FMC Afaan Oromoo

FMC Afaan Oromoo This is the official Fana Media Corporation (FMC) page - where you can get all the latest news in Afaan Oromoo.

You can follow us on: https://t.me/afanoromofana Website: http://www.fanabc.com
Youtube: https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Telegram: https://t.me/fanoromofana
Twitter: https://twitter.com/fanatelevision
e-mail: [email protected]
SMS: 8222, 8111, 8333

Addis Ababa, Ethiopia

Dippilomaasii Itiyoophiyaa fi humnoota siyaas-dinagdee lamaanFinfinnee, Fulbaana 04, 2019(FMC) - Itiyoophiyaan biyya daa...
14/09/2026

Dippilomaasii Itiyoophiyaa fi humnoota siyaas-dinagdee lamaan

Finfinnee, Fulbaana 04, 2019(FMC) - Itiyoophiyaan biyya daandii guddinaa haaraa keessa jirtu ta'uu isheetiin deggersi fi tumsi faayidaa biyyaalessaa ishee kabajuu fi faayidaa waloo irratti hundaa'e baay'ee ishee barbaachisa.

Wal ha'iinsa aangoo siyaasaa fi dorgommii dinagdee biyyoota Lixaa fi biyoota Bahaa gidduutti mul'atu keessatti tokko deggerte kaan irraa jechuun waan hinbaasneef, buyyattiin dippiloomaasii tarkaanfataa bu'aa waloo irratti hundaa'e hordofuu filattee ittiin hojjechaa jirti.

kanaaf ammo biyyoota Lixaa dinagdeen guddatan waliin hariiroo dippilomaasii haraa hordofaa jirtuun hoggantoonni biyyoot kaneenii irra deddeebiin gara Itiyoophiyaatti deddeebi’uun dhimmaoota adda addaa irratti Itiyoophiyaa waliin mari’achuun kanaaf agarsiistuu tokkoo dha.

Gama biraattiin biyyoonni Bahaa fi hundeessitoonni BRICS Itiyoophiyaa waliin hariiroo dippilomaasii cimaa uumaa jiraachuu irraa kan ka’e akka miseensa garee kanaatti Itiyoophiyaa ofitti makuun isaaniis agarsiistuu isa kan biraati.

Itiyoophiyaan gama lamaaniinuu teessuma Lafaafi siyaas-qubsuma Gaanfa Afrikaa kessatti qabdurraa kan ka’e baay’ee barbaadamati.

Galaana Diimaa fi ulaa daldalaa faayidaa guddaa qabu Baabi’eel Mandabitti dhiyaattee argamuun ishees biyyoonni kunniin tasgabbii naannichaa to’achuufis ta’e Gaanfa Afrikaa keessatti dhiibbaa uumuuf Itiyoophiyaan akka furtuutti akka filatan hayyoonni damichaa ni ibsu.

Teessoo Gamtaa Afrikaa ta’uu isheenis dippilomaasii Afrikaa guutuu sochoosuuf biyyoota alaan akka riqichaatti barbaadamti.

Gama biraan dinagdee ishee guddachaa jiruu fi humna namaa bal'aa qabaachuunis biyyoota kanneeniifis akka carraa gabaa bal'aatti fayyaddi.

Biyyoonni kunneen Itiyoophiyaa akka filataniif sababa kan ta’e inni biraan ammoo qabeenya albuudota fi inarjii isheeti.

Humna ifa aduu, bishaanii fi albuudota garaagaraa irratti invest gochuuf fedhii qaban milkeessuufis Itiyoophiyaa akka humna kuufamaa tokkootti filatu.

Biyyoonni Afrikaa biroon filmaatawwan kanneen qaban jiraatanis, Kabaji fi seenaan Walabummaa ishee ammoo Itiyoophiyaan kaan caalaa akka gareewwan kanneeniin akka giddugala dippilomaasii cimaatti akka filatamtuuf gargaareera.

Biyyoonni alaa kunniin dantaa isaanii kabajchiifachuuf, daldala isaanii bal'ifachuuf fi Giddu gala Humna Ittisaa (military bases) naannoo sanaa to'achuuf jecha Itiyoophiyaa waliin hariiroo cimsachuu barbaadu.

