TV Kutaa magaalaa Buraayyuu

TV Kutaa magaalaa Buraayyuu Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from TV Kutaa magaalaa Buraayyuu, TV Channel, Sheger, Addis Ababa.

Jala Bultii Eebba Hidhaa Haaromsaa Guddichaatti Agarsiisa Diroonii Samii Gubaa Irratti !!!
08/09/2025

Jala Bultii Eebba Hidhaa Haaromsaa Guddichaatti Agarsiisa Diroonii Samii Gubaa Irratti !!!

  ๐‘๐ข๐ข๐Ÿ๐จ๐จ๐ซ๐ฆ๐ข๐ข ๐Š๐จ๐ซ๐ž๐ž ๐๐ข๐ง๐๐ž๐ž๐ฌ๐ฌ๐ข๐ญ๐ฎ๐ฎ ๐€๐š๐ง๐š๐š๐ฅ๐ž๐ž ๐Š๐ฎ๐ญ๐š๐š ๐Œ๐š๐ ๐š๐š๐ฅ๐š๐š ๐๐ฎ๐ซ๐š๐š๐ฒ๐ฒ๐ฎ๐ฎHagayya 9, 2017 Bulchinsaa Magaalaa Shaggar Kutaa Magaa...
15/08/2025


๐‘๐ข๐ข๐Ÿ๐จ๐จ๐ซ๐ฆ๐ข๐ข ๐Š๐จ๐ซ๐ž๐ž ๐๐ข๐ง๐๐ž๐ž๐ฌ๐ฌ๐ข๐ญ๐ฎ๐ฎ ๐€๐š๐ง๐š๐š๐ฅ๐ž๐ž ๐Š๐ฎ๐ญ๐š๐š ๐Œ๐š๐ ๐š๐š๐ฅ๐š๐š ๐๐ฎ๐ซ๐š๐š๐ฒ๐ฒ๐ฎ๐ฎ

Hagayya 9, 2017 Bulchinsaa Magaalaa Shaggar Kutaa Magaalaa Buraayyuutti muudamni sadarkaa Koree Qindeessituu Aanaalee 4'n Kutaa magaaalichaatti Barbaachisuummaa hojiirratti kan xiyyeeffate taasifame.

Haaluma kanaan:

Aanaa Ejersa Gooroo

1. Obbo Raffisaa Oljiraa ......Bulchaa
2. Obbo Kibaaboo Lammeessa ...... Itti Gaafatamaa Waajjira Paartii
3. Aadde Tarikee Tolchaa ....... I/A/Bulchaa
4. Obbo Tashoomaa Dabalaa....... Itti Gaafatamaa Siyaasaa Paartii
5.Aadde Shawayyee Daadhii .....I/G Damee ijaarsaa Paartii

Aanaa Kattaa
1.Obbo Dabalaa Hayilu....Bulchaa
2.obbo.Tasfaa Tasamma ....I/G Waajjira Paartii
3.Obbo Lammeessaa Dheeressaa...I/A Bulchaa
4.Obbo Fiqaduu Jankaa ...I/G Damee ijaarsaa Paartii
5.Obbo. Nagaash Ida'ee ...I/G Damee Siyaasaa

Aanaa Gafarsaa Buraayyuu

1.Obbo Mul'ata Taklee...Bulchaa
2.obbo.Katamaa Damee ....I/G Waajjira Paartii
3.Obbo .HabtaamuuMargaa...I/A Bulchaa
4.Obbo Bokii Baayisaa ...I/G Damee Siyaasaa Paartii
5.Aadde. Makkaa Jamaal ...I/G Damee ijaarsaa Paartii
6.Obbo .Kumaa Margaa ...I/G Waajjira Mana Qopheessaa

Aanaa Annee Dimaa

1.Obbo Tasfayee Ayyalaa ..Bulchaa
2.obbo.Nuuri Afqaadiri ....I/G Waajjira Paartii
3.Obbo.Gammachuu Taayyee...I/A Bulchaa
4.Obbo.Tasfayee Beekumaa ...I/G Damee Siyaasaa Paartii
5.Aadde .Warqinesh Yaadataa...I/G Damee ijaarsaa Paartii ta'uun muudamanii jiru.

