FBC Afaan Oromoo

FBC Afaan Oromoo This is the official Fana Broadcasting Corporate (FBC) page - where you can get all the latest news in Afan Oromo.
(679)

You can follow us on: https://t.me/afanoromofana Website: http://www.fanabc.com
Youtube: https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Telegram: https://t.me/fanoromofana
Twitter: https://twitter.com/fanatelevision
e-mail: [email protected]
SMS: 8222, 8111, 8333

Addis Ababa, Ethiopia

Abbaan Taayitaa Naannoo Sidaamaa galii Birrii biiliyoona 12 ol walitti qabeFinfinnee, Waxabajjii 6, 2017 (FMC) – Abbaan ...
13/06/2025

Abbaan Taayitaa Naannoo Sidaamaa galii Birrii biiliyoona 12 ol walitti qabe

Finfinnee, Waxabajjii 6, 2017 (FMC) – Abbaan Taayitaa Naannoo Sidaamaa galii Birrii biiliyoona 12 fi miiliyoona 400 walitti qabe.

Naannichatti mata duree “ Kaffalaan Gibiraa Amanamaan Goota Misoomaa Cimaadha” jedhuun kaffaltoota gibiraa amanamoof sagantaan beekamtii kennuu gaggeeffamaa jira.

Saganticharratti Pireezidaantii naannichaa Dastaa Leeddaamoo dabalatee hoggantoonni olaanoon mootummaa federaalaafi naannoo argamaniiru.

Daayrektarri Olaanaan Abbaa Taayitaa Galiiwwanii naannichaa obbo Damissee Isaatuun saganticharratti haasawaa taasisaniin, gibira yeroon fi amanamummaan kaffaluun dirqama biyyaalessaafi agarsiistuu jaalala biyyaati jedhan.

Naannichatti bara baajataa 2017’tti gibira Birrii biiliyoona 15 fi miiliyoona 300 sassaabuuf karoorfamee hojjetamaa jiraachuu kaasanii, baatiiwwan darbanitti Birrii biiliyoonni 12 fi miiliyoonni 400 sassaabamuu yaadachiisan.

Yeroo hafetti karoora qabame milkeessuuf hojiilee hojjetaman hawaasni gibira kaffalu itti gaafatamummaa isaa akka bahatu gaafataniiru.



Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FBC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Imala miseensota maatii tokkoo lubbuu namoota 5 galaafateFinfinnee, Waxabajjii 6, 2017 (FMC) – Imala miseensota maatii t...
13/06/2025

Imala miseensota maatii tokkoo lubbuu namoota 5 galaafate

Finfinnee, Waxabajjii 6, 2017 (FMC) – Imala miseensota maatii tokkoo lubbuu namoota 5 galaafate balaa Xiyyaaraa Hindii.

Ogeessa Sooftweerii kan ta’e Dooktar Piraatiik Joosiin waggoota jahaaf Ingiliiz magaalaa Landan keessa jiraataa ture.

Ogeettii yaala fayyaa kan taate Haati Warraa isaa Dooktar Koomii Viiyaas ammoo ijoollee sadi waliin Hindi keessa jiraataa turte.

Dooktar Piraatiik Joosiin Maatii isaa Hindi jiraataan gara Landan fudhachuun waliin jiraachuun karoora isaa ture.

Guyyaa lama dura haati warraa isaa Hindi Uuddiipuur keessatti hojii yaala fayyaa hojjetaa jirtu fedhii isheen gadi lakkisuun gara Landan imaluuf qophiirra turte.

Kaleessa ganama maatii ishee waliin gara Landan imaluuf Daandii Qilleensaa Hindii lakkoofsa balallii 171 imala eegalte.

Wayita imala eegalan ijoollee ishee sadanii fi abbaa warraa ishee Dooktar Piraatiik Joosiin waliin suuraa ka’uun gammachuu isaanii ibsataa maatii fi firrootaan isaaniif ergaa turan.

Yaa ta’uutii xiyyaarri ittiin imala eegalan kufee caccabuun abjuun isaanii karaatti hafe.

Abjuun isaanii sekondii muraasa keessatti dhadhaa ibidda buute taate jechuun gabaasan miidiyaaleen idil addunyaa garaagaraa.

Balaa xiyyaaraa Hinditti mudate kanaan namoonni 241 lubbuun darbeera.

Lammiin Ingiliiz ga’eessa umrii waggaa 40 Viishivaash Kuumaar Raameesh qofti lubbuun oole.

