliigaltee Ibraahimiyyaatti makamuun ibsame

Spider Media: Rajab 6, 1447 AH
Ministirri Muummee I-zrael Daj-jaal Sheyixaaniyaahuun mootummaa Rippaabilika Somaalilaandiif itti beekamtii kennuu waajjirri isaa beeksiseera.

I-zrael tarkaanfii kana kan fudhatte Somaalilaand waliigaltee hariiroo I-zrael waliin qabdu idileessuu ishee dandeessisu kan pirezidaantii Ameerikaa Donald Tiraampiin dhihaate ''Waliigaltee Abraham/Ibraahimiyyaa" fudhachuu ishee hordofee akka ta'e ibsite.

Ministirri Muummee I-zrael Sheyixaaniyaahuun Pireezidaantiin Somaalilaand Dr. Abdirahmaan Mohaammed Abdallah tiin baga gammaddan jechuun, hoggansaa fi kutannoo isaan tasgabbiifi nageenya mirkaneessuuf qaban galateeffatanii pireezidaantichi I-zrael akka daawwatan affeeruudha odeeffannoon Waajjira ministeera muummee I-zrael kan mul'isu

Pireezidaantiin Somaalilaand Ministira Muummee Sheyixaaniyaahuun "murtoo seena qabeessa ta’eef galateeffachuun milkaa’ina Sheyixaaniyaahuun shororkeessummaa loluu fi nageenya naannoo mirkaneessuu keessatti agarsiisaniif dinqisiifannaa qaban ibsaniiru" jedha ibsichi.

Murtoon Somaalilaand waliigaltee Ibraahimiyyaatti makamuuf fudhatte kun ministeera haajaa alaa Sa’arfi dursaa Moosaad Deevid Barneeyaa fa'iin faarfameera.

Izraa’el hariiroo Rippaabilika Somaalilaandii waliin qabdu hatattamaan karaa qindoomina cimaadhaan dirreewwan qonnaa, fayyaa, teeknooloojii, fi dinagdee keessatti babal’isuuf karoorfatteeetti jedha ragichi.

Somaalilaand imala biyya ta'uuf qabdu murtoo dogongoraa caba isii hariifachiisuun eegalteetti.

© Amar Temam

Hogganaan BNP Tarique Rahman waggaa 17 booda gara biyyaatti deebi'e     Spider Media: Rajab 5, 1447 AH Dura taa’aan paar...
25/12/2025

Hogganaan BNP Tarique Rahman waggaa 17 booda gara biyyaatti deebi'e

Spider Media: Rajab 5, 1447 AH
Dura taa’aan paartii Bangladesh Nationalist Party (BNP) Xaariq Raahmaan waggoottan baqaa 17 booda gara Dhakaatti deebi’aniiru.

Paartichi gara qe'eetti dhufu hoogganaasaa kana sababeeffachuun ibsa kenneen, deeggartoota heddu kan qaban Rahmaan filannoo biyyattii gaggeffamuuf jedhu irratti morkataa olaanaa akka ta'an beeksiseera.

Hoggantoonni Olaanoon BNP olaanoon buufata xiyyaaraa Dhaka'' tti akkasumas deeggartoonni kuma dhibbaan lakkaa’aman buufata xiyyaaraa hanga bakka sagantaan simanna itti qophaa'eetti tarree nam'anii dhaabbanii gammachuun Xaariqiin simatamaniiru.

Yeroo dheeraaf akka mootii siyaasa Baanglaadeesh ta'eetti kan ilaalamu Raahmaan, haadha warraa isaa Zubaidaa fi intala isaa Zaayimaa waliin gara biyyasaa deebi'e.

Namni siyaasaa ganna 60 Tarique Rahman ilma angafaa pirezidaantii Baanglaadeesh duraanii Ziaur Rahman fi bara 1991tti MM dubartii biyyattii jalqabaa kan ta'an Khaleda Zia yoo ta'u, bara 2008 irraa eegalee biyya itti baqatan UK London keessa jiraataa ture.

