Quluu Qoraasumaa

Quluu Qoraasumaa seenaa, taateewwanii fi odeeffannoo adduunyaa kanaa bifa hawwataa ta`een isiniif dhiyeessina

Nama lama jalqaba deebiseef badhaasa kaardii qabna.Ulaagaa1. Gaaffii lamaanuufuu deebisaa sirrii tahe deebisuu.2. commen...
09/08/2024

Nama lama jalqaba deebiseef badhaasa kaardii qabna.


Ulaagaa
1. Gaaffii lamaanuufuu deebisaa sirrii tahe deebisuu.
2. comment edit godhuu dhabuu.
3. peejii keenya `follow` godhuu fi poostii kana `like` godhuu.

Lola VeetinaamKutaa 2ffaa-Mormii ummata Ameerikaa:Lakkuma lolli hammaachaa deemeen lammiileen Ameerikaa yaaddoo du'a lol...
07/08/2024

Lola Veetinaam
Kutaa 2ffaa

-Mormii ummata Ameerikaa:
Lakkuma lolli hammaachaa deemeen lammiileen Ameerikaa yaaddoo du'a loltuuwwan isaaniitii fi kasaaraa qabeenyaa kan sababa waraana dhuma hin qabne kanaaf qabanirraa kan ka'e, lolli Veetinaam akka dhaabbatuuf hiriira mormii adda hin cinne bulchiinsa Ameerikaa yeroo sanaarratti godhuu eegalan.

-Malaammaltummaa Veetinaam Kibbaa:
Hoggantoonni mootummaa kibba Veetinaam jiru kan doolaara Ameerikaatiin jaaramee socha'u, tokkummaa biyya isaaniirratti duuluu qofa osoo hin taane qabeenya biyyattii saamuu fi malaammaltummaatti gad-taa'an. Kunis qabsoo Ameerikaarratti godhamu gargaaraa dhufe.

-Deeggarsa gama adduunyaatii:
Veetinaam Kaabaa deeggarsa garagaraa biyyoota akka Chaaynaa fi Raashiyaa irraa argachuun falma isaanii itti fufsiisan.

-Ameerikaan Veetinaamii bahuu:
Heddummina du'aa fi madoo loltuuwwan Ameerikaa, lola dhumni isaa hin beekamne, fi mormiin biyya keeysaa hammaachuu isaatiin Ameerikaan Veetinaamii bahuuf murteeysite. Waliigaltee nageenyaa bara 1973 Paarisitti, Ameerikaa fi qaamni dhimmi ilaallatu waliif mallatteeysaniin lolli akka dhaabbatuu fi Ameerikaan Veetinaamii akka baatu walii galame. Ameerikaan baatus garuu lolli itti fufe qaama Ameerikaan deeggartuufi qaama biyyaaf falmatu jidduutti.

-Kufiinsaa fi harka kennachuu 'Saigon':
Bara 1975 ji'a Eblaa keeysa humni waraanaa Veetinaam Kaabaa kan yeroo dheeraa Ameerikaan wal waraanaa ture, mootummaa Ameerikaan deeggaramu kan teeysoon isaa magaalaa guddoo 'Saigon' taate cabsuun, magaalaas qabachuun lola yeroo dheeraaf ture injifannoon xumuruun, Ameerikaa fi michuuwwan isiitis guututti injifatamanii salphinaa fi xiqqeenyaan galan. Veetinaam ammoo bifa haarayaan biyya takka taatee walitti tokkoomuun walabummaa isii labsattee itti fufte. Murannoo fi itti cichoomina ummanni Veetinaam walabummaa isaaniirratti qabanis adduunyaan barte.

-Veetinaam ammaa:
Yeroo ammaa biyyi Veetinaam tokkummaa isii jabeeyfattee biyya walabaa ofiin of bulchitu taatee, miidhaa fi caba waraanni irraan gahe irraahis dandamattee karaa guddinaarra jirti.

-Barnoota seenaa kanarraa fudhannu:
Lolli Veetinaam moohamuu fi qaanawuu Ameerikaa qofa kan agarsiisu osoo hin taane, humni weeraraan biyya alaatii dhufu kamuu hawwii fi abdii ummata bilisummaa biyya ofiitiif loluu cabsuu fi laamsheeysuu akka hin dandeenye yaadachiisaa fi akeekkachiisa cimaadha.
Ummata Veetinaam kan osoo harka hin kennatin humna badii isaanitti duule waggoota 20 ofirraa falmatee irra aanee nu garsiiseef kabajaa fi jaalala isaaniif qabna, haa galatooman.

