Mandoyu Daily News MDN

Mandoyu Daily News MDN Yeroo kee, yaada kee fi humna kee hundaa wanta galma kee bira si geessuuf oolchuu qabda. https://www.youtube.com/
tiktok.com/

“Warqiin Xuraawus, Giraamni Isaa Hin Hir’atu” 1. Gatiin kee ilaalcha namaa irratti hin hundaa’u — namni tokko yoo si tuf...
03/09/2026

“Warqiin Xuraawus, Giraamni Isaa Hin Hir’atu”

1. Gatiin kee ilaalcha namaa irratti hin hundaa’u — namni tokko yoo si tuffate, gatiin kee hin hir’atu.

2. Yeroon rakkinaa eenyummaa kee hin jijjiiramu — rakkoon si mudatu eenyummaa kee hin jijjiiru.

3. Namni si madaalu hundi maalummaa kee hin beeku — yaada nama hundaa akka dhugaa ofii keetii hin fudhatin.

4. Yeroon dhugaa kee ni mul’isa — warqiin xurii keessattillee warqii ta’ee hafa.

5. kufaatiin xumura kee miti — kufaatiin bakka itti dhaabbattu osoo hin taane, bakka irraa kaatu ta’uu danda’a.

6. Gatiin kee yeroo rakkoo keessattis jira — akkuma warqiin xuraawus giraamni isaa hin hir’anne, rakkoon si mudatus gatiin kee hin hir’atu.

7. Madaan kee gatii kee hin balleessu_ Waanti si mudate, eenyummaa kee guutuu hin ibsu.

8. Dogoggorri kee gatii kee hin balleessu_ Dogoggorri waan irraa barattu malee, eenyummaa kee guutuu miti.

Kitaabni Ida'amuu Ministira Muummee Dooktar Abiy Ahimadiin barreeffame Afaan Chaayinaatti hiikamee dubbisaaf dhiyaachuuf...
01/07/2026

Kitaabni Ida'amuu Ministira Muummee Dooktar Abiy Ahimadiin barreeffame Afaan Chaayinaatti hiikamee dubbisaaf dhiyaachuuf

Kitaabni Ida'amuu Ministira Muummee Dooktar Abiy Ahimadiin barreeffame Afaan Chaayinaatti hiikamee dubbisaaf dhihaachuuf akka jiru ibsame.

Jijjiirama biyyaalessaa bara 2010 hordofuun kan dhalatee fi Roodi maappii deemsa boruu Itiyoophiyaa ta'uun kan barreeffame kitaaba Ida'amuu Afaan Chaayinaatti hiikamaa jiru xumuramaa akka jiru eerameera.

Ida'amuun falaasamota ardii Afrikaa waggoota kurnan darbanitti gara waltajjii addunyaatti ce'an keessaa isa tokkoo fi isa hangafa.

Yeroo ammaa kanatti falaasama man-dhalee Itiyoophiyaa kan ta'e yaad-rimee "Ida’amuu" ajandaa namoota baay'eedhaan xiyyeeffannoo guddaadhaan ilaalamu ta'aa dhufeera.

Chaayinaan hojii hiikkaa kitaabichaa xumuraa kan jirtu yoo ta’u, kanaan dura afaan Amaaraa, Afaan Oromoo fi Afaan Ingiliziitiin hiikamee raamsamuun alatti afaan Arabaa fi afaan Paakistaaniin (Urduu) dhiheenyatti hiikamee bifa miidhagaan eebbifamuun ni yaadatama.

Amma immoo waltajjii Chaayinaa namoota biliyoonaan lakkaa'amaniin dubbatamutti makamuuf boqonnaa isa dhumaarra akka jiru ibsameera.

Kitaabni Ida'amuu gara afaan Chaayinaatti hiikamuu fi biyyoota jajjaboo addunyaa keessatti kan ramadamtu Chaayinaa biratti xiyyeeffannoo argachuun isaa, hojichi hiikkaa kitaabaa olitti hiika tarsiimoo fi siyaasaa guddaa of keessaa qaba jedhameera.

Biyya akka Chaayinaa seenaa falaasama siyaasaa bal'aa fi dheeraa qabdu, kan baroota Ma'oo Zeedungi irraa kaasee hanga Deng Siyaa'oping, amma immoo hanga Pireezidanti Shii Jiinpiingitti toora siyaasaa (idoology) mataa ishee qabdu, "Ida’amuu" bifa ofisaalaawaa ta'een gara afaan isheetti hiikuun , Itiyoophiyaan waltajjii addunyaa irratti falaasama dhiibbaa geessisuu fi xiyyeeffannoo hawwatu gumaachuu danda'uu ishee kan mirkaneessuu dha.