Dooktar Piraatiik Joosiin haadha warraa isaa Dooktar Koomii Viiyaas fi ijoollee isaa sadi waliin imalli eegalan sekondii 30 booda xumurame.

Dooktar Piraatiik Joosiin maatii isaa fudhachuuf waggoottan 6 obsaan eegaa ture. Obsi waggoota 6 sekondii 30 keessatti xumura argate.

Ka’umsa balichaa beekuuf qorannoon gaggeeffamaa kan jiru yoo ta’u, qorannichi guyyoota fudhachuu danda’a jedhame.

Balaa suukaneessa mudate kan hordofee Mootummoota Gamtoomaanii fi Gamtaa Afrikaa dabalatee hoggantoonni dhaabbilee idil addunyaa fi biyyoota garaagaraa ergaa gaddaa dabarsaniiru.

Mootummaa Hindii fi maatii miidhamtootaa jajjabeessaniiru.

Siifan Magarsaatiin.



Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FBC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Manneen jireenyaa qulqullinaa fi saffisaan ijaaramanii akka xumuraman xiyyeeffannoo addaan hojjetamaa jira – Kantiibaa A...
13/06/2025

Manneen jireenyaa qulqullinaa fi saffisaan ijaaramanii akka xumuraman xiyyeeffannoo addaan hojjetamaa jira – Kantiibaa Adaanech Abeebee

Finfinnee, Waxabajjii 6, 2017 (FMC) – Magaalaa Finfinneetti Manneen jireenyaa qulqullinaa fi saffisaan ijaaramanii akka xumuraman xiyyeeffannoo addaan hojjetamaa jira jedhan Kantiibaan magaalichaa aadde Adaanech Abeebeen.

Aadde Adaanech manneen jireenyaa kutaa magaalaa Nifaas Silki Laaftoo naannawaa Addabaabayii Jarmanitti ijaaramaa jiran daawwataniiru.

Magaalaa Finfinneetti fedhii manneen jireenyaa guutuuf filannoowwan jiran hunda fayyadamuun xiyyeeffannoo addaan hojjetamaa jira jedhan .

Mootummaa, damee dhuunfaa, akkasumas mootummaa fi dameen dhuunfaa tumsaan manneen jireenyaa qulqullina qaban saffisaan ijaaraa jiru jedhan aadde Adaanech.

Bulchiinsi magaalichaa abbootii qabeenyaa damicharratti bobba’uuf fedhii qabaniif deeggarsa addaa taasiisuuf murannoo qabaachuu mirkaneessaniiru.

Ijaarsi manneen jireenyaa kutaa magaalaa Nifaas Silki Laaftoo naannawaa Addabaabayii Jarmanitti argamu erga eegalamee baatiwwan 9 kan lakkoofsise ta’uu Itti Gaafatamaan Seekreetaariyaatii Pireesii Waajjira Kantiibaa magaalaa Finfinnee Dooktar Mi’eessoo Eellemaan Faanaa Diijitaaliif himaniiru.

Yeroo gabaabaa keessatti xumuruuf xiyyeeffannoo addaan hojjetamaa akka jiru dubbatan.

Malaakuu Gadiftu gabaase.

Lammii dorgomaa ta'uuf qormaata osoo hin hatiin hojjedhaa- Piroofeesar Birhaanuu NaggaaFinfinnee, Waxabajjii 6, 2017 (FM...
13/06/2025

Lammii dorgomaa ta'uuf qormaata osoo hin hatiin hojjedhaa- Piroofeesar Birhaanuu Naggaa

Finfinnee, Waxabajjii 6, 2017 (FMC)- Ministirri Ministeera Barnootaa Piroofeesar Birhaanuu Naggaan Naannoo Giddugaleessa Itiyoophiyaa Godina Kambaataa Mana Barumsaa Sadarkaa 2ffaa Shinshichootti qormaata xumuraa sadarkaa naannoo kutaa 6ffaa eegalchiisaniiru.

Piroofeesar Birhaanuun wayita kana, karaa hannaafi waliin dhahuurraa bilisa ta’uun qormaata keessan hojjedhaa jechuun barattoota gorsan.

Barattoonni ofitti amanamummaa isaanii guddisuun, lammii dorgomaa ta’uun guddina biyyaa keessatti ashaaraa isaanii akka kaa’aniif jajjabeessaniiru.

Dabalataanis Piroofeesar Birhaanuun magaalichatti mana barumsaa idileen duraa Biraayit Viizhinitti argamuun haala kenniinsa barnootaa daawwataniiru.