Xumurame
=======
Lola Veetinaam kanarratti yaada qabda as-gaditti nuuf qoodaa.
Maxxansa kana like fi share godhuun namni tokko seenaarraa waan tokko dabalataa akka hubatu haa gargaarruu.

Galatoomi.

Maalif Ameerikaan Veetinaamitti duulte?Lola waggoottan diiddama (20)  fudhateefi Ameerikaan itti qaanoowte.Kutaa 1ffaa==...
06/08/2024

Maalif Ameerikaan Veetinaamitti duulte?
Lola waggoottan diiddama (20) fudhateefi Ameerikaan itti qaanoowte.

Kutaa 1ffaa
===========================================
📜Lola Veetinaam- seenaa gootummaa Ummata Veetinaam📜:
Lolli Veetinaam kan bara 1955 hanga 1975 ALA itti fufe, qabsoo hidhannoo hadhaawaa fi obsa fixachiisaa ummanni Veetinaam biyya humna guddoo qabdu tan adduunyaa natu bulcha ofiin jettu, Ameerikaa biyya isaaniitti duulte ofirraa baasuuf godhaniidha.

🇻🇳Hawwii fi abjuu birmadummaa:
Eega waggoottan hedduudhaaf sirna kolonii Faransaay jala turtee, bara 1945tti nama Ho Chi Minh jedhamuun hogganamuun birmadummaa isii labsatte. Haa tahu malee, abjuu birmadummaa biyyattiin argatte kan dukkaneeyse, Faransaay bifa haarayaan Veetinaam qabachuuf deebi`uu isiitii fi eegasii ammoo Ameerikaan duula biyyattiirratti labsuu isiiti.

🔍Babaldhachuu communism fi sodaa Ameerikaa:
waraana ololaa yeroo sanatti Ameerikaa fi Raashiyaa jidduu turee fi sodaa Ameerikaan yaanni siyaasaa Raashiyaa communism Veetinaam keessa akka hin babaldhanne yoo hin daangeeyfamne, Eeshiyaa guutuu keeysa babaldhachuu dandeya jedhurraa kan ka`e, Veetinaam bakka lamatti qooduun Veetinaam Kibbaa yaada siyaasaa fi diinagdee kan Ameerikaa capitalism akka fudhattu gedhuun, Veetinaam gara kaabaa jirtuun akka loltu, Ameerikaan meeshaa waraanaa, doolaara fi loltuuwwan isiitiin deeggaruu itti fufte. Garuu wanti tokko kan Ameerikaan hin hubatin murannoo fi itti cichiinsa lammiileen Veetinaam walabummaa biyya isaanii arkuuf qabaniidha.

💪Kutannoo ummata Veetinaam:
Ameerikaan deeggarsa mootummaa ofii dhaabbatte kan kibba Veetinaam jiruutiin lola injifachuu dadhabnaan, duula kallattii, gosa meeshaa qabdu hunda fayyadamuun, ummata Veetinaam irratti labsite. Gareeleen walabummaa biyya isaaniitiif jecha Ameerikaadhaan falmatan, kan kibba biyyattii keeysaa hidhatee falmu Viet Cong jedhamuu fi kan gara kaabaatii lolu `North Vietnam Army` waliin ta`uun tooftaa waraanaa gara graa fayyadamuun, osoo harka hin kennin humna waraanaa guddicha Ameerikaa afanfaajjeeysuun qabsoo itti fufan. Lollis itti fufe, guyyaan lakkaawee ji`atti, jiinis lakkaawee waggaatti, waggaan waggootatti dabarse, Ameerikaan akka yaadde, waraana torbeewwan muraasatti goolabdee dhaabuu osoo hin taane, dubbiin faallaa tahee arkame. Waraanni biyya isaatiif lolu, bilchina addaa, tooftaa waraanaa riphee-loltummaa qindaawaa, beekumsa teessuma lafaa fi bosona isaanii baay`ee walxaxaa taheef qaban, deeggarsa fi aantummaa ummata biraa qabanii fi, carraa arkatan hunda gargaaramuun, waraana Ameerikaa hamma funyaaniitti hidhate afanfaajjeeysuun, illima bakka hundatti qopheessaniifii yeroo hunda bakka hin eeggamnee weerara irratti banuun miidhaa hedduu irraan geyuu dandayanii jiran. Haalli kun itti fufuun kasaaraan lubbuu namaa fi qabeenyaa Ameerikaa irratti ulfaachuu eegale. waraana lubbuun jiranirratti ammoo dhiibbaan xiin-sammuu fi sodaa fi lolarraa rincicuun mumuldhachaa dhufe.

