
17/11/2023
Istirookii (Stroke)
*******************
AKKAMIIN OFIRRAA ITTISNAA?
1. Dhiibbaa dhiigaa ofii ilaalchisuu fi yoo olka'aa ta'e yaalamuu. Isa kana irratti namoonni baayyeen mana yaala deemanii dhiibbaa dhiiga isaanii hin ilalamne waan ofirratti hin beekneef dhiibbaan olka'ee yeroo dheeraaf turee erga sammuu keessatti dhiiganii booda akka dhiigni isaanii olka'e baru.
2. Ulfaatina hir'isuu fi sochii qaamaa yeroo yerootti gochuu. Nyaata dhiibbaa dhiigaaf dhukkuba kanaaf nu saaxilan keessumaa ashaboo fi coomaa irraa of qusannee bakka isaanii fuduraaf kuduraa baay'isuudha, Akkasas tamboo xuuxuu irraa of qusachuu.
3. Dhugaatii alkoolii dhuguu dhiisuu, yoo kan dhugnu ta'e hamma isaa baay'isuu hin qabnu.
4. Dhibee onnee yoo qabaanne yaalamuu, (keessumaa ammoo onneen keenya yoo dha'atu yoo sirrii ta'uu baatee).
*******************
MALLATTOO ISAA
-Akka taasaatti (sudden) qaamni gama tokkoon yokaan gam lamaan socho'uu dadhabuu.
-Akka tasaa iji arguu dhabuu.
-Mataa dhukkubbii baay'ee hamaa ta'e akka tasaa namatti dhufuu.
-Of wallaalanii kufuu, balaqqamuu.
-Afaan dubbachuu dadhabuu.
-Fuulli gamtokkotti (gara bitaa yokaan mirgaatti jal'achuu) fa'i.
*******************
Fayyaan Faaya
©️ Dr. Gurmeessaa (Ispeeshalistii dhibee keessoo)