19/10/2025
Waggaa 23 booda..!!
Qabsa'aa Falasxiin bilisa ba’e Akram Abu Bakar, qaama waliigaltee jijjiirraa hidhamtoota dhiheenya kanaa ta’uun kan gadhiifame yoo ta'u, haadha warraa isaa kan waggaa 23 dura Nikaah hidhate hidhaa umurii guutuu itti murtaa’uu isaa hordofuun sababa isaa akka isheen bultii hin dhabne Nikaah isaa irraa hiikus isheen garuu heerumuu diduun obsaan isa eeggachaa turte.
Yeroo sanatti dhukkubbiin kan isa mudate taʼus, haati manaasaa kun waggoota inni hidhaarra ture hunda obsaa fi abdii guddaan isa eeggachaa turte.
Dheengadda yeroo inni gadhiifamu garuu jalqaba irratti kan isa simatte ishee yoo ta'u, waggoota kurnan lamaa oliif erga addaan ba'anii booda seenaa jaalala isaanii gaa'ela haaraatiin haaromsanii jiru.
Masha Allah!