06/01/2026
Karrayyuun, ummata Oromoo Sirnaa Gadaan bulu, kan roorroo jaarraa hedduuf itti marmasrtef hin jilbiinfanne, kutaalee Oromiyaa keessaa naannawa babalinni magaalaa akka maleetti gaaddidduu irratti uume jalatti aadaa, afaan, Gadaa fi eenyummaasaa tikfatee har'aan gahe. Keessattuu ajjeechaa jumlaa tuuta Gadaa Michilleerratti raawwatame, (ani yakka ganiinsa biyyaafi fonqolcha mootummaa Gadaa Karrayyuurratti raawwatamen jedha gochicha) saniin booda sirna kana gaggeeffataa jira. Kuni dandamannaa jabaa dha. Gadaan Karrayyuu, Gadaa Oromoo cinna tokko malee balaa gabrummaa dandamatanii har'a gahan muraasa keessa isa tokko.
Gama biraa kanumaan walqabatuun, magaalonni akka Finfinnee, ''Shaggar'' (Galaan, Duukam), Bishooftuu, Mojoo Adaamaa fi kkf lafa qonnaan bulaa Oromoo xaafii oomishuudhaan Oromiyaarraa sadarkaa 1ffaa itti qabu, Godina Shaggar Bahaa (Shawaa Bahaa) lafa oomisha qonnaa guddaa, dhuunfatanii tuulaa dhagaafi bilookkeetiitti jijjiiruuf, karoorri haaraan (maaster pilaanii Oromiyaa bakka lamatti kutuu) gama Ob Shimallis fa'aan qophaa'ee jira.
Kana malees, Giddugaleessa Oromiyaa keessaa bakka hambaaleen aadaa, duudhaafi dhugeeffannaa dhiibbaa fi cunqursaa hamaa keessatti tikfamanii har'a gahan, Godinni Shaggar Bahaa (Shawaa Bahaa) kan Aanaan Fantaallee qubsumni Karrayyuu keessatti argamu, wiirtuun Sirna Gadaa kun qubsuma Oromoo tahuunsaa dhawaataan dhoramee aadaa alagaatiin akka liqimfamuuf karoorri Ob. Shimallis faa baasan kun badii guddaa dhaqqabsiisuunsaa hin oolu. Godinicha humna biyyattiitin olitti magaalomsuun, keessattuu imaammata magaalummaa tan Itoophiyaan ittiin beekamtu (tan Finfinneen 100% Oromoo turte har'a Addis Ababaa taatee Oromoon saba bicuu 20%) saniin qajeelfamuun misoomni magaalaa taasifamu, gabaabumatti walharkaa fuudhinsa lafaa Oromoorraa gara ormaatti taasifamu jechuu dha. Oromoo, Oromummaa fi Oromiyaa waan dhibiitiin bakka buusuu jechuu dha.
Kanaafuu, aadaa, duudhaa, Gadaafi eenyummaa Oromoo akkasumas biyya Oromoo tiksuun dirqama tahuu, biyyi waloo Oromoofi Oromiyaa diiguudhaan ijaaramtu jiraachuu akka hin dandeenye hubachuun barbaachisaa dha.
Warri Jilaa Oofkalaa, Milkaa'aa!
-
Na Oofkalcha!
πππ¬ππ πππ¦π¦ππππ
___