Gama hundaanuu fedhii biyyoota kanneenii fi faayidaa biyyaalessaa ishee eegsisuuf Itiyoophiyaan dippilomaasii madaalawaa ta’e hordofuun dhimma murteessaa dha.

Gama faayidaa biyyaaleessaa kabachiisuutiin gareewwan lamaanuu Itiyoophiyaaf bu'aa murteessaa mataa isaanii ni qabaatu.

Itiyoophiyaan akkuma daldalaa fi carraa guddinaa haaraaf jecha BRICSitti makamte, gama deeggarsa maallaqaa fi liqaatiin ammoo Biyyoota Lixaatti fayyadamuun murteessaa dha.

Ulaagaalee naamusaa fi siyaasaa mataa isaa qabaatus, gama gargaarsaa fi liqaan biyyoonni Lixaa warreen miseensota BRICS calaa fayyaduu danda'u.

Maallaqa guddaa fi gargaarsa namoomaaf hariiroo cimaa byyoota lixaa waliin akka qabu senaan ni mul'isa.

Liqaawwan misoomaafi gargaarsawwan namoomaa irraa argamu biyyattiif faayidaa guddaa qabaata.

Gama misoomawwan bu'uuraalee maallaqaan deggeruun ammoo BRICS carraa haaraa fidee dhufeera.

New Development Bank (NDB) kaayyoo ulaagaa siyaasaa malee pirojektoota bu'uura misoomaaf liqaa dhiyeessaa jira.

Gama carraa gabaa meeshaalee adda addaafis BRICS carraa haaraa qabateera. Indiyaa fi Chaayinaan kanneen gama kanaan madda cimaa ta'anii dha.

Walumaagalatti, Itiyoophiyaan garee tokko filatanii isa kaan gatuun dhiibbaa inni qabu hubachuun dippiloomaasii tarsiimawaa diriirssuun faayidaa caalmaa argachuuf Madaallii (Balance) lamaanii eeggattee socho'aa jirti.

Kun ammoo dingdee biyyattii saffisaan guddachaa jiraachuun isaa dhaabbilee idil-addunyaa adda addaan mirkanaa’e daran itichuuf dhimma murteessaa dha.

Yoonaataan Biraanuutiin

Dorgommiiwwan xumura torbee kana sadarkaa idil addunyaatti gaggeeffamaniin Atileetoonni Itiyoophiyaa mirgaan galanFinfin...
14/09/2026

Dorgommiiwwan xumura torbee kana sadarkaa idil addunyaatti gaggeeffamaniin Atileetoonni Itiyoophiyaa mirgaan galan

Finfinnee, Fulbaana 4, 2019 (FMC) – Dorgommiiwwan Atileetiksii xumura torbee kana sadarkaa idil addunyaatti gaggeeffamaniin Atileetoonni Itiyoophiyaa injifannoon galaniiru.

Fiigichi Kiiloo Meetira 10 Taayilaanditti gaggeeffame Atileet Sawmahoon Anteenahiin olaantummaan xumureera.

Dubartootaan ammoo Atileet Wubirist Aschaalee fi Biqilee Ammasuun sadarkaa 2ffaa fi 3ffaa bahaniiru.

Fiigicha Maaraatoonii Chaayinaa Harabiiniitti gaggeeffameen Atileet Yaamii Daadhiin sa’aatii 2:12.41 xumuruun injifateera.

Morkii dubartoota gidduutti gaggeeffameen ammoo Atileet Burtukaan Yifiruun sa’aatii 2:30.19 xumuruun injifatte.

Dorgommii fiigicha Maaraatoonii Jarman Munsitaritti gaggeeffameen Atileet Hagaree Balaachuu olaantummaan golobde.

Maaraatoonii Kooloomboo Siriilaankaatti dorgomameen Atileet Ayinaaleem Kaasahuun sa’aatii 2:54:09 xumuruun injifatte.

Morkii Atileetoota dhiirootaa gidduutti godhameen Atileet Nagaasii Tuujiin Kormeen sadarkaa 3ffaan xumure.

