16/11/2024
Dhaadannoo "Guddina Yaada Badhaadhina waligalaa" jedhuun hundeeffama Paartii Badhaadhinaa waggaa 5ffaa sababeeffachuun, waltajjiin marii ummataa kutaa magaalaa Kolfee qaraaniyoo keessatti gaggeeffamaa jira.
Har'a waggaa 5ffaa hundeeffama paartichaa sababeeffachuun waltajjiin marii ummataa sadarkaa aanaatti gaggeeffamaa ture sadarkaa kutaa magaalaatti gaggeeffamaa jira.
Obbo Mulugetaa Gulumaa itti gaafatamaan waajjira damee Paartii Badhaadhinaa, mata duree "Guddina Yaada Badhaadhina Waliigalaa" jedhuun ergaa kana kan dabarsan yoo ta'u, biyya keenya keessatti qoqqoodinsi ilaalchaa bu'uuraa akka jiru dubbatani paartiin badhaadhinaa qoqqodinsi kun furuuf akka agarsisee dubataniruu.
Paartiin Badhaadhinaa dhaaba yaada qabatee dhufe ta'uu kan ibsan obboo Mulgeetaan, paartiin kun qormaata adda addaa irra aanuun injifannoo seenaan hin daganne galmeessee akka jiru ibsuun, paartiin bu'uura dhaloota har'aa fi boruu ta'uu hubachiisaniiru.
Akka obbo Mulugeta jedhanitti caccabni biyya keenya keessatti gadi bu'ee salphifame akka jirus Paartiin Badhaadhinaa caccabaa jiru karaa hiika qabuun suphuu fi mallattoo badhaadhina Afrikaa mirkaneessuuf hojii guddaa hojjechaa akka jiru hubachiisaniiru.
Waltajjii marii ummataa ijaarsa paartichaa irratti abbootiin amantaa, maanguddoonni, dargaggoonni, dubartoonnii fi jiraattonni aanaalee hundarraa hirmaachaa jiru.