Itiyoophiyaan boqonnaa seenaa baroota darbanii yaaddamoota alaa dhufan (Kaappitaalizimii / Soshiyaalizimii) keessummeessaa itti turte jijjiiruun, biyya falaasama mataa ishee gara alaatti ergitu ta’uu isheetiif agarsiiftu guddaa ta'uu isaa odeeffannoon Paartii Badhaadhinaa irraa argame ni mul’isa.

Kitaabni kun Afrikaa, Jiddu-galeessa Bahaa (afaan Arabaatiin), Eeshiyaa Kibbaa (afaan Urduutiin) fi amma immoo Eeshiyaa Bahaa (afaan Chaayinaatiin) qaqqabuun isaa, falaasamtichi lafa itti dhalate Itiyoophiyaarra ce’uun ardiilee fi aadaawan adda addaa walitti hidhuu fi walitti fiduuf dandeettii dippilomaasii guddaa qabaachuu isaaf agarsiiftuu dha.

Israa'elii fi Libaanos waliigaltee mallatteessanii guyyaa tokko booda Israa'el haleellaa raawwatte
28/06/2026

Israa'elii fi Libaanos waliigaltee mallatteessanii guyyaa tokko booda Israa'el haleellaa raawwatte

🔴 የኢራቅ የውጭ ጉዳይ ሚኒስትር ፉአድ ሁሴን ከኢራናዊው አቻ አባስ አራግቺ ጋር ተገናኝተው የክልል እድገቶችን ተወያይተዋል።🔴 ሁሴን ከአራግቺ ጋር ባደረጉት ስብሰባ የሆርሙዝ ወሽመጥን መክፈት...
28/06/2026

🔴 የኢራቅ የውጭ ጉዳይ ሚኒስትር ፉአድ ሁሴን ከኢራናዊው አቻ አባስ አራግቺ ጋር ተገናኝተው የክልል እድገቶችን ተወያይተዋል።

🔴 ሁሴን ከአራግቺ ጋር ባደረጉት ስብሰባ የሆርሙዝ ወሽመጥን መክፈት እና የባህር ኃይል እገዳን ማንሳት አስፈላጊ መሆኑን አፅንዖት ሰጥተዋል

🔴 ሁሴን ጦርነቱ መቀጠሉ ክልሉን ለማጥፋት እንደሚረዳ አክለዋል

🔴 አራግቺ ኢራን ከአዲሱ የኢራቅ መንግስት ጋር ያለውን ትብብር ለመቀጠል ቁርጠኛ መሆኗን ተናግረዋል

🔴 አራግቺ ከኢራቅ ጋር ስላለው ስትራቴጂካዊ ግንኙነት እንደተወያዩ ተናግረዋል

🔴 አራግቺ ለሁሴን ከአሜሪካ ጋር ስላለው የመግባቢያ ስምምነት ዝርዝር መረጃ እንዳሳወቁ ተናግረዋል

🔴 አራግቺ አክለውም የባህር ትራፊክን በሆርሙዝ ወሽመጥ ከጦርነት በፊት ወደነበረው ደረጃ የመመለስ ኃላፊነት የቴህራን ብቻ እንደሆነ አክለዋል

🔴 Ministirri Dhimma Alaa Iraaq Fuuad Huseen gita isaanii Iraan Abbaas Araagchi waliin wal arganii haala naannichaa irrat...
28/06/2026

🔴 Ministirri Dhimma Alaa Iraaq Fuuad Huseen gita isaanii Iraan Abbaas Araagchi waliin wal arganii haala naannichaa irratti mari’ataniiru

🔴 Huseen walgahii Araghchi waliin taasisaniin barbaachisummaa Strait of Hormuz banuufi uggura humna galaanaa kaasuun irratti cimsanii dubbataniiru

🔴 Huseen itti dabaluudhaan waraanni kun itti fufuun diigomsa naannichaa akka fidu dubbata

🔴 Iraan tumsa mootummaa Iraaq haaraa waliin taasiftu itti fufuuf kutannoo qabdi jedhu Araghchi

🔴 Araghchi Iraaq waliin walitti dhufeenya tarsiimoo irratti mari'achuu isaanii dubbata

