Dirree Oromiyaa

Dirree Oromiyaa DirrOromiyaa

17/04/2024

Allaattiiwwan jiran keessaa Harraagessatu muka irra taa’ee utuu boo’uu cophni imimmaan isaa harka Luba muka sana jala taa’aa turee irra bu’e jedhama. Yeroo kana lubni kun maali harraagessa nana Maal taate? Jedhanii gaafatani.Innis “ani allaattiiwwan hunda keessaa habaaramaadha, utuun hin uumamne ta’ee wayya ture, mee bifakoo ilaali akkam akka ani fokkisu” jedhe boo’ichaan.

Lubni kun akkas ittiin jedhe “hin boo’iin waan Ati barbaaddetti si jijjiiruu nan danda’a, Maal ta’uu feeta jennaan “ Daakiyyee ta’uun barbaada” jedhe.Egaa utuu ani daakiyyee si hin taasisiin deemiitii jireenya daakiyyee qoradhuu kottu ittiin jedhe lubni. Harraagessis galaana qaxxaamuree daakiyyee bira ga'e. ''Baay’ee bareedda'' akka aannanii addaatta, uumamni akka kee gammadee jiraatu waan jiru natti hin fakkaatu” jedhee haasaa jalqabe.

Daakiyyeen deebistee “lakki yaa obboleessakoo ani gammadduu miti jireenyakootti, halluu baay’ee babbareedaatu jira ani garuu halluu hin qabu, adiin halluu maaliiti? Ici” jettee imimmaan lakkuu lakkuu buuste.

Itti aansitees dakiyyeen akkas jette “allaattiiwwan keessaa parrotiin baay’ee gammadaadha, halluu bareedaa qaba mee isa gaafadhu” jennaan harraagessi gara parrot 🦜 deemee “ oo kan akkakee bareedu addunyaa irra hin jiru, allaattiiwwan jiran hunda irra Situ bareeda, kanaaf ati gammadduudha” jedhee haasaa eegale. Isheen immoo deebistee “lakki ani jireenyakootti gammadduu miti, halkanii guyyaan sababa halluukoofan adamsama, yoo na qabatan immoo sanduuqa keessa kaa’anii akka faayaatti natti fayyadamu, baay’een rakkadha” jettee waakkii eegalte. “Mee immoo 🦚 ( peacock) bira deemi isheen ana irra bareedduudha “ jennaan ammas harraagessikee ka’ee 🦚 (peacock) barbaaduu deeme.

Utuma jooruu namootni baay’een itti marsanii bareedina ishii yeroo dinqisiifatan argee itti maqanaan namoonni isa hari’an. Erga daawwattoonni irraa siqanii suuta jedhee itti siqee“ Ati allaattiiwwan hunda irra Iyyu baay’ee bareedduudha, anaan gurrachinakoof na jibbu, siin garuu qarshii kaffalanii si ilaalu, jireenyakeettis gammadduu fakkaatta “ jedhee haasaa eegale. Isheenis deebistee “eyyee anis akkan baay’ee bareedu beeka, garuu sababa bareedinakoof jedhanii na gidirsu, mana isaanii keessatti akka faayaatti nu gargaara jedhanii baalleekoo ciraa oolu, baay’ee na dhukkubsanii natti taphachaa oolu “ jettee boo’ichaan itti himte.

Harraagessis baay’ee dinqisiifate, “erga ati jireenyakeetti hin gammannee, allaattiiwwan keessaa eenyutu jireenya isaatti gammadaree” jedhe. Isheenis deebistee allaattiiwwan hunda jireenya isaanii qoradheera. Hunda keessaa kan namoonni hin adamsine, fi kan hin gaadamne si qofaadha. Nuun garuu sababa halluu gogaa keenyaaf qabanii sanduuqa keessa nu oolchu, madda galii isaanii nu godhachuuf jedhanii bilisummaa keenya mulqu, yeroo darbe taa’ee si ilaaleen utuun harraagessa ta’ee iddoon barbaade gaheen bashannana mitii jedheen jireenya bilisummaa Ati qabdu kana hawwe” jettee naasiste.

Harraagessis yeroo jalqabaaf harraagessa ta’uu isaatti gammadee balali’ee Luba sana bira deemee “ani allaattii Kamuu ta’uu hin fedhu, harraagessa ta’eedhuman bilisummaakoo wajjin jiraadha” jedhe jedhama.

Jireenya kee keessatti namootaan of madaaltee, jireenyakee jibbita ta’a.
Waan qabdu hin beektu waan ta’eef akka hiyyeessaatti of lakkoofta ta’a.Anis atis Kana keessaa baanee
-waan dhabne lakkaa’uu utuu hin taane waan qabnuuf galateeffachuu jalqabuu qabna.
-kan sii gad qabus, kan sii ol qabus jira. Jireenyakee kan namootaa waliin madaalta taanaan yoomuu hin gammaddu.
Namni waan qabutti quufu fi galateeffatu yoo jiraate inni addunyaa kana irraa nama gammadaa dha.