Bara 2018 irraa eegalee dura taa’aa itti aanaa ta’uun paartii BNP kan hoogganu jalqabe yoo ta’u, yeroo sanatti haati isaa Ziyaan bulchiinsa morkataa siyaasaa ishee fi yeroo sanaa muummicha ministeeraa kan turte Sheyikaa Haasinaan hidhamtee turte.

Bara marsaa 2ffaaf haati isaa aangoo harkaa qaban bara 2001 hanga 2006tti nama ummata duratti caalaatti beekamu ta'e. Garuu, malaammaltummaa fi jeequmsa siyaasaa dabalatee himannaan garaa garaa isarratti ka'uu eegale.

Sababuma kanneeniin Sadaasa bara 2007 to'annoo jala kan oole yoo ta'u Ji'oota booda mirga wabiitiin gadhiifamee yaala fayyaaf gara Yunaayitid Kingidam balali'e hanga Kamisa har'aa kana deebi'uttis achitti hafe.

Himannaa garaa garaa isaan irratti ka'uuf Rahmaan fi paartiin isaa BNPn himannaa yakkaa sirrii osoo hin taane shira siyaasaati jechuun deebii kennu.

Fincila barattootaan durfamuun August 2024, Mootummaan MM Sheikhaa Hasina fonqolchamuu hordofee yeroo ammaa Mootummaa yeroo badhaafamaa badhaasa Noobeelii nageenyaa kan ta'an Muhammad Yunusiin hoogganamuun bulaa kan jirtu Baangilaadish, fialnnoo gaggeessuuf qopha'aa jirti.

Fincila barattootaan durfamuun muummichi ministeeraa yeroo sanaa Sheek Hasinaa aangoo irraa kaafamuu isaanii hordofee, Hagayya 2024 irraa eegalee aangoorra jira. Bulchiinsi Yunus filannoo Fulbaana 12 labse, kana booda aangoo karaa nagaa mootummaa filatameef dabarsuu qaba.

Ammumaarraammoo dorgommiin paartii Tarique Rahmanis BNP fi paartii Jamaat-e-Islami faa waliin taasisuu cimaa jiraachuun ibsameera.

© Amar Temam

25/12/2025

👉 Al-Burhaan Erdohaan waliin wal argan

🇸🇩🇹🇷 Hoogganaan waraanaa fi siyaasaa Sudaan Jeneraal Abdel Fattaah al-Burhaan gara Ankaaraa imaluun Pirezidaantii Türkiye Tayyip Erdohaan waliin wal arganiiru.

🤝 Jiilli Suudaan Ajajaa Olaanaa Humna Waraanaa isaa Al Burhaaniin duurfamu kun garas kan dhaqe haala namoomaa fi tasgabbii naannoo irratti hoggantoota Türkiye waliin mari'achuufi

Kaawunsiliin Dargaggoota Muslima itiyophiya Magaalaa Jimmaatti Pirojoktii Eebbisiise Gaafa 16/4/2018 Kaawunsiliin Dargag...
25/12/2025

Kaawunsiliin Dargaggoota Muslima itiyophiya Magaalaa Jimmaatti Pirojoktii Eebbisiise

Gaafa 16/4/2018 Kaawunsiliin Dargaggoota Muslima itiyophiya Magaalaa Jimmaatti Piroojektii Addaa Kan Masjiid Neetii Ykn ( Wolitti Hidhamiinsa Masjiidaa ) Jedhamee Beekamu Yeroo Jalqabatiif Naannoo Oromiyaa Magaalaa Jimmaatti Yeroo Muraasa Keessa Hojjatee Eebbisiisee Jira

Sirna Eebbaa Kana Irrattis Piresdaantiin Kaawunsilii Dargaggoota Muslimaa Ethiopia Ustaaz Haydar Kadir Akkuma Kana. Miseensonni Koree Hoji Raawwachiiftuu Federaalaa, Oromiyaa fi Magaalaa Jimmaa Akkasumas Hoggantoonni Kaawunsilii Magaalaa Jimmaa Ulamoonni Jaarsi Biyyaa Dargaggoonni Baldhaan Aragamanii Jiru