🔴 Araghchi akka jedhutti waa’ee yaadannoo waliigaltee US waliin taasifame bal’inaan Huseenii ibsan

🔴 Araghchi itti dabaluudhaan tiraafikaa galaanaa sadarkaa waraana duraa Strait of Hormuz keessatti deebisuuf itti gaafatamummaa kan qabu Tehran qofa akka ta'e dubbata.
Al Arabiya English

Bu'aa Filannoo dorgomtoota Teessoo Caffee Oromiyaa
21/06/2026

Bu'aa Filannoo dorgomtoota Teessoo Caffee Oromiyaa

Filannoo Waliigalaa 7ffaa Bu’aa Mana Maree Naannoolee;-👉 Naannoo Hararii – Baay’ina teessoo Mana Marichaa 36 👉 Paartiin ...
21/06/2026

Filannoo Waliigalaa 7ffaa Bu’aa Mana Maree Naannoolee;-

👉 Naannoo Hararii – Baay’ina teessoo Mana Marichaa 36

👉 Paartiin Badhaadhinaa teessoo 32
👉 Paartii Biyyaalessaa Tokkummaa Itiyoophiyaa teessoo -1
👉Paartii Bilisummaa fi Walqixxummaa teessoo-1
👉 Dorgomaa Dhuunfaa Jamaal Abbaagaaroo teessoo 1-argataniiru.

👉 Naannoo Giddugaleessa Itiyoophiyaa- Baay’ina teessoo mana mare naannichaa 170

👉 Paartii Badhaadhinaa teessoo- 143

👉IZEMA teessoo -12
👉 Paartii Bilisummaa fi Walqixxummaa teessoo - 7
👉 Tumsa Tokkummaa Itiyoophiyaa teessoo- 3
👉 Paartii Googoot Tokkummaa Guraagee fi Paartii Haqaa teessoo 3
👉 Paartii Diimookiraasii Uummata Walloo teessoo -1

👉 Paartii Diimookiraasi Ummata Walanee teessoo-1

👉 Naannoo Sidaamaa –Baay’inni teessoo Mana Marichaa 190

👉 Paartii Badhaadhinaa teessoo 175
👉 Paartii Tokkummaa Diimookiraatwaa Itiyoophiyaa Maadrak teessoo -8
👉Paartii Tokkummaa Sidaamaa teessoo -3
👉Paartii Tokkummaa Diimookiraasii Ummata Sidaamaa teessoo-1
👉 Baalderaas teessoo-1
👉 Gamtaa Diimookiraatikii Itiyoophiyaa teessoo-1
👉Paartii tokkumaa Diimookiraasii Guutuu Ummata Sidaamaa teessoo-1 argataniiru.

👉Naannoo Somaalee – Baay’ina teessoo mana marichaa -252

👉Paartii Badhaadhinaa teessoo – 214
👉Adda Bilisummaa Biyyaalessaa Ogaadeen teessoo -20
👉Paartii Bilisummaa fi Walqixxummaa teessoo- 12
👉Federaalistii Somaalee teessoo- 2

👉Naannoo Beenishaan Gul Gumuuz- Baay’ina teessoo mana maree naannoo 165

👉Paartiin Badhaadhinaa Teessoo- 145
👉Sosochii diimokiraasii Ummata Gumuz teessoo -14
👉Sosochii Bilisummaa Beenishaagul Gumuz- teessoo -5
👉Dorgomaa dhuunfaa Geetaachoo Waddishoo Gashaawu- teessoo- 1

👉Naannoo Amaaraa – Baay’ina Teessoo Mana Maree naannichaa- 277

👉Paartii Badhaadhinaa teessoo- 257
👉Sochii Humna Diimookiraasii Amaaraa teessoo – 4
👉IZEMA- teessoo- 3
👉ABIN teessoo- 2
👉Paartii Tokkummaa biyyaalessaa Itiyoophiyaa teessoo- 1
👉Paartii Diimookiraasii Qimaanti teessoo -1
👉Argobbaa Tokkummaa Jabartii teessoo- 1
👉Nagaan Tokkummaa Itiyoophiyaa teessoo- 1
👉Tumsa Tokkumaa Itiyoophiyaaf teessoo -1
👉Paartii Diimookiraasii Ummata Walloo teessoo- 1
👉Paartii Bilisummaa fi Tokkummaa teessoo -1
argataniiru.
* Naannoo Afaar - Baayi'ina Teessoo 135