Fiigicha walakkaa Maaraatoonii Taayilaandi Kiraabiitti dorgomameen ammoo Atileeti Tsaggaayee Kiroos 2ffaa fi Gammachuu Daadhii 3ffaa bahuun xumuruu ragaan Federeeshinii Atileetiksii Itiyoophiyaarraa argame ni mul’isa.

Fiigicha Kiiloo Meetira 10 Isloovaakiyaatti dorgomameen Atilee Malkeenahii Azeezeen 1ffaa fi Atileet Shimallis Niguseen ammo 2ffaan bahuun xumuraniiru.

Tattaaffiin oomisha biyya keessaa guddisuuf taasifame invastimantiiwwan haaraa hawwate- Ministeera Indaastirii Finfinnee...
14/09/2026

Tattaaffiin oomisha biyya keessaa guddisuuf taasifame invastimantiiwwan haaraa hawwate- Ministeera Indaastirii

Finfinnee, Fulbaana 4, 2019(FMC)- Tattaaffii oomisha biyya keessaa guddisuuf taasifameen invastimantiiwwan haaraan hawwatamaniiru jedhe Ministeerri Indaastirii.

Bakka bu’aa hojii raawwachiisaafi dursaan garee Hariiroo Uummataafi Kominikeeshinii Ministeerichaa Kaasaa Alaamirraw Faanaa Diijitaaliif akka ibsanitti, fooyyessiin diinagdee gooroofi xiyyeeffannoo mootummaan damichaaf kenne jijjiirama olaanaa galmeesseera.

Hojii damichaan hojjetameen bara baajataa 2018 sharafa alaa Doolaara biiliyoona 5.96 baraaruun akka danda’ames ibsaniiru.

Qoodni damichi oomisha waliigalaa biyya keessaa keesatti qabu bara 2010 %6.2 irra kan ture yoo ta’u, bara 2018 gara %6.82 guddachuu, giddugaleessaan guddinni indaastiriis %5.5 irraa gara %12.7’tti guddachuu eeraniiru.

Dandeettiin oomishuu indaastiriiwwan oomishaas %51 irraa gara %69.3’tti kan guddate yoo ta’u, galiin al-ergii bara 2010 Doolaara miiliyoona 308 ture bara baajataa 2018’tti gara Doolaara miiliyoona 607.2’tti guddachuu ibsaniiru.

Tattaaffii oomisha biyya keessaa guddisuuf taasifameen lakkoofsi dhaabbilee invastimantii haaraa irratti bobba’an 112 irraa gara 165’tti guddachuu dubbataniiru.

Baay’inni indaastiriiwwan xixiqqaa fi giddugaleessaa kuma 2 fi 760 irraa gara kuma 4 fi 233’tti kan guddate yoo ta’u, kunis carraa hojii damichaan uumamu kuma 45 fi 550 irraa gara kuma 400 fi kuma 48 fi 717’tti akka guddatu taasiseera jedhan.

Milkaa’ina argameef xiyyeeffannoon damichaaf kenname, kutannoon hoggansaa, fooyyessiin diinagdee gooroo, tarsiimoowwan haaraan fi hammattoowwan seeraa gahee olaanaa bahachuu ibsaniiru.

Soosinnaa Alamaayyoon.

Hidhichi dhiyeessii humnaa dachaan guddisuurra darbee, walitti hidhamiinsa naannawa cimsaa jiraFinfinnee, Fulbaana 4, 20...
14/09/2026

Hidhichi dhiyeessii humnaa dachaan guddisuurra darbee, walitti hidhamiinsa naannawa cimsaa jira

Finfinnee, Fulbaana 4, 2019 (FMC) – Hidhi Guddichi Haaromsaa Itiyoophiyaa dhiyeessii humnaa dachaan guddisuurra darbee, walitti hidhamiinsa dinagdee fi humnaa naannawaa cimsaa jira jedhan Hojii Raawwachiisaa Olaanaan Humna Elektirikii Itiyoophiyaa Injinar Ashabbir Baalchaan.