Bara Hojii Gaarii!

Hojiin Tajaajila Lammummaa Namooma Cimsa!                  """''''''''"""'''"""""""Uummanni Oromoo Aadaaf duudhaa  Malla...
24/07/2025

Hojiin Tajaajila Lammummaa Namooma Cimsa!
"""''''''''"""'''"""""""
Uummanni Oromoo Aadaaf duudhaa Mallattoo eenyumaa kan mataa isaa irree Misoomaa cimsachuun Maallaqa, humna, beekumsaa fi dandeettii qaban walitti qindeessuun Misooma biyyaa utubaa hawaasa harka qalleeyyii kan ittiin deeggaran qaba.

Hawaasni Aadaa kana kununsuun jiruuf jireenya isaanii ittiin tikfachaa dhalootaa dhalootattii Ceesisaa har'aa gahe Kunis Aadaa Namooma Cimsuun lammiileen dinagdeedhaan akka of danda'anii galaa egeree dhalootaa bu'uura cimaa akka kaawwatan taasisa.

Mootummaan Naannoo Oromiyaa Guddinni Aadaa Jijjiirama guddina hawaas-dinagdee keessatti Shoora ol aanaa qabaachuu beeksisee, fayyadamummaa hawaasaa dhugoomsuuf humnoota waloo Gaachana Sirnaa, Mana Murtii Aadaa,Kenna Tajaajila Lammummaafi Buusaagonofaa hojiirra hoolchee hojjechaa jira.

Bu'uura kanaan Adeessa 17/2017 Bulchiinsa Magaalaa Shaggar Kutaa magaalaa Buraayyuutti yaa'iin mana Maree Kenna Tajaajila Lammummaa Marsaa 2ffaa gaggeeffameera.

Yaa'ii Kenna Tajaajila Lammummaa Marsaa 2ffaa kanaan Sagantaan cufiinsa tajaajila lammummaa bara 2017 fi jalqabsiifni hojii tajaajila lamuummaa bara 2018 gaggeeffameera.

Itti Gaafatamaa Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Magaalaa Shaggar Obbo Alamaayyoo Tulluu akka magaalichaatti pirojektoota 8,905 qarshii Biliyoona 40.7n hojjetaman harki caalu kan hirmaannaa uummataan hojjetame tahuu himan.

Bara kanas karoora qabame qulqullina, baay'inaa fi ariitiin hojjechuun qaamoleen hawaasaa marti gahee isaanii bahachuun milkeessuu akka qaban dhaamaniiru.

Bulchaan Kutaa Magaalaa Buraayyuu Obbo Baqqalaa Dachaasaa, kutaa magaalichatti bara kana pirojektoota misoomaa 730 hojjetaman keessaa 101 hirmaannaa uummataan kan hojjetame ta'uu himaniiru.

Qaamolee Milkaa'ina kanaaf qooda ol aanaa bahatan,abbootii qabeenyaa, sekteraalee mootummaa, dhaabbilee dhuunfaa akkasumas qaamolee hawaasaa garaa milkaa'ina hojii tajaajila lammummaa bara 2017 milkeessan galateeffamaniiru.
Hojiin kenna tajaajila lammummaa hojii hirmaannaa hawaasa bal'aa barbaadu waan ta'eef Karoora bara 2018 qophaa'e haawasa hirmaachisuun karoora qabame galmaan gahuuf qindoomina jiru cimsanii kan hojjetan ta'uu himan.

Saganticharratti gabaasni kenna tajaajila lammummaa bara 2017 fi Karoorri kenna tajaajila lammummaa bara 2018 dhiyaachuun irratti mari'atame.

Jalqabsiisa tajaajila lammummaa bara 2018 guyyaa har'aa kanaanis, dhaabbiin biqiltuu Appilii, arjooma dhiigaa, Sosochii Ispoortii maraa, jalqabsiisuun ijaarsi mana barumsaa bu'uura boruu fi mana harkaqalleeyyii eegalchiifameera.

