25/04/2017
ISIN MAAF WALNYAATTU?
Isin obbolaadha ilmaan haadha tokkoo, maalumaaf walnyaattu?
Isin lachuu tokko, dubbii akka rakkoo, maaf walii hingaltanuu, isin maaf walnyaattu?
ilmaan haadha tokko, kan garaan gargarii, kan walii hindubanne, dhugaa walii baane, an sin caalaa malee, kan wal hin dhageenye?
Maaliifi akkas taatu? Maaliifi wal hamattu, isin lachuu tokko, lachuu wal jibbitu, Orma fimoomfattu, ofimmoo wal nyaattu, akkamitti wal caaltu?
Dhagahaa isin lachuu, baayyee walfakkttuu, Angoodha jaalatu?, kanaaf wal qoqooddu, male dhimmi ummtaa, dhimmi harmee kiyyaa kan haadha goototaa, haadha waaqoo guutuu, kan Abishee Garbaa, yoom dubbin waldarba?
Dhagahi siifan himaa, ati inni ala teessu, dubbii afaan nakessu, maaf ofigaafattu? Maaf walitti dhaamattu? Maaf hin mari’attu, atoo Oromoodha, waa’ee haadhakeetii, harmee oromiyaa, maaf hin iyyafattu, waan kaan yoo mormitu, yemmuuttii harmeenkee sagalee olkaaftee tokkummaa faarsitu, maaf hin dhagefattu? Maaf OOO jalaa hinjettu?
Mee akkamitti jirta? Enyufaana dhaabata? Naftenyaa kaleessa, isa dubbii balleessaa, walin malatessaa, isa biyakessaa abaaruun maal baasa?
Meegaa nadhagessa? Oromoon kalessa, humnaan qoqodame, sabummaa mulqame, afaansaa awaluufi oromuma keessaa oromoon filame;
Jenerala ta’uufi maqaan jijjirame, diimaa nagawootu, Abebe jedhamee, kan sambal diimaa ture, kabajni kennnamef; akkamitti amantee wajinn dhabate, garuu ofi qulqullesitee, kan isa kaan abartu, kan keetis sanuma, homaa walin caaltu;
Mee dhagahi atis, atumni inni asjirtu, kan biyya bulchitu, ofi sirreessuu qabda, qulqullessi keessakee, sirreessi hiriirake, Gorfadhu wallaalakee, kabaji beekaa kee, waa’ee haadha kenyaa, harmee oromoyaa hardha carraan keeti, sittu isheef murteessa, yookii itti murtessa, kanaaf nadhagessa?
Hin hojetin balleessa, damaqi ofsirressaa, mariifi karaa bani, as waami obbolaakee deebis seenaa durii, akka gaafa jaarsi, ijaaru, galmicha, galma isa guddicha, isa adaamaa jiru, hin taa’in yaa tiru; seenaan sigaafata, carraa harkaa qabda, mee amma maal barbaadda? Hojedhu hojii gaarii lammiikee kee baraari, lammiin beelaara, qotiiti gargaari, lafa baldhaa qabna, garbachiisu qabna, nutti ilmaan OROMOO akkamitti beelofna?
Dhagaa isin lachuu, maa dhabaaf walnyaattu, dechee balloo qabdu, isin lamaan dhiisa, kaanuu ni kessummeessa
Harka walqabadha, walkomachhun hafee, rakinaaf gadadoo biyyarraa balleessa
Wal hamachuun hafee rakinaaf gadadoo biyyarraa balleessa