Hidhi Haaromsaa cichoominni, tokkummaa fi murannoon Itiyoophiyaanoota qabatamaan kan irratti mul’ate injifannoo Adwaa 2ffaa ta’uu ibsan.

Piroojektii guddaa Itiyoophiyaan dandeettii fi humna isheen milkaa’ina guddaa galmeessuu akka dandeessu addunyaaf mirkaneesse, akkasumas boqonnaa seenaa haaraa ta’uu dubbatan.

Eebbifame guutummaatti erga hojii eegalee jalqabee dhiyeessii humnaa dachaan guddisuurra darbee sharafa alaa Itiyoophiyaan damichaan argattu dabaluu kaasuu ENA’n gabaaseera.

Qamadii Naannoo Giddugaleessa Itiyoophiyaa Godinaalee Silxee, Halaabaa, Yeemii fi Baha Guraageeetti misoomaa jiru suuraa...
14/09/2026

Qamadii Naannoo Giddugaleessa Itiyoophiyaa Godinaalee Silxee, Halaabaa, Yeemii fi Baha Guraageeetti misoomaa jiru suuraan

Qabxiin seensa Yuunivarsiitii foyyeeffannaa dandeettii (Remedial) ifoomeFinfinnee, Fulbaana 4, 2019 (FMC)- Ministeerri B...
14/09/2026

Qabxiin seensa Yuunivarsiitii foyyeeffannaa dandeettii (Remedial) ifoome

Finfinnee, Fulbaana 4, 2019 (FMC)- Ministeerri Barnootaa qabxii seensa Yuunivarsiitii foyyeeffannaa dandeettii (Remedial) kan bara 2019 ifoomseera.

Ministeerichi qabxii barattootaa, dandeettii simannaa Yuunivarsiitiiwwanii fi qajeelfama haqa qabeessummaa barnoota biyyaalessaa bu’uura godhachuun murteessuu ibseera.

Injifannoo BRICS Itiyoophiyaaf fide maali?👉BRICS tattaaffii Itiyoophiyaan miseensa Dhaabbata Daldalaa Addunyaa ta’uuf ta...
14/09/2026

Injifannoo BRICS Itiyoophiyaaf fide maali?

👉BRICS tattaaffii Itiyoophiyaan miseensa Dhaabbata Daldalaa Addunyaa ta’uuf taasistu ni deeggara

“ Tattaaffii Itiyoophiyaafi Iraan miseensa dhaabbata Daldalaa Addunyaa ta’uuf taasisan ni deeggarra”.

👉 BRICS Itiyoophiyaan Mana Maree Dhaabbata Siiviil Aviyeeshinii Idil-addunyaa(ICAO)tti Afrikaarraa kaadhimamtuu ta’uu ishee ni fudhata

“ Filannoo Yaa’ii ariifachiisaa waliigalaa Dhaabbata Siiviil Aviyeeshinii Idil-addunyaa 43ffaa yeroo itti aanu gaggeeffamu irratti deeggarsa guutuu Gamtaa Afrikaan Afrikaarraa kaadhimamtuu kan taate Itiyoophiyaan fi Indooneezhiyaan mana marichaatti teessoo dabalataa argachuuf gaaffii kaadhimamtummaa dhiyeessan gammachuun fudhanna”.

👉Itiyoophiyaan Pireezidaantii COP 32 akka taatuuf ejjennoo guutuun deeggara

“ Milkaa’ina COP 30 Biraazil kan dinqisiifannu yoo ta’u, bu’uura waliigaltee hammattoo jijjiirama qabeenya qilleensaa Mootummoota Gamtoomaniin Pireezidaantummaa COP 32 Itiyoophiyaaf deeggarsa qabnu ibsina”.

‎Guutuu ibsa ejjennoo isaa asii dubbisaa ፦ brics2026.gov.in/brics-document/
‎
‎

Miseensummaa BRICS Olka’iinsa ItiyoophiyaafFinfinnee, Fulbaana  4, 2019 (FMC) – Itiyoophiyaan faayidaa garaagaraa miseen...
14/09/2026

Miseensummaa BRICS Olka’iinsa Itiyoophiyaaf

Finfinnee, Fulbaana 4, 2019 (FMC) – Itiyoophiyaan faayidaa garaagaraa miseensummaa BRICS irraa argattu cimsattee itti fufuuf, tumsa BRICS keessatti hirmaannaa olaanaa taasisaa jirti.