Hogganaan Biiroo Barnootaa naannichaa obbo Anteenee Fiqaaduun gamasaaniin, qormaata naannoo kutaa 6ffaa akka naannichaatti yeroo jalqabaaf kennamu kana barattoonni kumni 98 fi 107 akka fudhatan ibsaniiru.



Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FBC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Marii Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad bakka buutoota Barsiisota guutuu Itiyoophiyaarraa walitti babba’an wal...
13/06/2025

Marii Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad bakka buutoota Barsiisota guutuu Itiyoophiyaarraa walitti babba’an waliin taasisan har’a galgala 2:30 jalqabee nu hordofaa.

Rakkoo guddaan gabaa aannanii daldala seeraan alaati - BQOFinfinnee, Waxabajjii 6, 2017 (FMC) – Aannan qulqulluu gabaarr...
13/06/2025

Rakkoo guddaan gabaa aannanii daldala seeraan alaati - BQO

Finfinnee, Waxabajjii 6, 2017 (FMC) – Aannan qulqulluu gabaarratti barbaadamu oomishuuf tattaaffiin taasifamaa jira jedhe Biiroon Qonnaa Oromiyaa.

Rakkoo guddaan gabaa aannanii daldala seeraan alaa ta’uu Hogganaa Itti Aanaan Biiroo Qonnaa fi Itti Gaafatamaan Damee Misooma Beelladaa Oromiyaa obbo Toleeraa Dabalaan himan.

Daldalli seeraan alaa kun qulqullina isaa gadi buusurra darbee hawaasni oomisha aannanirraa hanga dadhabbii isaa akka hin arganne danqaa ta’uu dubbatan.

Aannaan Oromiyaa keessatti oomishamu % 90 karaa seeraan alaan gabaaf kan dhiyaatu ta’uu ibsan.

Kana hambisuuf koreen teeknikaa fi to’annoo hundaa’ee hojjetamaa jiraachuu kaasan.

Guutuu Oromiyaatti aannan oomishaa jiraatus qaamni aannan bitu garuu iddoo muraasa qofa gahaa jira kan jedhan obbo Toleeraan, Aannan kallattii kamittuu oomishamu gabaaf akka dhiyaatu hojjetamaa jira jechuun himan.

Biiroon Qonnaa Oromiyaa aannan qulqullina qabu kan gabaarratti barbaadamu akka oomishamuuf hanga sadarkaa gadiitti ogeeyyii ramaduun hojii to’annoo fi hordoffii hojjechaa jira jedhan.

Godinaalee Oromiyaa tokko tokko keessatti, keessattuu Shawaa Kaabaatti oomisha aannaniitti waan alagaa dabaluun babal’atee ture kan jedhan obbo Toleeraan, amma guutummaatti furamuu Faanaa Diijitaaliif himaniiru.

Yeroo ammaas Shawaan Kaabaa Aannaan qulqulina qabu oomishuun bakka muxannoon irraa fudhatamu ta’eera jedhan.

Aannanitti waan alagaa dabaluun safuu camsuudha waan ta’eef hawaasni safuu eeguun aannan qulqulluu waan alagaarra bilisa ta’e gabaaf akka dhiyeessu dhaamaniiru.

Namoota safuu cabsan to’achuuf dambiin qophaa’ee hojii hojjetameen rakkicha harka caalu furuun danda’amuu dubbatan.

Warshaaleen oomisha aannanii qindeessan 12 Oromiyaa keessatti argamu waan ta’eef hojii walitti hidhamiinsa gabaarratti caalmaatti hojjetamuu akka qabu kaasan.

Warshaalee aannan Gaalaa qindeessan babal’isuufis hojjetamaa jira jedhan.

Oromiyaatti yeroo ammaa waggaan aannan Litirri biiliyoonni 3.5 ol oomishamaa jira.

Siifan Magarsaatu gabaase.



Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FBC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Nama seenaa balaa suukaneessaa keessaa Lubbuun oole Viishivaash Kuumaar Raameesh Finfinnee, Waxabajjii 5, 2017 (FMC) – L...
12/06/2025

Nama seenaa balaa suukaneessaa keessaa Lubbuun oole Viishivaash Kuumaar Raameesh

Finfinnee, Waxabajjii 5, 2017 (FMC) – Lammiin Ingiliiz balaa suukaneessaa Xiyyaara har'a Hinditti mudate keessaa lubbuun oole Viishivaash Kuumaar Raameesh jedhama.

