Dirree Oromiyaa

Dirree Oromiyaa DirrOromiyaa

 Seerri biyya kana yoo jiraate jara kanarratti qorannoo gadi fagoo nuuf haa taasisu. jarri kun lameen warra Oolmaa, bult...
01/05/2026



Seerri biyya kana yoo jiraate jara kanarratti qorannoo gadi fagoo nuuf haa taasisu. jarri kun lameen warra Oolmaa, bultii, Jiruuf jireenya, ba'aaf gala Boonii beekanidha. Password miidiyaa hawaasaa ishee, Pattern bilbila ishee beekanidha. Warra hiriyaa, ollaa fi fira ishee irraa kutanii kophummaatti ishee hambisanii dhiphuuf dhiphina hamaa keessatti ishee kuffisanidha.

Jarri kun warra garraamummaa mucaa miskiina kanaa hubatanii eenyu waliin akka haasa'uu qabduu fi hin qabne, eenyuun akka dhaga'uu qabduuf hin qabne murteessaniif kopha galeettii godhanidha. Eenyu caalaa itti dhiyaatu. Xiinsammuu ishee beeku. Firaaf aantiirraa kan kute isaan kana dha. Viidiyoo akkamii waraabuu akka qabdu, Miidiyaa kam irratti dhiyaattee gaaffiif deebii akka gochuu qabdu, karaa kamiin ajandaa akka ta'uu qabdu gorsaa fi murteessaa ta'anii warri waliin maryatanii kopha galeettii godhanii du'aaf akka isheen kaadhimamtu taasisan keessaa akka nama obboleettii isaa jaalatu tokkootti an jara kanan shakka. qaamoleen seeraa jara kana irratti qorannoo gadi fagoo nuuf haa taasisu.

Gama biraatiin, Konkolaataan, meeshaan manaa, Meshaan mana suuraa fi qabeenyi gurbaan Yiseef jedhamu ittiin dubartoota biraa waliin bashannanu kan Boonii, ishee jaalala isaan ganamtee of ajjeesteeti. kanaafuu kana booda akka hin sossoone dhorkamuu qaba. hanga adda ba'utti. Bilbilli ishee, kan isaa nuuf haa sakatta'amu. nuti Obboleeyyan keenya dubaraaf boo'uu dadhabneerra. Nu nuffisiise. Inni du'e du'ee, kan jirutti maaliif duulla maqaa jedhuun lubbuun Ilmoo durbaa Meeshaa taphaa ta'uun dhaabbachuu qaba. Haqni lubbuu garraamotaa nuuf haa ba'u.

Rabbiin sodaadhaa. Haqa nama dubbatachuu hin dandeenyee dubbadhaa. Lubbuu oladeemtuu kanaatiuf sagalee ta'aa!

Kun bara kana ta'e jedhanii amanuun ni ulfaata
23/04/2026

Kun bara kana ta'e jedhanii amanuun ni ulfaata

Sa'a guyyaa Dura elmamuu eegaltu... Ykn guyyaa Dura dhaabbatan...Yeroo itittuu unatan...Baadiyyaa koo...
22/04/2026

Sa'a guyyaa Dura elmamuu eegaltu... Ykn guyyaa Dura dhaabbatan...
Yeroo itittuu unatan...
Baadiyyaa koo...

16/04/2026

"AMBO: Duungoon kaleessa sirraa qabsiifame. Yoo duungoon ati qabsiifte milkaaye galata keef miila duwwaa daandii keerra deemuuf waadaa galle. Atis nun qaanessine. Nus waadaa hin daganne. Har'as naqarsaa ummata kana waggota darbaniif dhuka seene buqqaasuun sirraa eegaleera. Yoo akkuma kalee milkaaye, nus bor miiila duwwaa osoo hin taane, qaama qullaa daandii keerra gangalachuuf waadaa haaromsina!" JM

12/04/2026
Sagaleen maanguddoo kanaa gurra koo keessaa na iyyaa bule. "Uuuu...ani badee.....ani badee...ani badeeeeeee! Biyya eessa...
11/04/2026

Sagaleen maanguddoo kanaa gurra koo keessaa na iyyaa bule. "Uuuu...ani badee.....ani badee...ani badeeeeeee! Biyya eessaattan gala...biyya eessaattan gala...?"

Video sanarraa dargaggoota gurmuudhaan maanguddoo tokko reebaniifi gidirsan qofa miti kan namatti mul'atu. Safuu cabe, oromummaa bade, baalagummaa daangaa dhabe fi gadi deemuun keenya eessa akka qaqqabetu namatti mul'ata.

Maaloo fira koo dhaloonni kun inuma manca'ee?