Kutaan lammaffaa fi dhumaa yeroo dhiyootti.
=======
Lola Veetinaam kanarratti yaada qabda as-gaditti nuuf qoodaa.
Maxxansa kana like fi share godhuun namni tokko seenaarraa waan tokko dabalataa akka hubatu haa gargaarruu.

Galatoomi.

01/08/2024

Hordoftoota Quluu Qoraasumaa kabajamoo, turtii yeroo dheeraa dhimma dhuunfaatiif toorarraa dhabamneen booda, kunoo gara `content` keenya barsiisoo ta`an akkaataa kana duraatirra hirmaachisaa ta`een isiniif dhiyeessuuf qophoownee deebinee jirra. Akkam jirtu isin??

27/03/2024

Big shout out to my newest top fans! Kubbaa Miilaa, galatoomi peejii kanaaf deeggarsa adda hin cinne godhuu keetiif.

Biyyoota 50 oliitu akka adduunyaatti bara 2024 keeysa filannoo gaggeeysa.==========================================lakko...
22/03/2024

Biyyoota 50 oliitu akka adduunyaatti bara 2024 keeysa filannoo gaggeeysa.
==========================================
lakkoofsa namaatiin yoo laalame ammo namoota biliyoona 4.2 ykn lakkoofsa namaa kan adduunyaarra jiru wal-akkaa oliitu filannoo bara kanaarratti hirmaata. Kanaanis barri 2024, bara filannoo isa guddicha seenaa keeysatti adduunyaan agarte tahee galmaawa jechuudha.

Biyyoota gurguddoo bara kana filannoo gaggeeysan keeysaa ijoon kanneen armaan gadiiti.

Bara kana gara jalqabaatti biyyoota filannoo gaggeeysanii jiran

-Raashiyaa
Vilaadmiir Puutiin irra deebiin yeroo shanaffaaf filannoo Raashiyaa garaagarummaa guddaan injfatee jira. Kanaanis waggoottan 20 ol hogganaa Raashiyaa tahee itti fufa.

-Baangilaadesh
Biyyi Eeshiyaa Baangilaadesh filannoo Ji`a jalqabaa bara 2024 keeysa gaggeeysiteen ministeertittiin muummee biyyattii Sheikh Hasina yeroo shanaffaaf filannicha injifachuun bulchuu itti fufan.

-Taaywaan
-Indooneeshiyaa
-Paakistaan

Biyyoota kana booda filannoo gaggeeysuuf jiran

-US(Ameerikaa)
Ameerikaa keeysatti gara dhuma bara kanaatti filannoon obsa fixachiisaa tahe morkattoota, pireezdaantii yeroo ammaa Joe Biden fi kan duraanii Donald Trump jidduutti yeroo lammaffaaf ni gaggeeyfama.

-Indiyaa
Biyya Eeshiyaa lakkoofsa namaa akka malee hedduu qabdu Indiyaa keeysattis filannoon gaggeeyfamu bara kana hawwiidhaan eegama.

-Afrikaa Kibbaa
-Meeksikoo
-Iiraan
-Gamtaa Aawurooppaa

Waan nu hordoftaniif galatoomaa.

22/03/2024

Hordoftoota kabajamoo, qabiyyeelee asirratti isinii dhiyeessinu bifa walitti fufaa ta'een akka hojjennuuf, follow, react, comment, fi share godhuun peejiin keenya akka nama hedduu dhaqqabu godhaa.

Galatoomaa

Waan hojjechuu qabnuu fi waan dursa kennuu qabnuuf beekuun beekumsa guddaadha.
20/03/2024

Waan hojjechuu qabnuu fi waan dursa kennuu qabnuuf beekuun beekumsa guddaadha.


20/03/2024

Hordoftoota keenya kabajamoo, hiriyoota keessan invite godhuun, peejiin keenya akka nama hedduu dhaqqabu nu gargaaraa, galatoomaa.

16/03/2024

Ethiopian Airlines akkamitti daandiiwwan xiyyaaraa Afrikaa hunda caaluu danda`e??

13/03/2024

Peejii keenya like, share, comment godhuun akka nama hedduu dhaqqabu haa goonuu, hordoftoota keenya kabajamoo.

13/03/2024

Simbira saffisaan lubbu-qabeyyiin itti qixxaatu hin uumamin.

Dhiyaadhaa.




Address

Bole
Addis Ababa

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Quluu Qoraasumaa posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Business

Send a message to Quluu Qoraasumaa:

Share