Kaawunsiliin dargaggoota muslimaa Ethiopia Magaalaa Jimmaatti Mana Dubbisaa Bareedaa Fi Sadarkaa isaa Eeggate Adda Baasuun Meeshaawwan Isa Barbaachisan Adda Baasuun Guyyaa Kaleessaa Kompitara Barnootaaf ta'u Soddomaa ol Bitee Galchee Jira Sagantaa Jalqabsiisa Isaas Guyyaa Har'aa Godhamee Jira Hojiin kunis bara kana kan itti fufu ta'a jedha odeeffannoon Kaawunsilicha irraa arganne.

Gamtaan Sahel (AES) Gareewwan Hidhatan irratti Tarkaanfii Waraanaa Guddaa Eegaluu Beeksise    Spider Media: Rajab 5, 144...
25/12/2025

Gamtaan Sahel (AES) Gareewwan Hidhatan irratti Tarkaanfii Waraanaa Guddaa Eegaluu Beeksise

Spider Media: Rajab 5, 1447 AH
Hogganaan mootummaa waraanaa Burkina Faso, Kaappiteeni Ibraahim Tiraoree, Burkina Faso, Maalii fi Niijer gamtaa Alliance of Sahel States (AES) jalatti hiriiranii, yeroo dhiyootti tarkaanfii waraanaa bal’aa gareewwan hidhatanii irratti fudhachuuf qophii ta’uu beeksisaniiru.

Ibraahim Tiraoree yaada kana kan ibsan, hoggantoonni waraanaa biyyoota sadii kun Baamaakoo, Maalii keessatti walgahii gamtaa gaggeessan boodadha.

Walgahiin kun, humna waraanaa waloo haaraa kan miseensota 5,000 of keessaa qabu hundeessuun, nageenya naannoo Sahel cimsuuf kaayyoo qabaachuu isaa ibseera.

Gamtaan AES biyyoota sadi'iin hundeeffame bara 2024, erga walitti aansee aangoo waraanaan fudhatanii booda, dhaabbata ECOWAS keessaa ba’uun hundeeffame.

Biyyoonni kunneen, Faransaay fi Ameerikaa dabalatee, michoota nageenyaa durii ofirraa ari’anii, Ruusiyaa akka michuu haaraatti filachuun isaanii ni yaadatama.

Hogganaan mootummaa waraanaa Niijer, Jeneraal Abdurrahamaan Tiyaanii, “Humnoota alagaa biyyoota keenya keessatti argaman hundumaa balleessineerra,” jechuun, kana booda biyya isaanii irratti murtiin alagaan akka hin kennamne ibse.

Kaappiteeni Tiraoree, rakkoo Sahel amma mudachaa jiru “Black Winter” jechuun waame; jechuunis yeroo balaa nageenyaa, jeequmsa fi dhiibbaa dinagdee alagaa biyyoota Sahel laaffisuuf yaalan jechuu isaaniti.
Walgahicha irratti, hoggantoonni AES televiizhinii waloo AES jedhamu hundeessuu beeksisaniiru.

Pirezidaantiin Maalii, Jeneraal Assimii Gooyitaa, miidiyaan kun odeeffannoo sobaa fi olola biyyoota alagaa irratti falmuuf meeshaa tarsiimoo akka ta’u ibseera jedha gabaasni Al Jazeera.

Dhimma dinagdee irratti immoo, hoggantoonni AES naannoon Sahel akka hiyyummaan beekkamu qofa osoo hin taane, qabeenya albuudaa fi qonnaa guddaas akka qabu ibsaniiru.

Qorataan dhimma Sahel, Ulf Laessing, gamtaan AES biyyoota sadiitti jaalala uummataa argachuu isaa fi tumsa isaa gara dinagdee fi nageenyaatti babal’isuuf yaalaa jiraachuu ibseera.

