Waldaa Artistoota Oromoo

Waldaa Artistoota Oromoo Page Kun Artistoota Oromootif Hamilee Keenya Kan Itti Kenninuuf Waan Ta,eef Like Godhaaf

Seeran gaafatamuu qaba.
01/11/2025

Seeran gaafatamuu qaba.

28/10/2025

Artist Saliha Sami Artistoota Oromoo Wayyaanee fuuldura dhaabbachuun adda dureen beekkaman keessaa isheen nama tokkoodha .

Bara wayyaanen namoota akka Jawar Mohammed fi kanneen biroo shororkeessummaan wayyaanen farrajde sana keessa jirti.

Artistoota Oromoo dubaraa keessaa tan Shorokerssummaa farrajamtee bakka isheen hin jirretti himanni itti baname ishee qofa,

Qabsoo Oromoon gaggeessaa ture keessatti nama gahee leencaa qabuudha.

Haa ta'u malee yeroo as aanaa kana Oromoo biratti, namni bara baraan mormaa mootummaa yoo hin taane fudhatama hin qabu jedhamee waan labsiin labsame jiruuttti fudhatamaa jira.

Nama jabduu yeroo rakkoo hamtuu sana keessatti osoo jireenya bareedaa keessa jirtuu

Halkanii guyyaa biyya faranjii teessee gama dandeessu hundaan qabsoo sabaa utubaa turte, akkasumas Artistoota Oromoo maqaa qabsoo Oromootin karaa adda addaa biyyarraa baqataa turan,

Kanneen akka Abdii Faadis, Ibroo Ibsaa, Taajuu Shurrubbee, Nafiisaa Abfulhakiim, Naima Abdurrahmaan, Mohammed Fantaallee akkasumas Qindeessaa Muuziqaa beekkamaa Roobaa Dhaabaa akka yaalamu taasisuu fi ijoollee Usmaayyoo Muussaa kanneen yeroo ammaa kana biyya Kanaadatti argaman dabalatee namoota hedduuf Gofund me banuun Uumata Oromoo waliin taatee Kan dhibame yaalchisuu fi kanneen baqatan qubsiisuu keessatti Saalihaan nama gahee guddaa bahatteedha.

Kun waan ragaan lafa jiruudha, Oromoon Seenaa FDG sammuu keessaa qabu hunduu waan yaadatuudha.

kana malees Qeerroo Oromoo biyya keessaa qabsoo gaggeessaa ture yeroo yeroon qunnamuun, isin cinaa jirraa jabaadhaa jechuun Oromoo Oromoof hiriirsaa nama turteedha,

kanaaf Ragaan Qeerroo Oromoo bara sana adda dureen qabsoo gaggeessaa turaniidha.

Haa ta'u malee yeroo ammaa kana maqa balleessii adda addaattu namoota mormuu qofaaf uumamaniin irratti oofama jira, Faarsee Bulaa jedhanii hamilee ishee tuquu barbaadu, gochi akkasii Kun waan sirrii miti jennee yaanna.

Isheen yeroo ammaa siyaasaa kamuu keessa hin jirtu, jireenya dhuunfaa ishee fi Guddina, Afaan Aadaa fi Aartii Oromoo irratti fuulleffattee, Jireenya ishee gaggeeffachaa jirti.

Oromoon haqa namoota akkasii kana irraa of eegu malee waan nagaa argatuu hin fakkaatu,

Haalli amma akka sabaatti keessa jirru eenyunuu kan yaaddessaa jiru yoo ta'uu, Isheenis nama saba kanaaf aarsaa gudfaa.kaffalee fi haala amma keessa jirruunis qalbiin cabaa jiru keessaa tokkoodha.

Kana hubannee namoota akka sabaatti, haqa nurraa qabaniif haqa isaanii tiiksufii qabna. Jennee amanna.

Galatoomaa
Waa'ee Ishee sabnuu beeka.
Hanga yeroo biroo baldhinaan isiniif ibsinuu, Hardhaaf kanuma jenna,
Galatoomaa

Mee hundaafuu gaafif deebii isheen taasifte kana Link armaan gadii kanaan seenaa hanga dhumaa dhaggeeffadhaa Namoota biroofis share godhaa.

https://youtu.be/ZJcJXv9gcKI?si=96XGvxiI0c8hJGyH













Jaallattoonni Artii Oromoo fi Dinqisiifattootni Artist Ibroo Ibsaa Dubai fi Naannawa isii jiraattan baga gammaddan, Kaam...
14/09/2025

Jaallattoonni Artii Oromoo fi Dinqisiifattootni Artist Ibroo Ibsaa Dubai fi Naannawa isii jiraattan baga gammaddan, Kaamolee Konsart tokko jedhee Sochii isaa Dubai irraa eegaluun dinqisiifattoota isaa marsaalee miidiyaa hawaasummaa adda addaatin maqaa itti gootan booharsuuf gama keessan dhufaa jira. maarree isinis gammachuun akka isa simattanii wajjiin shaashaa jettan abdii qabna. Warri dubai baga gammaddan.
Kaamolee Consert.

Address

Addis Ababa

Telephone

+251949840309

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Waldaa Artistoota Oromoo posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Business

Send a message to Waldaa Artistoota Oromoo:

Share