08/02/2024
Dooktar Maqidas Dhaabaa Ministira Fayyaa Itoophiyaa ta'anii muudamaniiru.
Dooktar Maqdas Dhaabaa Magaala Finfinneetti dhalatanii kan guddatan qaxalee intala Oromoo ti.
Yuuivarsiitii hawaasatt Ogummaa fayyaan Digirii Jalqabaa , akkasumas Fayyaa Hawaasaan Digirii 2ffaa akka argatan ibsameera.
Akka seenaa isaaniitiin ibsametti,Fayya Walhormaataa fi karooraa maatiin barnoota dabalataa barachuun 'sub-specialist' ta’uun, ogummaa kanaan waggootaa dheeraa tajaajilaniiru.
Kana malees yuunivarsiitiiwwan idil addunyaatti leenjiiwwan gaggabaaboo fudhataniin warqaalee ragaa argachuun ogummaa isaanii gabbifachuutu ibsame.
Muuxannoo hojiitiinis Yuunivarsiitii Hawaasaatti Pirofeesara gargaaraa ta’uun barsiisummaan tajaajilaniiru.
Akkasumas Ittigaafatamtuu Barnoota Fayyaa Yuunivarsiitichaa ta’uun tajaajilaniiru. Pireezidaantii Waldaa Ogeeyyii Fayyaa Ulfaa fi Gadameessaa ta’uunis tajaajilaaniiru. Dooktar Maqidas Dhaabaan Daayrektara Olaantuu Giddugala Fayyaa walhormaataa ta’uun tajaajilaniiru.
Yeroo dhihoo asittis, Waajjiraa Olaanaa Dhaabbataa Fayyaa Addunyaa Siwiizarlaand Jeneevaatti argamutti, Ogeetti Olaantuu Gargaartuu Addaa Daayrektra Olaanaa ta’uun tajaajilaa turaniiru.
Dooktar Maqdas Dhaabaa, damee ulfaa fi gadameessaan qorannoo qorataniin bara faranjootaa 2021 badhaasaa wal’aansaa ulfaa fi gadameessaa damee dubartootaan injifachuun kan yaadatamuudha.
Guyyaa har'aas Ministira Fayyaa ta'uun akka tajaajilaniif Manni Maree Bakka Bu'oota Ummataa muudama isaanii raggaasiseera.