© Amar Temam
- Spider Media

25/12/2025

Pirezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa jalqabaa, Obbo Hasan Alii har'a gara biyyaa deebi'an.

Gaafa Buufata Xiyyaaraa idil addunyaa Boolee gahan Pirezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaan simatamaniiru.

Niw Yoork jibba Islaamaa fi haleellaa sanyummaa Fala🇵🇸sxiinota irratti raawwatamu ni falmiti jedhan Mamdaaniin     Spide...
24/12/2025

Niw Yoork jibba Islaamaa fi haleellaa sanyummaa Fala🇵🇸sxiinota irratti raawwatamu ni falmiti jedhan Mamdaaniin

Spider Media: Rajab 4, 1447 AH
Niiw Yoork jibba Islaamaa fi haleellaa sanyummaa Fala🇵🇸sxiinota irratti raawwatamu ni falmiti jechuun kantiibaan filaman Mamdaniin dhaadatan.

Zohran Mamdani 'lammiilee Niiw Yoorki hunda akka kunuunsan, tiksan, kabajanii fi ilaalchaafi gochoota jibbiinsaa yookaan far*ra Islaamaa fi sanyummaa farra Fal🇵🇸asxiin golee hundatti akka qolatan' himani.

Kantiibaan Niiw Yoorki filataman Zohran Mamdani torban dhufu yeroo waajjira itti aanga'an seenan haleellaa jibba Islaamaa fi sanyummaa Fala🇵🇸sxiinota irratti raawwatamu walitti fufiinsaan akka qolatan waadaa galaniiru.

“Akka Kantiibaatti... lammiilee Niiw Yoorki hunda kunuunsuu, eeguu fi kabajuu fi jibba Islaamaa fi sanyummaa farra Fala🇵🇸sxiinotaa golee hundatti qolachuu hojii koo nan godha,” jechuun Kibxata kaleessaa halkan dubbatan.

Mamdaaniin kana kan jedhan, sobaan lubbuu namaa galaafachuu waliin wal qabatee himannaan kan irratti dhihateefi doorsisni ajjeechaa karaa toora interneetiifa'iif kan saaxilame barataa Fala🇵🇸sxiin waliin wayita mariyatanitti.

Mamdaaniin ergaa karaa midiyaa hawaasaa isaanii X (kan duraan twitter jedhamaa ture) irratti dabarsaniin akka jedhanitti, barataa Yunivarsiitii Braawuun kan ta’e Musxafaa Kharbouch, suuraan uffannaa Fala🇵🇸sxiin beekamaa keeffiyeh uffatee agarsiisu toora interneetii irratti erga bal'inaan qoodamee booda, haleellaaf saaxilamuu ibsanii, kun ammoo jibba Islaamaa fi sanyummaa farra Fala🇵🇸sxiinis jedhan Kantiibaan New York kun Mamdaaniin.

Zohraan Mamdaaniin, haleellaan Musxafaa irratti raawwatame, agarsiistuu dhumaatii Fala🇵🇸sxiinota irratti raawwatameefi ammas haleellaa isaan irratti xiyyeeffateeti jedhan.

Musxafaa Kharbouch, barnootaan hariiroo idil-addunyaa fi antiroopooloojii ganna garas deebi'ee shaakala hojii/internship magaalaa Niiw Yoorkitti ba'uuf barnootaa sadarkaa itti aananiis achitti hordofuu akka barbaadu Mamdaaniitti hime jedha gabaasni Anadolu.

Haleellaa sanyummaafi amantii bu'uureffate Fala🇵🇸 sxiinota irratti raawwatamu dhaabsisuuf waadaa kan seenan kantiibichi, barataa Fala🇵🇸sxiin haleellaa kanaaf saaxilame Musxafaan, “Magaalaa Niiw Yoorkitti deebi’uu isaa akka jaallannu ykn akka barbaadnu Mustafaatti himeera,” jedhan kantiibaa Musliimaa seenaa magaalattii keessatti yeroo jalqabaatiif filatamuun seenaa hojjatan Mamdaaniin.