Baay'ee nama gaddisiisa. Waaqayyo nutti haa araaramu!

Poolisiin magaalaa Roobee, namoota yakkaa reebicha hamaa maanguddoo kanarratti raawwatan hatattamaan qabdanii to'annoo seeraa jala oolchuu keessaniif guddaa galatoomaa! Gatii isaaniif malu argachuu qabu!

Yaa maanguddoo nana, dhiifama nuuf godhi. Hafuu nuuf jedhi! Silumaa badneerra, abaartee kan caalu nu hin balleessiin!

Waggaa lamaan har'aa:Nama qulqulluu kana, qaroo Oromoo kana manaa gadi baasanii harka duubatti hidhanii rasaasaan erga a...
11/04/2026

Waggaa lamaan har'aa:
Nama qulqulluu kana, qaroo Oromoo kana manaa gadi baasanii harka duubatti hidhanii rasaasaan erga ajjeesanii booda reeffasaa waraabessi akka nyaatuuf bakkeetti gatanii biraa deeman!

Yaa Battee Urgeessaa,
Qulqulluun dhiiga kee akka dhiiga Abeelitti Waaqayyotti haa iyyatu! Warri yakkaa tokko malee si galaafatanii maatii keefi lammii kee qabbana dhowwatan jiruunsaanii qabbana haa dhabu. Cubbuun isaan sirratti raawwatan bahaafi gala isaaniitti boqonnaa isaan haa dhorku! Dhugaan kee akka biiftuutti bakka hundaatti haa ifu.

Dhugaa Oromoo dubbachuutti lubbuu kee tokkittii wareegde!

Galatoomi!
via Leta Kenai

Viidiyoon maanguddoon ogeessa fayyaa turan otoo gamtaa dargaggootaan tumamanii mul'isu bahe dheekkamsa uume.Maanguddoon ...
11/04/2026

Viidiyoon maanguddoon ogeessa fayyaa turan otoo gamtaa dargaggootaan tumamanii mul'isu bahe dheekkamsa uume.

Maanguddoon kun Waaqoo Kadiir Tugee jedhamuu jedhan namoonni beekan.

Ogeessa fayyaa tahanii Hospitaala Dambi Doolloo, Hospitaala Goobbaa, Hospitaala Gindhiir fi Raayitutti buufataa fayyaa hojjetaa turan jedhan.

Walumaagalatti waggoota 35 hojjachaa kan turanii fi amma sooramni isaanii geenyaan sooramaaf document isaanii sirreeffatuudhaaf olii gadi ifaajaa otoo jiranii gurmuu dargaggootaatiin buufata konkolaataa Roobee keessatti tumamanii miidhaan irra gahuu maddeen OMNtti himan.

Namni kun ilmaan lola daangaa irraa bara 2009 naannoo Oromiyaa fi Somaalee gidduu tureen akka dhabanis himan.

Dargaggoonni gochaa saalfachiisaa kana raawwatan seeratti akka dhihaatan fayyadamtoonni marsaalee hawaasaa heddumminaan gaafataa jiru.

Gochaan akka kanaan buufataalee konkolaataatti lammiilee irratti irra deddeebiin akka raawwatamu kan dubbatan namoonni yaada kennan, tarkaanfiin seeraa barsiisaan akka fudhatamu gaafataniiru.

Itoophiyaa keessatti seerdhablummaan dagaaguu isaatiin lammiileen bahanii galuunuu sodaa itti ta'uu himatu via OMN

17/04/2024

Allaattiiwwan jiran keessaa Harraagessatu muka irra taa’ee utuu boo’uu cophni imimmaan isaa harka Luba muka sana jala taa’aa turee irra bu’e jedhama. Yeroo kana lubni kun maali harraagessa nana Maal taate? Jedhanii gaafatani.Innis “ani allaattiiwwan hunda keessaa habaaramaadha, utuun hin uumamne ta’ee wayya ture, mee bifakoo ilaali akkam akka ani fokkisu” jedhe boo’ichaan.

Lubni kun akkas ittiin jedhe “hin boo’iin waan Ati barbaaddetti si jijjiiruu nan danda’a, Maal ta’uu feeta jennaan “ Daakiyyee ta’uun barbaada” jedhe.Egaa utuu ani daakiyyee si hin taasisiin deemiitii jireenya daakiyyee qoradhuu kottu ittiin jedhe lubni. Harraagessis galaana qaxxaamuree daakiyyee bira ga'e. ''Baay’ee bareedda'' akka aannanii addaatta, uumamni akka kee gammadee jiraatu waan jiru natti hin fakkaatu” jedhee haasaa jalqabe.