Lubbuun dhalataa Hindii Lammii Ingiliiz Viishivaash Kuumaar Raameesh balaa suukaneessa lubbuu namoota 200 olii galaafate keessaa ooluun addunyaa dinqisiseera.

Namoonni bakka Xiyyaarri kufe turan hedduun lubbuun darbuus gabaafameera.

Namoota xayyaara keessa turan keessan nama tokko teessoo lakkoofsa 11A jedhamu irra taa’e lammii Ingiliiz kun haala ajaa'ibaan lubbuun hafeera.

Xiyyaatichi ka'ee sekondii 30 booda sagalee guddaan dhagahamuu hime namni lubbuun oole kun.sekondii muraasa keessatti lubbuun namoota hedduu dhadhaa ibidda buute ta'e jedhe.

Namoota Xiyyaarri irratti kufe dabalatee lakkoofsi nammoota du'anii hedduu yoo ta'u, hanga ammaatti Reeffi namoota 204 argamuuti dubbatame.

Xiyyaarichi manneen jireenyaa ogeeyyii yaalarratti kufee caccabuus miidiyaaleen addunyaa gabaasaniiru.

Imaltoota xiyyaaricha keessa turan keessaa 53 lammilee Ingiliiz, 169 lammilee Indiyaa, tokko lammii Kanaadaa, torba ammoo lammilee Poorchugaalidha.

Eer Hindiyaan akka jedhetti, namoonni madaa'an gara hospitaalota dhiyoo jiraniitti geeffamaniiru.

Dhaabbanni qabeenyummaan isaa Taataa Giruuppi ta'e Eer Hindiyaan Xiyyaarota Eerbaasii ammayyaa 69 dabalatee waliigala Xiyyaarota 205 qaba.

Balaan miilana mudate kun waggoota 93 booda balaa cimaa fi suukaneedha jedhame.

Siifan Magarsaatiin



Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FBC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Balaa xiyyaaraa Hinditti mudateen namni tokko lubbuun ooluu mirkanaa'eFinfinnee, Waxabajjii 5, 2017 (FMC) – Balaa xiyyaa...
12/06/2025

Balaa xiyyaaraa Hinditti mudateen namni tokko lubbuun ooluu mirkanaa'e

Finfinnee, Waxabajjii 5, 2017 (FMC) – Balaa xiyyaaraa Hinditti mudateen lubbuun namoota 204 darbuu fi namni tokkoo lubbuun ooluu mirkanaa’eera jedha gabaasni BBC.

Xiyyaarri “Booyiing 787- 8” Hindii buufata xiyyaaraa Ahimadaabaad irraa imaltoota 242 fe’ee gara Inigilz Landanitti imalaa ture har’a kufuun isaa kan yaadatamuudha.

Imaltoota xiyyaarichaan imaalaa turan keessaa 169 lammiilee Hindii, 53 lammiilee Ingiliz, 7 lammiilee Poorchugaal, 1 lammii Kaanaadaafi lammiileen biyyoota biroos akka turan ibsameera.

Poolisii naannichaa eeree BBC’n akka gabaasetti, xiyyaara lafaa ka’ee sekoondii 30 booda kufe kana keessa imaltoonni turan 204 lubbuun darbuun kan mirkanaa'e yoo ta’u, lammiin Ingiliz tokko ammoo lubbuun hafuun beekameera.

Balaa kanaan Ministirri duraanii Bulchiinsa Gujiraat Viijaay Ruppaanii lubbuun kan darban yoo ta’u, barattootni mediikaalii naannoo sana turan 50’n miidhamuunis gabaafameera.

Sababni balaa kanaa hanga ammaatti akka adda hinba’inii fi jilli qorattoota balaa xiyyaara Ameerikaa fi Ingiliz Mumbaayitti akka imalanis eerameera.



Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FBC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Sirni awwaalchaa jifataa duraanii garee biyyaalessaa Itiyoophiyaa Mulugeetaa Kabbaddaa raawwateFinfinnee, Waxabajjii 5, ...
12/06/2025

Sirni awwaalchaa jifataa duraanii garee biyyaalessaa Itiyoophiyaa Mulugeetaa Kabbaddaa raawwate

Finfinnee, Waxabajjii 5, 2017 (FMC) – Sirni Awwaalchaa Jifataa duraanii garee biyyaalessaa Itiyoophiyaa fi Kilaba Qiddus Giyoorgiis Mulugeetaa Kabbadaa raawwateera.

Jifataa urjiin garee biyyaalessa Itiyoophiyaa Mulugeetaa Kabbadaan dhibee isa mudateen yaalamaa turuun guyyaa kaleessaa addunyaa kanarraa du’aan boqochuun ni yaadatama.

