Gorsa Milkaa’inaa

Gorsa Milkaa’inaa Yeroo kee, yaada kee fi humna kee hundaa wanta galma kee bira si geessuuf oolchuu qabda. https://www.youtube.com/
tiktok.com/

Jireenyi kee tarkaanfiiwwan walitti aaneedha. Yoo si’a tokko duubatti deefte, si’a biraa asuma dhaabatte, si’a biraa amm...
10/12/2025

Jireenyi kee tarkaanfiiwwan walitti aaneedha. Yoo si’a tokko duubatti deefte, si’a biraa asuma dhaabatte, si’a biraa ammoo gara fuulduraatti tarkaanfachuu qabda. Tarkaanfii xiqqoon illee gara guddinaati.

Rakkoon, gufuun fi rakkinoon si akka hin dhaabneef qophaa’e. Inni si quucarsuu danda’a, garuu si hin dhaabu. Gara fuuldu...
09/12/2025

Rakkoon, gufuun fi rakkinoon si akka hin dhaabneef qophaa’e. Inni si quucarsuu danda’a, garuu si hin dhaabu. Gara fuulduraatti tarkaanfachuun rakkoo irratti injifannoo argachuun agarsiisa.

Jireenyi injifannoo fi kufaatii wal faana deemuudha. Namni hundi injifata miti, garuu namni injifatu tokko qofa, nama ya...
02/12/2025

Jireenyi injifannoo fi kufaatii wal faana deemuudha. Namni hundi injifata miti, garuu namni injifatu tokko qofa, nama yaalii hin dhiifne.
Namni milkaa’e hundi yeroo tokko kufee ture, yeroo tokko dadhabee ture, yeroo tokko immoo carraa dhabee ture, Garuu inni tokkaa yaalii hin dhiisne. Namni kufaatii fi milkaa’ina jidduu deemu,
inni kufee garuu yaalii itti fufe, injifataa ta’a.

30/11/2025
Namni jabaa yeroo baay’ee ofitti amanamummaa qaba. Garuu ofitti amantummaan kun namoota muraasa biratti akka of-tuulumma...
30/11/2025

Namni jabaa yeroo baay’ee ofitti amanamummaa qaba. Garuu ofitti amantummaan kun namoota muraasa biratti akka of-tuulummaatti mul’ata. Yeroo inni yaada ofii ibsu yookaan murtii ofii fudhatu, namoonni kaan “inni of qofaaf yaada” jedhanii akka of-tuuluutti ilaalan.

Namni yaalaa jiru kufaatii keessa jiraachuu danda’a, garuu kufaatiin yaalii dhiisuun qofaan argama. Jireenya keessatti w...
29/11/2025

Namni yaalaa jiru kufaatii keessa jiraachuu danda’a, garuu kufaatiin yaalii dhiisuun qofaan argama. Jireenya keessatti wareegama hin barbaachisne keessaa tokko, yaalii dhiisuudha.

Jireenya keessatti kufaatiin wanta namni kamuu sodaatuudha. Namni hundi akka hin kufneef hawwa, yeroo hundaa injifannoo ...
28/11/2025

Jireenya keessatti kufaatiin wanta namni kamuu sodaatuudha. Namni hundi akka hin kufneef hawwa, yeroo hundaa injifannoo akka hin dhabne hawwa. Garuu dhugaan tokko ifatti mul’ata:
Namni kufu namicha laafe osoo hin taane, namicha yaalii dhaabeedha.

Jireenyi yeroo mara nama sirrii tajaajila. Namni dhugaa of keessaa baafate, yoo dhugaa filatee, yeroo hundaa amanamaa ta...
28/11/2025

Jireenyi yeroo mara nama sirrii tajaajila. Namni dhugaa of keessaa baafate, yoo dhugaa filatee, yeroo hundaa amanamaa ta’e, karaa ofii rakkinaafi haala hamaa irraa ol kaasa. Namni gowwoomsuu filate, yeroo gabaabaa nama sobu danda’a; garuu yommuu dhugaan ifa baatu, amantiin isaa ni barbadaa’a. Amantiin yoo bade, wanti hafu hin jiru. Kanaaf, homaa ta’i, wanta ta’uu barbaaddu ta’i.

26/11/2025
Hiriyaan dhugaa Yeroo gammachuu si wajjin gammada, yeroo rakkinaa immoo si cinaa dhaabbata. Hiriyaan gaarii yeroo kee qo...
25/11/2025

Hiriyaan dhugaa Yeroo gammachuu si wajjin gammada, yeroo rakkinaa immoo si cinaa dhaabbata. Hiriyaan gaarii yeroo kee qofa fayyadamuu osoo hin taane, qalbii fi yaada si waliin qoodata.

ℝ𝕒𝕜𝕜𝕠𝕠𝕟 𝕪𝕖𝕣𝕠𝕠𝕗 𝕢𝕠𝕗𝕒 𝕥𝕒’𝕦𝕦 𝕙𝕦𝕓𝕒𝕔𝕙𝕦𝕦Rakkoon dukkana halkanii fakkaata. dukkanni halkanii haala kamiinuu haa hammaatu malee...
24/11/2025

ℝ𝕒𝕜𝕜𝕠𝕠𝕟 𝕪𝕖𝕣𝕠𝕠𝕗 𝕢𝕠𝕗𝕒 𝕥𝕒’𝕦𝕦 𝕙𝕦𝕓𝕒𝕔𝕙𝕦𝕦
Rakkoon dukkana halkanii fakkaata. dukkanni halkanii haala kamiinuu haa hammaatu malee bariin ni dhufa. Kanaaf rakkoon si mudatu yeroof qofa yeroo booda ni darba.

Obsaan eegiObsaan yoo eegde, yeroon rakkoo darbee ifni injifannoon ni dhufa. Namni obsaa hin qabne immoo dukkana keessat...
24/11/2025

Obsaan eegi
Obsaan yoo eegde, yeroon rakkoo darbee ifni injifannoon ni dhufa. Namni obsaa hin qabne immoo dukkana keessatti hafa, bariin isaa hin ga’u.

Address

Sheger
Addis Ababa
BOLE

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Gorsa Milkaa’inaa posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share