BRICS biyyoota dinagdeen isaanii guddaa ta’an hedduu of keessatti qabata. kun oomishaalee Itiyoophiyaa, keessumaa Bunaa, qonnaa, albuudaafi oomisha indaastirii, gabaa addunyaa bal’aatti gurguruuf carraa dabalataa uuma.

Hariiroo invastimantii cimsuun, keessattuu albuuda, humna ibsaa, qonna, indaastirii fi teknooloojii irratti invastimantii haaraa argachuuf carraa guddaa qaba.

Itiyoophiyaan pirojektoota bu’uuraalee misoomaa daandii, humna ibsaa, bishaan, geejjibaa fi indaastiriif carraa maallaqaa argachuu dandeessi.

Gabaa tasgabbaa’aa fi daldala biyyoota BRICS waliin jiru babal’isuuf carraa uuma.

Tumsi gama saayinsii, teknooloojii, qonna, fayyaa, barnoota, anniisaa fi jijjiirama qilleensaan BRICS keessa jiru Itiyoophiyaan beekumsaafi teeknooloojii haaraa akka argattuuf carraa bana.

Sagalee Itiyoophiyaa addunyaa irratti cimsas.

Itiyoophiyaan Chaayinaa, Hindii, Raashiyaa, Biraaziil, Ijipti, Imiroota Araba Gamtoomanii, Indooneezyiyaa fi biyyoota biroo waliin hariiroo ishee caalaatti akka cimsattuu dandeessi. kunis dippilomaasii fi tumsa biyyoota Kibba Kibbaa jabeessa.

Dinagdee gara garaa irratti hirkachuurra daldalaa fi maallaqa maddoota adda addaa irraa argachuuf carraa dabalataa qaba. kun yeroo rakkoo dinagdee addunyaa keessatti balaa hir’isuuf gargaaruu danda’a.

Walgahiin BRICS Itoophiyaan dhimma ishee ofii ishee afaan isheetiin hawaasa idil-addunyaatti akka dubbattuuf carraa kennuu qofa osoo hin taane, carraawwan hedduu kan isheef fida.

BRICS sirna faayinaansii addunyaa olaantummaa garee tokko irratti hundaa’e jijjiiruuf hojjechaa jira. Kanaafis, biyyoonni guddachaa jiran sagaleefi dhiibbaa walqixa akka qabaatan gochuuf Baankii Misooma Haaraa (New Development Bank) hundeessee hojii irra oolchaa jira.

Itiyoophiyaa – Falmituu Cimtuu AfrikaaFinfinnee, Fulbaana 3, 2019 (FMC) — Itiyoophiyaan seenaa dipilomaasii ishee keessa...
14/09/2026

Itiyoophiyaa – Falmituu Cimtuu Afrikaa

Finfinnee, Fulbaana 3, 2019 (FMC) — Itiyoophiyaan seenaa dipilomaasii ishee keessatti sagalee waloo Afrikaa dhageessisuu fi faayidaa ardichaa kabachiisuuf falmuu irraa boodatti jettee hinbeektu.

Wayita Afrikaanonni kolonummaa jalaa bilisa ba’uuf qabsoo geggeessantti Itiyoophiyaan qabsoo sana keessatti hiriyaa dhugaa turte.

Biyyoonni Afrikaa tokkummaa isaanii cimsatanii sagalee isaanii akka dhageessisan, Dhaabbata Tokkummaa Afrikaa jalatti walitti qabuudhaan seenaa ifaa galmeessiteetti.

Mootummaan Ida’amuu, karaa dipilomaasii biyyoota hedduu hirmaachisuun gahee seenaa kana caalaatti mul’isuun, har’as Itiyoophiyaan mirgaa fi faayidaa Afrikaa fi Afrikaanotaa irratti waltajjiiwwan addunyaa isheen argamtu hunda irratti sagalee Afrikaa taatee itti fufuu ibsameera.

Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad, Hindii Niwuu Deelhii keessatti waltajjii 18ffaa BRICS irratti haasaa taasisaniin, bakka bu’ummaa haqa qabeessaa fi fayyadamummaa Afrikaa irratti cimsanii falmaniiru.

Ministirri Muummee haasaa isaanii keessatti, Afrikaaf Mana Maree Nageenyaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii keessatti bakka bu’ummaa dhaabbataa jiraachuu irraa kaasee, sirna faayinaansii idil-addunyaa Afrikaa irratti xiyyeeffatu diriirsuutti, dhimmoota ijoo fi jajjaboo kaasaniin Itiyoophiyaan gahee seenaa ishee cimsattee itti fufuu mirkaneessaniiru.

Isaanis, haaromsa Mana Maree Nageenyaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii keessatti Afrikaaf bakka bu’ummaa dhaabbataa akka jiraatu ilaalchisee, ejjennoo waliinii Gamtaa Afrikaatiin qabame akka qooddatan ibsanii; BRICS gaaffii Afrikaa bakka bu’ummaa haqa qabeessaa argachuuf qabdu akka deeggaru cimsanii gaafatan.

Afrikaan misooma anniisaa, qonna, industirii fi daldala naannawaa keessatti carraawwan murteessoo akka qabdu eeruun, ardichi bu’uuraalee misoomaa bal’aa akka barbaadu waltajjicharratti fedhii Afrikaa dhageessisaniiru.

Baankii Misoomaa Haaraa BRICS Afrikaa keessatti hirmaannaa bal’aa taasisuu akka qabu kan ibsan Ministirri Muummee Dooktar Abiy, kaka’umsi kun misooma Afrikaa deeggaru akka dhugoomuuf Finfinneen, magaalaa guddittii ardichaa taatee, baankiichaaf giddugala mijataa ta’uu akka dandeessu mirkaneessaniiru.

Kaleessaa irraa eegalee hanga har’aatti waltajjii addunyaa irratti sagalee Afrikaa ta’uun kan ishee ibsu Itiyoophiyaan, karaa qajeelfama dipilomaasii Mootummaa Ida’amuutiin naannawaa walitti hidhuuf tattaaffii taasisaa jirti.

Pirezidaantiin Raashiyaa Vladimir Putin fi Ministirri Muummee Hindii Narendra Modi, waltajjii BRICS kana irratti, hariiroo isaanii Afrikaa waliin qaban cimsuuf Itiyoophiyaan hiriyaa ijoo ta’uu ishee ragaa bahuun, gahee ardawaa Itiyoophiyaan qabduuf beekamtii kennuu isaanii agarsiiseera.

Hayilemaariyaam Taganyiin

Atileet Liqnaa Ambaawu dorgommii shaampiyoonaa Altiimeet, fiigicha meetira kuma 5 injifatteFinfinnee, Fulbaana 3, 2019(F...
13/09/2026

Atileet Liqnaa Ambaawu dorgommii shaampiyoonaa Altiimeet, fiigicha meetira kuma 5 injifatte

Finfinnee, Fulbaana 3, 2019(FMC)- Atileet Liqnaa Ambaawu dorgommii shaampiyoonaa Altiimeet, fiigicha meetira kuma 5 dubartootaa injifatteetti.

Atileet Liqnaan dorgommicha daqiiqaa 14 fi sekondii 30 fi maayikiroo Sekondii 36’tti xumuruun injifatte.

Atileet Faantaayee Balaayinee 3ffaa bahuun meedaaliyaa Nahaasa injifatteetti.

Dorgommichaan Atileet Fireewayinii Hayiluu 4ffaa, Allashiinyi Baawwaqee 5ffaa akkasumas Atileet Sannaayit Geetaachoo 7ffaa bahaniiru.

Atileetiin Awustaraaliyaa Jeesiikaa Hiil dorgommichaan 2ffaa baateetti.

Address

Addis Ababa
30702

Telephone

251-115-51 67 77

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when FMC Afaan Oromoo posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Shortcuts

Share