Risaa Media

Risaa Media Risaa Multimedia is committed to meet the need for quality documentaries, TV&Radio Advert, Event Organizing and Communication Consulting.
(1)

Baga bara haaraa 2017’n Nagaan Isin gahe!Wishing you a peaceful, joyful and prosperous 2017 New Year!እንኳን ለ2017 አዲስ ዓመት ...
11/09/2024

Baga bara haaraa 2017’n Nagaan Isin gahe!
Wishing you a peaceful, joyful and prosperous 2017 New Year!
እንኳን ለ2017 አዲስ ዓመት በሰላም አደረሳችሁ!
መልካም በዓል!
Risaa Media✊🏽🙌🏼

Gammadaa Show Waggaa 2ffaa   2 Har’a Eegala 🙌🏼Waggaa 1ffaa torbaan darbe kabajneerraWaggaa kana keessatti Torbaan 50Kees...
18/08/2024

Gammadaa Show Waggaa 2ffaa 2 Har’a Eegala 🙌🏼
Waggaa 1ffaa torbaan darbe kabajneerra
Waggaa kana keessatti
Torbaan 50
Keessummoota 88
YouTube Subscribers 122
View YouTube Miliyoona 3.5
Watch Hour YouTube 500K fi isaa ol
Akkasumaas daawwatoota TV Miliyoona 10 ol bira geenyeerra galata Waaqayyoo🙏

Yoom as geenye salphaattii akkuma jedhan bu’aa bahii fi dadhabbii hedduu keessa darbineerra

Waggaa 2ffaa eegaluu keenya sababaa godhachuun ammoo keessummoonni waggaa 1ffaa keenya irra turtan fi hiriyootni kiyya kana deebistanii maxxansuun ammallee nu gargaaraa jenna💪🏽
Maxxansa kanas yoo gootan ni jaallanna

YouTube keenya hanga amma warri hin goone ammuma seenaa subscribe tolchaa link comment jala jira
Har’a galgala Keessummaa keenya waggaa 2ffaa jalqabaa Atileet waliin nu eegaa🤜🏼
Design Rich Man Simo

Waggaa 71 sibiila keessa jiraatee boqote😭🥲Namichi argitan kun   jedhama waggaa bara 1952 Ameerikaati dhalate. Umurii isa...
13/03/2024

Waggaa 71 sibiila keessa jiraatee boqote😭🥲
Namichi argitan kun jedhama waggaa bara 1952 Ameerikaati dhalate. Umurii isaa 6tti guyyaa tokko hiriyoota isaa waliin taphatee yeroo galu ho’a qaamaa cimaa fi mataa dhukkubbiin itti dhagahame.
Maatiin isaa ariitiin hospitaala geessan doktooronni somba isaa waan haguugee jiru yaali baqaqsanii yaaluun irraa qulqulleessuu danda’aniiru, haatahu malee yeroo of baru meeshaa sibiila guddaa ( ) jedhamu keessatti of arge. Ergasii maqaan isaa “The Man in The Iron lungs 🫁 “ jedhamuun beekama.

Erga sanaa ofiin of danda’ee deemus tahe qaamni isaa gara gadii sababii dhukkuba jedhamuun fayyuu hin dandeenye waggoota 71f meeshaa kana (Iron Lung) jedhamu kana keessa ciisee jiraate, kan inni lubbuun jiru sababa maashinii inni keessa jiru kanaafidha. Daqiiqaa tokkoof Achi keessaa baanaan harganuu waan hin dandeenyeef lubbuun turuu hin danda'u. Waggaa 71 guutuu gargaarsa maatii fi namoota birootin jiraate.
Namni kun qaama isaa keessaa morma qofaatu socho’a qaamni hafe hunduu laamsha’ee(Paralaayizdii) ta'eera. .🥲🥲

achuma ciisee digirii jalqabaa waraqaa qorannoo bareedaa hojjechuun eebbifameera, fakkii kaasuu jaallatta, yeroo isaa hedduu ammoo kitaaboota dubbisuun dabarse.
Kana malees Paawul akkataa jireenya isaa maashinii Iron Lung jedhamu kana keessa jiraatu gama hordoftoota isaaf dhiheessaa ture, yeroo dhufe waggaa 4 har’aa qabamee ture garuu yeroos fayyuu danda’eera, maal godhuree guyyaan Waaqaayyoo hin ooltu amma du’aan boqoteera.

Argitee yeroo tokko tokko fayyaan fi nagaa guutuu qabnuuf hedduu hin galateefannu, waan addunyaa kanarraa dhabne qofaa irratti xiyyeefanna, Waaqayyoon irrattis gungumaa oolla, Waaqayyo garuu nu hundumaaf kaayyoo jabaa qaba.
Haala cimaa kam keessatti iyyuu Waaqayyoon galateefachuu beekaa.
Waaqayyo rakkoo fi gidiraakee hundumaa siif haa salphisu.
Waan dubbistaniif galatoomaa
Gammadaadha
Risaa Media irraa🙌🏼
Marsariitii adda addaa irraa kan arganne🙌🏼

25/07/2023

Waan haaraan dhufaa jirra
Dheebuu miidiyaa Oromoof waggaa hedduuf dheebochaa tureen hojii bareeda daawwatoota keenya madaalu qabannee dhufneerra daawwadhaa.
Etv Afaan Oromoo irratti dilbata galgala yeroo hundumaa sa’aatii 3:15 irraa eegalee waliin turra nu eegaa
Risaa Media hunduu ulfaadhaa waan kun akka dhugoomu taasiftan🙏🦅
Dhaabbileen Oomishaa fi tajaajila keessan sagantaa keenya irratti beeksifachuu barbaaddan dafaa nu qunnamaa warra dursan tahaa
Lakk Bil: +251 996839898 Haloo jedhaa
Hojii beeksisaa TV siniif hojjennee miidiyaa hawaasaa irratti isin dhaadhessinee hojii keessan tolchina👏

Address


Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Risaa Media posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Business

Send a message to Risaa Media:

Shortcuts

  • Address
  • Telephone
  • Alerts
  • Contact The Business
  • Claim ownership or report listing
  • Want your business to be the top-listed Media Company?

Share