Daakiyyeen deebistee “lakki yaa obboleessakoo ani gammadduu miti jireenyakootti, halluu baay’ee babbareedaatu jira ani garuu halluu hin qabu, adiin halluu maaliiti? Ici” jettee imimmaan lakkuu lakkuu buuste.

Itti aansitees dakiyyeen akkas jette “allaattiiwwan keessaa parrotiin baay’ee gammadaadha, halluu bareedaa qaba mee isa gaafadhu” jennaan harraagessi gara parrot 🦜 deemee “ oo kan akkakee bareedu addunyaa irra hin jiru, allaattiiwwan jiran hunda irra Situ bareeda, kanaaf ati gammadduudha” jedhee haasaa eegale. Isheen immoo deebistee “lakki ani jireenyakootti gammadduu miti, halkanii guyyaan sababa halluukoofan adamsama, yoo na qabatan immoo sanduuqa keessa kaa’anii akka faayaatti natti fayyadamu, baay’een rakkadha” jettee waakkii eegalte. “Mee immoo 🦚 ( peacock) bira deemi isheen ana irra bareedduudha “ jennaan ammas harraagessikee ka’ee 🦚 (peacock) barbaaduu deeme.

Utuma jooruu namootni baay’een itti marsanii bareedina ishii yeroo dinqisiifatan argee itti maqanaan namoonni isa hari’an. Erga daawwattoonni irraa siqanii suuta jedhee itti siqee“ Ati allaattiiwwan hunda irra Iyyu baay’ee bareedduudha, anaan gurrachinakoof na jibbu, siin garuu qarshii kaffalanii si ilaalu, jireenyakeettis gammadduu fakkaatta “ jedhee haasaa eegale. Isheenis deebistee “eyyee anis akkan baay’ee bareedu beeka, garuu sababa bareedinakoof jedhanii na gidirsu, mana isaanii keessatti akka faayaatti nu gargaara jedhanii baalleekoo ciraa oolu, baay’ee na dhukkubsanii natti taphachaa oolu “ jettee boo’ichaan itti himte.

Harraagessis baay’ee dinqisiifate, “erga ati jireenyakeetti hin gammannee, allaattiiwwan keessaa eenyutu jireenya isaatti gammadaree” jedhe. Isheenis deebistee allaattiiwwan hunda jireenya isaanii qoradheera. Hunda keessaa kan namoonni hin adamsine, fi kan hin gaadamne si qofaadha. Nuun garuu sababa halluu gogaa keenyaaf qabanii sanduuqa keessa nu oolchu, madda galii isaanii nu godhachuuf jedhanii bilisummaa keenya mulqu, yeroo darbe taa’ee si ilaaleen utuun harraagessa ta’ee iddoon barbaade gaheen bashannana mitii jedheen jireenya bilisummaa Ati qabdu kana hawwe” jettee naasiste.

Harraagessis yeroo jalqabaaf harraagessa ta’uu isaatti gammadee balali’ee Luba sana bira deemee “ani allaattii Kamuu ta’uu hin fedhu, harraagessa ta’eedhuman bilisummaakoo wajjin jiraadha” jedhe jedhama.

Jireenya kee keessatti namootaan of madaaltee, jireenyakee jibbita ta’a.
Waan qabdu hin beektu waan ta’eef akka hiyyeessaatti of lakkoofta ta’a.Anis atis Kana keessaa baanee
-waan dhabne lakkaa’uu utuu hin taane waan qabnuuf galateeffachuu jalqabuu qabna.
-kan sii gad qabus, kan sii ol qabus jira. Jireenyakee kan namootaa waliin madaalta taanaan yoomuu hin gammaddu.
Namni waan qabutti quufu fi galateeffatu yoo jiraate inni addunyaa kana irraa nama gammadaa dha.

Jireenyi yeroo hunaayyuu faallaa dha. Hoogganaa cimaa ta'uu yoo feete, dursa hojjetaa/hoogganamaa cimaa ta'uu qabda. Fay...
28/02/2024

Jireenyi yeroo hunaayyuu faallaa dha. Hoogganaa cimaa ta'uu yoo feete, dursa hojjetaa/hoogganamaa cimaa ta'uu qabda. Fayisuuf miidhuu/dhukkubsuu qabda, jaallachuuf cabuu qabda, nagaa argachuufis jeequmsaan wal'aansoo wal qabuu qabda. Jireenya kee keessatti muuxannoo kamiyyuu gonkumaa hin gaabbin; sababiin isaas kun yeroo hunda madaallii siif fida waan ta'eefi. Ifni yeroo hunda dukkana hordofa.

Address

Addis Ababa
K13

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Dirree Oromiyaa posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Business

Send a message to Dirree Oromiyaa:

Share