Mulgeetaa Kabbadaan garee Biyyaalessaa Itiyoophiyaa fi Kilaba Qiddus Giyoorgis keessa waggoota dheeraaf taphachaa kan ture yoo ta’u, taphataa ga’umsa dinqisiisaa agarsiisaa tureedha.

Sirni awwaalcha isaa har'a bakka maatiin, hiriyoonnii fi dinqisiifattoonni isaa argamanitti bakka Awwaalchaa Musliimaa Kolfeetti argamutti raawwatameera.



Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FBC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Beeksisa𝐊𝐨𝐦𝐢𝐬𝐡𝐢𝐧𝐢𝐢𝐧 𝐓𝐮𝐫𝐢𝐳𝐢𝐦𝐢𝐢 𝐎𝐫𝐨𝐦𝐢𝐲𝐚𝐚 𝐃𝐨𝐫𝐠𝐨𝐦𝐦𝐢𝐢 𝐤𝐚𝐥𝐚𝐪𝐚𝐚 '𝐕𝐢𝐬𝐢𝐭 𝐎𝐫𝐨𝐦𝐢𝐚 𝐓𝐨𝐮𝐫𝐢𝐬𝐦 𝐇𝐚𝐜𝐤𝐚𝐭𝐡𝐨𝐧 𝟐𝟎𝟐𝟓' 𝐣𝐞𝐝𝐡𝐮 𝐲𝐞𝐫𝐨𝐨 𝐀𝐟𝐫𝐚𝐟𝐟𝐚𝐚𝐭𝐢𝐢𝐟 ...
12/06/2025

Beeksisa

𝐊𝐨𝐦𝐢𝐬𝐡𝐢𝐧𝐢𝐢𝐧 𝐓𝐮𝐫𝐢𝐳𝐢𝐦𝐢𝐢 𝐎𝐫𝐨𝐦𝐢𝐲𝐚𝐚 𝐃𝐨𝐫𝐠𝐨𝐦𝐦𝐢𝐢 𝐤𝐚𝐥𝐚𝐪𝐚𝐚 '𝐕𝐢𝐬𝐢𝐭 𝐎𝐫𝐨𝐦𝐢𝐚 𝐓𝐨𝐮𝐫𝐢𝐬𝐦 𝐇𝐚𝐜𝐤𝐚𝐭𝐡𝐨𝐧 𝟐𝟎𝟐𝟓' 𝐣𝐞𝐝𝐡𝐮 𝐲𝐞𝐫𝐨𝐨 𝐀𝐟𝐫𝐚𝐟𝐟𝐚𝐚𝐭𝐢𝐢𝐟 𝐪𝐨𝐩𝐡𝐞𝐞𝐬𝐬𝐞𝐞 𝐣𝐢𝐫𝐚.

Koomiishiniin Tuuriizimii Oromiyaa bakkeewwan hawwata tuuriizimii Oromiyaa teeknooloojiitti fayyadamuun beeksisuu fi misoomsaa turuun isaa ni beekama. Kana yaada keessa galchuun shora kalaqni teeknooloojii seektara tuuriizimii keessatti qabu mul'isuuf, carraa hojii haaraa uumuuf fi dargaggoota fedhii fi dandeettii qabaniif dorgommii kalaqaa "Visit Oromia Tourism Hackathon" jedhamuun beekamu marsaa 3ffaaf qopheessee jira.

Yeroo ammaa kanattis marsaa 4ffaatiif qopheessee kan jiru yommuu ta'u dargaggootni fedhii fi dandeettii qaban qabsiistuu armaan gadii irratti cuqaasuun galmaa’uun akka irratti hirmaatan waamicha dhiyeessa.

Waxabajjii 15 - 17, 2017

🏆 Badhaasa
🥇 1ffaa – 100,000 ETB
🥈 2ffaa – 75,000 ETB
🥉 3ffaa – 25,000 ETB

Link ykn qabsiistuu armaan gadii irratti cuqaasuun galmaa’uu dandeessu.

Register now:
https://docs.google.com/forms/d/e/1FAIpQLSdQCmRgAR6c8vA9zqlTGtS0NO_fqJo7A3NHC0dV2PFmOIBvfQ/viewform?usp=sf_link


Address

Addis Ababa
30702

Telephone

251-115-51 67 77

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when FBC Afaan Oromoo posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Business

Send a message to FBC Afaan Oromoo:

Share