Sagantaa kanarratti Itti gaafatamaan Paartii Badhaadhinaa damee Magaalaa Shaggar Obbo Alamaayyoo Tulluu dabalatee Keessummoonni Hooggansa ol aanoo Magaalaa Shaggar, Hooggantoonni Kutaa Magaalaa Buraayyuu Obbo Baqqalaa Dachaasaa akkasuma Hooggantoonni Kutaa Magaalaa, Aanaalee Kutaa magaalichaa hedduufi Kutaaleen hawaasa garaa garaa biroo hedduun argamaniiru

Galataa Guddaatu sif mala Goota keenyaa!!Hundeeffama Magaalaa Shaggaar Irraa Eegalaanii  Hogganaa Qajeelcha poolisii   K...
15/07/2025

Galataa Guddaatu sif mala Goota keenyaa!!
Hundeeffama Magaalaa Shaggaar Irraa Eegalaanii Hogganaa Qajeelcha poolisii Kutaa Magaalaa Buraayyuu Kan ta'anii Gargara komishiner sh*ttoo likkisaa yeroo Ammaa kana sababa jijjiiraa hojjif gara kutaa magaalaa Galaanitti waan jijjiramanif turtii kutaa magaalaa Buraayyuu turaan keessaatii hojjii Nageenyaa bu'aa bahii hedduu qabu keessaatii Nageenyaa kutaa magaalaa Buraayyuu akka mirkanaa'uuf halkanii fi Guyyaa Boqonnaa tokkoo malee Qamoolee Nageenyaa wajjiin hojjachaa turaani jiru.
komishiner sh*ttoo nama Namusaa Guddaa qabu fi Hadhaa Nama hundaa jedhamuun Beekamuu::
ummataa Buraayyuu irraa Galataa Qabdu.
Iddoo Deemtaanit Milkaa'aa

  Humnoota Waloo Fayyadamuun, Fayyadamummaa Ummata Keenyaa Qabatamaan Mirkaneessuudha!Humnoota walootti gargaaramuun hir...
10/07/2025



Humnoota Waloo Fayyadamuun, Fayyadamummaa Ummata Keenyaa Qabatamaan Mirkaneessuudha!
Humnoota walootti gargaaramuun hirmaannaa hundaatiin milkaa'ina hunda-galeessa galmeessuu fi duudhaa ganamaa ummata keenyaatti deebi'uurratti bu'aawwan qabatamaa mirkaneessaa jira.

โœ…๏ธMisooma Waloof ~Tajaajila Lammummaa
โœ…๏ธHaqa Waloof ~Mana Murtii Aadaa
โœ…๏ธRakkoo Hawaasummaaf ~ Buusaa Gonofaa
โœ…๏ธNageenya Waloof ~Gaachana Sirnaa cimsinee fayyadamuun itti fufa!

แ‰กแˆซแ‹ฉ แŠญแแˆˆ แŠจแ‰ฐแˆ› แ‰ แˆ˜แˆˆแ‹ซ แˆแ‰ต 7แˆˆ6 แˆแˆจแˆญ แŠจแ‰ฐแˆ›แŠ• แ‰ แˆ›แˆธแАแ แ‹ˆแ‹ฐ 2018 แ‹จแŠขแ‰ตแ‹ฎแŒตแ‹ซ แŠจแแ‰ฐแŠ› แˆŠแŒ แˆ›แ‹ฐแŒ‰แŠ• แŠ แˆจแŒ‹แŒแŒงแˆ
09/05/2025

แ‰กแˆซแ‹ฉ แŠญแแˆˆ แŠจแ‰ฐแˆ› แ‰ แˆ˜แˆˆแ‹ซ แˆแ‰ต 7แˆˆ6 แˆแˆจแˆญ แŠจแ‰ฐแˆ›แŠ• แ‰ แˆ›แˆธแАแ แ‹ˆแ‹ฐ 2018 แ‹จแŠขแ‰ตแ‹ฎแŒตแ‹ซ แŠจแแ‰ฐแŠ› แˆŠแŒ แˆ›แ‹ฐแŒ‰แŠ• แŠ แˆจแŒ‹แŒแŒงแˆ

Oduu Gammachisaa Burayu FC Kilabiin kubbaa miilaa dhiiraa Kutaa magaalaa Buraayyuu taphaa Xumuaraa walakka  isa Kilabii ...
09/05/2025

Oduu Gammachisaa Burayu FC

Kilabiin kubbaa miilaa dhiiraa Kutaa magaalaa Buraayyuu taphaa Xumuaraa walakka isa Kilabii Kubbaa Miilaa Dhiiraa Magaalaa Haarari waliin taphachuun Injifatee ligii olaanoo(Super league)Itoophiyaatti guddaachuu Isaa mirkaneeffateera .

