Gurracha Guduruu

Gurracha Guduruu Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from Gurracha Guduruu, Digital creator, Addis Ababa.

Oduu: Aanaa   namoonni 17 “ijoolleen isaanii hidhattootatti makamaniiru” jedhamanii hidhaman Naannoo   godina Horroo Gud...
01/01/2025

Oduu: Aanaa namoonni 17 “ijoolleen isaanii hidhattootatti makamaniiru” jedhamanii hidhaman

Naannoo godina Horroo Guduruu Wallaggaa aanaa Amuruutti maanguddoo ganna 75 dabalatee namoonni 17 “ijoolleen keessan hidhattoota Waraana Bilisummaa Oromoo ( )tti makamaniiru” jedhamanii hidhamuu jiraattoonni himan.

Aanichatti qonnaan bultoota hidhaa ji'a torba booda gadhiifaman keessaa namoonni "ijoolleen keessan bosonarraa hin deebine" jedhamuun hidhaman jiraachuu Sagaleen Jarman (DW) gabaaseera.

Maanguddoon ganna 75 tokko himannaa wal fakkaatuun irra deebiin to'annoo jala ooluu isaanii ilmi isaanii DW’tti himeera. "Jaarsa ganna 75 mucaa isaanii umriin isaa 25 darbeef itti gaafatamummaa fudhadhu jedhamanii ji'oota 9f hidhuun sarbama mirga namoomaati," jedhe.

Bulchaan Aanaa Amuruu Obbo Dinsaa Dhugumaa "maatiin ijoollee isaanii hidhattootaatti makaman akka fidan kallattii kaa’ameen" miseensonni maatii hidhaman akka jiran mirkaneessaniiru.

Itti dabaluun, "ijoollee isaanii fiduuf ji'a tokko ykn lama isaaniif kennama. Hedduun hidhamanii gadhiifamaniiru" jedhan.

Ji’a tokkoon dura aanaa Amuruu keessatti namoonni 130 ol ta’an miseensi maatii isaanii “Waraana Bilisummaa Oromoo waliin hidhata qaba” jedhamuun mana murtiitti osoo hin dhiyaatin ji’oota torbaa oliif hidhamanii akka argaman Gurraachi Guduruu gabaasuu ni yaadatama.

Lixa Oromiyaa keessattuu godina Horroo Guduruu Wallaggaatti waldhabdee waggoota jahan darbaniif humnoota mootummaa, Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO), fi hidhattoota Faannoo hirmaachise adeemsifamaa jiruun lubbuun lammiilee nagaa galaafatamaa jira.
Haata'u malee hidhattoonni kun; Wareegamuuf ykn Bilisummaa fiduuf baane waan ta'eef hamma kun mirkanaa'utti hin deebinu jechuun yaada isaanii ibsataniiru❤❤

  baqxanii, akka bakkalcha barii saba keessaniif ifaa ❤❤❤❤Baga geessan👏👏👏
01/01/2025

baqxanii, akka bakkalcha barii saba keessaniif ifaa ❤❤❤❤
Baga geessan👏👏👏

31/12/2024

"Gogi" jedhee inni gogsu harki waaqayyoo sin dhabiin👍

  Qeerroon jala bu'ii hordoffii cimsiShurrubbeen/Battalleen har'a kombolchaa seenteetti Qarree waatiyyoo immoo roottoo u...
29/12/2024

Qeerroon jala bu'ii hordoffii cimsi

Shurrubbeen/Battalleen har'a kombolchaa seenteetti

Qarree waatiyyoo immoo roottoo ummata irraa ergifattee kan kessa dhoksaa turte hanga ammaa roottoon hin argamne
'Stora'qabdi fakkaata
Amma magaala komb.irraa km 16 kan fagaattu bakka qarree waatiyyoo jedhamtu geessetti.