👉Paartii Badhaadhinaa - Teessoo 124

👉Addi Bilisumma Afaar - Teessoo 4

👉Tokkummaan Diimokiraatawaa Federaalawaa Itiyoophiyaa - Teessoo 3

👉Paartii Ummata Afaar - Teessoo 3

👉Jabartii Tokkummaa Argobbaa - Teessoo 1
argataniiru

በሰባተኛው ጠቅላላ ምርጫ ብልጽግና ፓርቲ 438 የሕዝብ ተወካዮች ምክር ቤት መቀመጫዎችን አሸነፈ ************************ የኢትዮጵያ ብሔራዊ ምርጫ ቦርድ ግንቦት 24 በተካሄደው...
21/06/2026

በሰባተኛው ጠቅላላ ምርጫ ብልጽግና ፓርቲ 438 የሕዝብ ተወካዮች ምክር ቤት መቀመጫዎችን አሸነፈ
************************

የኢትዮጵያ ብሔራዊ ምርጫ ቦርድ ግንቦት 24 በተካሄደው ሰባተኛው ጠቅላላ ምርጫ የተመዘገበውን አጠቃላይ ውጤት ይፋ አድርጓል።

የኢትዮጵያ ብሔራዊ ምርጫ ቦርድ ምክትል ሰብሳቢ ተስፋዬ ንዋይ በሥራ አመራር ቦርዱ የተረጋገጡና የፀደቁ ውጤቶችን ይፋ አድርገዋል።

በዚህም መሰረት ብልፅግና ፓርቲ 438 የሕዝብ ተወካዮች ምክር ቤት መቀመጫዎችን አሸንፏል።

የሰባተኛው ጠቅላላ ምርጫ ውጤት ማሳወቂያ መርሐ ግብር ላይ ፕሬዝዳንት ታዬ አፅቀ ሥላሴን ጨምሮ የፖለቲካ ፓርቲዎች ተወካዮች ፣ የሲቪክ ማህበራት ፣ የተለያዩ ሀገራት አምባሳደሮች እንዲሁም የመገናኛ ብዙኃን ተወካዮች በተገኙበት እየተካሄደ ነው።

Bu'aa Sagalee Mana Maree Magaalaa Finfinnee Waxabajjii 14/2018Teessoo Mana Maree Magaalaa Finfinnee 158 KeessaaPaartii B...
21/06/2026

Bu'aa Sagalee Mana Maree Magaalaa Finfinnee

Waxabajjii 14/2018

Teessoo Mana Maree Magaalaa Finfinnee 158 Keessaa

Paartii Badhaadhinaa - Teessoo 134

Paartiin Izeemaa- Teessoo 8

Partii Diimokraatawaa Itoophiyaa Tokkoo - Teessoo 4

Paartii Hiddaasee- Teessoo 2

ABO- Teessoo 2

Tumsa Tokkummaa Itoophiyaa - Teessoo 2

Paartii Gamtaa Nageenya Itoophiyaaf- Teessoo 2

Paartii Sosochii Uummata Walayitaa- Teessoo 1

Paartii Abin- Teessoo 1

Paartii Dimokiraatawaa Uummattoota Walloo- Teessoo 1

Kadhimamaa Dhuunfaa Daniel Getachoo- Teessoo 1 argataniiru.

Oromiyaatti Paartiin Badhaadhinaa Teessoo 523'n sagalee caalmaa argateWaxabajjii 14,2018Filannoo Waliigalaa Marsaa 7ffaa...
21/06/2026

Oromiyaatti Paartiin Badhaadhinaa Teessoo 523'n sagalee caalmaa argate

Waxabajjii 14,2018

Filannoo Waliigalaa Marsaa 7ffaa baranaatiin Paartiin Badhaadhinaa Teessoo Caffee Oromiyaa 523 argate.

Caffee Oromiyaatti teessoo waliigalaa 528 keessaa Paartiin Badhaadhinaa teessoo 523 argachuu Boordiin Filannoo Biyyoolessaa ibse.

Teessoowwan hafan Kaadhimamtoota dhuunfaa 3 dabalatee Paartiin Izeemaa teessoo 1 argachuu Boordiin Filannoo Biyyoolessaa ibse.

Namoota filachuuf galmaa’an miliyoona 24fi kuma 94 ol keessaa harki 97 filachuus Boordiin Filannoo Biyyoolessaa ibseera.

Address

Sheger
Addis Ababa
BOLE

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Mandoyu Daily News MDN posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Shortcuts

Share