Mamdaaniin Jan. 1 sirna kakuu akka raawwatan eegama.

© Amar Temam

Du'uu (ajj*eefamuu) hoggantootaa isii hordofee biyyattiin guyyoottan sadi'iif gadda labsiteetti 🇱🇾********Duuti Jeneraal...
24/12/2025

Du'uu (ajj*eefamuu) hoggantootaa isii hordofee biyyattiin guyyoottan sadi'iif gadda labsiteetti 🇱🇾
********
Duuti Jeneraal Mohaammad al-Haddad Liibiyaaf balaa hamaadha. Dhugumatti kun biyyattiif kisaaraa guddaadha.

Haddaad Liibiyaa qoqqoodamte, siyaasaa faffaca'e, dantaa biyyummaa gu'e waldhaanuuf gareewwan sochii siyaasaa fi hidhannoo walitti fiduun tokkummaa biyyaalessaa uumuuf nama murteessaa hojii guddaa hojjataa tureedha. Kanaa ol ammoo gidduseentummaa qaamolee alaatti karra cufuuf carraaqqiin inni gochaa ture abdii egeree biyyattii ture.

Kamiifuu namni keenya heddu waan dheeraa dubbisuuf waan fedhii hin qabneef kana gabaabseen gara oduutti ce'a. Garuu dhimmi hubatamuu qabu xiyyaarri kufee isaan ittiin du'an kun "balaa" ? moo "ajj*eechaadha"? kan jedhuuf qorannoorra jirama. An akka kootti balaa osoo hin taane ajj*eechaa akka ta'ettin yaada. Kanaaf ammoo sababa qaba. Sana itti deebina.

Liibiyaan "balaa" xiyyaaraa magaalaa guddittii Turkii, Ankaaraa cinaatti mudateen Mohaammad al-Haddad fi hoggantoonni waraanaa olaanoo biroo afur du'uu hordofee guyyoottan sadi'iif gadda biyyaalessaa labsiteetti.

Mootummaan Tokkummaa Biyyaalessaa Liibiyaa ibsa Robii har'aa kenneen maatii namoota lubbuun darbanii fi waahillan isaanii Raayyaa Ittisa Biyyaa Liibiyaa keessa jiraniif jajjabina hawweera.

Yeroo gadda guyyoota sadiif turu kanaan dhaabbilee mootummaa hundatti alaabaan walakkaan gadi bu'ee kan mirimiru yoo ta’u, sirnoonni mootummaafi ayyaannis akka addaan citu ibsichi ni mul’isa.

"Mootummaan Tokkummaa Biyyaalessaa maatii namoota du'anii fi miiltoowwan isaanii humna waraanaa keessa jiraniif jajjabina guddaa hawwa" jechuun, namoota miidhamaniif kadhannaa fi maatii isaaniif obsa akka kadhatan eera ibsichi.

Halkan edaa hoggantoonni humna waraanaa Liibiyaa jeettii Faalkoon 50 jedhamtuun magaalaa guddoo Türkiye Ankaaraa irraa ka'anii osoo gara Tiriippoolii imalaa jiranii yeroo gabaabaa booda kufanii xiyyaarri caccabee lubbuun isaaniis darbuu gabaasuun keenya ni yaadatama.

Kanumaanis Hogganaa waraanaa Liibiyaa Lt. Jeneraal Mohaammad al-Haddad fi isaan waliin kan turan, hogganaa waraana humna lafaa, itti gaafatamaa abbaa taayitaa omisha waraanaa, gorsaa hogganaa waraanaa fi ogeessa suuraa waajjira miidiyaa humna waraanaa lubbuun darbe.

© Amar Temam

Address

Addis Ababa
00100

Telephone

+251988905640

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Spider Media posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Business

Send a message to Spider Media:

Share