05/04/2023
QABXIILEE IJOO 25 HAADHOLII ULFAATIIF:
*********************************************
I. Haati ulfaa takka guyyaa jalqabaa xuriin laguu isii kan dhumaa (ulfaayuun dura jiru) dhufe san galmeeffate qabachuu qabdi. Inni kun hordoffii yeroo ulfaa isiif godhamu irratti faayidaa garagaraa heddu qaba waan ta'eef.
---
II. Haati ulfaa tamuu Hordoffii Ulfaa qabaachuu qabdi. Haati ulfaa rakkoo fayyaa biraa hin qabne takka Hordoffii Ulfaa dhaabbilee fayyaatti si'a (marsaa) saddeetiin isiif godhama; kan jalqabaa ji'a sadi dura yeroo tokko, kan lammataa ji'a shanaaffaa irratti, kan sadaffaa ji'a jahaaf wolakkaa irratti, kan arfaffaa fi shanaffaa ammoo turtii ji'a tokko tokkootiin ji'a torbaaf wolakkaa fi ji'a saddeetiif wolakkaa irratti, Hordoffiin Ulfaa jahaffaa, torbaffaafi saddeetaffaan ammoo ji'a saddeetiif wolakkaa booda torbaan lama lamaan hanga deettutti kan godhamu ta'a jechuudha. Hordoffii kanniin irratti qorannoon, talaalliinii fi qorichii haadha takkaaf kennamu waan jiruuf yeroo isaa egaanii hordofuun daran barbaachisaadha.
---
III. Haati ulfaa takka araada garagaraa irraa fagaachuu qabdi. Dhugaatilee Alkoolii fi sigaaraa, shiishaa, wontoota aarsaman kan biroos gonkumaa fayyadamuu hin qabdu. Nama isii cinaatti aarsu irraas fagaachuu qabdi. Caatiis/jimaas qama'uu hin qabdu. Bunas yoo baay'ate guyyatti sinii bunaa sadi caalaa dhuguu hin qabdu.
---
IV. Haati ulfaa takka nyaata gahaaf madaalamaa gartuulee nyaataa garagaraa irraa (fuduraaf kuduraa, midhaan, foon, aananiifi bu'aalee aananii, killee, qurxummii fi kkf) otoo argachuu dandeettee fayyaa isiifii daa'ima gadaamessa keessa jiruuf hedduu gaariidha. Kan dura guyyatti nyaattuu irraa yeroo tokko itti dabaluun nyaachuu qabdis. Fkn guyyatti yeroo sadi kan nyaattu yoo ta'e guyyatti si'a afur nyaachuu qabdi jechu.
---
V. Haati ulfaa takka sochii qaamaa gochuu qabdi. Fkn guyyatti daqiiqaa soddomaaf deemsa lafoo (miilaa) gochuu ni dandeessi. Garuu Ispoortii dadhabsiisoofi ulfaataa ta'an hojjachuu hin qabdu. Yeroo ispoortii hojjattus garaan ol deebitee ciisuudhan hojjachuu hin qabdu.
---
VI. Haati ulfaa takka qulqullinna dhuunfaafi naannoo isii eeguu qabdi. Harka isii saamunaan dhiqachu. Qaama ishii yero yeroodhan bishaan qulqulluun dhiqachuu. Qulqullinna ilkaaniifi keessa afaanii rigachuudhaan, jidduu ilkaniis qulqulleessuudhaan eeggachuu qabdi. Bishaan qulqullu fayyadamu qabdi. Qulqullinna naannoo jireenya isiis eegamuu qaba. Qulqullinna haala kanaan eeguun carraa Infeekshinota garagaraatin qabamuu daran hirdhisa.
---
VII. Yeroo ulfaa wol-qunnamtii saalaa gochuun miidhaan hammaataan inni ulfa irratti fidu hin jiru. Kanaaf haati ulfaa takka yeroo ulfaan jirtu kamiin irrattuu qunnamtii saalaa gochuu ni dandeetti. Haa ta'u malee yoo dhiigni ykn dhangala'aan gadaamessaa bahu/jiguu fi ciniinsuu irra jiraatte qunnamtii gochuu hin qabdu.
---
VIII. Haati ulfaa takkaa yoo xiqqaate yeroo tokko (ji'a jaha ga'uun dura) Altiraasaawundii ilaalamuu qabdi. Altiraasaawundii ilaalamuun kunis ulfi isii tokko ykn lakkuu ta'uu, haalli uumamaa sirri hin taane jiraachuufi jiraachuu dhabuu, haala umama hobbaatii, fi guyyaa(umrii) ulfa sanii beekuuf fayyada.
---
IX. Yeroo ulfaa ajaja ogeessa fayyaatiin qofa qorichoonni fudhatamuu qabu. Yeroo mana yaalaa deemtanii tajaajila argattan, yoo ulfa qabaachuu keessan beektan ogeessa isin woldhaanu saniif dursitanii himuu hin dagatinaa. Qorichi yoo isiniif ajajames kan ulfa miidhuuf kan hin miine ta'uu isaa ogeessa isiniif ajaje san irraa, akkasumallee ogeessa (Faarmaasii) qorichicha isiniif kenne ykn gurgure irraallee irra-deebi'aa mirkaneeffadha.
---
---
X. Haati ulfaa takka mallatoolee armaan gadii kana yoo mudateen ykn ofi irratti agarte hatattamaan gara dhaabbilee fayyaa deemuu qabdi: Dhiigni qaama saalaatiin ykn gadaamessaa as bahu/jigu yoo jiraate, dhangala'aan akka bishaanii yoo qaama saalaatii heddumaatee jigaa ykn uffata jalaa jiisaa jiraate, qaamni ishee (harka, lukaa fi fuulli) yoo iita'aa dhufe, bowwoo hamaan, ijji itti dimimmisuun, naannoo cinaacha mirgaa/lapheetti dhukkubbiin hamaan yoo jiraate, of wollaaluun, qaamni ishee hargufamuun (ijji adiin olgaragaluun hoomachi afaanii jiguun), hafuurri hanqachuun/ garmalee hargansiisuun, daa'imni gadaamessa keessa jiru kan sosochi jalqabe yoo sosochiin sun xiqqaate ykn dhabame, dhangala'aan foolii qabu kan qaama saalaatii as bahu fi hoo'i qaamaa yoo jiraate. Mallattooleen kun kan dhukkuboota haadhaa ykn daa'ima ulfaayee jiru tasa ykn yeroo gabaabaa keessatti miidhuu danda'an waan ta'aniif hatattamaan/yeroo otoo itti hin kennin gara dhaabbilee fayyaa deemuun barbaachisaadha.
---
---
Qabxiilee hafan kutaa itti aanuun isiniif dhiheessa.
---
Fayyaa ta'aa, Fayyaa dahaa!
Horaa, bulaa, deebanaa!
---
©Dr. Nuredin Luke