Jireenyi yeroo hunaayyuu faallaa dha. Hoogganaa cimaa ta'uu yoo feete, dursa hojjetaa/hoogganamaa cimaa ta'uu qabda. Fay...
28/02/2024

Jireenyi yeroo hunaayyuu faallaa dha. Hoogganaa cimaa ta'uu yoo feete, dursa hojjetaa/hoogganamaa cimaa ta'uu qabda. Fayisuuf miidhuu/dhukkubsuu qabda, jaallachuuf cabuu qabda, nagaa argachuufis jeequmsaan wal'aansoo wal qabuu qabda. Jireenya kee keessatti muuxannoo kamiyyuu gonkumaa hin gaabbin; sababiin isaas kun yeroo hunda madaallii siif fida waan ta'eefi. Ifni yeroo hunda dukkana hordofa.

Loltuun Ameerikaa tokko, guyyaa har'aa Waashingitan DCtti Imbaasii Israa'el fuulduratti, "duguuggaa sanyii Falasxiin irr...
28/02/2024

Loltuun Ameerikaa tokko, guyyaa har'aa Waashingitan DCtti Imbaasii Israa'el fuulduratti, "duguuggaa sanyii Falasxiin irratti raawwatameef hin tumsu" erga jedheen booda, gaazii ofitti firfisee ibidda ofitti qabsiise. Haala nama gaddisiisuun of galaafate.

Haalli keessa jirru hangam cimu iyyuu tattaaffachaa darbuu tu gaarii ta'a malee waan bu'aa hin buusneen of balleessuun gaarii miti. Yeroo muraasaaf miidiyaaleedhaan odeeffamuu danda'aan alatti duuti akka kanaa homaa bu'aa hin qabu. Kan loltuun kun yaadeef dhaamsa biraa qabaatus wanta irra bu'aa argamsiisutti osoo xiyyeeffatee gaarii ture. Nagaa ta'aa!

16/02/2024

Walitti deebineerra ilmaan Oromoo! Akkam jirtu? Jireenyi akkami?

21/08/2022

Yeroo dhumaatiif carraa badhaasa kenname guyyoota shaniif dheereffameera. Ammuma hirmaachuun abbaa carraa ta'aa.

1. Chaanaalii Ethiopia dhaaf miseensa karaa Telegram ta'aa!

2. Odeeffannoo kana hiriyoota keessan nama 10f qooduun channel Safaricom Ethiopia kana akka seenan godhaa.

3. Contact keessanirraa nama 100 garee telegram Safaricom Ethiopia kanatti dabalaa.

Ulaagaalee olii kana sadan yoo guuttan ayyaana waggaa ykn fulbaana 1/2015 irratti badhaasa gadii keessaa kan carraan keessan isiniif kenne argattu. Badhaasni kennamuuf qophaa'es: Mana abbaa darbii sadii Finfinnee keessaa, konkolaattota miila sadii fi badhaasa Birrii 100000 ti.

👉 Safaricom Ethiophia telegram: https://t.me/SafaricomEthiopia4G
Carraa gaarii!

Safaricom Ethiopia met with representatives of a recent social media campaign, yesterday, and listened closely to their ...
16/08/2022

Safaricom Ethiopia met with representatives of a recent social media campaign, yesterday, and listened closely to their concerns. We assured them that we are building a company that represents all of Ethiopia without any biases or prejudice and are available for discussions anytime.

We are committed to serving all of Ethiopia in a way that respects all languages and cultures, as part of our vision of transforming lives for a digital future.
Telegram https://t.me/SafaricomEthiopia4G join us

በመላው ኢትዮጵያ የኔትወርክ መስመሮቻችንን በመዘርጋት ላይ እንገኛለን። ለዚህም ያግዘን ዘንድ የፓሲቭ ፋይበር ኔትዎርክ የቆጠራና የቁጥጥር ዘዴዎችን (ፋይበር ሞዴሊንግ ቱል) የሚያቀርቡ ድርጅቶ...
10/08/2022

በመላው ኢትዮጵያ የኔትወርክ መስመሮቻችንን በመዘርጋት ላይ እንገኛለን። ለዚህም ያግዘን ዘንድ የፓሲቭ ፋይበር ኔትዎርክ የቆጠራና የቁጥጥር ዘዴዎችን (ፋይበር ሞዴሊንግ ቱል) የሚያቀርቡ ድርጅቶች ጋር አብረን መስራት እንፈልጋለን፡፡ የተገለፁትን መስፈርቶች የምታሟሉ አገልግሎት ሰጪዎች ማስታወቂያው ከወጣበት ቀን አንስቶ እስከ አርብ ነሃሴ 13 ቀን 2014 ዓ.ም. ከ 11፡ ሠዓት በፊት በኢሜይል አድራሻ [email protected] መላክ ይችላሉ፡፡

Received a call from a suspicious source? Our only official number is 0722 000 000 and it is the only number we will cal...
08/08/2022

Received a call from a suspicious source? Our only official number is 0722 000 000 and it is the only number we will call you from. Report any suspicious numbers claiming to be from Safaricom by sending an SMS to 333.

Address

Addis Ababa
K13

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Dirree Oromiyaa posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Business

Send a message to Dirree Oromiyaa:

Share