Ummaannii Kutaa Magaalaa Buraayyuu fi Deggartoonni kilaabicha hundi baga gammaddani baga gammannee.

Bulchiinsa kutaa Magaala Buraayyuu

Misoomni Jallisii Bonee wabii nyaataa mirkaneessuun  lmala guddina dinagdee biyyaa milkeessa.Ebla 30/2017 Magaalaa Shagg...
08/05/2025

Misoomni Jallisii Bonee wabii nyaataa mirkaneessuun lmala guddina dinagdee biyyaa milkeessa.

Ebla 30/2017 Magaalaa Shaggar Kutaa Magaalaa Buraayyuutti Inisheetivootni misooma qamadii jallisii bonee, Mooseefi Raafuu misoomaa jiru wabii nyaataa mirkaneessuun yaadama guddina dinagdee biyyaa utubuu keessatti qooda ol aanaa qabaachuun heerameera.

Milkaa'inoonni keenya bu'aa yaadama sirrii Paartii keenyaa waan ta'eef seenaa hiyyummaa fi boodatti hafummaa biyya keenyaa jijjiruun Dinagdee damdaneessa ijaaruun badhaadhina hunda galeessa ta'e mirkaneessuuf xiiqin hojjetamaa jira.

Imala Badhaadhinaa biyyi keenya eegalte milkeessuf Inisheetiviin qamadii jallisii boneefi kuduraaf muduraaleen Kutaa Magaalichaatti hojjetamaa jiran abdii ce'umsaa diinagdee guddaa waan ta'eef hawaasni keenya aadaa hojii isaa jijjiiruun Bonaa fi Ganna hojjechuun jiruuf jireenya mataa isaa fooyyessuu bira darbee diinagdee biyyaa utubuu keessatti qooda isaa akka bahatuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jira.

Seenaa hiyyummaa fi boodatti hafummaa biyyi keenya qabdu jijjiiruun Badhaadhina hunda galeessa ta'e mirkaneessuuf dhaadannoo Itoophiyaan haa Oomishtu jedhuun duula hirkattummaa gargaarsaa irraa gara oomishtummaatti taasifamaa jiruun bu'aan qabtamaan mirkana'aa jira.

08/05/2025

แ‹›แˆฌ แŠจแˆฐแ‹“แ‰ต แ‰ แŠ‹แˆ‹ แŠจแŠณแ‰ณแˆญ แŠ•แŒ‰แˆต แŒแˆญแˆ›แ‹Š แˆผแŠฝ แ‰ณแˆšแˆ แŠ แˆ แ‰ณแŠ’ แ‹จแ‰ฐแˆ‹แŠจ แˆ˜แˆแ‹•แŠญแ‰ต แ‰ แˆ˜แ‹ซแ‹ แ‹จแˆ˜แŒกแ‰ตแŠ• แ‹จแŠณแ‰ณแˆญ แˆšแŠ’แˆตแ‰ตแˆญ แ‹ถแŠญแ‰ฐแˆญ แˆžแˆƒแˆ˜แ‹ต แ‰ขแŠ• แŠ แ‰ฅแ‹ฑแˆแŠ แ‹šแ‹ แŠ แˆ แŠซแˆŠแŠแŠ• แ‰ฐแ‰€แ‰ฅแ‹ซแˆˆแˆแข

In the afternoon today, I had the pleasure of welcoming Dr. Mohammed bin Abdulaziz Al-Khulaifi, Minister of State of the State of Qatar, who delivered a message from His Highness Sheikh Tamim bin Hamad Al Thani, Amir of the State of Qatar.

Tokkummaan Humna jabaadha
08/05/2025

Tokkummaan Humna jabaadha

Address

Sheger
Addis Ababa

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when TV Kutaa magaalaa Buraayyuu posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share

Category