Jabboota seexanaa kana ilaalaagaa😂😂😂😂😂😂😂😂😂😂😂😂Rasaasa ABO-WBO tti si haa qabu👏
27/12/2024

Jabboota seexanaa kana ilaalaagaa
😂😂😂😂😂😂😂😂😂😂😂😂

Rasaasa ABO-WBO tti si haa qabu👏

21/12/2024


Turkoonni kallattii bahaatiin lafa Oromoo qabachuun oromoo koloneeffachuuf yeroo dhufan dura dhaabbachuu, erga magaalaa Harar too'atan boodas akka jogoolaa hin baane dallawwa qabsoo tahun sabni Oromoo koloneeffatummaa Turkii jalatti akka hin kufne godhuu keessatti dhugumatti gaheen Oromoota Afran Qalloo, keessaafuu gahen gosa Noolee Dagaa Qalloo guddoo turte. seenaan dhimma kanaan walqabatee jiru gaafa biraa itti dachaana. Ammaaf dhimma birootti tarkaanfanne.

Oromoonni Carcar mirriiga keessatti "Nooleen Habalee Cittee Irraan Hafuu Dadhabe" ja'u hogguu gootummaa, Taliggachuu fi Cimina obboleeyyan isaanii gosa Noolee Dagaa Qalloo dhaadheessan. Mirriigni Bareentuma keessatti Nooleen ummata carraaqataa tahauu ibsuuf afoolame tokkoofi lamaa miti. Baayyee hedduu dha. Hunda tarreessuun waan na rakkissuufiin arraaf isa kana qofaaniin dubbii tiyya jalqabe.

Hiikkaa fi Dhuka Mirriiga kanaa argachuuf dubbii akkatti haa ilaallu. Billawaa waa muru keessaa Ablee guddoon (Gajaraa) dha. Qotee Bulaan Oromoo Hararghee taligaa jireenya isaa keessatti Mancaa malees habalee jireenya guyyaa guyyaa ofii keessatti fayyadama. Wantoota jireenya guyyaa guyyaa keessatti isaan fayyadu kanaaf immoo jaalalaa fi kabajaa akkasumas kunuunsa guddaa qabuufi. Mee mirrigga olii kana akkanatti haa ilaalu:- Ati Ooyruu gandarraa xiqqoo fagaatu qabda haa jennu. Yeroon facaa sittti gayaa jira waan tahef, Ooyruu tee tan manarraa fagoo jirtu tanatti boobbaatee Tussi fi dannii lafa maasaa keetii saamee jiru maxxartee facaa arfaasaatiif qopheessaa jirta. Meeshaan yeroo sanaaf waa hundaa ol hoojuum keetiif si barbaachistu yoo jiraatte Habalee dha(Gajaraa). Duuba Osoo kana gochaa jirtuu habaleen ati qajimaa itti maxxaraa jirtu, si harkatti citte, hangam takka hamileen akka nama bu’u tilmaamuun salphaa dha. Sanuu bakki itti bayyadattu(suphattu) dhihoo keetitti hin jirreeti?. irraa hafuun na dhibdi. Oromoonnis waa malee hin turre “ .” kan ja’aniif.

Nooleen ummata carraaqataa, ummata halkaniif guyyaa osoo hin janne hoojuumiin jireenya injifattu, waan fuula itti deebiisan galmaan gahan malee warra karatti dhaabuu hin beekne waan tahaniif oromoo biratti haala kanaan kan massalamaniif.

Nooleen ilmaan Oromoo Afran Qalloo Keessa hortee sadeen Dagaa Keessatti argamu. Afran Qalloo Keessaa tokko Daga. Daga Sadii Qaba. , Fi dha. Arraaf dubbiin itti jirru tan Noolee waan tahef, tan Huumee fi Jaarsoo fuuldura itti dachaana. ilmaan Afran Qalloo keessaa tokkoo yoo tayu, Daga Gosoota sadii of keessaa qaba. kanaaf akka mana gosaa ti laalama. Kanneen keessaa tokko NOOLEE dha. Akkaataan qubsuma Oromoo noolee akka armaan gadii kana fakkaata:

Akkaataa qubsuma hundee oromoo duritti Onni Noolee ja'ama. Nooleen kan qubatee jiraachaa jiru, Naannawa Magaalaa Hararii kaasee guutuu aanaa Kombolchaa dabalatee hanga Dirree Dawaa fi magaalaa Jaldeessaa ti. Kaaba magaalaa Hararii irraa hanga gammoojjii Affaaritti. Akkaataa qubsumma Oromoo isa ganamaatti Naannoon tunnis Ona Noolee jechuun beekamti. Ilmaan Dagaa sadeen kana keessaa Nooleen gara Lixaatiin gosa Afran Qalloo, Alaan, gara Bahaatiin Jaarsoo Dagaatiin marfamee jira. Oromoonni Noolee Dagaa Qalloo hararghee bahaa malees, Carcar ,Ona Ituu keessas iddoo adda addaa qubatanii argamu.

🌹Nooleen sadii qaba janne jirra. Isaaniis , fi yoo tahu, ibiddaa fi balbala Sadeen Noolee akka armaan gadiitti qorachuun kaayyuuf yaalii goone jirra. (Yoo dogoongoora keessatti raawwanne tahe dhiifama gaafachaa, iddoo dogoongorri mul'atuti yaada kennuun nu sirreessaa jenna).

1️⃣NOOLEE HALEELEE
Abbuu
Abbayyii
Baabbu
Guyyee

2️⃣. NOOLEE OROMOO
Bundhee
Eegu
Jidda
Maaru
Naya’a
Wacalle

3️⃣. NOOLEE MUCHAA
Jaarte
Dhanqaa
Oogee
Gurguraa
Gatoo
Gargaduu

Gara biraatiin, kana malees Hiddi laatinsa gosa noolee dagaa qalloo kana akka armaan gadii kanattis warri kaayu jiru;-

☑️Noolee HaleeleeMuchaJangaItayyaaYaayyaMana Jarsoo

☑️ Noolee MuchaaGutayyaAbbayyuuBoobbo

☑️Noolee OromooBukkooMaaruWacaaleKujuu BeelleGurguraaMadigaanaGargaduu

Oromoonni Noolee bara Weeyrartoonni Turkiif Misraa biyya teenya weeyraruuf dhufan bara 1870n keessa gootummaa guddoon warreegama guddaa kaffalanii Weeyrartoota san dura dhaabbachuun beekkamu. carraaqqatoota tahu isaanii malees hortee gootaa taachii mirkaneessuu dandayyanii jiru. Lola Ona Noolee keessa iddoolee Dirre , , fi jechuun beekaman kan bara 1870n keessa oromoo fi Turko-Misroota jidduuti gaggeefamerratti, baayyinaan Diina dura dhaabbachuun sabni Oromoo kan abbaan fadhe akka laayyooti irra koree bulchuu dandayyuu akka hin tahin warra qabatamaan mirkaneessani. Lola fardaatiin Oromoonni Noolee Dagaa baayyee beekamoo dha.

Gara biraatiin Oromoo Noolee ilaalchissee Balbala Gurguraa jechuun beekamtu ""oromoo dha moo oromoo mitti"jechuun waan ka'uu tokkoo tu jira. Akkumma beekamu kallattii adda addaatiin ummanni waldaangeesinu hedduun lafa qofa osoo hin tahin eenyummaa oromootiis ni jaalatu. eenyummaa gosa oromootiis keenya jachun tooftaan fadhii lafaa fi qabeenya uumamaa toora sanirraa barbaadan mirkaneefattu. Kanas tahe kaan, Nooleen warri Gurguraa Oromoo taachii kan shakku mataansaatuu gowwaa dha. Kana mirkaneefachuuf fagoo deemuun nama hin barbaachiiftu. Afoola mirrigaa kan abbootii teenyarraa dur dhaallee osoo dhalootaa dhalootatti dabruu as gahe fi kan itti aanu kana gad qabanii hubachuun qofti gahaa dha.

Kun akkaataan ani oddeeffannoo itti argadheti, Isin immoo Bakka doggoongoorii isinitti mul'atu sirreessaa!.

, iissa jalaa bahee.

galaan sira gale.

ITUU POST Madda Beekumsaa fi Oddeefannoo, Daawwiitii Isa Kaleessa Keenyaa ti.

Address

Addis Ababa

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Gurracha Guduruu posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share