Badhaadhina Media Network

Badhaadhina Media Network Peace, Justice and freedom

Permanently closed.
10/10/2025
07/10/2025
TikTok
07/10/2025

TikTok

04/10/2025

Baga Irreecha Malkaa nagaan geessan.

‎Irreechi sirna galateeffannaa Oromooti. Oromoon ‘Sanyiin namaa horee kan baay’atu, kan faca’e du’aa ka’ee ija kan godhatu, atoomsaafi gargaarsa humna waaqaatiini’ jedhee dhugeeffata. Irreechi yoo gahu Waaqa Leemmoo garaa Taliilaa waan isaa godheef galateeffatee; kan dhufuuf araaraafi wagii gaafachuuf ‘hoo quba’ kan jedhuuf kanaafi.
‎Akka falaasama Oromduriitti, Oromoon bishaaniif iddoo guddaa qaba.Bishaan madda qulqullinaa, bu’uura uumamaafi jireenyaa godhee dhugeeffata. Yoo kadhatus ‘Waaqa uumaa, Waaqa uumamaa, Waaqa Burqaa Walaabuu’ jedha.
‎Irreechi bara kanaa wayita Itiyoophiyaan bishaan laga Abbayyaa fedhii Anniisaa lammiilee ishee guutuuf ,Hidha Haaromsaa Guddicha Itiyoophiyaa eebbifattetti, kabajamuun isaa gammachuu keenya dachaa taasisa.Baga gammaddan! Baga gammanne !
’Sabni malkaa hin qabne, Saba mataa hin qabne’! akkuma Oromoon jedhu, biyyi ulaa galaanaa hin qabne, biyya jiruu hin qabne jennee, uummata keenyaaf badhaadhina fiduuf; Hulaa Galaanaa karaa seeraafi nagaa bu’uureffateen qabaachuuf hojjachaa jirra. Tattaaffiin roga Kanaan gochaa jirrus addunyaa biratti fudhatama argachaa jira.
Waggoottan darban keessatti; ilaalama haaraa, falaasama ida’amuutiin masakamnee; qabeenya, muuxannoofi beekumsa biyyi qabdu,uummata keenya waliin hooggansa bilchaataafi kutannoon guutame kenninee, Waaqnis nu gargaaree rakkoowwan heddu keessatti jijjiiramoota raajii ta’an galmeessinee jirra.
‎Bara 2018ttis, duudhaalee Irreechaa; nagaa, araaraafi tokkummaa kudhaammannee, olka’iinsa biyya keenyaa mirkaneessuuf, qormaataaf osoo hin jilbiiffatin cichinee akka hojjannu dhaamuun barbaada.
‎Irra deebiin Irreechi kan milkii nuuf yaa ta’u! Qarruu Malkaa oofkalaa ! Gadaan Quufaaf Gabbina.
‎Itiyoophiyaan tattaaffii ijoollee ishiitin sodaatamtee, kabajamteefi badhaatee bara baraan haa jiraattu !
‎Waaqni Itiyoophiyaa fi ummattoota ishee haa eebbisu !
‎Fulbaana 23, bara 2018

30/09/2025

Address

Addis Ababa

Telephone

+251913141163

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Badhaadhina Media Network posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Business

Send a message to Badhaadhina Media Network:

Share